Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Philemon 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Paul, a prisoner of Christ Jesus, and Timothy our brother, to Philemon, our dear friend and co-worker, Ana Phawuloosii marroo Kiristoos Yesuusiitiif hidhameeruu fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa, Filemoonii jaalatamaa nu woliin hujuuf,
2 and to our sister Apphia, our fellow soldier Archippus, and the church that meets in your house: obboleettii teenna Aaphifiiya'aaf, Arkiphosii nu woliin lolticha te'eeruu fi wolde'a kiristaanaa ka mana keeti keessatti wolitti qabamuuf:
3 Grace and peace to you from our Father and the Lord Jesus Christ. Abbaa keenna Waaqaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos biraa badhaadhii fi nageenni isiniif te'u!
4 I always thank my Father as I remember you in my prayers, Daadimata kiyya keessatti yennaa si qaabadhu, yennaa mara Waaqa galateeffadha.
5 because I hear of your love and faith in the Lord Jesus and for all his holy people. Sababille dhugeeffannaa ati Goottaa Yesuusitti qadduu fi jaalala ati kolbaa Waaqaa maraaf qaddu dhage'eera.
6 I pray your shared faith becomes effective as you come to understand every good thing we have in Christ. Hubantii guutuu waan dansa'aa ka nu Kiristoosiin qannuu maraa akka qabaattuuf, dhugeeffannaa teeti worra dhibi'iif qoodiisatti akka jabaattu hin daadimadha.
7 Your love has brought me great joy and comfort, brother, since you've refreshed the hearts of his holy people. Obboleessa kiyya, gadhaa kolbaa Waaqaa waan jajjabeessiteef jaalala keeti irraa ani gammadaa fi jajjabeenna guddaa dhaggadheera.
8 Therefore, although in Christ I am bold enough to command you to do what is right, Waan godhu'uu malte akka gootuuf, si ajajiisaaf karaa Kiristoosiitiin ifi-addii qaba;
9 instead, for love's sake I appeal—I, Paul, an old man, now also a prisoner of Christ Jesus. te'uu malee jaalalaan si gaafadha. Ani Phawuloosiin jaarsi, amma ammoo Yesuus Kiristoosiif jedhee ka hidhameeru,
10 I appeal to you for my child Onesimus, whose father I became while I was in chains. marroo ilma kiyya Oneesimoosii, ka ani adoo mana hidha'aa jiruu akka Kiristoos fudhatu tolcheetiif si gaafadha.
11 He was once useless to you, but now is useful to you and me. Dur inni nama si'iif woy bawuu moti, amma ammoo anaa fi si'iifille woy hin baya.
12 I am sending him back to you—and in doing so I am sending my very heart. Isa deebisee gara keeti ergeera; ani waan isaa jaaladhuuf gadhaan kiyyalle isa faana dhufeera.
13 I wanted to keep him with me, to serve me on your behalf while I'm in chains for the gospel. Marroo Oduu Gammadaatiif, yennaa ani mana hidha'aa jiru, addee teeti akka inni na qarqaaruuf, na woliin as akka turuuf fedheeraayyu.
14 But I wanted to do nothing without your consent, so your good deed would not be forced, but voluntary. Te'uu malee hujiin dansaan ati hujju maraa jaalala gadhaa keetiitiin malee, hunnaan akka hin teeneef, si'iin hin mari'atin womaa godhiisaaf hin barbaanne.
15 Perhaps this is why he was separated from you briefly, so you'd have him back forever. Oneesimoos yennaa gabaaddu'uuf si irraa gargar bayee wonni tureef, yennaa mara si woliin akka jiraatuuf deebittee akka isa fudhattuuf fa'a te'a.
16 No longer as a slave, but more than a slave—a beloved brother, especially to me, but even more to you, both in the flesh and in the Lord. Haganaa achi, inni obboleessa jaalatamaa garbicha caaluu malee, akka garbichaati moti. Inni naaf jaalatama'a, si'iif ammoo namumma'aa fi Gootta'aan, irra caalaa jaalatama'a.
17 So if you consider me a partner, welcome him as you would welcome me. Maarre waa'ela keeti te'uu kiyya yoo fudhattu teete, akkuma na fudhattu isalle fudhadhu.
18 If he wronged you at all, or owes anything, put it on my account. Yoo inni si yakkee jiraate, yookiin si irraa wo liqeeffatee jiraate natti laakkow!
19 I, Paul, write this with my own hand: I'll repay it—not to mention you owe me yourself as well. Ani Phawuloos, «Si'iif deebisee hin kaffala» jedhee harkuma kiyyaan tana barreessa; atuu Kiristoosiin liqaa kiyya te'uu keeti sitti himuu na hin barbaachisu.
20 Yes, brother, do me this favor in the Lord—refresh my heart in Christ. Obboleessa kiyya, maqaa Gootta'aatiin waan kana naaf godhi! Kiristoosiin gadhaa na jajjabeessi.
21 Trusting you'll obey, I write to you, knowing you'll do even more than I ask. Ajajama keeti addadhee, waan ani si gaafadhu caalchitte akka ati gootu beekiisaan tana si'iif barreessa.
22 Also prepare a guest room for me—I hope through your prayers to be graciously given back to you. Wonni dhibiin: Waaqi waan isin daadimattane maraaf deebii kennee, gara keessan deebi'ee akka dhufu waan addadhuuf, addee itti foorfadhu naaf qopheessa'a.
23 Epaphras, my fellow prisoner in Christ Jesus, sends you greetings, Ephafraas, ka maqaa Kiristoos Yesuusiitiif jedhee na woliin hidhamee jiru nageya si'iif dhaama.
24 and so do Mark, Aristarchus, Demas, and Luke, my fellow workers. Akkasuma worri na woliin hujanu Maarqoos, Arisxaarkos, Deemaasii fi Luqaas nageya si'iif dhaaman.
25 The grace of the Lord Jesus Christ be with your spirit. Amen. Badhaadhi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]