Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 36 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The people of the land took Josiah's son Jehoahaz and made him king in Jerusalem in place of his father. Ergasiis sabni biyya sanaa Yehooʼaahaaz ilma Yosiyaas fuudhanii Yerusaalem keessatti iddoo abbaa isaa buusanii mootii isa godhan.
2 Jehoahaz was twenty-three years old when he became king, and he reigned three months in Jerusalem. Yehooʼaahaaz yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii sadii ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii bulche.
3 Egypt's king deposed him at Jerusalem and fined the land about 7,500 pounds of silver and 75 pounds of gold. Mootiin Gibxi immoo Yerusaalem keessatti teessoo isaa irraa isa buuse; Yihuudaa irrattis gibira meetii taalaantii dhibba tokkoo fi warqee taalaantii tokko mure.
4 Egypt's king made his brother Eliakim king over Judah and Jerusalem, renaming him Jehoiakim; Neco took his brother Jehoahaz to Egypt. Mootiin Gibxis Eliiyaaqiim obboleessa Yehooʼaahaaz Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe; innis maqaa Eliiyaaqiim geeddaree Yehooyaaqiim jedheen. Nekkoonis Yoʼahaz obboleessa Eliiyaaqiim fuudhee Gibxitti geesse.
5 Jehoiakim was twenty-five when he became king; he reigned eleven years in Jerusalem, doing evil in our Father's eyes. Yehooyaaqiim yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche. Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa hojjete.
6 Nebuchadnezzar king of Babylon marched against him, bound him in bronze chains to take him to Babylon. Nebukadnezar mootichi Baabilon isatti duule; gara Baabilonittis isa geessuudhaaf foncaa naasiitiin isa hidhe.
7 Nebuchadnezzar also took some of our Father's house articles to Babylon, putting them in his temple in Babylon. Nebukadnezar miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo guuree Baabilonitti geessee mana waaqeffannaa isaa keessa ni kaaʼe.
8 The rest of Jehoiakim's acts, his detestable things, and the charges against him are written in the Book of Kings of Israel and Judah; his son Jehoiachin reigned in his place. Wantoonni bara mootummaa Yehooyaaqiim keessa hojjetaman kanneen biraa, wanni jibbisiisaan inni hojjetee fi balleessaan isa irratti argame hundi kitaaba seenaa mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. Ilmi isaa Yehooyaakiin iddoo isaa buʼee mootii taʼe.
9 Jehoiachin was eight when he became king; he reigned three months and ten days in Jerusalem, doing evil in our Father's eyes. Yehooyaakiin yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa kudha saddeet ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee jiʼa sadii fi bultii kudhan bulche. Fuula Waaqayyoo durattis waan hamaa hojjete.
10 In spring, King Nebuchadnezzar brought him to Babylon with the precious articles from our Father's house, making Zedekiah, Jehoiachin's relative, king over Judah and Jerusalem. Birraa keessas Nebukadnezar Mootichi nama itti ergee miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen gatii guddaa qaban wajjin gara Baabilon isa fichisiise; Zedeqiyaa obboleessa abbaa Yehooyaakiin sana immoo Yihuudaa fi Yerusaalem irratti mootii godhe.
11 Zedekiah was twenty-one years old when he became king, and he reigned eleven years in Jerusalem. Zedeqiyaa yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii tokkoo ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha tokko bulche.
12 He did evil in our Father's eyes, not humbling himself before Jeremiah the prophet, who spoke from our Father's mouth. Inni fuula Waaqayyo Waaqa isaa duratti waan hamaa ni hojjete; fuula Ermiyaas raajicha dubbii Waaqayyoo isatti dubbate sanaa durattis gad of hin qabne.
13 He also rebelled against King Nebuchadnezzar, who made him swear by our Father, stiffening his neck and hardening his heart, refusing to return to our Father, God of Israel. Akkasumas Nebukadnezar Mooticha maqaa Waaqaatiin isa kakachiisee turetti illee ni fincile. Inni mataa jabaatee gara Waaqayyo Waaqa Israaʼelitti deebiʼuu ni dide.
14 All the leading priests and the people grew more and more unfaithful, matching all the nations' detestable practices, and made unclean the house our Father had made holy in Jerusalem. Kana malees dura buutonni lubootaa hundii fi uummanni wantoota jibbisiisoo saboota kaanii hunda duukaa buʼuu fi mana qulqullummaa Waaqayyoo kan inni Yerusaalem keessatti qulqulleesse sana xureessuudhaan ittuma caalchisanii amanamummaa dhaban.
15 Our Father, the God of their fathers, sent word repeatedly through his messengers, pitying his people and his dwelling place. Waaqayyo Waaqni abbootii isaanii waan saba isaa fi iddoo jireenya isaaf garaa laafeef karaa ergamoota isaatiin ammumaa amma ergaa itti erge.
16 But they mocked our Father's messengers, despised his words, mocked his prophets, until our Father's anger rose against his people, past remedy. Isaan garuu ergamoota Waaqaatti qoosan; dubbii isaas tuffatanii raajota isaa xinneessan. Kanaanis dheekkamsi Waaqayyoo saba isaatti ni buʼe; wanni isa qabbaneessus hin argamne.
17 So he brought Chaldea's king against them, who killed their young men with the sword in their sanctuary, sparing no young man, virgin, elder, or aged. Our Father gave them all into his hand. Kanaafuu inni mootii warra Baabilon isaanitti fide; mootichis mana qulqullummaa keessatti dargaggoota isaanii goraadeedhaan fixe; dargaggoota yookaan dubara, jaarsolii yookaan warra dullooman tokko illee hin hambifne. Waaqni hunda isaanii dabarsee harka Nebukadnezaritti kenne.
18 All the articles of our Father's house, great and small, the treasures of our Father's house and of the king and his officials—all he brought to Babylon. Innis mana qulqullummaa Waaqaatii miʼoota hunda xinnaa fi guddaa, qabeenya mana qulqullummaa Waaqayyoo, qabeenya mootichaa fi kan qondaaltota isaa saamee Baabilonitti geesse.
19 They burned the house of our Father, tore down Jerusalem's wall, burned all its palaces, destroyed everything valuable in it. Isaan mana qulqullummaa Waaqaatti ibidda qabsiisanii dallaa Yerusaalem diigan; masaraawwan mootummaa hunda gubanii waan gatii qabu hundas barbadeessan.
20 He exiled the sword's survivors to Babylon; they served him and his sons until Persia's kingdom began to reign, Inni hambaa goraadee irraa hafe boojiʼee Baabilonitti geesse; isaanis hamma mootummaan Faares aangoo qabatetti tajaajiltoota isaa fi tajaajiltoota ilmaan isaa taʼan.
21 to fulfill our Father's word through Jeremiah: until the land enjoyed its sabbaths, all its desolate days it rested, fulfilling seventy years. Biyyattiin boqonnaa sanbata ishee ni argatte; akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame raawwatamuuf hamma waggaan torbaatamni dhumutti biyyattiin yeroo ontee turte guutuu ni boqotte.
22 In Cyrus king of Persia's first year, to fulfill our Father's word through Jeremiah, our Father stirred Cyrus king of Persia's spirit to proclaim throughout all his kingdom, and to put it in writing: Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:
23 Cyrus king of Persia says: "The LORD, God of heaven, gave me all earth's kingdoms and charged me to build him a house in Jerusalem, in Judah. Any of his people among you—may the LORD his God be with him—let him go up." “Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqayyo Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis ol haa baʼu.’ ”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]