Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In my first book, Theophilus, I wrote about everything Jesus began to do and teach, Yaa Tewofilos, ani waan Yesuus hojjechuu fi barsiisuu jalqabe hunda kitaaba koo kan jalqabaa keessatti barreesseera.
2 until the day he was taken up, having given commands through the Holy Spirit to the apostles he had chosen. Wanni kunis waan erga Yesuus ergamoota filate sanaaf karaa hafuura qulqulluutiin ajaja kennee booddee hamma gaafa inni Samiitti ol fudhatameetti taʼee dha.
3 After his suffering, he showed himself alive to them through many proofs, appearing to them forty days, speaking of our Father's kingdom. Innis duʼa isaa booddee namoota kanatti of argisiisee waan akka inni jiraataa taʼe mirkaneessu baayʼees dhiʼeesse; bultii afurtama isaanitti mulʼatee waaʼee mootummaa Waaqaa dubbate.
4 While staying with them, he ordered them not to leave Jerusalem but to wait for my Father's promise—"which," he said, "you heard from me; Utuu isaan wajjin jiruus akkana jedhee isaan ajaje; “Waadaa Abbaa kootii kan waaʼee isaa narraa dhageessan sana eeggadhaa malee Yerusaalemii hin baʼinaa.
5 for John baptized with water, but within a few days you will be baptized with the Holy Spirit." Yohannis bishaaniin cuupheetii; isin garuu bultii xinnoo booddee Hafuura Qulqulluudhaan ni cuuphamtu.”
6 So, gathered together, they asked, "Lord, will you restore the kingdom to Israel now?" Isaanis yommuu walitti qabamanitti, “Yaa Gooftaa, ati yeroo kanatti Israaʼeliif mootummaa ni deebiftaa?” jedhanii isa gaafatan.
7 He said to them, "You're not to know times or seasons that my Father has set by his own authority. Inni immoo akkana isaaniin jedhe; “Yeroo yookaan guyyaa Abbaan aangoo isaatiin murteesse beekuun hojii keessan miti.
8 But when the Holy Spirit falls on you, you'll gain power to be my witnesses—in Jerusalem, all Judea, Samaria, and earth's farthest reaches." Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu.”
9 After he said these things, as they watched, he was lifted up, and a cloud took him from their sight. Erga inni waan kana dubbatee booddee utuma isaan ilaalanuu ol fudhatame; duumessis ija isaanii duraa isa dhokse.
10 As they stared into heaven while he went, suddenly two men in white clothes stood beside them. Yeroo inni ol baʼaa turettis, utuma isaan xiyyeeffatanii gara Samii ilaalaa jiranuu namoonni uffata adaadii uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.
11 They said, "Galileans, why stare at the sky? This Jesus, taken from you into heaven, will return exactly as you saw him go." Akkanas jedhaniin; “Yaa namoota Galiilaa, isin maaliif as dhadhaabattanii gara Samii ilaaltu? Yesuus innumti isin biraa samiitti ol fudhatame kun, akkuma isin utuu inni samiitti ol baʼuu argitan kana deebiʼee ni dhufa.”
12 Then they returned to Jerusalem from the Mount called Olivet, near Jerusalem, about a half-mile away. Isaanis gaara Tulluu Ejersaa jedhamu irraa Yerusaalemitti deebiʼan; gaarri kunis Yerusaalem irraa gara deemsa guyyaa Sanbata tokkoo fagaata.
13 Entering, they went up to the upstairs room where they stayed: Peter, John, James, Andrew, Philip, Thomas, Bartholomew, Matthew, James son of Alphaeus, Simon the Zealot, and Judas son of James. Isaanis yommuu Yerusaalem gaʼanitti kutaa darbii kan keessa jiraachaa turan sanatti ol baʼan; isaanis: Phexrosii fi Yohannis, Yaaqoobii fi Indiriiyaas, Fiiliphoosii fi Toomaas, Bartaloomewoosii fi Maatewos, Yaaqoob ilma Alfewoos, Simoon isa Hinaafticha jedhamuu fi Yihuudaa ilma Yaaqoob turan.
14 All these persisted together in prayer, with the women, Mary the mother of Jesus, and his brothers. Hundi isaaniis dubartootaa fi Maariyaam haadha Yesuus wajjin, obboloota isaa wajjinis utuu gargar hin kutin yaada tokkoon kadhannaatti jabaachaa turan.
15 In those days Peter stood up among the brothers (about 120 in all) and said, Gidduma sana Phexros kaʼee amantoota gara 120 taʼan gidduu dhaabate.
16 "Brothers, the Scripture the Holy Spirit spoke beforehand through the mouth of David about Judas—who became guide to those who arrested Jesus—had to be fulfilled. Akkanas jedhe; “Yaa obboloota, dubbiin kitaabaa kan Hafuurri Qulqulluun yeroo dheeraan dura waaʼee Yihuudaa isa warra Yesuusin qaban fide sanaa afaan Daawitiitiin dubbate sun raawwatamuu qaba.
17 For he was numbered among us and was allotted his share in this ministry." Innis miseensa keenyaa fi nama akka tajaajila kana keessatti qooda qabaatuuf filatame ture.”
18 (This man bought a field with the pay for his wrongdoing, then fell headfirst, burst open in the middle, and all his insides spilled out. Yihuudaan horii hammina hojjetee argate sanaan lafa bitate; innis mataan kufee qixxee lamaanitti tarsaʼe; marʼumaan isaa hundinuus keessaa jige.
19 This became known to everyone living in Jerusalem, so the field was named in their language Akeldama, that is, Field of Blood.). Namoonni Yerusaalem keessa jiraatan hundinuus waan kana dhagaʼan; lafa sanas afaan isaaniitiin Akeldaamaa jedhanii waaman. Akeldaamaa jechuun “Lafa Dhiigaa” jechuu dha.
20 "For it's written in the Book of Psalms: 'Let his camp become empty, with no one living there,' and 'Let another take his position.' Phexrosis akkana jedhe; “Kitaaba faarfannaa keessatti akkana jedhamee barreeffameeraatii: “ ‘Qeʼeen isaa haa onu; namni keessa jiraatu tokko iyyuus hin hafin’ akkasumas “ ‘Aangoo isaa namni biraa haa fudhatu.’
21 So one of the men who accompanied us all along, while the Lord Jesus went in and out among us, Kanaaf warra yeroo gooftaa Yesuus nu gidduu baʼee galaa ture hundumaa nu wajjin turan keessaa nama tokko filachuun barbaachisaa dha;
22 from John's baptism until the day he was taken up from us—one of these must become with us a witness to his resurrection." namni filatamu kun nama cuuphaa Yohannisii jalqabee hamma gaafa Yesuus nu biraa samiitti ol fudhatameetti nu wajjin ture taʼuu qaba. Namoota kanneen keessaa tokko nu wajjin dhuga baatuu duʼaa kaʼuu Yesuus taʼuu qabaatii.”
23 And they put forward two—Joseph called Barsabbas, who was also called Justus, and Matthias. Kanaafis namoota lama dhiʼeessan; isaanis Yoosef isa Barsaabaas jedhamu kan Yoosxoos jedhamee beekamu tokkoo fi Maatiyaas.
24 They prayed and said, "You, Lord Jesus, who know all hearts, show which one of these two you chose, Akkanas jedhanii Waaqa kadhatan; “Yaa Gooftaa garaa nama hundumaa beektu, ati namoota kanneen lamaan keessaa isa kam akka filatte nutti argisiisi;
25 to take the place in this ministry and apostleship that Judas left to go to his own place. kunis akka inni tajaajilaa fi ergamtummaa Yihuudaan dhiisee gara iddoo ofii isaatti gara gale sana fudhatuuf.”
26 They cast lots for them; the lot fell to Matthias, and he was counted with the eleven apostles." Isaanis ixaa buusan; ixaan sunis Maatiyaasiif baʼe. Kanaafuu inni ergamoota kudha tokkotti dabalame.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]