Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

2 Chronicles 27 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Yootaam Mooticha Yihuudaa

1Yootaam yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture; innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. Maqaan haadha isaa Yaruusaa ture; isheenis intala Zaadoq turte. 2Innis akkuma abbaan isaa Uziyaan godhe sana fuula Waaqayyoo duratti waan qajeelaa ni hojjete; inni garuu akka abbaa isaa mana qulqullummaa Waaqayyoo hin seenne. Taʼus namoonni cubbuu hojjechuu ittuma fufan. 3Yootaam Karra mana qulqullummaa Waaqayyoo kan Ol aanu deebisee ijaare; dallaa dhagaa kan gaara Oofeel irrattis hojiiwwan ijaarsaa baayʼee ni hojjete. 4Gaarran Yihuudaa irratti magaalaawwan, bosona keessatti immoo daʼannoowwanii fi gamoowwan ni ijaare.

5Yootaamis mootii Amoonotaa waraanee isaan ni moʼate. Waggaa sana keessa Amoononni meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii kuma kudhanii fi garbuu safartuu qoroosii kuma kudhan ni kennaniif. Amoononni waggaa lammaffaa fi waggaa sadaffaattis hammasuma ni kaffalaniif.

6Yootaam sababii fuula Waaqayyo Waaqa isaa dura amanamummaan deddeebiʼeef jabaachaa deeme.

7Wantoonni bara Yootaam keessa hojjetaman biraa, lola inni lolee fi wantoonni inni hojjete biraa kitaaba mootota Israaʼelii fi Yihuudaa keessatti barreeffamaniiru. 8Inni yeroo mootii taʼetti nama waggaa digdamii shan ture. Innis Yerusaalem keessa taaʼee waggaa kudha jaʼa ni bulche. 9Yootaam abbootii isaa wajjin boqotee Magaalaa Daawit keessatti ni awwaalame. Ilmi isaa Aahaaz iddoo isaa buʼee mootii taʼe.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]