Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 When the day of Pentecost arrived, they were all together in one place. Yeroo guyyaan Pheenxeqoosxee gaʼetti, hundi isaanii iddoo tokkotti walitti qabamanii turan.
2 Suddenly a sound like a violent, rushing wind came from heaven and filled the entire house where they sat. Akkuma tasaas sagaleen akka bubbee jabaa bubbisu tokko samii irraa dhufee mana isaan keessa tataaʼaa turan sana hunda guute.
3 What looked like divided tongues of fire appeared and rested on each one of them. Isaanis waan akka arraba ibiddaa tokko isaa gargar qoodamee dhufee tokkoo tokkoo isaanii irra bubbuʼu argan.
4 All were filled with the Holy Spirit and began speaking in other tongues, as the Spirit gave them words to say. Hundi isaaniis Hafuura Qulqulluudhaan guutamanii akkuma hafuurri sun isaan dandeessisetti afaan gara biraatiin dubbachuu jalqaban.
5 At that time devout Jews from every nation under heaven were living in Jerusalem. Yeroo sana Yihuudoonni Waaqa sodaatan saboota samii jala jiran hunda keessaa dhufanii Yerusaalem keessa jiraachaa turan.
6 When this sound rang out, a crowd gathered, confused, since each one heard them speak in his own language. Yeroo sagaleen sun dhagaʼamettis namoonni hedduun waan jedhan dhabanii walitti qabaman; warri Hafuuraan guutaman sun afaan tokkoo tokkoo namoota sanaatiin dubbachaa turaniitii.
7 They were amazed and astonished, saying, "Are not all these who are speaking Galileans? Isaanis akka malee dinqifatanii akkana jedhan; “Namoonni dudubbatan kunneen hundi warra Galiilaati mitii?
8 How is it, then, that each of us hears them in our own native language? Yoos akkamiin tokkoon tokkoon keenya isaanii afaanuma keenya kan nu itti dhalanne dubbatan dhageenya ree?
9 Parthians, Medes, and Elamites; those who live in Mesopotamia, Judea and Cappadocia, Pontus and Asia, Nu warri Phartee, warri Meedii fi warri Elaam, jiraattonni Mesophotaamiyaa, warri Yihuudaa fi Qaphadooqiyaa akkasumas jiraattonni Phonxoosii fi Asiyaa,
10 Phrygia, Pamphylia, Egypt, the parts of Libya near Cyrene; visitors from Rome, Jews and converts to Judaism; Firiigiyaa fi Phamfiliyaa, Gibxii fi kutaawwan biyya Liibiyaa kanneen naannoo Qareenaatti argaman, nu warri Roomaadhaa dhufne,
11 Cretans and Arabs—we hear them telling in our own tongues the mighty works of our Father!" nu Yihuudoonnii fi warri amantii Yihuudootaa fudhanne lamaan, namoonni Qareexii fi Araboonni kunoo yommuu namoonni kunneen afaanuma keenyaan dinqii Waaqaa dubbatan dhageenya!”
12 They were all amazed and perplexed, saying to one another, "What does this mean?" Hundi isaaniis dinqifatanii, waan jedhanis wallaalanii, “Kun maal jechuu dha?” jedhanii wal gaafatan.
13 But others mocked and said, "They are full of sweet wine." Namoonni tokko tokko garuu, “Isaan daadhii wayinii baayʼee dhuganiiru” jedhanii isaanitti qoosan.
14 But Peter stood with the eleven, raised his voice, and declared to them: "Men of Judea, everyone living in Jerusalem—know this and listen carefully to my words. Phexrosis ergamoota Kudha Tokkoo sana wajjin kaʼee dhaabate; sagalee isaas ol fudhatee tuuta sanaan akkana jedhe; “Isin yaa namoota Yihuudaatii fi warri Yerusaalem keessa jiraattan hundi, mee waan kana beekaa; waan ani isinitti himu kana hubadhaa dhagaʼaa.
15 These people are not drunk, as you suppose, for it is only nine o'clock in the morning. Yeroon kun waan guyyaa keessaa saʼaatii sadaffaa taʼeef namoonni kunneen akka isin yaaddan sana hin machoofne!
16 No, this is what was spoken through the prophet Joel: Kun garuu waan Yooʼeel raajichi dubbatee dha; innis akkana jedha:
17 'And in the last days, says our Father, I will pour out my Spirit on all people; your sons and your daughters will prophesy, your young men will see visions, and your old men will dream dreams. “ ‘Bara dhumaa keessa, jedha Waaqayyo, ani Hafuura koo nama hunda irratti nan dhangalaasa; ilmaanii fi intallan keessan raajii dubbatu; dargaggoonni keessan mulʼata argu; jaarsoliin keessan abjuu abjootu.
18 Even on my male servants and my female servants in those days I will pour out my Spirit, and they will prophesy. Bara sana keessa garboota koo warra dhiiraa fi dubartii irratti illee, Hafuura koo nan dhangalaasa; isaanis raajii ni dubbatu.
19 I will show wonders in the heavens above and signs on the earth below—blood and fire and billows of smoke. Ani ol samii irratti dinqii, gad lafa irrattis mallattoo, dhiiga, ibiddaa fi hurrii aaraa nan argisiisa.
20 The sun will be turned to darkness and the moon to blood, before the great and glorious day of the Lord comes. Utuu guyyaan Gooftaa inni guddichii fi ulfina qabeessi sun hin dhufin dura, aduun dukkanatti geeddaramti; jiʼi immoo dhiigatti geeddarama.
21 And everyone who calls on the name of the Lord will be saved.'" Namni maqaa Gooftaa waammatu, hundinuu ni fayya.’
22 "Men of Israel, hear these words: Jesus of Nazareth—a man our Father attested to you through miracles, wonders, and signs our Father did through him among you, as you yourselves know. “Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha.
23 This man, handed over by our Father's set plan and foreknowledge, you crucified and killed by the hands of lawless men. Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan.
24 But our Father raised him, freeing him from death's agony, since death could not hold him. Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.
25 For David says of him: 'I saw our Father always before me, for he's at my right hand, so I won't be shaken.' Daawitis akkana jedhee waaʼee isaa dubbate: “ ‘Ani yeroo hunda Gooftaa of duratti nan argan ture. Waan inni mirga koo jiruuf, ani hin raafamu.
26 Therefore my heart was glad and my tongue rejoiced; moreover, my body also will rest in hope. Kanaaf garaan koo ni gammada; arrabni koos ni ililcha; foon koos abdiidhaan jiraata.
27 For you will not abandon my soul to the grave, nor let your Holy One see decay. Ati siiʼool keessatti na hin dhiiftuutii; qulqullichi kee akka tortoru hin gootu.
28 You have shown me the paths of life; you will fill me with gladness in your presence." Karaa jireenyaa na barsiifteerta; fuula kee durattis gammachuudhaan na guutta.’
29 "Brothers, I can tell you plainly: our ancestor David died, was buried, and his tomb remains with us to this day. “Yaa obboloota, akka Daawit hangafni abbootii durii sun duʼee awwaalame, awwaalli isaas hamma harʼaatti asuma akka jiru ani ija jabaadhee isinitti himuu nan dandaʼa.
30 Since he was a prophet, he knew our Father had sworn an oath to seat one of his descendants on his throne, Innis waan raajii tureef akka Waaqni sanyii isaa keessaa nama tokko teessoo isaa irra teessisuuf akka kakatee waadaa galeefii ture beeke.
31 he foresaw and spoke of the Christ's resurrection, that he was not abandoned to the grave, nor his body saw decay. Innis waaʼee duʼaa kaʼuu Kiristoos, lubbuun isaa siiʼool keessatti akka hin hafin, yookaan foon isaas akka hin tortorin duraan dursee argee dubbate.
32 This Jesus our Father raised up, and we are all witnesses of it. Yesuusuma kana Waaqni duʼaa kaaseera; nu hundinuu dhuga baatota waan kanaa ti.
33 So, lifted up to our Father's right hand, having received the promised Holy Spirit from the Father, he poured out what you now see and hear. Kanaaf inni gara mirga Waaqaatti ol ol jedhee, abdii Hafuura Qulqulluu Abbaa biraa fuudhee waan isin amma argitanii fi dhageessan kana dhangalaase.
34 For David never went up into heaven, but he himself says: "Our Father said to my Lord, 'Sit at my right hand, Daawit gara samiitti ol hin baaneetii; inni mataan isaa garuu akkana jedha: “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin akkana jedhe; “Gara mirga koo taaʼi;
35 until I make your enemies a footstool for your feet.'" hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii siif godhutti.” ’
36 "So let the whole house of Israel know for certain: our Father made this Jesus, whom you crucified, both Lord and Christ." “Kanaafuu Yesuusuma isin fanniftan kana akka Waaqni Gooftaa fi Kiristoos isa godhe manni Israaʼel hundi dhugumaan haa beeku.”
37 Cut to the heart at this, they asked Peter and the other apostles, "Brothers, what should we do?" Namoonni sunis yommuu waan kana dhagaʼanitti, garaan isaanii raafamee Phexrosii fi ergamoota kaaniin, “Yaa obboloota, yoos maal haa goonu?” jedhan.
38 Peter said to them, "Repent, and each of you be baptized in the name of Jesus Christ for the forgiveness of your sins, and you will receive the gift of the Holy Spirit. Phexrosis akkana jedhee deebise; “Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
39 For the promise is for you, your children, and all far off—as many as the Sovereign our Father will call to himself." Abdiin kunis isinii fi ijoollee keessaniif, akkasumas warra Waaqni Gooftaan keenya ofitti waamu kanneen fagoo jiran hundaaf kenname.”
40 And with many other words he warned and urged them, saying, "Save yourselves from this corrupt generation." Innis dubbii biraa baayʼeedhaan dhugaa baʼee, “Dhaloota jalʼaa kana duraa of oolchaa” jedhee isaan gorse.
41 So those who welcomed his message were baptized, and about 3,000 people were added that day. Warri dubbii isaa fudhatanis ni cuuphaman; gaafas nama gara kuma sadiitu isaanitti dabalame.
42 They devoted themselves to the apostles' teaching and deep communion, to the breaking of bread and the prayers. Isaanis barsiisa ergamootaatti, jireenya tokkummaatti, buddeena caccabsuutti, Waaqa kadhachuuttis ni jabaatan.
43 Awe came over everyone, and many wonders and signs were done through the apostles. Namni hundinuus sodaan guutame; dinqii fi mallattoon baayʼeen ergamootaan hojjetame.
44 All who believed were together and had all things in common. Amantoonni hundinuus wajjin turan; waan hundas walumaan qabu turan.
45 They sold their property and possessions and distributed the proceeds to all, as anyone needed. Qabeenya isaaniitii fi miʼa isaaniis gurguranii nama rakkina qabu kamiif iyyuu qoodaa turan.
46 Every day, devoting themselves together in the temple, breaking bread house to house, they shared food with joyful, sincere hearts, Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan.
47 praising our Father, with favor among all the people. The Lord added to their number daily those being saved. Waaqas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]