Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 28 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Ahaz became king at twenty; he reigned sixteen years in Jerusalem. He did not do right in our Father's eyes, as his ancestor David had. Aahaaz yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdama ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Inni akka abbaa isaa akka Daawit fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa hin hojjenne.
2 Instead, he walked in the ways of Israel's kings and cast metal idols for the Baals. Inni karaa mootota Israaʼel duukaa buʼee Baʼaalin waaqeffachuuf jedhees waaqota tolfamoo baqsee ni tolche.
3 He burned incense in Ben-Hinnom Valley and burned his sons in fire, copying detestable practices of the nations our Father drove out before Israel. Inni gochawwan jibbisiisoo saboota Waaqayyo fuula Israaʼelootaa duraa ariʼee baase sanaa hojjechuudhaan Sulula Ben Hinoom keessatti ixaana ni aarse; ilmaan isaa illee aarsaa godhee ibiddaan gube.
4 He sacrificed and burned incense on the high places, the hills, and under every leafy tree. Innis iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraatti, fiixee gaarranii irrattii fi muka lalisaa hunda jalatti qalma dhiʼeessee, ixaanas aarse.
5 So our Father gave him to Aram's king, who struck him, took many captives to Damascus; he was also given to Israel's king, who struck him a heavy blow. Kanaafuu Waaqayyo Waaqni isaa dabarsee harka mootii Sooriyaatti isa kenne. Warri Sooriyaas isa moʼatanii namoota isaa hedduus boojiʼanii Damaasqootti geessan. Achii immoo inni harka mootii Israaʼelitti dabarfamee ni kenname; mootichis miidhaa guddaa isa irraan ni gaʼe.
6 Pekah son of Remaliah killed 120,000 brave men of Judah in one day, because they abandoned our Father, the God of their ancestors. Sababii sabni Yihuudaa Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dhiiseef Pheqaan ilmi Remaaliyaa guyyaa tokkotti loltoota Yihuudaa kuma dhibba tokkoo fi digdama ni fixe.
7 Zichri, an Ephraim warrior, killed Maaseiah the king's son, Azrikam the palace commander, and Elkanah, the king's second. Zikriin loltuun jabaan gosa Efreem sun immoo Maʼaseyaa ilma mootichaa, Azriiqaam ajajaa masaraa mootummaa fi Elqaanaa itti aanaa mootichaa ni ajjeese.
8 Israel captured 200,000 relatives—women, sons, daughters—and much plunder, carrying it off to Samaria. Israaʼeloonni firootuma isaanii irraa niitota, ilmaanii fi intallan kuma dhibba lama ni boojiʼan. Akkasumas boojuu akka malee baayʼee fudhatanii Samaariyaatti ni deebiʼan.
9 Oded, a prophet of our Father, was there. He met the army returning to Samaria: "See, our Father, the God of your ancestors, was angry with Judah, so he handed them to you. But you killed them with rage reaching heaven. Garuu raajiin Waaqayyoo kan Oodeed jedhamu tokko achi ture; innis yeroo loltoonni Samaariyaadhaa deebiʼanitti isaan simachuuf ni baʼe. Innis akkana isaaniin jedhe; “Waaqayyo Waaqni abbootii keessanii waan Yihuudaatti aareef dabarsee harka keessanitti isaan kenne. Isin garuu dheekkamsa hamma samiitti ol fagaatuun isaan ni fixxan.
10 Now you intend to enslave Judah and Jerusalem's people, male and female. Aren't you yourselves guilty of sins against your Father? Ammas dhiirotaa fi dubartoota Yihuudaa fi Yerusaalem garboota keessan gochuu ni yaaddan. Isin mataan keessan iyyuu fuula Waaqayyo Waaqa keessanii duratti cubbuu hin hojjennee ree?
11 Now listen: send back the relatives you captured, for our Father's fierce anger is on you." Mee na dhagaʼaa! Sababii dheekkamsi Waaqayyoo isinitti bobaʼeef namoota biyya keessanii kanneen boojitanii fiddan sana deebisaa.”
12 Some Ephraimite chiefs—Azariah son of Johanan, Berechiah son of Meshillemoth, Jehizkiah son of Shallum, Amasa son of Hadlai—opposed those coming from battle. Ergasiis hangafoota namoota Efreem keessaa tokko tokko jechuunis Azaariyaa ilmi Yehohaanaan, Berekiyaan ilmi Meshileemoot, Yehiizqiiyaa ilmi Shaluumii fi Amaasaayi ilmi Hadilaay warra duulaa galaa jiran mormuudhaan
13 "Don't bring the captives here," they said. "You plan to add to our sins and guilt against our Father. Our guilt is already great, and fierce anger hangs over Israel." akkana jedhan; “Isin boojiʼamtoota kanneen as fiduu hin qabdan; yoo kanaa achii nu fuula Waaqayyoo duratti cubbamoota ni taana. Isin amma illee cubbuu fi balleessaa keenya ittuma dabaluu feetuu? Yakki keenya duraanuu baayʼateera; dheekkamsi isaa Israaʼelitti bobaʼeeraatii.”
14 So the soldiers handed the captives and plunder in front of the officials, before the whole assembly. Kanaafuu loltoonni fuula qondaaltotaatii fi yaaʼii guutuu duratti boojiʼamtootaa fi boojuu gad dhiisan.
15 The named men took the captives and clothed all the naked from the plunder. They gave them clothes and sandals, food and drink, and anointed them with oil. They set the feeble on donkeys, brought them to their fellow Israelites at Jericho, city of palms, then returned to Samaria. Namoonni maqaan isaanii eerames loltoota harka boojiʼamtoota ni fuudhan; waan boojiʼame irraas warra qullaa jiran hundatti wayyaa ni uffisan. Isaanis uffataa fi kophee, waan nyaatamuu fi waan dhugamu illee ni kennaniif; dibatas isaan diban. Warra dadhaban hunda immoo harree irra teessisanii biyya firoonni isaanii jiran Magaalaa Meexxii sanatti gara Yerikootti isaan deebisanii ofii immoo Samaariyaatti ni dachaʼan.
16 At that time King Ahaz sent to the king of Assyria for help. Yeroo sanatti Aahaaz Mootichi gargaaraa argachuuf gara mootii Asooritti nama ergate.
17 The Edomites had invaded Judah once again and carried off captives, Edoomonni ammas dhufanii Yihuudaatti balaa buusanii boojiʼamtoota fudhatanii deemanii turaniitii;
18 while Philistines raided Judah's lowland and Negev towns, seizing Beth-shemesh, Aijalon, Gederoth, Soco, Timnah, and Gimzo with their villages, and settled there. Filisxeemonni immoo magaalaawwan gaarran jalaa fi kanneen gama kibba Yihuudaatti argaman weeraranii Beet Shemeshi, Ayaaloon, Gedeerooti, Sookoo, Tiimnaahi, Gimzoo fi gandoota naannoo isaanitti argaman qabatanii keessa ni qubatan.
19 Our Father humbled Judah because of Ahaz king of Israel, who spread wrongdoing in Judah and betrayed our Father completely. Sababii Aahaaz mootichi Israaʼel saba Yihuudaa cubbuuf kakaasee ofii immoo Waaqayyoof amanamuu dideef Waaqayyo Yihuudaa ni salphise.
20 Tiglath-pileser king of Assyria came to Ahaz, but Tiglath-pileser brought him trouble instead of help. Tiiglaat-Philneeser mootichi Asoor gara isaa dhufee ture; taʼus inni qooda isa gargaaru rakkina isatti fide.
21 Ahaz stripped our Father's house, the royal palace, and the officials of their treasures, giving them to Assyria's king—yet it brought him no help. Aahaaz mana qulqullummaa Waaqayyoo keessaa, masaraa mootii fi mana ilmaan mootiitii waan tokko tokko fuudhee mootii Asooriif kennaa godhee ni dhiʼeesse; taʼus kunis isa hin gargaarre.
22 In his time of distress, this same King Ahaz became even more unfaithful to our Father. Aahaaz Mootichi yeroo rakkina isaa keessa illee ittuma caalchisee Waaqayyoof amanamuu ni dide.
23 He sacrificed to Damascus's gods, his defeaters, thinking, "Aram's kings' gods helped them; I'll sacrifice to them so they'll help me." But they ruined him and all Israel. Innis waaqota Damaasqoo kanneen isa moʼataniif aarsaa ni dhiʼeesse; “Waaqonni mootota Sooriyaa sababii isaan gargaaraniif akka isaan ana illee gargaaraniif ani aarsaa nan dhiʼeessaaf” jedhee yaadee tureetii. Isaan garuu kufaatii isaa fi kufaatii Israaʼel hundaa ni fidan.
24 Ahaz gathered the articles of our Father's house and cut them to pieces, shut the doors of our Father's house, and set up altars for himself at every corner in Jerusalem. Aahaaz miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa walitti qabee fudhatee deeme. Balbalawwan mana qulqullummaa Waaqayyoos cufee golee daandiiwwan Yerusaalem hunda irratti iddoowwan aarsaa ni dhaabe.
25 In every Judah town he built high places to burn offerings to other gods, angering our Father, the God of his ancestors. Magaalaa Yihuudaa hunda keessattis waaqota biraaf ixaana aarsuuf iddoowwan sagadaa kanneen gaarran irraa ijaaree Waaqayyo Waaqa abbootii isaa dheekkamsaaf ni kakaase.
26 The rest of his deeds and all his ways, first to last, are written in the Book of the Kings of Judah and Israel. Wantoonni bara mootummaa isaa keessa jalqabaa hamma dhumaatti hojjetaman kanneen biraa fi akki inni itti jiraate hundi kitaaba mootota Yihuudaa fi Israaʼel keessatti barreeffamaniiru.
27 Ahaz rested with his ancestors, buried in Jerusalem, but not in Israel's kings' tombs. His son Hezekiah reigned instead. Aahaazis abbootii isaa wajjin boqotee magaalaa Yerusaalem keessatti ni awwaalame; garuu iddoo awwaala mootota Israaʼel keessa hin kaaʼamne. Ilmi isaa Hisqiyaas iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]