Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Corinthians 13 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Akeekkachiisa Dhumaa

1Ani kanaan walitti siʼa sadaffaa gara keessan dhufuu koo ti. “Dubbiin hundinuu dhuga baatota lamaan yookaan sadiin mirkaneeffamuu qaba.” 2Ani duraanuu yommuun siʼa lammaffaa isin bira turetti isin akeekkachiiseera. Amma illee fagoo taaʼee isuma irra nan deebiʼa; ani yeroon deebiʼee dhufutti warra kanaan dura cubbuu hojjetaniifis taʼu warra kaan hundaaf garaa hin laafu; 3kunis isin akka Kiristoos karaa kootiin dubbatu ragaa waan barbaaddaniif. Inni isin gidduutti cimaadha malee waaʼee keessan irratti dadhabaa miti. 4Inni dadhabbiidhaan fannifamu iyyuu, humna Waaqaatiin garuu ni jiraata. Nus akkasuma isatti dadhabdoota; taʼus isin tajaajiluuf humna Waaqaatiin isa wajjin ni jiraanna.

5Isin amantiidhaan jiraachuu fi jiraachuu baachuu keessan beekuuf of qoraa; of ilaalaas. Dhugumaan isin yoo qormaaticha kuftan malee akka Yesuus Kiristoos isin keessa jiru hin beektanii? 6Anis akka nu qormaaticha hin kufin isin akka hubattan nan amana. 7Nu ammas akka isin waan hamaa tokko illee hin hojjenneef Waaqa kadhanna. Kunis nu yoo waan qormaata kufne fakkaanne illee akka isin waan qajeelaa hojjettaniif malee akka namoonni qormaaticha keessatti cimnee dhaabachuu keenya arganiif miti. 8Nu dhugaaf hojjenna malee, dhugaa mormuudhaan homaa hojjechuu hin dandeenyuutii. 9Yommuu nu dadhabnee isin immoo jabaattanitti ni gammanna; kadhannaan keenyas akka isin warra hirʼina hin qabne taataniif. 10Wanni ani yeroo fagoo jirutti barreessuuf kanaa dha; kunis akka ani yeroon gara keessan dhufutti taayitaa Gooftaan akka ani ittiin isin diiguuf utuu hin taʼin, akka ani ittiin isin ijaaruuf naa kennetti fayyadamee isinitti hin jabaanneef.

Dhaamsa Nagaa Xumuraa

11Egaa yaa obboloota nagaatti. Haaromfamaa; wal jajjabeessaa; yaada tokko qabaadhaa; nagaadhaan jiraadhaa. Waaqni jaalalaatii fi nagaa isin wajjin ni taʼa.

12Dhungoo qulqulluudhaan nagaa wal gaafadhaa.

13Sabni Waaqaa hundinuu nagaa isinii dhaamu.

14Ayyaanni Gooftaa Yesuus Kiristoos, jaalalli Waaqaa, tokkummaan Hafuura Qulqulluus hunda keessan wajjin haa taʼu.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]