Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 7 guj

Show guj only
Verse × ×
1 When Moses finished setting up the tabernacle, he anointed and dedicated it and all its furnishings, the altar and all its utensils, anointing and dedicating them. Muuseen yennaa dunkaanii dhugaa bayaa dhaabee fixe, dunkaanii dhugaa bayaatii fi meya isi'ii mara, addee ciinca'aatii fi meya isi'ii mara zayitii ejersaa muudee woyyoonse.
2 Then Israel's leaders—heads of their fathers' houses, the tribal leaders in charge of the census—brought an offering. Achiin duuba sooressitooti Israa'elootaa ka worra laakkowameef itti gaafatantoota te'ane sooressitooti maatii maati'ii kennansa kennane.
3 They brought their offering before our Father: six covered wagons, twelve oxen—a wagon per two leaders, an ox for each—then presented them before the tabernacle. Isaan garreettaa geejjibaa ka itti uffifame jaa fi korommii kudhanii lama, sooreyyiin tokko tokkooyyuu korommii tokko tokko, akkasuma lama lama te'anee, garreettaa geejjibaa tokko tokko kennane; isaan kennansa kana dunkaanii dhugaa bayaa duratti dhikeessane.
4 And our Father said to Moses, Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
5 "Take these from them for the tent of meeting's service; give them to the Levites, each according to his service." «Tajaajila Dunkaanii Woldeenna'aatiif kennansa kana sooreyyii irraa fuudhi; Lewwootaaf akkuma hujii isaaniititti isaaniif kenni» jedhe.
6 So Moses took the wagons and the oxen and gave them to the Levites. Maarre Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii san Lewwootaaf kenne.
7 Two wagons and four oxen he gave to the sons of Gershon, according to their service. Inni garreettaa geejjibaa lamaa fi korommii afur akkuma hujii isaaniititti worra Gershooniitiif kenne.
8 He gave four wagons and eight oxen to Merari's sons, for their service, under Ithamar son of Aaron the priest. Inni garreettaa geejjibaa afurii fi korommii saddeeti karaa ilma Aaronii hayyichaa Itaamaariitiin, akka tajaajila isaaniititti, worra Meraariitiif kenne.
9 To the sons of Kohath he gave none, since the holy things' service was theirs—carried on the shoulder. Worri Qahaatotaa ammoo meya woyyicha gurmuu ifii irratti waan ba'atanuuf, Muuseen garreettaa geejjibaatii fi korommii isaaniif hin kennine.
10 On the day the altar was anointed, the leaders brought its dedication offering; the leaders brought their offering before the altar. Addeen ciinca'aa yennaa eebbifantu sooressitootille eebba isi'iitiif kennansa fidanee addee ciinca'aa duratti dhikeessane.
11 And our Father said to Moses, "Each day one leader is to bring his offering for the altar's dedication." Mootiin Waan Maraa Muuse'een, «Sooressitoota keessaa eebba addee ciinca'aatiif, guyyuma guyya'atti nami tokko kennansa ifii akka dhikeessu isaanitti himi» jedhe.
12 Nahshon son of Amminadab, of Judah's tribe, presented his offering on the first day. Guyyaa qaraa kennansa ifii ka dhikeesse gosa Yihuda'aa keessaa, ilma Aminaadaabii Nahasoon;
13 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
14 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
15 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
16 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
17 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. This was Nahshon son of Amminadab's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Aminaadaabii Nahasoon dhikeesse.
18 On the second day Nethanel son of Zuar, the leader of Issachar, presented an offering. Guyyaa lammeesso'oo sooressi gosa Yisaakorii ilmi Zuwaarii Nataani'el kennansa ifii dhikeesse;
19 His offering: one silver plate weighing about three and a quarter pounds, one silver bowl weighing about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
20 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu,
21 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokkoo fi buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
22 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
23 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. This was Nethanel son of Zuar's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuwaarii Nataani'el dhikeesse.
24 On the third day it was Eliab son of Helon, the leader of the sons of Zebulun. Guyyaa sadeesso'oo sooressi gosa Zebuloonii ilmi Helonii Eliiyaab kennansa ifii dhikeesse;
25 His offering: one silver plate weighing about three and a quarter pounds, one silver basin weighing about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering; Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
26 one gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
27 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
28 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
29 for the peace offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. This was Eliab son of Helon's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Helonii Eliiyaab dhikeesse.
30 On the fourth day it was Elizur son of Shedeur, the leader of the sons of Reuben. Guyyaa arfeesso'oo sooressi gosa Ruubenii ilmi Shiide'urii Eliizur kennansa ifii dhikeesse;
31 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds—both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
32 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
33 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
34 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
35 and for the peace offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. This was Elizur son of Shedeur's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Shiide'urii Eliizur dhikeesse.
36 On the fifth day it was Shelumiel son of Zurishaddai, the leader of the sons of Simeon. Guyyaa shaneesso'oo sooressi gosa Shimi'oonii ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el kennansa ifii dhikeesse;
37 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, one silver basin, about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
38 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
39 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
40 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
41 for the sacrifice of peace offerings: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. This was Shelumiel son of Zurishaddai's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Zuriishadaayii Shiilumii'el dhikeesse.
42 On the sixth day it was Eliasaph son of Deuel, the leader of the sons of Gad. Guyyaa jayeesso'oo sooressi gosa Gaadii ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf kennansa ifii dhikeesse;
43 His offering was one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
44 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
45 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
46 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
47 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five male yearling lambs. This was Eliasaph son of Deuel's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Dewu'elii Elii'aasaaf dhikeesse.
48 On the seventh day it was Elishama son of Ammihud, the leader of the sons of Ephraim. Guyyaa torbeesso'oo sooressi gosa Efreemii ilmi Amiihudii Eliishaama kennansa ifii dhikeesse.
49 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering; Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
50 one gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
51 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
52 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
53 for the sacrifice of peace offerings: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. This was Elishama son of Ammihud's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiihudii Eliishaama dhikeesse.
54 On the eighth day it was Gamaliel son of Pedahzur, the leader of the sons of Manasseh. Guyyaa saddeetesso'oo sooressi gosa Minaase'ee ilmi Phedaazurii Gamaali'el kennansa ifii dhikeesse;
55 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
56 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
57 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
58 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
59 for the peace offering: two oxen, five rams, five male goats, five year-old male lambs. Offering of Gamaliel son of Pedahzur. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Phedaazurii Gamaali'el dhikeesse.
60 On the ninth day it was Abidan son of Gideoni, the leader of the sons of Benjamin. Guyyaa sagaleesso'oo sooressi gosa Beniyaaminii ilmi Gedewoonii Abiidaan kennansa ifii dhikeesse.
61 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, one silver basin, about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
62 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
63 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
64 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
65 for the peace-offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five yearling male lambs. This was Abidan son of Gideoni's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Gedewoonii Abiidaan dhikeesse.
66 On the tenth day it was Ahiezer son of Ammishaddai, the leader of the sons of Dan. Guyyaa kudhaneesso'oo sooressi gosa Daanii ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer kennansa ifii dhikeesse.
67 His offering: one silver plate weighing about three and a quarter pounds, one silver basin weighing about one and three-quarter pounds, both full of fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
68 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
69 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
70 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
71 for the peace-offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male year-old lambs. This was Ahiezer son of Ammishaddai's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Amiishadaayii Ahii'ezer dhikeesse.
72 On the eleventh day it was Pagiel son of Ochran, the leader of the sons of Asher. Guyyaa kudhanii tokkeesso'oo sooressi gosa Asheerii ilmi Okraanii Fagi'el kennansa ifii dhikeesse.
73 He offered a silver plate, about three and a quarter pounds, and a silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering; Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
74 one gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
75 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
76 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
77 and for the sacrifice of peace offerings: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. The offering of Pagiel son of Ochran. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Okraanii Fagi'el dhikeesse.
78 On the twelfth day it was Ahira son of Enan, the leader of the sons of Naphtali. Guyyaa kudhanii lammeesso'oo sooressi gosa Naftaalemii ilmi Enaanii Ahiira kennansa ifii dhikeesse.
79 His offering: one silver plate, about three and a quarter pounds, and one silver basin, about one and three-quarter pounds, both filled with fine flour mixed with oil for a grain offering. Kennansi inni dhikeesse gabataa meetii irraa hujame tokko akka sheeqelii addee woyyitti'iititti, ka sheeqelii dhibbaa fi soddoma madaaluu fi qorii boollittii meetii irraa hujante takka, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti ta sheeqelii torbaatama madaaltu dhikeesse; isaan lamaanuu kennansa midhaanii bullaa dansaa zayitii ejersaatiin sukkuumanteen guutamaneeran.
80 One gold dish weighing about four ounces, full of incense; Girgiraa worqii irraa hujamee hixaanaan guutame tokko ka sheeqelii kudhan madaalu;
81 one young bull, one ram, and one male lamb a year old, for a burnt offering; kennansa gubamuuf dardara tokko, korbeessa hoole'ee tokko, buruusoo korbeessa hoole'ee tokko ka woggaa tokkoo;
82 one male goat for a sin offering; kennansa araara cubbu'uutiif dhikaatuuf korbeessa re'e'ee tokko;
83 and for the peace-offering sacrifice: two oxen, five rams, five male goats, five male lambs a year old. Ahira son of Enan's offering. kennansa tokkumma'aatiif korommii lama, korbeeyyii hoole'ee shan, korbeeyyii re'e'ee shanii fi buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokkoo shan. Kun kennansa ilmi Enaanii Ahiira dhikeesse.
84 This was the altar's dedication offering when it was anointed, from Israel's leaders: twelve silver plates, twelve silver basins, twelve gold dishes. Gaafa addeen ciinca'aa muudante kennansi sooreyyiin Israa'elootaa, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana: gabataa meetii irraa hujame kudhanii lama, qorii boollittii meetii irraa hujante kudhanii lama, girgiraa worqii hujame kudhanii lama;
85 Each silver plate weighed about three and a quarter pounds, each basin about one and three-quarter pounds; all the silver of the vessels totaled about sixty pounds. gabataan meetii irraa hujame sun tokko tokkoon isaatuu sheeqelii dhibbaa fi soddoma, qoriin meetii irraa hujante tokko tokkoon isi'iituu sheeqelii torbaatama madaalan; wolumatti meetiin meya kanaa akka sheeqelii addee woyyitti'iititti sheeqelii kuma lamaa fi dhibba afur madaalti.
86 The twelve gold dishes full of incense weighed about four ounces each; all the gold totaled about three pounds. Girgiraa worqii irraa hujame kudhanii lama ka hixaanaan guutame, akka sheeqelii addee woyyitti'iititti tokko tokkoon isaaniituu sheeqelii kudhan madaalan; wolumatti worqiin girgiroota kanaa sheeqelii dhibbaa fi diddama madaalti.
87 All the cattle for the burnt offering: twelve bulls, twelve rams, twelve year-old male lambs, with their grain offering; and twelve male goats for the sin offering. Kennansa midhaanii ka isaanii woliin wolumatti horiin ciinca'aaf dhikaate dardaroota kudhanii lama, korbeeyyii hoole'ee kudhanii lama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo kudhanii lama; kennansa araara cubbu'uutiifille korbeeyyii re'e'ee kudhanii lama.
88 All the cattle for the peace offering sacrifices: twenty-four bulls, sixty rams, sixty male goats, sixty male year-old lambs. This was the altar's dedication offering, after it was anointed. Horiin ciincaa kennansa tokkumma'aatiif dhikaate wolumatti korommii diddamii afur, korbeeyyii hoole'ee jaatama, korbeeyyii re'e'ee jaatama, buruusoo korbeeyyii hoole'ee ta woggaa tokko tokkoo jaatama. Kennansi gaafa addeen ciinca'aa muudante, eebba isi'iitiif dhikeessane isaan kana.
89 When Moses entered the tent of meeting to speak with our Father, he heard the voice speaking to him from above the mercy seat on the ark of the testimony, between the two cherubim—so our Father spoke with him. Muuseen Mootii Waan Maraa woliin dubbatiisaaf Dunkaanii Woldeenna'aa yennaa seene, qadaaddaa Saanduqa addee gumaan araara cubbu'uu irra keyamu ka dada ol-gubba'aa ta koola qaddu lamaan wodhakkaa jiru gubba'aa qoonqoo isatti dubbattu dhage'e. Mootiin Waan Maraa isatti dubbate.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]