Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Numbers 8 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses, saying: Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
2 "Say to Aaron: When you mount the lamps, the seven must shine before the lampstand." «Ati Aaroniin ‹Issaa torba waan issaa irra keyanu irra yennaa keettu, akka adaala waan issaa irra keyanu duratti ifanu keyi› jedhiin» jedhe.
3 Aaron did so, lighting its lamps to shine toward the lampstand's front, as our Father commanded Moses. Aaronille akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti, issaa san waan issaa irra keyanu fuula duratti akka ifanu keye.
4 The lampstand's work: hammered gold, hammered from base to blossoms—made exactly as our Father showed Moses. Wonni issaa irra keyanu akka fakkeenna Mootiin Waan Maraa Muuse'etti mudhisetti jalaa ka'ee haga qaccee isi'ii ta akka daraara'aatitti worqii tumante irraa hujameera.
5 Our Father spoke to Moses, saying: Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
6 "Take the Levites from among the people of Israel and cleanse them. «Lewwoota odduu Israa'elootaatii fuudhiitii akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqulleessi.
7 To cleanse them, do this: sprinkle purification water on them, run a razor over their whole body, wash their clothes, and be clean. Isaan qulqulleessiisaaf, waan asii gad jiru kana godhi: bisaan ittiin qulqulloomanu itti fiffixi; achiin duuba akka isaan rifeensa nafa ifii duudii haadatanee woyaa ifiille dhiqatanee ifi qulqulleeffatanu isaanitti himi.
8 Let them take a young bull from the herd, its grain offering of fine flour mixed with oil, and you are to take a second young bull from the herd for a sin offering. Isaan dardara tokkoo fi kennansa midhaanii bullaa dansaa ta zayiti'iin sukkuumante ka isaan woliin dhikaatanu fidanuu ti; atille araara cubbu'uutiif dardara dhibii tokko fidi.
9 Bring the Levites before the tent of meeting, and gather the whole community of Israel's people. Kolbaa Israa'elii duudii wolitti qabiitii, Dunkaanii Woldeenna'aa duratti Lewwoota dhikeessi!
10 When you present the Levites before me, Israelites are to lay hands on the Levites, Yennaa ati Lewwoota fuula kiyya duratti dhikeessitu, Israa'elooti harka ifii mataa isaanii irra keyanuu ti!
11 Aaron is to wave the Levites before me, an offering from the Israelites, to do my service. Lewwooti akka hujii tiyya hujanu Aaron Israa'eloota oddu'uu akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti isaan dhikeessuu ti.
12 The Levites will lay their hands on the bulls' heads; offer one as a sin offering, one as a burnt offering to me, to atone for the Levites. Lewwooti harka ifii mataa dardara lamaanii san irra keyanuu ti; Aaron dardara tokko kennansa araara cubbu'uutiif dhikeessee, dardara kaanille Lewwootaaf gumaa cubbu'uu godhiisaaf kennansa gubamu ana Mootii Waan Maraatiif dhikeessuu ti.
13 Set the Levites before Aaron and his sons, and present them to me as a wave offering. «Worra Lewwootaa Aaronii fi ilmaan isaa dura dhaabbachiisiitii akka kennansa tachoofamuu fuula kiyya duratti dhikeessi.
14 Separate the Levites from among Israel's people; the Levites are mine. Karaa kanaan Lewwooti Israa'eloota kaan oddu'uu adda baasi; isaanille kiyya hin te'an.
15 Then the Levites will enter to serve the tent of meeting, once you've cleansed and waved them as a wave offering. Ati isaan qulqulleessitee akka kennansa tachoofamuu dhikeessiteen duuba, isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf ol seenanuu ti.
16 For they are fully given to me from among Israel's sons, in place of every womb-opener—firstborn of all Israel's sons—I took them for myself. Israa'eloota keessaa isaan guutumatti naaf kennamaneeran; Israa'eloota mara keessaa angafa addee fudhadhu, Lewwoota fudhadheera.
17 All Israel's firstborn, human or animal, are mine; the day I struck all Egypt's firstborn, I set them apart for myself. Ani yennaa angafa biyya Gibxi'ii keessaa mara ijjeese, ka worra Israa'elii adda baafadhe; tanaaf, Israa'eloota keessaa dhiira te'ee ka dhalate, angafi namaatii fi hori'iille kiyya.
18 And I have taken the Levites in place of all the firstborn among the people of Israel. Ani addee ilmaan angafa Israa'elootaa mara fudhadhu, Lewwoota fudhadheera.
19 I have given the Levites to Aaron and his sons, a gift from Israel's people, to serve Israel's people at the tent of meeting, atone for Israel's people, so no plague strikes Israel's people nearing the sanctuary." Isaan Dunkaanii Woldeenna'aa keessa addee Israa'elootaa bu'anee akka tajaajilanuuf, Israa'elooti addee woyyitti'itti dhikaatanee balaan akka itti hin buune akka isaaniif araarsanuuf, ani Israa'eloota mara keessaa Lewwoota Aaronii fi ilmaan isaatiif kennansa godhee kenneera» jedhe.
20 Moses, Aaron, and Israel's whole assembly did to the Levites all our Father commanded Moses about the Levites; Israel's people did to them. Maarre Muuseen, Aaronii fi kolbaan Israa'elii duudiin akkuma Mootiin Waan Maraa Muusee ajajetti Lewwoota adda baasane.
21 The Levites purified themselves from sin, washed their clothes; Aaron offered them as a wave offering before our Father, atoned for them to cleanse them. Lewwooti ifi qulqulloonsanee woyaa ifiille dhiqatane; achiin duuba Aaron akka kennansa tachoofamuu Mootii Waan Maraa duratti isaan dhikeessee, isaan qulqulleessiisaaf gumaa cubbu'uu isaaniif tolche.
22 After that, the Levites came to serve in the tent of meeting before Aaron and his sons; they did to the Levites as our Father commanded Moses. Saniin duuba Lewwooti sooressummaa Aaronii fi ilmaan isaatiin Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajila ifii tajaajiliisaaf ol seenane; kolbaan akkuma Mootiin Waan Maraa marroo Lewwootaa Muusee ajajetti waan mara isaaniif goote.
23 Our Father spoke to Moses, saying: Mootiin Waan Maraa Muuse'een,
24 "This applies to the Levites: from age twenty-five, they are to come to serve in the work at the tent of meeting. «Wonni Lewwoota ilaalu asii gad jira; Dhiirti Lewwootaa ta woggaan isaanii diddamii shaniitii fi achii olii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajiliisaaf dhufanuu ti;
25 From age fifty they must retire from service work and serve no longer. woggaan isaanii shantama yennaa guutte ammoo tajaajila ifii irraa hin foorfatan; achiin duuba hin tajaajilanu.
26 They may assist their brothers at the tent of meeting by standing guard, but do no work. This is how you are to assign the Levites' duties." Isaan tajaajila obboleeyyan isaanii Dunkaanii Woldeenna'aa keessa tajaajilanu obboleeyyan ifii qarqaaran malee, ifiif hujii hin hujanu. Akka kanatti itti gaafatamummaa worra Lewwootaa tarree galchita» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]