Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 29 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Hezekiah became king at twenty-five, reigning twenty-nine years in Jerusalem. His mother: Abijah, daughter of Zechariah. Hisqiyaas yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa digdamii sagal bulche. Maqaan haadha isaa Abiyaa ture; isheenis intala Zakkaariyaas.
2 He did right in our Father's eyes, just as his father David had done. Innis akkuma Daawit abbaan isaa godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hojjete.
3 In his reign's first year, first month, he opened the doors of our Father's house and repaired them. Inni bara mootummaa isaa keessa jiʼa jalqaba waggaa tokkoffaatti balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoo ni bane; ni haaromses.
4 He brought in the priests and the Levites and gathered them in the eastern square. Lubootaa fi Lewwota waamsisee oobdii karaa baʼa biiftuutiin jiru irratti walitti isaan qabee
5 He told them, "Hear me, Levites! Dedicate yourselves now, and dedicate our Father's house, the God of your fathers, and remove the filth from the Holy Place. akkana jedheen; “Yaa Lewwota, mee na dhagaʼaa! Amma of qulqulleessaatii mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa abbootii keessanii illee qulqulleessaa. Waan xuraaʼaa hunda iddoo qulqulluu keessaa baasaa.
6 Our ancestors were unfaithful, doing evil in our Father's eyes; they abandoned him, turned their faces from our Father's dwelling, and turned their backs. Abbootiin keenya sababii amanamoo hin turiniif fuula Waaqayyo Waaqa keenyaa duratti waan hamaa hojjetanii isa irraa garagalan. Isaanis iddoo jireenya Waaqayyoo irraa fuula isaanii deebifatanii dugda isaanii isatti garagalchan.
7 They also shut the entrance hall doors, extinguished the lamps, and did not burn incense or offer burnt offerings in the sanctuary to our Father, the God of Israel. Akkasumas balbala gardaafoo cufanii ibsaawwan ni dhaamsan. Isaan Waaqa Israaʼeliif iddoo qulqulluutti ixaana hin aarsine yookaan aarsaa gubamu hin dhiʼeessine.
8 So our Father's anger fell on Judah and Jerusalem, making them an object of terror, horror, and scorn, as you see with your own eyes. Kanaafuu dheekkamsi Waaqayyoo Yihuudaa fi Yerusaalem irra buʼe; inni akkuma isin ija keessaniin arguu dandeessan kana nama qaanii, nama qoosaa fi nama kolfaa isaan godhe.
9 For our fathers fell by the sword; our sons, daughters, and wives are captive for this. Sababiin abbootiin keenya goraadeedhaan dhumaniif, sababiin ilmaan keenya, intallanii fi niitonni keenya illee boojiʼamaniif kanuma.
10 Now I intend to make a covenant with our Father, the God of Israel, so his fierce anger turns from us. Ani amma akka dheekkamsi isaa inni sodaachisaan sun nurraa deebiʼuuf Waaqayyo Waaqa Israaʼel wajjin kakuu galuu yaadeera.
11 My sons, don't be negligent now—our Father chose you to stand before him, serve him, be his servants, and burn incense." Yaa ilmaan ko, egaa hin dagatinaa; Waaqayyo akka isin fuula isaa dura dhaabattaniif, akka isa tajaajiltaniif, akka fuula isaa duratti hojjettoota isaa taatanii ixaana aarsitaniif isin filateeraatii.”
12 The Levites stood: Kohathites—Mahath, Amasai's son, and Joel, Azariah's son; Merarites—Kish, Abdi's son, and Azariah, Jehallelel's son; Gershonites—Joah, Zimmah's son, and Eden, Joah's son; Ergasii Lewwonni kunneen hojiitti bobbaʼan; isaanis: Ilmaan Qohaatotaa keessaa, Mahat ilma Amaasaayii fi Yooʼeel ilma Azaariyaa; ilmaan Meraarotaa keessaa, Qiish ilma Abdii fi Azaariyaa ilma Yehaleliʼeel; ilmaan Geershoonotaa keessaa, Yooʼak ilma Zimaa fi Eeden ilma Yooʼaa;
13 of the sons of Elizaphan, Shimri and Jeiel; of the sons of Asaph, Zechariah and Mattaniah; ilmaan Eliisaafaanotaa keessaa, Shimrii fi Yeʼiiʼeel; ilmaan Asaaf keessaa, Zakkaariyaasii fi Mataaniyaa;
14 of the sons of Heman, Jehiel and Shimei; and of the sons of Jeduthun, Shemaiah and Uzziel. ilmaan Heemaan keessaa, Yehiiʼeelii fi Shimeʼii; ilmaan Yeduutuun keessaa, Shemaaʼiyaa fi Uziiʼeel.
15 They gathered their brothers, made themselves holy, and went to clean our Father's house, as the king commanded by our Father's words. Isaan erga obboloota isaanii walitti qabanii of qulqulleessanii booddee akkuma mootichi akka dubbii Waaqayyootti isaan ajajetti mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan.
16 The priests entered our Father's inner house to cleanse it, bringing all the impurity they found in our Father's temple out to the courtyard. The Levites carried it out to the Kidron brook. Luboonnis mana Waaqayyoo qulqulleessuuf ol ni seenan. Isaanis waan mana qulqullummaa Waaqayyoo keessatti argan kan qulqulluu hin taʼin hunda gara oobdii mana qulqullummaa Waaqayyootti gad baasan. Lewwonnis achii guuranii Sulula Qeedroonitti geessan.
17 They began dedicating the first day of month one; by the eighth day of that month, they reached our Father's entrance hall. They dedicated the house of our Father eight days, finishing the sixteenth day of month one. Isaanis hojii qulqulleessuu kana guyyaa jalqaba jiʼa duraatii jalqabanii bultii saddeettaffaatti gardaafoo Waaqayyoo bira ni gaʼan. Guyyaa saddeet itti dabalanii mana qulqullummaa Waaqayyoo qulqulleessanii jiʼa tokkoffaa guyyaa kudha jaʼaffaatti fixan.
18 Then they came in to King Hezekiah and said, "We have cleaned all of our Father's house—the altar of burnt offering with all its utensils, and the table of the Bread of the Presence with all its utensils. Isaanis gara Hisqiyaas Mootichaa dhaqanii akkana jedhaniin; “Nu guutummaa mana qulqullummaa Waaqayyoo, iddoo aarsaan gubamu itti dhiʼeeffamu miʼa isaa hunda wajjin, minjaala buddeenni qulqulleeffame irra kaaʼamu miʼa isaa hunda wajjin qulqulleessineerra.
19 All the utensils King Ahaz discarded during his unfaithful reign we have prepared and dedicated—they stand before our Father's altar." Miʼoota Aahaaz mootichi yeroo mootii turetti amanamummaa dhabee iddoo isaaniitii fuudhe hunda qulqulleessineerra; miʼoonni sunis fuula iddoo aarsaa Waaqayyoo dura jiru.”
20 King Hezekiah rose early, gathered the city's officials, and went up to our Father's house. Hisqiyaas Mootichi guyyaa itti aanu ganama bariidhaan qondaaltota magaalaa walitti qabee gara mana qulqullummaa Waaqayyootti ol baʼe.
21 They brought seven bulls, seven rams, seven lambs, seven male goats as a sin offering for the kingdom, sanctuary, and Judah, and he commanded Aaron's sons, the priests, to offer them on our Father's altar. Isaanis mootummaaf, mana qulqullummaa fi Yihuudaaf korommii loonii torba, korbeeyyii hoolaa torba, xobbaallaawwan torbaa fi korbeeyyii reʼee torba aarsaa cubbuu godhanii ni dhiʼeessan. Mootichis akka isaan horii kanneen iddoo aarsaa Waaqayyoo irratti aarsaa dhiʼeessaniif luboota sanyii Aroon sana ni ajaje.
22 They killed the bulls; the priests took the blood and splashed it on the altar. They killed the rams and splashed the blood on the altar, then killed the lambs and splashed the blood on the altar. Luboonnis korommii loonii sana qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; itti aansaniis korbeeyyii hoolaa qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan; ergasii immoo xobbaallaawwan qalanii dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti faffacaasan.
23 They brought the sin-offering goats before the king and assembly, and laid their hands on them. Reʼoonni aarsaa cubbuutiif fidamanis fuula mootichaa fi fuula waldaa duratti dhiʼeeffaman; jarris isaan irra harka isaanii kaaʼan.
24 The priests slaughtered them and made a sin offering with their blood on the altar to atone for all Israel, because the king had ordered the burnt offering and sin offering for all Israel. Sababii mootichi aarsaa gubamuu fi aarsaa cubbuu Israaʼel hundaaf ajajeef luboonni reʼoota qalanii Israaʼel hundaaf araara buusuuf dhiiga isaanii iddoo aarsaa irratti dhiʼeessan.
25 He stationed the Levites in our Father's house with cymbals, harps, and lyres, as David, Gad the king's seer, and Nathan the prophet commanded—for the command came from our Father through his prophets. Innis akkuma Daawitii fi Gaad ilaaltuu mootichaa fi Naataan raajichaan ajajametti Lewwota kilillee, baganaa fi kiraara qabachiisee mana qulqullummaa Waaqayyootti ramade; kunis ajaja Waaqayyo karaa raajota isaatiin kennee dha.
26 The Levites stood with the instruments of David, and the priests with the trumpets. Kanaafuu Lewwonni miʼa faarfannaa kan Daawit, luboonni immoo malakata isaanii qabatanii qophaaʼanii dhaabatan.
27 Hezekiah ordered the burnt offering on the altar; when it began, the song of our Father began too, with the trumpets and the instruments of David, king of Israel. Hisqiyaas akka aarsaan gubamu iddoo aarsaa irratti dhiʼeeffamuuf ajaje. Akkuma aarsaan dhiʼeeffamuu jalqabeen faarfannaan malakataa fi miʼa faarfannaa kan Daawit mooticha Israaʼeliin Waaqayyoof faarfatamus ni jalqabame.
28 The whole assembly bowed, the singers sang, the trumpeters sounded, until the burnt offering was finished. Waldaan guutuun gad jedhee sagade; faarfattoonni ni faarfatan; warri malakata afuufanis ni afuufan. Wanni kun hundi hamma aarsaan gubamu dhiʼeeffamee xumuramutti itti fufe.
29 When the offering ended, the king and all present with him bowed and worshiped. Yommuu aarsaa dhiʼeessuun xumurametti mootichii fi warri isa wajjin turan hundinuu jilbeenfatanii sagadan.
30 King Hezekiah and the officials had the Levites praise our Father with words from David and Asaph the seer. They sang for joy, bowed low, and worshiped. Hisqiyaas Mootichii fi qondaaltonni isaa akka Lewwonni dubbii Daawitii fi dubbii Asaaf ilaaltuu sanaatiin Waaqayyoon galateeffatan ajajan. Kanaafuu isaan gammachuudhaan faarfannaa galataa faarfatanii gad jedhanii sagadan.
31 Then Hezekiah said, "You have now dedicated yourselves to our Father. Come near, bring sacrifices and thank offerings to our Father's house." So the assembly brought sacrifices and thank offerings; all willing hearts brought burnt offerings. Ergasiis Hisqiyaas, “Isin amma Waaqayyoof of qulqulleessitaniirtu. Kottaatii qalmaa fi aarsaa galataa mana qulqullummaa Waaqayyootti galchaa” jedhe. Kanaafuu waldaan sun qalmaa fi aarsaa galataa dhiʼeesse; warri garaan isaanii jaallate hundis aarsaa gubamu dhiʼeessan.
32 The assembly brought seventy bulls, one hundred rams, 200 lambs—all as a burnt offering to our Father. Aarsaan gubamu kan waldaan sun dhiʼeesses korommii loonii torbaatama, korbeeyyii hoolaa dhibba tokkoo fi xobbaallaawwan hoolaa dhibba lama ture; kunneen hundi aarsaa gubamu taʼanii Waaqayyoof dhiʼeeffaman.
33 And the consecrated offerings were 600 bulls and 3,000 sheep. Horiin qulqulleeffamee qalmaaf dhiʼeeffame walumaa galatti korommii loonii dhibba jaʼaa fi hoolaa fi reʼee kuma sadii ture.
34 The priests were too few to skin all the burnt offerings, so their Levite brothers helped them until the work was done and until the priests made themselves holy; the Levites were more honest in heart to make themselves holy than the priests. Haa taʼu malee horii aarsaaf dhiʼeeffaman irraa gogaa baasuuf lakkoobsi lubootaa gaʼaa hin turre; kanaafuu firoonni isaanii Lewwonni hamma hojiin sun dhumuttii fi hamma luboonni biraa qulqulleeffamanitti isaan gargaaran; Lewwonni ofii isaanii qulqulleessuutti luboota caalaa gara toloota turaniitii.
35 Besides the many burnt offerings, there was fat from peace offerings and drink offerings for them. So the service of our Father's house was restored. Cooma aarsaa nagaa fi dhibaayyuu aarsaa gubamu wajjin dhiʼeeffamu dabalatee aarsaan gubamu akka malee hedduutu ture. Akkasiin tajaajilli mana qulqullummaa Waaqayyoo akka duriitti deebiʼe.
36 Hezekiah and all the people rejoiced over what our Father prepared for them, since it happened suddenly. Hisqiyaasii fi namoonni hundi sababii waan Waaqni saba isaaf godheef ni gammadan; wanni kun dafee taʼeetii.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]