Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Ruth 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Then her mother-in-law Naomi said, "My daughter, shouldn't I seek a home for you, so it goes well for you? Naa'oomiin haati sodda'aa ta isi'ii, «Intala tiyya, ati mana qabaattu sii dansa'aa, ani bultii sii barbaada.
2 Isn't Boaz, whose young women you were with, our relative? Tonight he winnows barley at the threshing floor. Bo'aziin ati dubartoota hojjattoota isaa woliin hujju, fira aanti'ii keenna; kunoo inni galgala adhaa garbuu eeddumme'etti hin qulleeffata.
3 Wash, perfume yourself, put on your cloak, and go down to the threshing floor. Don't reveal yourself to the man until he finishes eating and drinking. Amma nafa dhiqadhuu, dibadhuu, woyaa adduu teeti uffadhuu gara eeddumme'ee gad dhaqi; ammoo haga inni nyaataa fi unii fixatutti itti hin mudhatin.
4 When he lies down, note the place; go uncover his feet and lie down—he'll tell you what to do." Yennaa inni irkate, addee inni irkate hubadhu; achiin duuba, dhaqiitii miila isaa irraa woyaa saaqiitii miila isaa jalaan irkadhu; innille waan ati gootu sitti hin hima» isi'iin jette.
5 And Ruth said to her, "All that you say I will do." Ruuti deebittee, «Waan maraayyuu akkuma ati jette hin godha» jetteen.
6 So she went down to the threshing floor and did everything her mother-in-law had told her. Maarre Ruuti gara eeddumme'ee gad dhaxxee akkuma haati sodda'aa isi'ii jetteen goote.
7 Boaz ate, drank, and felt good, then lay down at the end of the grain heap. She came secretly, uncovered his feet, and lay down. Bo'az nyaatee uneen duuba, gammadaan, tuulaa garbu'uu bira irkatiisaaf dhaqe. Achiin duuba Ruuti suutaan dhuttee, miila isaa irraa woyaa saaxxee, jalaan irkatte.
8 At midnight the man was startled, turned over, and there lay a woman at his feet! Halkan wodhakkaa Bo'az dedhuma dammaqee, garagalee, dubartiin takka, miila isaa jalaan irkatteertuun dhaggee baaseffate,
9 "Who are you?" he asked. "I am Ruth, your servant," she said. "Spread your cloak's corner over your servant, for you are a redeemer." «Ati eennu?» jedhee gaafate. Isiille deebittee, «Ani tajaajiltuu teeti Ruuti, goottaa kiyya; ati fira aanti'ii waan teeteef, ati eegunsa naa godhiisaaf itti gaafatamummaa qadda. Tanaaf na dhaali» jetteen.
10 He said, "Blessed are you by our Father, my daughter. This last kindness is better than the first, since you didn't chase young men, poor or rich. Inni, «Intala tiyya, Mootiin Waan Maraa si eebbisu; addatamummaan teetii ta ammaa tun ta dur haadha sodda'aa teetiif goote caalti; hiyyeessalle te'ee yookiin dureessa, ati dargaggeeyyii gula hin deenne.
11 Now, my daughter, don't be afraid. I'll do all you ask, for my whole town knows you're a worthy woman. Ammalle, intala tiyya, hin sodaatin; akka ati dubartii dansa'aa kolbaan tiyya duudiin waan beettuuf, waan ati na gaafatu mara siif hin godha.
12 Now it is true that I am a redeemer, yet there is a redeemer nearer than I. Fira aanti'ii te'uun kiyya dhuguma; te'uu malee na caalaa fira aanticha ka te'e nama dhibi'itti jira.
13 Stay tonight. In the morning, if he'll redeem you—good, let him redeem. If not, as our Father lives, I will redeem you. Lie down until morning." Edana as buli; barii, inni yoo si dhaale dansa'a; dhaaluu ti. Inni si dhaaluu ka hin feene yoo te'e, Mootii Waan Maraa jiraata'aan kakadha, ani si dhaala; haga bariitutti irkadhu!» jedheen.
14 She lay at his feet until morning, rose before anyone was recognizable, for he said, "No one may know a woman came to the threshing floor." Maarre isiin haga bariitutti miila isaa jala irkatte; ammoo gara eeddumme'ee akka isiin dhutte eennulle akka beeku, Bo'az waan hin barbaadiniif, Ruuti barii caararra'aan kaate.
15 He said, "Bring the shawl you're wearing; hold it out." She held it out. He measured six portions of barley, put it on her, and went into the city. Achiin duuba inni Ruutiin, «Qophisoo uffatteertu as fidii afi» jedhe; isiille atte, innille garbuu gara kiiloo diddamaa itti ba'achiise; achiin duuba isiin gara qacha'aa deebite.
16 When Ruth came to her mother-in-law, Naomi asked, "How did it go, my daughter?" She told her all the man had done for her. Ruuti gara haadha soddaa ifii Naa'oomii yennaa deebite, Naa'oom, «Intala tiyya, dubbiin attam sii teete?» jettee gaafatte. Achiin duuba Ruuti waan Bo'az godheef mara itti odeessitee,
17 She said, "He gave me these six measures of barley, saying, 'Don't return to your mother-in-law empty-handed.'" «Inni, ‹Harka duwwaa gara haadha sodda'aa teeti hin deebi'in› naan jedhee, garbuu gara kiiloo diddamaa kana naa kenne» jette.
18 Naomi said, "Wait, my daughter, until you know the outcome, for the man won't rest until he settles it today." Naa'oom deebittee, «Intala tiyya, namichi adha dubbii hobbaasu malee waan hin foorfanneef, haga deebii dubbii tanaa dhaggitutti eegadhu» jette.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]