Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 35 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Josiah kept Passover to our Father in Jerusalem; they slaughtered the Passover lamb on the fourteenth day of the first month. Yosiyaas Yerusaalemitti Waaqayyoof Faasiikaa ayyaanesse; hoolaan Faasiikaas guyyaa kudha afuraffaa jiʼa jalqabaatti qalame.
2 He assigned priests their duties and encouraged them in service of our Father's house. Innis luboota hojii isaanii irratti muudee akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tajaajilan isaan jajjabeesse.
3 He told the Levites who taught all Israel and were holy to our Father: "Put the holy ark in the house Solomon son of David, king of Israel, built. You need no longer carry it on your shoulders. Now serve your Father and his people Israel. Lewwota Israaʼeloota hunda barsiisanii fi Waaqayyoof qulqullaaʼaniinis akkana jedhe; “Taabota qulqullaaʼaa sana mana qulqullummaa kan Solomoon ilmi Daawit mooticha Israaʼel ijaare keessa kaaʼaa. Taabonni kun gatiittii keessanitti hin baatamin. Isin amma Waaqayyo Waaqa keessanii fi saba isaa Israaʼelin tajaajilaa.
4 Prepare yourselves by your fathers' houses, by your divisions, by David king of Israel's written instructions, and his son Solomon's instructions. Akkuma qajeelfama Daawit mooticha Israaʼelii fi ilma isaa Solomooniin barreeffame sanaatti isin akkuma maatiiwwan keessaniitti garee gareedhaan of qopheessaa.
5 Stand in the holy place by family groups of your lay brothers, one Levite division per group. “Kutaa maatiiwwan obboloota keessanii kanneen Lewwota hin taʼiniitiif gareen Lewwotaa tokko kutaa maatii tokkoo iddoo buʼaatii iddoo qulqulluu dhaabadhaa.
6 Slaughter the Passover lamb, dedicate yourselves, and prepare for your brothers, following the word of our Father through Moses." Hoolaa Faasiikaa qalaa; of qulqulleessaatii obboloota keessaniifis xobbaallaawwan hoolaa qopheessaa; waan kanas akkuma Waaqayyo karaa Museetiin ajaje sanatti godhaa.”
7 Josiah gave the lay people 30,000 lambs and young goats, 3,000 bulls, for Passover offerings—for everyone present, from his own possessions. Yosiyaasis hoolotaa fi reʼoota kuma soddomaa fi loon kuma sadii akka aarsaa Faasiikaa taʼaniif namoota achi turan hundaaf qabeenyuma isaa irraa ni kenne.
8 His officials also gave willingly to the people, priests, and Levites. Hilkiah, Zechariah, and Jehiel, chief officers of our Father's house, gave the priests 2,600 Passover offerings and 300 bulls. Qondaaltonni isaas uummataaf, lubootaa fi Lewwotaaf fedhiidhaan buusii kennan. Hilqiyaa, Zakkaariyaasii fi Yehiiʼeel bulchitoonni mana qulqullummaa Waaqaa aarsaa Faasiikaatiif hoolotaa fi reʼoota kuma lamaa dhibba jaʼaa fi loon dhibba sadii lubootatti kennan.
9 Conaniah, with his brothers Shemaiah and Nethanel, and Hashabiah, Jeiel, and Jozabad, Levite leaders, gave the Levites 5,000 Passover offerings and 500 bulls. Konaneyaanis obboloota isaa Shemaaʼiyaa fi Naatnaaʼel wajjin, akkasumas Hashabiyaan, Yeʼiiʼeelii fi Yoozaabaad dura buutonni Lewwotaa sun hoolotaa fi reʼoota kuma shanii fi loon dhibba shan akka isaan aarsaa Faasiikaa taʼaniif Lewwotatti ni kennan.
10 The service was set; priests stood at their posts, Levites by their divisions, as the king commanded. Wanni hundinuu qopheeffamnaan akkuma mootichi ajaje sanatti luboonni iddoo isaanii ijaajjan; Lewwonnis toora isaaniitiin ijaajjan.
11 They slaughtered the Passover lambs; priests sprinkled the blood passed to them, and Levites skinned them. Hoolonni Faasiikaa ni qalaman; luboonnis dhiiga itti kenname ni faffacaasan; Lewwonni immoo hoolota irraa gogaa ni baasan.
12 They set aside the burnt offerings, distributing them by family division among the common people, to offer to our Father as written in the book of Moses; likewise with the bulls. Isaanis akka jarri akkuma Kitaaba Musee keessatti barreeffame sanatti Waaqayyoof dhiʼeessaniif kutaa maatiiwwan sabaatiif kennuudhaaf aarsaa gubamu kophaatti baasan. Loon illee akkasuma godhan.
13 They roasted the Passover lamb in fire as required, boiled the holy offerings in pots, kettles, and pans, and quickly brought them to all the common people. Akkuma ajajame sanattis hoolaa Faasiikaa ibiddaan waadan; aarsaa qulqulleeffame immoo okkoteetti, hubboo fi xuwweetti affeelanii yoosuma namoota hundaaf qoqqoodan.
14 Afterward they prepared for themselves and the priests, since the priests, Aaron's sons, were busy offering burnt offerings and fat portions until night; so the Levites prepared for themselves and the priests, Aaron's sons. Isaanis ergasii sababii luboonni sanyiin Aroon hamma halkan walakkaatti aarsaa gubamuu fi cooma aarsaa dhiʼeessaa turaniif ofii isaaniitii fi lubootaaf qophii godhan. Akkasiin Lewwonni ofii isaaniitii fi luboota sanyii Aroon taʼaniif qopheessan.
15 The singers, Asaph's sons, stood at their posts as David, Asaph, Heman, and Jeduthun the king's seer had commanded. The gatekeepers stayed at each gate; they had no need to leave their duty, for their fellow Levites prepared for them. Ilmaan Asaaf faarfattoonni akkuma Daawit, Asaaf, Heemaanii fi Yeduutuun waa himaan mootichaa ajajan sana iddoodhuma isaaniif ramadame turan. Eegdonni karraa kanneen tokkoo tokkoo karraa irra turan immoo waan obboloota isaanii Lewwonni qophii isaaniif godhaniif iddoo isaaniitii deemuun hin barbaachifne.
16 So all the service of our Father was arranged that day: to keep Passover and offer burnt offerings on the altar of our Father, by King Josiah's command. Kanaafuu tajaajilli Waaqayyoo hundinuu akkuma Yosiyaas Mootichi ajajetti ayyaana Faasiikaa ayyaanessuu fi iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuun guyyuma sana fiixaan baʼe.
17 The Israelites present kept Passover then, and the Feast of Unleavened Bread seven days. Israaʼeloonni achi turanis yeruma sana Ayyaana Faasiikaa ayyaaneffatanii Ayyaana Maxinoo guyyaa torba ayyaaneffatan.
18 No Passover like it had been kept in Israel since Samuel the prophet's days; none of Israel's kings kept a Passover like Josiah's, with the priests, Levites, all Judah and Israel present, and Jerusalem's residents. Bara Saamuʼeel raajichaatii as Israaʼel keessatti Faasiikaan takkumaa akkanatti hin ayyaaneffamne; mootota Israaʼel keessaas namni tokko iyyuu takkumaa akka Yosiyaas namicha luboota, Lewwotaa fi namoota Yihuudaa fi Israaʼel kanneen saba Yerusaalem wajjin turan sana hunda wajjin godhe sanaatti Faasiikaa akkasii hin ayyaaneffanne.
19 This Passover was kept in the eighteenth year of Josiah's reign. Faasiikaan kun bara mootummaa Yosiyaas keessaa waggaa kudha saddeettaffaatti ayyaaneffame.
20 After all this, once Josiah had prepared the temple, Egypt's king Neco marched up to fight at Carchemish on the Euphrates, and Josiah went out to meet him. Waan kana hunda booddee yeroo Yosiyaas mana qulqullummaa qopheessetti Nekkoon mootichi Gibxi Karkemiishi ishee Efraaxiis biraa sanatti lolaaf ol baʼe; Yosiyaasis of irraa isa deebisuudhaaf itti gad baʼe.
21 But Neco sent messengers to him, saying, "What do we have to do with each other, king of Judah? I'm not coming against you today, but against the house I'm at war with. God told me to hurry—stop opposing God, who is with me, or he'll destroy you." Nekkoon garuu, “Yaa mootii Yihuudaa, wanni anaa fi siʼi wal lolchiisu maali? Ani yeroo kanatti mana na lolu sana loluufin dhufe malee si loluuf hin dhufne. Waaqni akka ani ariifadhu na ajajeera; kanaafuu ati Waaqa na wajjin jiru kanaan mormuu dhiisi; yoo kanaa achii inni si balleessaatii” jedhee namoota itti erge.
22 Josiah did not turn away from him, but disguised himself to fight him. He ignored Neco's words from the mouth of our Father, and went to fight in the plain of Megiddo. Taʼus Yosiyaas eenyumaa ofii isaa wallaalchifatee lola keessa seene malee isa irraa hin deebine. Inni waan Nekkoon Waaqaan ajajamee isatti hime sana dhagaʼuu didee dirree Megidoo irratti isa waraanuudhaaf baʼe.
23 Archers shot King Josiah; he told his servants, "Get me out—I'm badly wounded." Warri xiyya darbatan Yosiyaas Mootichatti ni darbatan; innis ajajjoota loltoota isaatiin, “Na fuudhaatii deemaa; ani akka malee madaaʼeeraatii” jedhe.
24 His servants moved him from the chariot to his second chariot and brought him to Jerusalem, where he died and was buried in his fathers' tombs. All Judah and Jerusalem mourned Josiah. Kanaafuu isaan gaarii isaa keessaa isa fuudhanii gaarii biraa irra kaaʼanii gara Yerusaalemitti isa geessan; innis achitti duʼe. Innis awwaala abbootii isaa keessatti awwaalame; Yihuudaa fi Yerusaalem hundi isaaf ni booʼan.
25 Jeremiah composed laments for Josiah, and to this day all the singers, men and women, sing laments for Josiah. This became a custom in Israel, and it is written in the Laments. Ermiyaasis faaruu booʼichaa Yosiyaasiif baase; hamma harʼaattis dhiironnii fi dubartoonni faarfattoonni hundi faaruu booʼichaa kanaan Yosiyaasin yaadatu. Kunis Israaʼel keessatti bartee taʼee Faaruu Booʼichaa keessatti barreeffame.
26 The rest of Josiah's acts, and his faithful deeds in keeping with what is written in our Father's law. Wanni bara mootummaa Yosiyaas keessa hojjetame biraa fi gaarummaan isaa akkuma waan Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanaatti,
27 His acts, first to last, are written in the Book of the Kings of Israel and Judah. seenaan isaa hundi jalqabaa hamma dhumaatti kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffameera.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]