Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Matthew 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In those days John the Baptist came, preaching in the wilderness of Judea, Bara san Yohaannisiin cuuphaan goomolee biyya Yihuda'aa keessa lallabaa dhufee,
2 "Repent, for the kingdom of our Father has come near." «Mootummaan ol-gubba'aa waan dhikaatteef cubbuu irraa deebi'a'a!» jedhe.
3 This is the one Isaiah the prophet spoke of, saying: "A voice calling out in the wilderness: Prepare the way of the Lord, make his paths straight." Isaayaasiin raagichi, «Nami tokko goomolee keessaa iyyaa, ‹Karaa Gootta'aaf qopheessa'a; daandii inni irra deemu qajeelcha'a!› » yennaa jedhe inni marroo Yohaannisii dubbate.
4 John wore clothes of camel hair, with a leather belt around his waist; his food was locusts and wild honey. Uffanni Yohaannisii rifeensa gaalaa irraa dhowameeraayyu; inni hidha ifii teephaan hidhate; sagaleen isaalle awwaannisaa fi damma hollaa ti.
5 Then Jerusalem and all Judea and all the region around the Jordan went out to him, Yerusaalem irraa, Yihudaa irraa, biyya cinaa laga Yordaanosii mara irraa kolbaan gara isaa dhutte.
6 and they were baptized by him in the Jordan River, confessing their sins. Isaan cubbuu ifii dhugaa baasanee, laga Yordaanosiititti harka Yohaannisiititti cuuphamane.
7 Seeing many Pharisees and Sadducees coming to be baptized, he said to them, "You brood of vipers! Who warned you to flee the coming wrath? Yohaannis Fariisaayotaa fi Saduqoota hedduu cuuphamiisaaf gara isaa dhufiisatti jiranu yennaa dhagge, «Isin ilmaan buuti'ii! Akka isin mufii Waaqaa ta isinitti dhufaartu jalaa baqattanu eennutti isinitti hime?
8 Bear fruit, then, worthy of repentance. Cubbuu teessan irraa akka deebitane waan mudhisu tolcha'a.
9 Don't presume to say to yourselves, 'Abraham is our father,' for I tell you: our Father can raise up children for Abraham from these stones. ‹Abbaan keenna Abrahaam› jedhiis isin hin baasa hin seyina'a. Waaqi dhakoota kana fuudhee Abrahaamiif ilmaan tolchiisa akka dande'u ani isinitti hima.
10 The axe already lies at the root of the trees, so every tree not bearing good fruit is cut down and thrown into the fire. Agaraan mukoota hiddatti muriisaaf qophoweera; muki midhaan dansaa hin buunne muramee ibiddatti hin gatama.
11 "I baptize you with water for repentance, but the one coming after me is stronger than I am—I'm not worthy to carry his sandals. He will baptize you with the Holy Spirit and fire. Akka isin cubbuu irraa deebitane mudhisiisaaf ani bisaaniin isin cuupha, ka ana duubaan dhufaaru ammoo Ayyaana Woyyichaa fi ibiddaan isin cuupha. Inni guddoo na caala; ani kophee isaatuu ba'atiisaafille nama te'uu moti.
12 His winnowing fork is in his hand; he'll clear his threshing floor, gather his wheat into the barn, but burn the chaff with fire that never goes out." Inni eeddummee ifii keessatti midhaan qulleessiisaaf horooroo harkatti qabateera; midhaan qulleessee gootara'atti hin galcha; hicaacee ammoo ibidda hin dhaanneen guba» isaaniin jedhe.
13 Then Jesus came from Galilee to the Jordan to John, to be baptized by him. Yesuus yennaa san Yohaannisiin cuuphaan akka isa cuuphuuf gara laga Yordaanosii dhufe.
14 But John tried to stop him: "I need baptism from you, yet you come to me?" Yohaannis ammoo, «Ani si'iin cuuphamu'uu male, ati maaf gara kiyya dhutta?» jedhee isa dhoogge.
15 Jesus replied to him, "Allow it now, for this is how we must fulfill all righteousness." So John allowed him. Yesuus ammoo deebisee, «Karaa kanaan balchummaa mara muummessu'uu waan malleef, amma na dhoogguu lakkisi» jedheen; achiin duuba Yohaannis lakkise.
16 After Jesus was baptized, he came up out of the water at once, and suddenly the heavens opened to him; he saw the Spirit of our Father coming down like a dove and settling on him. Yesuus cuuphamee bisaan keessaa akkuma bayeen, ol-gubbaan banantee Ayyaanni Waaqaa saphaliisa fakkaatee gad dhufee isa irra bu'uun dhagge.
17 Then a voice from heaven said, "This is my Son, the one I love; I delight in him." Ol-gubbaa irraa qoonqoon, «Kun Ilma kiyya jaalatama'a, ka ani guddoo isatti gammadeeru» jette.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]