Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Ruth 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Naomi had a relative through her husband, a prominent, wealthy man from Elimelech's clan, named Boaz. Naa'oom namicha dureessa beekkamaa, worra Eliimelekii ka te'e, Bo'az ka jedhamu, fira dhirsa isi'ii ka te'e tokko qaddiiyyu.
2 Ruth the Moabite said to Naomi, "Let me glean grain behind anyone who favors me." She said, "Go, my daughter." Gaafa tokko intalti gosa Mo'aabii Ruuti, Naa'oomiin, «Me gara fichaa nama fuula isaa duratti fudhatama dhaggadhuu dhaqee duubaan woxoo qocadha» jette; Naa'oomille, «Intala tiyya, deemi» jetteen.
3 So she went out and gleaned behind the harvesters, and she happened to come to the field belonging to Boaz, of Elimelech's family. Maarre isiin dhaxxee, fichaa keessa worra midhaan haamu duubaan woxoo qocatte. Ada fichaan isiin woxoo qocattuun sunuu, fichaa Bo'azii worra Eliimelekiitiiyyu.
4 Just then Boaz came from Bethlehem, telling the harvesters, "May our Father be with you." "Our Father bless you," they replied. Yoosuma Bo'az Beeteelem irraa dhufee, worra midhaan haamuun, «Mootiin Waan Maraa isin woliin jiraatu» jedhee nageya fuudhe. Isaan deebisanee, «Mootiin Waan Maraa si eebbisu» jedhane.
5 Then Boaz said to his foreman, "Whose young woman is this?" Achiin duuba Bo'az, «Intalti dargaggeettiin tun ta eennuuti?» jedhee itti gaafatamaa worra midhaan haamuu gaafate.
6 The foreman answered, "She's the young Moabite woman who returned with Naomi from Moab's country. Tajaajilichi itti gaafatamaan worra midhaan haamuu sun deebisee, «Isiin intala Naa'oom woliin biyya Mo'aabii irraa dhutte.
7 She said, 'Please let me glean and gather among the sheaves behind the harvesters.' She came and has stayed from morning till now, resting only briefly in the shelter." Isiin, anaan ‹Maganne'ee, worra midhaan haamu duubaan odduu ladde'eetii woxoo qocadha› jette. Ganamaa jalqaddee haga ammaa woxoo qocataa turtee, amma gaaddisa jalatti diqqoo foora fudhatiisatti jirti» jedhe.
8 Boaz said to Ruth, "Listen, my daughter. Don't glean in another field or leave here; stay close to my young women. Achiin duuba Bo'az Ruutiin, «Intala tiyya, na dhage'i; dubartoota hojjattoota as jirtu gula woxoo qocadhu malee, fichaa kana lakkittee, fichaa dhibii keessaa woxoo qocatiisaaf hin dhaqin.
9 Watch the field they harvest and follow behind them. I've told the young men not to touch you. When thirsty, drink from the jars the young men filled." Fichaa isaan haamanu ilaan qabii, isaan faana deemi. Dargaggeeyyiin dhiiraa akka si hin nunnussine ani ajajeera. Yennaa dheebotte, okkotee isaanii keessaa dhaqii uni» jedheen.
10 She bowed facedown to the ground and asked him, "Why have I found favor in your eyes that you notice me, a foreigner?" Achiin duuba Ruuti fuulaan lafatti gad jiddee, «Ani orma tokko yennaa te'u, ati akka naa yaadattu, fuula keeti duratti maaf fudhatama dhaggadhe?» isaan jette.
11 Boaz answered, "I've heard all you did for your mother-in-law since your husband died—how you left your father, mother, and homeland to come to a people you didn't know before. Bo'az ammoo deebisee, «Haga abbaan manaa keeti du'ee wonni ati haadha sodda'aa teetii goote marti, abba'aa fi haadha teeti, lafa itti dhalattelle lakkittee gara kolbaa duraan hin beennee attam akka dhutte, guutumatti martinuu natti himameera.
12 May our Father repay your deed; may our Father, the God of Israel, under whose wings you've come for refuge, reward you fully." Hujii teetiif Mootiin Waan Maraa sii kaffalu. Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, ka bobaa isaatitti dheette kaffaltii guutuu sii kaffalu» jedhe.
13 "May I find favor in your eyes, my lord," she said, "for you've comforted me and spoken kindly to your servant, though I'm not one of your servants." Achiin duuba Ruuti, «Ani tajaajiltoota teeti keessaa takkaa te'uu dhabulle, waan na jajjabeessitee ana tajaajiltuu teetitti gadhi laafinnaan dubbatteef, goottaa kiyya, fuula keeti duratti ani fudhatama hin dhabin» jette.
14 At mealtime Boaz said, "Come here, eat some bread, dip your piece in the wine vinegar." She sat beside the harvesters; he passed her roasted grain. She ate her fill and had some left. Yennaa sagalee nyaataatitti Bo'az, isi'iin, «As koy, daabboo tana itto'otti cuuphadhuu nyaadhu» jedheen; maarre isiin worra midhaan haamu bira teette; Bo'azille akum'ee garbuu sanii isii dura qabe. Isiin haga quuttutti nyaattee, hambaalle hatteef.
15 When she rose to glean, Boaz ordered his young men, "Let her glean even among the sheaves; don't shame her. Yennaa isiin woxoo qocatiisaaf kaate, Bo'az hojjatoota ifiitiin, «Odduu ladde'eelle'ee woxoo qocattuutii, isii hin xixina'a.
16 Instead, pull stalks from the bundles for her and leave them for her to pick up, and don't correct her." Laddee keessalle'ee luqqisaa, akka isiin woxoo qocattu lakkisa'aaf, isii hin xixina'a» jedhe.
17 She gleaned in the field till evening, then beat out what she'd gathered—about twenty quarts of barley. Maarre Ruuti haga galgalaatitti fichaa keessaa woxoo qocatte. Achiin duuba woxoo qocatte san sukkuumattee garbuu gara kiiloo kudhanii te'e.
18 She carried it to town; her mother-in-law saw how much she'd gleaned. She also brought out and gave her what she'd saved after eating her fill. Ruuti garbuu san fudhattee gara qacha'aa dhuttee, woxoo hagam geettu akka qocatte haadha sodda'aa ta ifiititti mudhitte. Achiin duuba Ruuti nyaattee quutteertuun hambaa irraa hatte fuutee haadha sodda'aa ifiitiif kennite.
19 Her mother-in-law asked, "Where did you gather today? Where did you work? Blessed be the man who noticed you!" Ruth named whose field: "The man I worked with today is Boaz." Haati sodda'aa ta isi'ii, «Ati adha eessaa woxoo qocatte? Eessa hujatte? Nama siif yaade san Waaqi eebbisuu ti» jetteen. Maarre Ruuti, «Maqaan namicha ani adha fichaa isaa keessa hujadhee Bo'az» jettee haadha sodda'aa ta ifiititti hinte.
20 Naomi told her daughter-in-law, "May our Father bless him, whose kindness hasn't left the living or the dead." She added, "He's a close relative, one of our redeemers." Achiin duuba Naa'oom niitii ilma ifiitiin, «Mootiin Waan Maraa ka worra jiruu fi worra du'elle'eef arjummaa ifii hin lakkinne, isa eebbisu» jette. Ammalle Naa'oom, Ruutiin, «Namichi sun fira aanti'ii keenna; inni nama nu dhaalu» jette.
21 Then Ruth the Moabite said, "He even told me, 'Stay with my workers until they finish all my harvest.'" Achiin duuba Ruuti, «Inni ‹Haga midhaan kiyya mara haamamee fixamutti, hojjatoota tiyya biraa hin fagaatin› naan jedheera» jetteen.
22 Naomi told her daughter-in-law Ruth, "Good, my daughter—go out with his young women, so you won't be harmed in another field." Naa'oom, Ruutii niitii ilma ifiitiin, «Intala tiyya, dubartoota hojjattoota isaa woliin hujachuu sii woyya; fichaa nama dhibi'ii yoo dhaxxe si rakkisan fa te'a» jette.
23 She stayed close to Boaz's young women, gleaning until the barley and wheat harvests ended, and lived with her mother-in-law. Maarre Ruuti haadha sodda'aa ifii woliin le'aa, dubartoota Bo'azii hojjatanu irraa adoo hin fagaatin, haga qamadi'ii fi garbuun haamamanee fixamanutti woxoo qocatte.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]