Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 34 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Josiah was eight years old when he became king, and he reigned thirty-one years in Jerusalem. Yosiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa saddeetii ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa soddomii tokko bulche.
2 He did what was right in our Father's eyes and walked in the ways of David his father, not turning right or left. Inni fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; utuu mirgatti yookaan bitaatti hin gorinis karaa abbaa isaa Daawit irra deeme.
3 In the eighth year of his reign, while still a boy, he began to seek our Father, the God of David his father. In the twelfth year he began to purge Judah and Jerusalem of the high places, Asherah poles, carved images, and cast metal images. Inni mootii taʼee waggaa saddeettaffaatti utuma umurii dargaggummaa keessa jiruu Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaduu jalqabe. Waggaa kudha lammaffaatti immoo Yihuudaa fi Yerusaalem keessaa iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa, siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan baqfamanii tolfaman ni balleesse.
4 In his presence they tore down the Baals' altars; he cut down the incense altars above them, shattered the Asherah poles, carved images, and cast images, ground them to dust, and scattered it over the graves of those who had sacrificed to them. Qajeelfama isaatiinis iddoowwan aarsaa Baʼaal diigaman; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen achi irra turan caccabsee siidaawwan Aasheeraa, waaqota tolfamoo fi fakkiiwwan hurreesse. Wantoota kanneenis daakee bulleessee awwaala warra isaaniif aarsaa dhiʼeessaa turanii irratti bittinneesse.
5 He burned the bones of the priests on their altars, and so he purged Judah and Jerusalem. Lafee lubootaas iddoowwan aarsaa isaanii irratti guggube. Haala kanaanis Yihuudaa fi Yerusaalemin qulqulleesse.
6 In the cities of Manasseh, Ephraim, and Simeon, as far as Naphtali, in their ruins all around. Magaalaawwan Minaasee, kan Efreemii fi Simiʼoon kanneen hamma Niftaalemitti jiranii fi akkasumas diigamaa naannoowwan isaanii keessatti
7 He tore down the altars, crushed the Asherah poles and carved images to powder, and cut down all the incense altars throughout Israel. Then he returned to Jerusalem. iddoowwan aarsaa fi siidaawwan Aasheeraa ni jijjigse; waaqota tolfamoo daaraa godhe; iddoowwan aarsaa ixaanaa kanneen guutummaa Israaʼel keessa jiran hundas ni caccabse. Ergasiis Yerusaalemitti deebiʼe.
8 In the eighteenth year of his reign, having cleansed the land and the house, he sent Shaphan son of Azaliah, Maaseiah the city governor, and Joah son of Joahaz the recorder to repair the house of our Father. Yosiyaas mootii taʼee waggaa kudha saddeettaffaatti erga biyyattii fi mana qulqullummaa qulqulleessee booddee mana Waaqayyo Waaqa isaa haaromsuuf Shaafaan ilma Azaliyaa, Maʼaseyaa bulchaa magaalaa fi Yooʼaa ilma Yooʼaahaaz galmeessaa sana erge.
9 They came to Hilkiah the high priest and handed over the money brought into the house of our Father, which the Levites who guarded the gates had collected from Manasseh, Ephraim, and all the remnant of Israel, from all Judah and Benjamin, and the residents of Jerusalem. Isaanis gara Hilqiyaa lubicha ol aanaa dhaqanii maallaqa mana qulqullummaa Waaqaatiif fidame sana itti kennan; maallaqa kanas Lewwota balbala eegantu saboota Minaasee irraa, kan Efreem irraa, hambaawwan Israaʼel hunda irraa, saba Yihuudaa fi kan Beniyaam hunda irraa akkasumas jiraattota Yerusaalem irraa walitti qabe.
10 They gave it to the workers overseeing the house of our Father, and the workers in the house of our Father used it to repair and restore it. Isaanis maallaqa sana namoota akka hojii mana qulqullummaa Waaqayyoo toʼataniif muudamanitti imaanaa kennan. Namoonni kunneenis hojjettoota mana qulqullummaa haaromsanii akka duriitti deebisaniif ni kaffalu.
11 They paid the carpenters and builders to buy cut stone, and timber for the joists and beams of the buildings the kings of Judah had let fall to ruin. Akkasumas akka isaan ijaarsa mootonni Yihuudaa akka diigamu godhan sanaaf dhagaa soofame, laaxaawwan, mukkeen sutaa fi dareeraawwan bitaniif ogeeyyii mukaa fi ijaartotatti maallaqa kennan.
12 The men worked faithfully. Over them, directing the work, were Jahath and Obadiah, Levites of Merari's sons, and Zechariah and Meshullam of the Kohathites; and the Levites, all skilled musicians, Namoonni sunis amanamummaadhaan hojicha hojjetan. Lewwota sanyii Meraarii keessaa Yahaatii fi Obaadiyaan akkasumas sanyii Qohaati keessaa Zakkaariyaasii fi Meshulaam akka jara sana hojjechiisaniif isaan irratti muudaman. Lewwonni meeshaa faarfannaa taphachuu beekan hundis
13 were over the laborers, directing all the workers task by task. Some Levites were scribes, officials, and gatekeepers. itti gaafatamtoota hojjettoota hojii humnaa taʼanii hojjettoota hojii garaa garaa illee toʼachaa turan. Lewwonni tokko tokkos barreessitoota, qondaaltotaa fi eegdota balbalaa turan.
14 As they brought out the money brought into the house of our Father, Hilkiah the priest found the Book of the Law of our Father, given through Moses. Utuma isaan maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyootti galfame sana baasaa jiranuu Hilqiyaa lubichi Kitaaba Seera Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sana arge.
15 Hilkiah told Shaphan the scribe, "I've found the Book of the Law in our Father's house," and gave it to Shaphan. Hilqiyaanis Shaafaan barreessaa sanaan, “Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti Kitaaba Seeraa argeen jira” jedhe; kitaabichas Shaafaanitti kenne.
16 Shaphan brought the king the book and reported, "Your servants are doing everything put in their care. Shaafaanis kitaabicha fuudhee mootichatti geessee akkana jedhe; “Qondaaltonni kee waan ajajaman hunda hojjechaa jiru.
17 They emptied out the money found in the house of our Father and handed it to the overseers and workmen." Maallaqa mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa tures baasanii namoota hojii toʼatanii fi hojjettootatti imaanaa kennaniiru.”
18 Shaphan the scribe told the king, "Hilkiah the priest gave me a book," and read it to the king. Kana irrattis Shaafaan barreessaan sun, “Hilqiyaa lubichi kitaaba tokko natti kenneera” jedhee mootichatti hime. Shaafaanis fuula mootichaa duratti kitaaba sana dubbise.
19 When the king heard the words of the Law, he tore his clothes. Mootichis yommuu dubbii Seeraa sana dhagaʼetti uffata isaa tarsaase.
20 The king commanded Hilkiah, Ahikam son of Shaphan, Abdon son of Micah, Shaphan the scribe, and Asaiah the king's servant: Innis ajaja kana Hilqiyaatti, Ahiiqaam ilma Shaafaanitti, Abdoon ilma Miikaatti, Shaafaan barreessichaa fi Asaayaa tajaajilaa mootichaatti ni kenne:
21 "Go, ask our Father for me and those left in Israel and Judah about the words of the book that was found. Great is his anger poured out on us, because our ancestors did not keep our Father's word, doing all written in this book." “Dhaqaatii waaʼee waan kitaaba argame kana keessatti barreeffamee anaaf, hambaawwan Israaʼel keessaatii fi Yihuudaatiif Waaqayyoon gaafadhaa. Sababii warri nuun duraa dubbii Waaqayyoo hin eeginiif dheekkamsi Waaqayyoo guddaan nutti dhangalaʼeera; isaan akka waan kitaaba kana keessatti barreeffame sana hundaatti hin jiraanneetii.”
22 So Hilkiah and the king's men went to Huldah, the woman prophet, wife of Shallum son of Tokhath, son of Hasrah, keeper of the wardrobe. She lived in Jerusalem's Second Quarter. They spoke with her about this. Hilqiyaa fi warri mootichi isa wajjin erge sun gara Huldaanaa raajittii jechuunis niitii Shaluum ilma Toqeʼaati, ilma Hasraat kan eegduu mana uffataa turte sanatti himuu dhaqan. Isheenis Yerusaalem keessa aanaa lammaffaa keessa jiraatti turte.
23 She told them, "This is what our Father, the God of Israel, says: Tell the man who sent you to me: Isheenis akkana isaaniin jette; “Waaqayyo Waaqni Israaʼel akkana jedha: Namicha natti isin erge sanatti akkana jedhaa himaa;
24 This is what our Father says: I am about to bring disaster on this place and its residents—all the curses written in the book read to the king of Judah. ‘Waaqayyo akkana jedha: Ani iddoo kanaa fi saba isaatti badiisa jechuunis abaarsa kitaaba fuula mootii Yihuudaa duratti dubbifame sana keessatti barreeffame hunda nan fida.
25 Because they abandoned me and made offerings to other gods, provoking me to anger with all they have made, my wrath will pour out on this place and not be put out. Sababii isaan na dhiisanii waaqota biraatiif ixaana aarsuudhaan waan harki isaanii tolche hundaan dheekkamsaaf na kakaasaniif dheekkamsi koo iddoo kana irratti ni dhangalaʼa; hin dhaamus.’
26 But tell the king of Judah, who sent you to inquire of me: This is what our Father, the God of Israel, says about the words you heard: Mootii Yihuudaa kan akka isin Waaqayyoon gaafattaniif isin erge sanatti akkana jedhaatii himaa; ‘Waaqayyo Waaqni Israaʼel waaʼee dubbii ati dhageesse sanaa akkana jedha:
27 Because your heart was tender and you humbled yourself before our Father when you heard his words against this place and its residents, and humbled yourself before me, tore your clothes, and wept before me, I myself have heard you, declares our Father. Sababii ati yeroo waan inni waaʼee iddoo kanaatii fi waaʼee saba isaa waan hamaa dubbate dhageessetti garaan kee tuqamee fuula Waaqaa duratti gad of qabdeef, sababii ati fuula koo duratti gad of qabdee, uffata kee tarsaaftee boosseef ani si dhagaʼeera, jedha Waaqayyo.
28 I will gather you to your ancestors, laid in your grave in peace. Your eyes won't see any of the disaster I'm bringing on this place and its people." So they brought the king this reply. Ani amma abbootii kee biratti walittin si qaba; atis nagumaan awwaalamta. Waan hamaa ani iddoo kanaa fi warra as jiraatanitti fiduuf jiru hunda iji kee hin argu.’ ” Isaanis deebii ishee fudhatanii gara mootichaatti deebiʼan.
29 Then the king summoned all the elders of Judah and Jerusalem. Ergasiis mootichi maanguddoota Yihuudaa fi Yerusaalem hunda walitti ni waame.
30 The king went up to the house of our Father with all Judah's men, Jerusalem's residents, the priests, the Levites, and all the people, great and small. He read them all the words of the Book of the Covenant found in the house of our Father. Innis namoota Yihuudaa, jiraattota Yerusaalem, lubootaa fi Lewwota wajjin jechuunis nama xinnaa fi guddaa hunda wajjin gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe. Dubbii Kitaaba Kakuu kan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argame sanaa hundas akka isaan dhagaʼanitti dubbiseef.
31 The king stood in his place and made a covenant before our Father—to follow our Father, keep his commandments, testimonies, and statutes with all his heart and all his soul, and carry out the covenant's words written in this book. Mootichis utubaa isaa bira dhaabatee akka Waaqayyoon duukaa buʼu, akka garaa isaa guutuu fi lubbuu isaa guutuudhaan ajaja isaa, dambiiwwan isaatii fi labsiiwwan isaa eegee, dubbiiwwan kakuu kanneen kitaaba kana keessatti barreeffamaniifis akka ajajamu fuula Waaqayyoo duratti kakuu ni haaromse.
32 He made everyone present in Jerusalem and Benjamin pledge to it, and the people of Jerusalem acted by the covenant of our Father, the God of their fathers. Ergasiis akka namni Yerusaalemii fi Beniyaam keessa jiraatu hundi kakuu galu ni godhe; namoonni Yerusaalemis akkuma kakuu Waaqaa jechuunis Waaqa abbootii isaaniitti waan kana ni godhan.
33 Josiah removed all detestable things from the territory of the people of Israel, and made everyone in Israel serve our Father, their God. As long as he lived, they did not turn from following our Father. Yosiyaasis guutummaa biyya Israaʼel keessaa waaqota jibbisiisoo ni balleesse; akka warri Israaʼel keessa jiran hundinuus Waaqayyo Waaqa isaanii waaqeffatan ni godhe. Isaan hamma inni lubbuun jiraatetti Waaqayyo Waaqa abbootii isaanii duukaa buʼuu irraa duubatti hin deebine.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]