Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Ruth 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 When the judges ruled, a famine struck the land, and a man from Bethlehem in Judah went with his wife and two sons to stay a while in the fields of Moab. Bara durii, yennaa abbootiin mura'aa biyya Israa'elii bulchitu, beelti biyyatti buunaan, namichi tokko ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa, haadha manaa ifiitii fi ijoollee ifii ta dhiiraa lamaan woliin gara lafa Mo'aabii godaane.
2 The man was named Elimelech, his wife Naomi, and his two sons Mahlon and Chilion—Ephrathites from Bethlehem in Judah. They went to the territory of Moab and stayed there. Maqaan namicha sanii Eliimelek; haati manaa isaalle Naa'oom; ilmaan isaa lamaan ammoo Maahiloonii fi Kiliyoon. Isaan dhalootaan worra Efraata'aa, ka qachaa Beeteelemii lafa Yihuda'aa keessaa ti. Isaan biyya Mo'aabii dhaqanee achi qubatane. Adoo achi le'anuu,
3 Then Elimelech, Naomi's husband, died, and she was left with her two sons. abbaan manaa Naa'oomii, Eliimelek du'e. Isiin ilmaan ifii lamaan woliin hatte.
4 They married Moabite women—Orpah and Ruth—and lived there about ten years. Isaan lamaanuu durra gosa Mo'aabii fuudhane; maqaan takka'aa Orpha'a, tuun ammoo Ruuti. Gara woggaa kudhanii achi le'aneeranuun,
5 Both Mahlon and Chilion also died, and Naomi was left without her two children and husband. Maahiloonii fi Kiliyoonille du'ane; tanaaf Naa'oom abbaa manaa ifiitii fi ilmaan ifii lamaanuu dhaddee hatte.
6 In Moab's fields, Naomi heard that our Father had attended his people, giving them food, so she set out with her two daughters-in-law to return from there. Naa'oom adoo biyya Mo'aabii jirtuu, akka Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii qaabatee midhaan kenneef waan dhageetteef, niitota ilmaan ifii woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf kaate.
7 She left the place where she had been, with her two daughters-in-law, and they went on the road back to the land of Judah. Maarre isiin addee le'aa turte sanii kaatee, niitota ilmaan ifii lamaanuu woliin gara biyya Yihuda'aa deebi'iisaaf deemiisa jalqabane.
8 Naomi told her two daughters-in-law, "Return, each to your mother's home. May our Father deal kindly with you, as you dealt with the dead and with me. Naa'oom ammoo niitota ilmaan ifii lamaaniinuu, «Gara mana haadhotii teessanii deebi'a'a. Akkuma isin anaa fi worra isin irraa du'eef dansaa gootane, Mootiin Waan Maraa waan dansaa isinii godhu.
9 May our Father give each of you rest in another husband's home." Then she kissed them, and they wept aloud. Tokko tokkoon keessanuu deebitanee heerumtanee, bulii dansaa akka dhaggattanu Mootiin Waan Maraa isin qarqaaru» isaaniin jette. Achiin duuba isiin sunqattee nageya itti dhaante; isaan ammoo iyyanee bowanee,
10 And they said to her, "No—we will return with you to your people." «Waawwo'o, nuuti si woliin gara kolbaa teetii ideenna» isi'iin jedhane.
11 Naomi said, "Go back, my daughters. Why go with me? Do I have more sons in my womb to become your husbands? Naa'oom ammoo, «Durra tiyya, deebi'a'a, maaf na woliin deentan? Ani ilmaan dhibii ta isin dhaaltu gadhaa kiyya keessaa qaba seetanii?
12 Return, my daughters, go, for I'm too old to marry. Even if I said there's still hope, even if I had a husband tonight and bore sons, Durra tiyya, deebi'a'a, karaa keessan qabadha'a, ani akka malee waan dulloomeef hin heerumu. Ani silaa yoo addii qabaadheeyyuu, edanumaayyuu heerumee, ilmaanille deye,
13 would you wait for them until grown? Would you stay unmarried for them? No, my daughters—it's far more bitter for me than you, since our Father's hand has turned against me." haga isaan gugurdatanutti hin eegattanii? Tanaaf jettanee heeruma dhaddanii ree? Waawwo'o, durra tiyya, waan harki Mootii Waan Maraa natti fideen, akkas te'uun keessan guddoo na gaddisiitteerti» isaaniin jette.
14 At this they wept aloud again. Then Orpah kissed her mother-in-law goodbye, but Ruth clung to her. Achiin duuba isaan ammalle iyyanee wolitti bowane. Orphaan haadha sodda'aa ifii sunqattee nageya itti dhaante, Ruuti ammoo itti maxxante.
15 Naomi said, "Look, your sister-in-law went back to her people and her gods. Go back with her." Maarre Naa'oom, Ruutiin, «Ilaa, Masaanuun teeti gara kolbaa ifiitii fi waaqota ifii deebiteerti; atille masaanuu teeti gula deebi'i» jette.
16 Ruth said, "Don't push me to leave you or turn back from following you. Where you go, I'll go; where you stay, I'll stay. Your people will be my people, and your God my God. Ruuti ammoo, «Si biraa akka deemu yookiin duubatti akka deebi'u na hin uttisin! Addee ati deentu, anille hin deema; addee ati leetu, anille hin le'a; kolbaan teeti kolbaa tiyya, Waaqi keeti Waaqa kiyya naa hin te'a.
17 Where you die I will die, and there I will be buried. May our Father punish me ever so severely if anything but death separates you and me." Addee ati itti duututti, anille hin du'a; achitti hin awwaalama, du'a malee wonni si irraa gargar na baasu yoo jiraatte, Mootiin Waan Maraa natti muruu ti!» jette.
18 When Naomi saw that Ruth was determined to go with her, she said no more to her. Naa'oom akka Ruuti isii woliin deemiisaaf murteeffatte yennaa dhaggite, dabaltee womaa hin dubbanne.
19 So both of them traveled until they reached Bethlehem. When they entered Bethlehem, the whole town stirred over them, and the women said, "Is this Naomi?" Maarre isaan lamaan haga Beeteelem geyanutti deemane. Yennaa isaan Beeteelem geyane, qachaan duudiin sababa isaaniitiif girrise; dubartootille, «Tun dhugumaan Naa'oomii?» jedhane.
20 "Don't call me Naomi," she said. "Call me Mara—the Almighty has dealt very bitterly with me. Isiin, «Naa'oom jettanee na hin waamina'a, Waaqi Waan Mara Dande'u jiruu tiyya waan natti hadheesseef, ‹Maaraa› naan jedha'a!
21 I went away full, but our Father has brought me back empty. Why call me Naomi, when our Father has afflicted me and the Almighty has brought misfortune upon me?" Guutuu asii baye, Mootiin Waan Maraa ammoo duwwaa deebisee na galche; eega Mootiin Waan Maraa na rakkisee, Waaqi Waan Mara Dande'u waan hantuu natti fidee, maaf, ‹Naa'oom› naan jettan?» jetteen.
22 So Naomi returned from the fields of Moab with Ruth the Moabite, her daughter-in-law, who came back with her. They reached Bethlehem as barley harvest began. Maarre Naa'oom niitii ilma ifii, ta gosa Mo'aabii, Ruuti woliin, biyya Mo'aabii irraa deebite. Isaan yennaa jalqaba haammaa garbu'uu qachaa Beeteelemii geyane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]