Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 33 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Manasseh was twelve years old when he became king, and he reigned fifty-five years in Jerusalem. Minaaseen yeroo mootii taʼetti nama waggaa kudha lama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa shantamii shan bulche.
2 He did evil in our Father's sight, like the detestable things of the nations our Father drove out before the Israelites. Innis waan jibbisiisaa saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa duukaa buʼuudhaan fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete.
3 He rebuilt the high places his father Hezekiah had torn down, built altars to the Baals, made Asherah poles, and he bowed down to all the forces of heaven and worshiped them. Inni iddoowwan sagadaa kanneen abbaan isaa Hisqiyaas barbadeessee ture sana illee deebisee ni ijaare; akkasumas Baʼaaliif iddoowwan aarsaa tolchee siidaawwan Aasheeraas ni dhaabe. Raayyaawwan samii hundaafis ni sagade; isaan waaqeffates.
4 He built altars in our Father's house, where our Father said, "In Jerusalem my name remains forever." Innis mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Waaqayyo, “Maqaan koo bara baraan Yerusaalem keessa ni jiraata” jedhee waaʼee isaa dubbate sana keessatti iddoowwan aarsaa tolche.
5 He built altars to all heaven's forces in both courts of the house of our Father. Oobdiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo lamaanuu keessattis raayyaawwan samii hundaaf iddoowwan aarsaa ni tolche.
6 In the Valley of Ben-Hinnom he sacrificed his sons in the fire, practiced fortune-telling, omens, and witchcraft, and consulted mediums and spiritists. He did great evil before our Father, provoking his anger. Sulula Ben Hinoomittis ilmaan isaa ibiddaan aarsaa godhee dhiʼeesse; tolchaa fi falfala hojjetee, milkii ilaallatee, ilaaltotaa fi eker dubbistoota gorsa gaafate. Inni fuula Waaqayyoo duratti hammina guddaa ni hojjetee akkasiin dheekkamsaaf isa kakaase.
7 He set the carved image he made in the house of our Father, of which our Father said to David and his son Solomon, "In this house and in Jerusalem, which I chose from all the tribes of Israel, I will put my name forever. Innis fakkii Waaqa tolfamaa kan hojjetee ture sana geessee mana qulqullummaa Waaqaa kan Waaqni akkana jedhee waaʼee isaa Daawitii fi ilma isaa Solomoonitti dubbatee ture sana keessa kaaʼe; “Mana qulqullummaa kana keessaa fi Yerusaalem ishee ani gosoota Israaʼel hunda keessaa filadhe keessa Maqaa koo bara baraan nan dhaaba.
8 I will never again remove Israel from the land I gave your ancestors, if only they carefully keep all I commanded them—the whole law, decrees, and rules through Moses." Yoo isaan waan ani waaʼee seera, labsii fi qajeelcha karaa Museetiin kenname sanaa isaan ajaje hunda hojjetanii ani siʼachi akka miilli Israaʼelootaa biyya ani abbootii keessaniif kenne keessaa baʼu hin godhu.”
9 But Manasseh led Judah and Jerusalem's people astray, doing more evil than the nations our Father destroyed before Israel. Minaaseen Yihuudaa fi namoota Yerusaalem karaa irraa jalʼise; kanaafuu isaan saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa balleesse sana caalaa hammina hojjetan.
10 Our Father spoke to Manasseh and his people, but they would not listen. Waaqayyos Minaasee fi saba isaatti dubbateera; isaan garuu dhagaʼuu hin feene.
11 So our Father brought the army commanders of Assyria's king against them; they captured Manasseh with hooks, bound him in bronze shackles, and took him to Babylon. Kanaafuu Waaqayyo ajajjoota loltoota mootii Asoor isaanitti kaase; isaanis Minaasee qabanii hokkoo funyaanitti kaʼaanii foncaadhaan hidhanii Baabilonitti isa geessan.
12 Distressed, he sought our Father's favor, humbling himself deeply before the God of his fathers. Innis lubbamee Waaqayyo Waaqa isaa barbaadee fuula Waaqa abbootii isaa duratti akka malee gad of qabe.
13 He prayed to him, and our Father, moved by his plea, heard his cry for mercy, brought him back to Jerusalem, to his kingdom. Then Manasseh knew that our Father is God. Waaqayyos yeroo inni isa kadhatetti naʼeefii waammata isaa dhagaʼeef; deebisees gara Yerusaalem mootummaa isaatti isa fide. Minaaseenis ergasii akka Waaqayyo Waaqa taʼe ni beeke.
14 Afterward he rebuilt the City of David's outer wall, west of Gihon in the valley to the Fish Gate entrance, around the Ophel, raising it very high. He posted army commanders in all Judah's fortified cities. Ergasii dallaa Magaalaa Daawit isa alaa, karaa lixa burqaa Giihoon kan sulula keessaa gaara Oofeelitti naannessee hamma Karra Qurxummiitti ni haaromse; dallaa kanas akka malee ol dheeresse. Magaalaawwan Yihuudaa kanneen dallaa jabaa qaban hunda keessas ajajjoota waraanaa ni qubachiise.
15 He removed the foreign gods and idol from our Father's house, with all the altars he'd built on the temple mount and in Jerusalem, and threw them out of the city. Innis waaqota ormaa fi fakkiiwwan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa ni balleesse; akkasumas iddoowwan aarsaa kanneen inni gaarran mana qulqullummaa irraa fi Yerusaalem keessatti tolche hundas ni diige; magaalaa keessaas baasee ni gate.
16 He rebuilt our Father's altar, sacrificed peace and thank offerings on it, and commanded Judah to serve our Father, the God of Israel. Iddoo aarsaa Waaqayyoo deebisee dhaabee aarsaa nagaa fi aarsaa galataa irratti ni dhiʼeesse; akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼel tajaajilaniif namoota Yihuudaa ni ajaje.
17 The people, however, still sacrificed at the high places, but only to our Father, their God. Taʼus sabni ittuma fufee iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa keessatti aarsaa dhiʼeesse; garuu uummanni sun Waaqayyo Waaqa isaa qofaaf aarsaa dhiʼeessaa ture.
18 Manasseh's other acts, his prayer to our Father, and the seers' words to him in the name of our Father, the God of Israel, are in the records of Israel's kings. Wantoonni bara mootummaa Minaasee keessa hojjetaman kanneen biraa, kadhannaan inni Waaqa isaa kadhatee fi dubbii inni namoota waa arganii himan maqaa Waaqayyo Waaqa Israaʼeliin isatti himan dabalatee seenaa mootota Israaʼel keessatti barreeffameera.
19 His prayer, how our Father was moved by him, all his sin and unfaithfulness, and the places where he built high places, set up Asherah poles, and carved images before he humbled himself—all recorded in the seers' records. Kadhannaan isaa fi akki Waaqni itti garaa laafeefii kadhannaa isaa dhagaʼeef, cubbuun inni hojjete hundii fi amanamummaa dhabuun isaa, akkasumas utuu gad of hin qabin dura iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaruun isaa, siidaawwan Aasheeraa fi waaqota tolfamoo dhaabuun isaa hundi galmeewwan namoota waa arganii himanii keessatti barreeffamaniiru.
20 Manasseh died and was buried in his palace. And his son Amon became king in his place. Minaaseenis abbootii isaa wajjin boqotee masaraa mootummaa isaa keessatti awwaalame. Ilmi isaa Aamoonis iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
21 Amon was twenty-two years old when he became king, and he reigned two years in Jerusalem. Aamoon yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii lama ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa lama bulche.
22 He did evil before our Father, as his father Manasseh had. Amon sacrificed to all the carved images Manasseh made and worshiped them. Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen hojjetee ture sana fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjete. Aamoon waaqota Minaaseen tolche waaqeffate; hunda isaaniitifis aarsaa dhiʼeesse.
23 Unlike his father Manasseh, he did not humble himself before our Father; instead Amon multiplied his guilt. Inni garuu akka abbaa isaa Minaasee fuula Waaqayyoo duratti gad of hin qabne; Aamoon ittuma caalchisee yakka hojjete.
24 Amon's servants conspired against him and killed him in his palace. Qondaaltonni Amoon isatti mariʼatanii masaruma mootummaa isaa keessatti isa ajjeesan.
25 The people of the land killed all who conspired against King Amon and made his son Josiah king in his place. Kana irratti namoonni biyya sanaa warra Aamoon Mootichatti malatan hunda fixanii ilma isaa Yosiyaasin immoo iddoo isaa mootii godhatan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]