Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 While Peter and John were speaking to the people, the priests, the temple captain, and the Sadducees came up to them, Utuu Phexrosii fi Yohannis namootatti dubbachaa jiranuu, luboonni, ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi Saduuqonni isaanitti dhufan.
2 greatly annoyed because they were teaching the people and proclaiming the resurrection from the dead in Jesus. Sababii ergamoonni sun namoota barsiisanii duʼaa kaʼuu karaa Yesuusiitiin argamu labsaniifis akka malee aaran.
3 They arrested them and put them in custody until the next day, since it was already evening. Isaanis Phexrosii fi Yohannisin qabanii hamma guyyaa itti aanuutti mana hidhaatti isaan galchan; galgalaaʼee tureetii.
4 But many who heard the message believed, and the men's number reached about 5,000. Warra dubbicha dhagaʼan keessaas baayʼeetu amane; baayʼinni warra amanees gara kuma shaniitti ol kaʼe.
5 The next day their rulers, elders, and teachers of the law gathered together in Jerusalem, Guyyaa itti aanuttis bulchitoonni, maanguddoonnii fi barsiistonni seeraa Yerusaalemitti wal gaʼan.
6 with Annas the high priest, Caiaphas, John, Alexander, and all who were of the high-priestly family. Haannaas lubichi ol aanaan, isa wajjin immoo Qayyaaffaan, Yohannis, Iskindiroosii fi namoonni maatii lubicha ol aanaa taʼan kaan hundi achi turan.
7 They stood them in the middle and asked, "By what power or by what name did you do this?" Isaanis Phexrosii fi Yohannisin gidduu isaanii dhaabanii, “Isin humna maaliitiin yookaan maqaa eenyuutiin waan kana gootan?” jedhanii gaafachuu jalqaban.
8 Then Peter, filled with the Holy Spirit, said to them, "Rulers of the people and elders, Phexrosis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa bulchitootaa fi maanguddoota uummataa!
9 if we're questioned today about a good deed to a sick man, how he was healed. Harʼa waaʼee waan gaarii nama naafa tokkoof godhameetii fi akka inni itti fayyifame yoo nu gaafattan,
10 Know this, all of you and all Israel's people: by the name of Jesus Christ of Nazareth, whom you crucified, whom our Father raised from the dead—by him this man stands before you well. isinii fi namoonni Israaʼel hundinuu waan kana beekaa; namichi kun maqaa Yesuus Kiristoos nama Naazreeti kan isin fanniftanii Waaqni immoo warra duʼan keessaa isa kaase sanaatiin fayyee fuula keessan dura dhaabata.
11 This Jesus is "the stone you builders rejected, which has become the cornerstone." Yesuusis, “ ‘Dhagaa isin ijaartonni tuffattan kan dhagaa golee taʼee dha.’
12 Salvation is in no one else; no other name under heaven is given among people by which we must be saved." Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii.”
13 Seeing Peter and John's boldness, and realizing they were uneducated, ordinary men, they were amazed and recognized they had been with Jesus. Namoonni sunis yommuu ija jabina Phexrosii fi Yohannis arganii akka isaan warra barumsa hin qabnee fi warra hin beekamne taʼan hubatanitti ni dinqisiifatan; akka isaan Yesuus wajjin turanis ni qalbeeffatan.
14 Seeing the healed man standing with them, they had nothing to say against it. Garuu namicha fayyifame sana isaa isaanuma wajjin achi dhaabatu arganii waan dubbatan dhaban.
15 So they ordered them to leave the council, and then they conferred among themselves, Kanaaf akka isaan waldaa keessaa gad baʼan ajajanii wajjin mariʼachuu jalqaban.
16 saying, "What should we do with these men? A notable sign has happened through them, plain to all who live in Jerusalem, and we cannot deny it. Akkanas jedhan; “Jara kana maal haa goonu? Akka isaan dinqii guddaa hojjetan namni Yerusaalem keessa jiraatu hundi ni beeka; nus waan kana waakkachuu hin dandeenyu.
17 But to stop this from spreading further among the people, let's warn them to speak to no one in this name again." Garuu akka wanni kun hammana caalaa uummata keessa hin babalʼanneef nu akka jarri kun siʼachi maqaa kanaan nama tokkotti illee hin dubbanne isaan of eeggachiisuu qabna.”
18 They called them and ordered them not to speak or teach at all in Jesus' name. Isaanis jara waamanii akka isaan gonkumaa maqaa Yesuusiitiin hin dubbanne yookaan hin barsiifne isaan ajajan.
19 Peter and John answered them, "You judge whether it's right before our Father to listen to you rather than to him. Phexrosii fi Yohannis garuu deebisanii akkana jedhan; “Qooda Waaqaa isiniif ajajamuun fuula Waaqaa duratti akka qajeelaa taʼee fi akka hin taʼin mee isinuu ilaalaa!
20 For we cannot help speaking about what we have seen and heard." Nu waan arginee fi waan dhageenye dubbachuu dhiisuu hin dandeenyuutii.”
21 After more threats, they released them, finding no way to punish them because of the people, since all were glorifying our Father for what happened. Isaanis erga ittuma fufanii doorsisanii booddee jara gad dhiisan. Waan namoonni sababii waan hojjetame sanaatiif Waaqa galateeffachaa turaniifis akka itti jara adaban murteeffachuu hin dandeenye.
22 For the man who had received this sign of healing was over forty years old. Umuriin namicha karaa dinqiitiin fayyifame sanaa waggaa afurtamaa ol tureetii.
23 Once released, they went to their own people and reported all the chief priests and elders had said to them. Phexrosii fi Yohannis yeroo gad dhiifamanitti gara saba isaanii dhaqanii waan luboonni hangafoonnii fi maanguddoonni jedhaniin hundumaa isaanitti himan.
24 Hearing this, they raised their voices together to our Father and said, "Sovereign Father, you made heaven, earth, sea, and everything in them. Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti kadhannaadhaan sagalee isaanii tokkummaan Waaqatti ol fuudhanii akkana jedhan; “Yaa Gooftaa Waan Hundaa Olii, situ samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uume.
25 You spoke by the Holy Spirit through the mouth of our father David, your servant: "Why did the nations rage and the peoples plot in vain?" Ati Hafuura Qulqulluun karaa afaan tajaajilaa kee abbaa keenya Daawitiitiin akkana jettee dubbatteerta; “ ‘Namoonni maaliif akkanumaan mariʼatu? Saboonnis maaliif waan faayidaa hin qabne yaadu?
26 The kings of the earth took their stand, and the rulers gathered together against our Father and against his Anointed." Mootonni lafaa kaʼanii, bulchitoonnis Gooftichaa fi dibamaa isaatiin mormuuf walitti qabaman.’
27 For truly, in this city, Herod and Pontius Pilate gathered with the Gentiles and peoples of Israel against your holy servant Jesus, whom you anointed, Dhugumaan Heroodisii fi Phonxoos Phiilaaxoos Namoota Ormaatii fi uummata Israaʼel wajjin hojjetaa kee isa qulqulluu, Yesuus isa ati dibdetti mariʼachuuf jedhanii magaalaa kana keessatti walitti qabaman.
28 to do whatever your hand and your plan had decided beforehand should happen. Isaanis waanuma humnii fi fedhiin kee akka wanni kun taʼuuf duraan dursanii murteessan sana hojjetan.
29 Now, Father, see their threats, and let your servants speak your word with all boldness, Yaa Gooftaa, egaa doorsisa isaanii ilaaliitii akka garboonni kee ija jabinaan dubbii kee dubbataniif dandeettii kenniif.
30 as you reach out your hand to heal, and signs and wonders occur through the name of your holy servant Jesus. Nama fayyisuu fi maqaa tajaajilaa kee qulqullichaa, maqaa Yesuusiitiin mallattoo fi dinqii hojjechuuf harka kee diriirfadhu.”
31 After they prayed, the place they were gathered in shook; all were filled with the Holy Spirit and spoke the word of our Father boldly. Erga isaan Waaqa kadhatanii booddee lafti isaan itti wal gaʼan sun ni sosochoote; isaan hundinuus hafuura qulqulluudhaan guutamanii ija jabinaan dubbii Waaqaa dubbatan.
32 All the believers were one in heart and soul; no one called any possession their own, but held everything in common. Amantoonni hundinuus garaa tokkoo fi yaada tokko qabu turan; waan qaban hundas walumaan qoodachaa turan malee namni tokko iyyuu akka waan qabeenyi inni qabu kam iyyuu kan mataa isaa qofa taʼeetti hin lakkoofne.
33 With great power the apostles testified to the Lord Jesus's resurrection, and great grace rested on them all. Ergamoonnis duʼaa kaʼuu Gooftaa Yesuus humna guddaadhaan dhugaa baʼaa turan; ayyaanni guddaanis hunduma isaanii irra ture.
34 No one among them was needy: all who owned land or houses sold them and brought the price of what was sold, Rakkataan tokko iyyuu isaan gidduu hin turre. Warri lafa yookaan mana qaban hundinuu gurguranii maallaqa fidanii,
35 and laid it at the apostles' feet, and it was distributed to each according to their need. miilla ergamootaa bira kaaʼu turan; maallaqni sunis nama rakkina qabu kamiif iyyuu ni qoodama ture.
36 Joseph, a Levite from Cyprus, whom the apostles called Barnabas (which means Son of Encouragement), Yoosef namni gosa Lewwii kan Qophiroositti dhalate, inni ergamoonni Barnaabaas jedhaniin tokkos achi ture. Barnaabaas jechuun “ilma jajjabinaa” jechuu dha.
37 sold a field he owned, brought the money, and laid it at the apostles' feet. Innis lafa qotiisaa ofii isaa gurguree horii isaa fidee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]