Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 31 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 When this ended, all Israel present went out to the towns of Judah, smashed the sacred pillars, cut down the Asherah poles, and tore down the high places and altars throughout Judah, Benjamin, Ephraim, and Manasseh, destroying them completely. Then all Israel returned to their towns, each to his own property. Yommuu wanni kun hundi xumurametti Israaʼeloonni achi turan gara magaalaawwan Yihuudaa dhaqanii dhagaawwan waaqeffannaa caccabsan; siidaawwan Aasheeraa ni kukkutan. Iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa fi iddoowwan aarsaa kanneen Yihuudaa, Beniyaam, Efreemii fi Minaasee keessa turan hunda ni balleessan. Israaʼeloonnis erga waan kana hunda balleessanii booddee gara magaalaawwanii fi qabeenya isaaniitti deebiʼan.
2 Hezekiah assigned the priests and Levites to their divisions, each by his service, priests and Levites alike, for burnt offerings and peace offerings, to serve, give thanks, and praise in the gates of our Father's camps. Hisqiyaasis tokkoo tokkoo isaanii akka isaan akkuma hojii lubummaa isaaniitti yookaan akkuma hojii Lewwummaa isaaniitti aarsaa gubamuu fi aarsaa nagaa dhiʼeessaniif, akka isaan karra iddoo Waaqayyo jiraatuu duratti tajaajilaniif, akka isaan galata galchanii fi akka isaan faarfannaa galataa faarfataniif lubootaa fi Lewwota garee gareedhaan ramade.
3 The king gave from his own wealth for the burnt offerings—morning and evening burnt offerings, and those for Sabbaths, new moons, and appointed feasts—as written in our Father's law. Mootichis akkuma Seera Waaqayyoo keessatti barreeffame sanatti, aarsaa gubamu kan ganamaa fi galgalaa akkasumas aarsaa gubamu kan Sanbatootaa, Ayyaana Baatiiwwan Haaraa fi guyyaa ayyaana murteeffameetiif qabeenya ofii isaa irraa ni kenne.
4 He told Jerusalem's residents to give the priests' and Levites' portion, so they could devote themselves to our Father's law. Innis akka luboonnii fi Lewwonni Seera Waaqayyootiif of kennuu dandaʼaniif namoota Yerusaalem keessa jiraatan akka isaan qooda jaraaf malu kennaniif ni ajaje.
5 As soon as the order spread, Israelites abundantly gave firstfruits of grain, new wine, oil, honey, and all the field's produce, and brought in the tenth of everything abundantly. Akkuma ajajni sun baʼeenis Israaʼeloonni mataa midhaan isaanii kan jalqabaa irraa, daadhii wayinii haaraa irraa, zayitii fi damma irraa akkasumas waan lafa qotiisaa irraa argamu hunda irraa arjummaadhaan kennan. Waan hunda irraa harka kudhan keessaa harka tokko guddisanii ni fidan.
6 The Israelites and Judahites living in Judah's towns also brought the tenth of cattle and sheep, and the tenth of what was dedicated to our Father, piling them in heaps. Namoonni Israaʼelii fi Yihuudaa warri magaalaawwan Yihuudaa keessa jiraatanis loonii fi bushaayee isaanii irraa harka kudhan keessaa harka tokko, akkasumas waan Waaqayyo Waaqa isaaniitiif qulqulleeffame irraa harka kudhan keessaa harka tokko ni fidan; ni tuulanis.
7 They began piling the heaps in the third month, finishing in the seventh. Isaanis hojii kana jiʼa sadaffaatti jalqabanii jiʼa torbaffaatti fixan.
8 Hezekiah and the officials came, saw the heaps, and blessed our Father and his people Israel. Hisqiyaasii fi qondaaltonni isaa yommuu dhufanii tuullaawwan sana arganitti Waaqayyoon ni galateeffatan; saba isaa Israaʼelinis ni eebbisan.
9 Hezekiah asked the priests and Levites about the heaps. Hisqiyaasis waaʼee tuullaa sanaa lubootaa fi Lewwota gaafate;
10 Azariah the chief priest, of Zadok's house, answered him, "Since people began bringing contributions into our Father's house, we've eaten well with plenty remaining, for our Father blessed his people, leaving this large surplus." maatii Zaadoq keessaa Azaariyaa lubichi hangafni akkana jedhee deebise; “Erga namoonni kennaa isaanii gara mana qulqullummaa Waaqayyootti fidduu jalqabanii as nu nyaata gaʼaa fi irraa hafaa arganneerra; sababii Waaqayyo saba isaa eebbiseef hambaan akka malee guddaan kun hafeera.”
11 Then Hezekiah ordered them to prepare storerooms in the house of our Father, and they prepared them. Hisqiyaasis akka isaan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti mankuusaalee qopheessan ajaje; isaanis ni qopheessan.
12 They faithfully brought in the contributions, the tenth, and dedicated gifts. Conaniah the Levite led them; Shimei his brother was second. Isaanis ergasii buusii, kennaa harka kudhan keessaa harka tokkoo fi kennaawwan qulqulleeffaman amanamummaadhaan fidan. Wantoota kanneen irrattis Konaneyaan Lewwichi itti gaafatamaa ture; obboleessi isaa Shimeʼiin immoo sadarkaadhaan itti aanaa isaa ture.
13 Jehiel, Azaziah, Nahath, Asahel, Jerimoth, Jozabad, Eliel, Ismachiah, Mahath, and Benaiah oversaw, under Conaniah and his brother Shimei, appointed by King Hezekiah and Azariah, chief officer of our Father's house. Yehiiʼeel, Azaziyaa, Nahaati, Asaaheel, Yeriimooti, Yoozaabaad, Eliiʼeel, Yismakiyaa, Mahatii fi Benaayaa, Konaneyaa fi obboleessa isaa Shimeʼii jalatti toʼattoota taʼanii Hisqiyaas mootichaa fi Azaariyaa itti gaafatamaa mana qulqullummaa Waaqaatiin muudaman.
14 Kore son of Imnah, the Levite gatekeeper toward the east, oversaw the voluntary offerings to our Father, distributing our Father's contributions and the most holy gifts. Qooraahi ilmi Yimnaa Lewwichi, eegduun Karra Baʼaa sun kennaa fedhiidhaan Waaqaaf kenname irratti, akkasumas buusii Waaqayyoof godhamee fi kennaawwan qulqulleeffaman qooduu irratti itti gaafatamummaa qaba ture.
15 Under him, Eden, Miniamin, Jeshua, Shemaiah, Amariah, and Shecaniah served faithfully in the priestly towns, distributing to fellow priests by divisions, great and small alike, Eeden, Miiniyaamiin, Yeeshuuʼaan, Shemaaʼiyaan, Amariyaa fi Shekaaniyaan magaalaawwan lubootaa keessatti luboota michoota isaaniitiif guddaa fi xinnaa akkuma tokkotti garee garee isaaniitti isaaniif qooduudhaan amanamummaadhaan isa gargaaran.
16 besides giving to those registered by genealogy, males three and up—all entering the house of our Father for daily duty—for their service by office and division. Kana malees dhiirota umuriin isaanii waggaa sadii fi sanaa ol taʼe kanneen maqaan isaanii galmee hidda dhalootaa keessa jiru warra akkuma itti gaafatamummaa isaanii fi ramaddii isaaniitti qooda hojii isaanii kan guyyaa guyyaa hojjetamu hojjechuuf mana qulqullummaa Waaqayyoo seenuu dandaʼan hundaaf akkasuma ni qoodan.
17 Priests were registered by clans; Levites twenty and up, by duty and division. Luboota maatii isaaniitiin galmee hidda dhalootaa keessatti galmeeffamanii fi Lewwota umuriin isaanii waggaa digdamaa fi sanaa ol taʼeefis akkuma itti gaafatamummaa fi qooda hojii isaaniitti ni ramadaniif.
18 They were registered with all their little ones, wives, sons, and daughters—the whole community—for they faithfully dedicated themselves in holiness. Luboonni kunneen ijoollee isaanii xixinnoo, niitota isaanii, ilmaan isaaniitii fi intallan isaanii kanneen waldaa guutuu keessa jiran hunda wajjin ni galmeeffaman; isaan of qulqulleessuudhaan amanamoo turaniitii.
19 For Aaron's priestly descendants living in the pasture-fields around their towns, men were named in each and every town to give shares to every male priest and all Levites listed by genealogy. Luboota sanyiiwwan Aroon kanneen lafa qotiisaa naannoo magaalaawwan isaanii yookaan magaalaawwan biraa keessa jiraataniif, dhiirota garee isaanii kanneen galmee hidda dhaloota Lewwotaa keessatti galmeeffaman hundaaf akka qoodaniif namoonni filatamanii turan.
20 Hezekiah did this throughout all Judah. He did what was good, right, and faithful before our Father. Hisqiyaas waan kana guutummaa Yihuudaa keessatti ni hojjete; innis waan fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti gaarii, qajeelaa fi amanamaa taʼe ni hojjete.
21 In all he undertook—serving the house of our Father, keeping the law and command, seeking our Father—he gave his whole heart, and thrived. Innis mana qulqullummaa Waaqaa keessa hojjechuunis taʼu, seeraa fi ajajawwaniif ajajamuudhaan waan hojjete hunda keessatti Waaqa isaa barbaaduudhaaf garaa isaa guutuudhaan ni hojjete; kanaafuu inni ni milkaaʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]