Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 30 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Hezekiah sent word to all Israel and Judah, and wrote letters to Ephraim and Manasseh, to come to the house of our Father in Jerusalem to keep the Passover to our Father, the God of Israel. Hisqiyaas akka isaan Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem, gara mana qulqullummaa Waaqayyoo dhufaniif Israaʼelii fi Yihuudaa hundatti ergaa erge; Efreemii fi Minaaseetti immoo xalayaa barreesse.
2 The king, his officials, and the whole assembly in Jerusalem had decided to keep the Passover in the second month, Mootichii fi qondaaltonni isaa akkasumas waldaan Yerusaalem keessa jiru hundi jiʼa lammaffaatti Faasiikaa ayyaaneffachuuf murteessan.
3 since they could not keep it then, because too few priests had made themselves holy and the people had not gathered at Jerusalem. Isaan sababii luboonni of qulqulleessan lakkoobsaan gaʼoo hin taʼinii fi sababii namoonni Yerusaalemitti walitti hin qabaminiif yeroo barbaachisaa taʼetti Faasiikaa ayyaaneffachuu hin dandeenye.
4 The plan seemed right to the king and to all the assembly, Karoorri sunis mootichaa fi waldaa sana guutuu ni gammachiise.
5 so they sent a proclamation throughout Israel, from Beersheba to Dan, that the people should come to Jerusalem to keep the Passover to our Father, the God of Israel; for they had not kept it together in great numbers as written. Isaanis akka namoonni Waaqayyo Waaqa Israaʼeliif Faasiikaa ayyaaneffachuuf jedhanii gara Yerusaalem dhufaniif Bersheebaa hamma Daanitti Israaʼel hunda keessa labsii labsuuf murteessan. Ayyaanni Faasiikaa akka barreeffametti iddoo namoonni hedduun jiranitti ayyaaneffamee hin beekuutii.
6 The couriers went through all Israel and Judah with letters from the king and his officials, ordered by the king: "Children of Israel, return to our Father, the God of Abraham, Isaac, and Israel, so he may return to the remnant of you who survived and escaped the power of the kings of Assyria. Ergamoonnis ajaja mootichaatiin xalayaa mootichaa fi qondaaltota isaa biraa ergame fuudhanii guutummaa Israaʼelii fi Yihuudaa keessa qajeelan; xalayaan sunis akkana jedha: “Yaa saba Israaʼel, akka inni gara keessan gara warra haftanii harka mootota Asoor jalaa baatan sanaatti deebiʼuuf gara Waaqayyo Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Israaʼelitti deebiʼaa.
7 Do not be like your fathers and brothers, who were unfaithful to our Father, the God of their fathers, so he made them a desolation, as you see. Akka abbootii keessanii fi akka obboloota keessan kanneen inni sababii isaan Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniif amanamuu didaniif akkuma isin argitan kana waan fafaa isaan godhe sanaa hin taʼinaa.
8 Don't be stubborn like your fathers; give yourselves to our Father and come to his sanctuary, which he dedicated forever, and serve your Father, so his fierce anger turns from you. Isin akka abbootii keessanii mata jabeeyyii hin taʼinaa; Waaqayyootti harka kennadhaa. Gara iddoo qulqullummaa isaa kan inni bara baraan qulqulleesse sanaa kottaa. Akka dheekkamsi isaa sodaachisaan sun isin irraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa keessan tajaajilaa.
9 For if you return to our Father, your brothers and your children will find compassion from their captors and return to this land. For your Father is gracious and merciful; he will not turn his face from you if you return to him." Sababii Waaqayyo Waaqni keessan arjaa fi gara laafessa taʼeef isin yoo gara Waaqayyootti deebitan obboloonni keessanii fi ijoolleen keessan warra isaan boojiʼan biratti gara laafina ni argatu; biyya kanattis ni deebiʼu. Isin yoo gara isaatti deebitan inni fuula isaa isin irraa hin garagalfatu.”
10 The couriers went from city to city through Ephraim and Manasseh to Zebulun, but the people laughed at them and mocked them. Ergamoonnis Efreemii fi Minaasee keessa magaalaa tokkoo gara magaalaa kaaniitti naannaʼaa hamma Zebuuloonitti deeman; namoonni garuu isaan tuffatan; itti qoosanis.
11 Even so, some from Asher, Manasseh, and Zebulun humbled themselves and came to Jerusalem. Namoonni Aasheer, kan Minaasee fi kan Zebuuloon tokko tokko garuu gad of qabanii Yerusaalem dhaqan.
12 The hand of our Father was also on Judah, giving them one heart to do what the king and officials commanded by the word of our Father. Akka isaan waan mootichii fi qondaaltonni isaa akkuma dubbii Waaqayyootti ajajanii turan sana hojjetaniif harki Waaqaa yaada tokko isaanii kennuuf akkasuma Yihuudaa irra ture.
13 A very large assembly gathered at Jerusalem to keep the Feast of Bread Without Yeast in the second month. Tuunni akka malee guddaan tokko jiʼa lammaffaatti Ayyaana Maxinoo ayyaanessuuf Yerusaalem keessatti walitti qabame.
14 They set to work and removed the altars in Jerusalem, and they took away all the incense altars, throwing them into the Kidron Valley. Isaanis iddoowwan aarsaa kanneen Yerusaalem keessa turan bubuqqisanii, iddoowwan aarsaa ixaanaas diiganii geessanii Sulula Qeedroonitti ni gatan.
15 They slaughtered the Passover lamb on the fourteenth of the second month. The priests and Levites were ashamed, so they dedicated themselves and brought burnt offerings to the house of our Father. Guyyaa kudha afuraffaa jiʼa lammaffaattis hoolaa Faasiikaa qalan. Luboonnii fi Lewwonnis qaanaʼanii of qulqulleessuudhaan aarsaa gubamu gara mana qulqullummaa Waaqayyoo fidan.
16 They stood at their posts by custom, as the Law of Moses the man of God requires; the priests sprinkled the blood the Levites handed them. Ergasiis akkuma Seera Musee nama Waaqaa sanaa keessatti ajajametti iddoo isaaniif ramadame ni qabatan. Luboonnis dhiiga Lewwonni isaanitti kennan sana ni faffacaasan.
17 Many in the assembly had not dedicated themselves, so the Levites were in charge of killing the Passover lambs for everyone unclean, to dedicate them to our Father. Sababii waldaa sana keessaa namoonni hedduun of hin qulqulleessiniif Lewwonni namoota akka seeraatti hin qulqullaaʼinii fi namoota hoolota isaanii Waaqayyoof qulqulleessuu hin dandaʼin hundaaf jedhanii hoolota Faasiikaa ni qalu turan.
18 A large number of the people, many from Ephraim, Manasseh, Issachar, and Zebulun, had not purified themselves, yet ate the Passover, though not as written. But Hezekiah prayed for them: "May our good Father pardon everyone, Namoota biyya Efreem, Minaasee, Yisaakorii fi Zebuuloonii dhufan hedduu keessaa garri caalu of qulqulleessuu baatan iyyuu isaan waan barreeffameen alatti Faasiikaa nyaatan; Hisqiyaas garuu akkana jedhee Waaqa kadhateef; “Yaa Waaqayyoo tolaa,
19 who sets his heart to seek our Father, the God of his fathers, though not clean by the sanctuary's rules." nama garaa isaatiin siʼi Waaqayyo Waaqa abbootii isaa barbaaduuf kutate hunda yoo inni akka seera iddoo qulqulluutti qulqullaaʼaa taʼuu baate illee ati araaramiif.”
20 And our Father listened to Hezekiah and healed the people. Waaqayyos kadhannaa Hisqiyaas dhagaʼee saba sana ni fayyise.
21 The Israelites in Jerusalem kept the Feast of Bread Without Yeast seven days with great joy, and day by day the Levites and priests praised our Father with loud instruments resounding to him. Israaʼeloonni Yerusaalem keessatti argamanii turan gammachuu guddaadhaan bultii torba Ayyaana Maxinoo ayyaaneffatan; Lewwonnii fi luboonni immoo meeshaalee faarfannaa Waaqayyootiin guyyaa guyyaadhaan Waaqayyoon galateeffachaa turan.
22 Hezekiah spoke encouragingly to all the Levites skilled in serving our Father. For seven days they ate their festival share, offering peace offerings and giving thanks to our Father, the God of their fathers. Hisqiyaasis Lewwota waaʼee tajaajila Waaqayyoo irratti hubannaa gaarii qaban jajjabeessuudhaan itti dubbate. Isaanis bultii torbanuu waan isaaniif qoodame nyaachaa, aarsaa nagaas dhiʼeessaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaaniitiif galata galchan.
23 Then the whole assembly agreed to keep the feast another seven days, and they kept it seven more days with joy. Waldaan sun guutuun bultii torba itti dabalee ayyaana sana ayyaaneffachuuf walii gale; kanaafuu isaan bultii torba itti dabalanii gammachuudhaan ayyaaneffatan.
24 Hezekiah king of Judah gave the assembly 1,000 bulls and 7,000 sheep, and the officials gave 1,000 bulls and 10,000 sheep, and many priests dedicated themselves. Hisqiyaas mootichi Yihuudaas korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma torba waldaa sanaaf ni kenne; qondaaltonni isaa immoo korommii loonii kuma tokko, hoolotaa fi reʼoota kuma kudhan ni kennan. Luboonni akka malee baayʼeenis of qulqulleessan.
25 All Judah's assembly rejoiced, with the priests, the Levites, the whole assembly that came from Israel, and the foreigners from Israel's land and those living in Judah. Waldaan Yihuudaa hundi, luboota, Lewwotaa fi namoota Israaʼel keessaa walitti qabaman hunda, akkasumas alagoota Israaʼel keessaa dhufanii fi kanneen Yihuudaa keessa jiraatan hunda wajjin ni gammadan.
26 Great joy filled Jerusalem, for nothing like this had happened there since the days of Solomon son of David, king of Israel. Bara Solomoon ilma Daawit mooticha Israaʼel jalqabee waan wanni akkasii Yerusaalem keessatti takkumaa hin taʼiniif Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu taʼe.
27 The priests and Levites rose to bless the people, and their voice was heard; their prayer reached his holy home in heaven. Ergasiis luboonnii fi Lewwonni kaʼanii saba eebbisan; Waaqnis isaan dhagaʼe; kadhannaan isaanii gara samii, iddoo inni jiraatu qulqulluu sana gaʼeeraatii.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]