Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 32 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 After these things and these acts of faithfulness, Sennacherib, Assyria's king, invaded Judah, besieged its fortified cities, meaning to break into them for himself. Erga Hisqiyaas waan kana hunda amanamummaadhaan hojjetee booddee Senaaheriib mootichi Asoor dhufee Yihuudaa weerare. Moʼatee isaan qabachuudhaafis magaalaawwan dallaa dhagaa qaban marse.
2 When Hezekiah saw that Sennacherib had come, intent on making war against Jerusalem, Hisqiyaasis yommuu akka Senaaheriib dhufee Yerusaalemin loluu barbaade argetti,
3 he consulted his officials and warriors about blocking the springs outside the city, and they helped him. burqaa bishaanii kan magaalaan ala jiru cufuuf qondaaltota isaa fi loltoota isaa wajjin mariʼate; isaanis isa gargaaran.
4 Many people gathered and blocked all the springs and the stream flowing through the land, asking, "Why should Assyria's kings come and find abundant water?" Namoonni akka malee hedduun walitti qabamanii, “Mootonni Asoor maaliif dhufanii bishaan baayʼee argatan?” jedhanii burqaawwanii fi lageen biyya sana keessa yaaʼan hunda ni cufan.
5 He worked hard to rebuild all the broken sections of the wall, raised towers on it, built another wall outside, strengthened the Millo of the city of David, and made abundant weapons and shields. Ergasii mootichi jabaatee hojjechuudhaan dallaawwan dhagaa kanneen jijjigan hunda dhaabuudhaan gamoowwan eegumsaa achi irratti ijaare. Isaan alatti immoo dallaawwan biraa ijaaree daangaa Magaalaa Daawit cimse. Akkasumas miʼoota lolaa fi gaachanawwan baayʼee hojjete.
6 He set war commanders over the people, gathered them at the city gate square, and encouraged them: Innis ajajjoota loltootaa uummata irratti muudee oobdii karra magaalaa irratti fuula isaa duratti walitti qabee akkana jedhee isaan jajjabeesse;
7 "Be strong and brave. Don't fear or dread Assyria's king and all his horde, for more are with us than with him. “Jabaadhaa; cimaa. Isin sababii mooticha Asoorii fi sababii loltoota akka malee baayʼee kanneen isa wajjin jiran sanaatiif jettanii hin sodaatinaa; humni nu wajjin jiru kan isa wajjin jiru caalaatii.
8 With him is only an arm of flesh; with us is our Father, to help us and fight our battles." The people relied on Hezekiah king of Judah's words. Kan isa wajjin jiru humna foonii qofaa dha; kan nu wajjin jiru garuu Waaqayyo Waaqa keenya isa nu gargaaruu fi isa lola keenya nuuf loluu dha.” Uummanni dubbii Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiin jajjabaate.
9 After this, while besieging Lachish with all his forces, Sennacherib king of Assyria sent his servants to Jerusalem, to Hezekiah king of Judah and all Judah there, saying: Kana booddees Senaaheriib mootichi Asoor utuma loltoota isaa hunda wajjin Laakkiish marsee jiruu, harka ajajjoota loltoota isaatti akkana jedhee gara Yerusaalemitti Hisqiyaasii fi namoota Yihuudaa kanneen achi jiran hundatti ergaa kana erge:
10 "This is what Sennacherib king of Assyria says: On what are you trusting, staying under siege in Jerusalem? “Senaaheriib mootichi Asoor akkana jedha: Yerusaalem ishee marfamte kana keessa turuun keessan of amanachuu kee maal irratti hundeeffatte?
11 Isn't Hezekiah deceiving you, surrendering you to die by famine and thirst, when he says, 'The LORD our God will save us from the hand of the king of Assyria'? Hisqiyaas, ‘Waaqayyo Waaqni keenya harka mootii Asoor jalaa nu baasa’ jechuun isaa akka isin beelaa fi dheebuudhaan dhumtaniif mitii?
12 Wasn't it Hezekiah who removed his high places and altars, telling Judah and Jerusalem to worship at one altar and burn offerings there? Namni Yihuudaa fi Yerusaalemiin, ‘Isin iddoo aarsaa tokko duratti sagaduu fi isuma irratti aarsaa gubamu dhiʼeessuu qabdu’ jedhee iddoowwan sagadaa fi iddoowwan aarsaa Waaqa kanaa balleesse Hisqiyaasuma mataa isaa mitii?
13 Don't you know what I and my fathers did to all peoples of other lands? Could their nations' gods rescue their lands from my hand? “Isin waan anii fi abbootiin koo saboota biyyoota biraa hunda goone hin beektanii? Waaqonni saboota sanaa biyya isaanii harka koo jalaa takkumaa baasuu dandaʼaniiruu?
14 What god of nations my fathers devoted to destruction could save his people from my hand? How then can your God save you from my hand? Waaqota abbootiin koo balleessan kanneen hunda keessaa isa kamtu saba isaa harka koo keessaa baasuu dandaʼe? Yoos Waaqni keessan akkamitti harka koo keessaa isin baasuu dandaʼa ree?
15 Don't let Hezekiah deceive or mislead you like this, and don't believe him: no god of any nation or kingdom could rescue his people from my hand or my fathers'—much less will your God rescue you from my hand!" Ammas Hisqiyaas akkasitti isin gowwoomsee karaa irraa isin hin jalʼisin. Waaqni saba yookaan mootummaa kamii iyyuu saba isaa harka koo yookaan harka abbootii koo jalaa baasuu hin dandeenyeetii isa hin amaninaa. Waaqni keessan immoo harka kootii isin baasuuf hammam haa yaratu ree!”
16 And his servants spoke still more against our Father and against his servant Hezekiah. Qondaaltonni Senaaheriibis waan kana caalaa hedduu Waaqayyo Waaqaa fi Hisqiyaas garbicha isaa irratti ni dubbatan.
17 Sennacherib also wrote letters insulting our Father, the God of Israel, speaking against him: "The nations' gods did not rescue their people from my hand; neither will Hezekiah's God rescue his people from my hand." Mootichis akkasuma Waaqayyo Waaqa Israaʼel arrabsuudhaan, waan hamaa illee isatti dubbachuudhaan, “Akkuma waaqonni biyyoota biraa saba isaanii harka koo jalaa baasuu hin dandaʼin sana Waaqni Hisqiyaasis saba isaa harka koo jalaa oolchuu hin dandaʼu” jedhee xalayaa barreesse.
18 They shouted loudly in Judah's language to Jerusalem's people on the wall, to frighten and terrify them, to seize the city. Kana irratti isaan naasisuu fi sodaachisuudhaan magaalaa sana qabachuudhaaf saba Yerusaalem kan dallaa dhagaa irra tureetti afaan Ibraayisxiitiin sagalee isaanii ol fudhatanii iyyan.
19 They spoke of Jerusalem's God like the gods of earth's peoples, the work of human hands. Isaan akkuma waaʼee waaqota saboota addunyaa biraa kanneen harka namaatiin hojjetaman sanaa dubbatan sana waaʼee Waaqa Yerusaalem dubbatan.
20 Then King Hezekiah and the prophet Isaiah son of Amoz prayed about this, crying out to heaven. Hisqiyaas Mootichii fi Isaayyaas raajichi ilmi Amoos waaʼee waan kanaatiif kadhannaadhaan gara samiitti ol iyyan.
21 So our Father sent an angel who killed every mighty warrior, commander, and officer in the Assyrian king's camp. Sennacherib returned home in disgrace, and when he entered his god's temple, some of his own sons killed him there with the sword. Waaqayyos ergamaa isaa tokko itti erge; ergamaan sunis qubata loltoota mooticha Asoor keessatti loltoota, hooggantootaa fi ajajjoota loltootaa ni balleesse. Kanaafuu mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Yeroo inni galma Waaqa isaa seenettis ilmaan isaa achumatti goraadeedhaan isa cicciran.
22 So our Father saved Hezekiah and Jerusalem's people from the hand of Sennacherib king of Assyria and all others, and he cared for them on every side. Waaqayyo akkasiin Hisqiyaasii fi namoota Yerusaalem harka Senaaheriib mooticha Asoorii fi harka diinota isaa hundaa jalaa ni baase. Inni karaa hundaan isaan eege.
23 Many brought gifts to our Father in Jerusalem, and treasures to Hezekiah king of Judah; afterward all nations honored Hezekiah highly. Namoonni baayʼeenis gara Yerusaalemitti Waaqayyoof aarsaa fidan; Hisqiyaas mooticha Yihuudaatiif immoo kennaa gatii guddaa fidan. Innis yeroo sanaa jalqabee fuula saboota hundaa duratti ulfina argate.
24 In those days Hezekiah grew sick to death; he prayed to our Father, who answered, giving him a sign. Bara sana keessa Hisqiyaas dhukkubsatee duʼuu gaʼe. Innis Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos deebii kennee fi mallattoo dinqisiisaa isa argisiise.
25 But Hezekiah didn't repay the good done him; his heart grew proud, so anger came on him and on Judah and Jerusalem. Hisqiyaas garuu garaa isaatti of tuule malee waan gaarii isaaf godhameef deebii malu hin kennine; kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo isatti, Yihuudaa fi Yerusaalemitti dhufe.
26 Hezekiah humbled himself for his proud heart, he and Jerusalem's people, so our Father's wrath didn't reach them in Hezekiah's days. Kana irratti Hisqiyaas akkuma namoota Yerusaalem sanaa of tuulummaa garaa isaa irraa ni deebiʼe; kanaafuu bara Hisqiyaas keessa dheekkamsi Waaqayyoo isaanitti hin dhufne.
27 Hezekiah had great wealth and honor. He built storerooms for silver, gold, gems, spices, shields, and other valuables, Hisqiyaas qabeenya akka malee baayʼee fi ulfina guddaa qaba ture; innis meetii isaaf, warqee isaaf, dhagaawwan isaa gati jabeeyyiif, urgooftuuwwan isaaf, gaachanawwan isaa fi miʼoota garaa garaa kanneen gatii guddaa qaban hundaaf mankuusa ni ijaare.
28 storerooms for the harvest of grain, new wine, and oil; stalls for all kinds of livestock; pens for flocks. Akkasumas midhaaniif gombisaa ijaare; daadhii wayinii haaraa fi zayitiidhaaf qodaa itti kuusan qopheesse; loon gosa hundaaf dallaa, bushaayeef immoo gola ni ijaare.
29 He built cities for himself and gained huge flocks and herds, for our Father gave him very great wealth. Innis sababii Waaqni badhaadhummaa guddaa isaaf kenneef bushaayee baayʼee, karra loonii hedduus horatee magaalaawwanis ni ijaarrate.
30 Hezekiah stopped Gihon's upper outlet and directed the water down the west side of David's city. He succeeded in all he did. Namni afaan burqaa Giihoon kan olii cufee bishaan isaa gara lixa Magaalaa Daawititti jalʼise Hisqiyaasuma kana. Hojiin isaa hundis ni milkaaʼeef.
31 When Babylon's rulers sent envoys to him asking about the land's sign, our Father left him to himself, to test him and to know all in his heart. Garuu yeroo bulchitoonni Baabilon waaʼee hojii dinqii kan biyya sanatti hojjetamee isa gaafachuuf ergamoota erganitti Waaqni isa qoruu fi waan garaa isaa keessa jiru ilaaluudhaaf isa dhiise.
32 Hezekiah's remaining acts and faithful deeds are written in the vision of Isaiah the prophet, son of Amoz, in the Book of the Kings of Judah and Israel. Wantoonni bara mootummaa Hisqiyaas keessa hojjetaman kanneen biraa fi gaarummaan isaa mulʼata Isaayyaas raajicha ilma Amoos, kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
33 Hezekiah slept with his ancestors, buried in the upper tombs of David's sons. All Judah and Jerusalem's residents honored him at death. His son Manasseh succeeded him. Hisqiyaasis abbootii isaa wajjin boqotee lafa awwaala sanyiiwwan Daawititti gaara irratti awwaalame. Yeroo inni duʼettis Yihuudaa fi sabni Yerusaalem hundinuu isa kabajan. Ilmi isaa Minaaseen iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]