Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Matthew 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 After Jesus was born in Bethlehem, Judea, in the days of King Herod, magi from the east arrived in Jerusalem, Bara Heroodis mooticha te'eeru, qachaa Beeteelemii, ka Yihudaa keessaatitti Yesuus dhalate. Achiin duuba adoo hin turin beekkoleen urjii qorqortu karaa baya adu'uutii gara Yerusaalemii dhufanee,
2 saying, "Where is the one born king of the Jews? For we saw his star in the east and have come to worship him." «Mucaan mootii Yihudootaa te'iisaaf dhalate, eessa jira? Nuuti urjii isaa karaa aduun baatutti dhagginee, isatti sagadiisaaf dhunneerra» jedhanee iyyaafatane.
3 When Herod the king heard this, he was troubled, and all Jerusalem with him. Mootichi Heroodis yennaa waan kana dhage'e rifate; worri Yerusaalemii martille isa woliin rifate.
4 He gathered all the people's chief priests and scribes, asking where the Christ was to be born. Inni sooreyyii hayyootaatii fi barsiisota Seeraa wolitti qabee, «Masiihiin eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.
5 They told him, "In Bethlehem of Judea, for this is what was written through the prophet: Isaan, «Beeteelemii Yihudaa keessaatitti dhalata; raagichi:
6 'Yet you, Bethlehem, in Judah's land, are certainly not the least among Judah's rulers; for from you a ruler will emerge who will shepherd Israel, my people.'" «‹Ati Beeteelemiin Yihudaa keessaa! Qachoota gugurdaa Yihudaa keessaa mara caalaa ijjumaayyuu hin diqqaattu; sababille ka kolbaa tiyya Israa'el bulchu bulchaan si keessaa baya› jedhee barreesseera» jedhaneen.
7 Then Herod secretly summoned the magi and learned from them the exact time the star had appeared. Heroodis dhossa'aan worra urjii qorqoru san waamee yennaa urjiin itti mudhatte isaan irraa gaafatee hubate.
8 He sent them to Bethlehem, saying, "Go, search carefully for the child. When you find him, come back and tell me, so that I too may go and worship him." Achiin duuba, «Dhaqa'aatii, marroo muca'aa miidhassa'aa qorqora'a; yennaa isa dhaggitane, anille dhaqee akka sagaduuf natti hima'a» jedhee, gara Beeteelemii isaan erge.
9 After hearing the king, they set out; the star they had seen in the east went ahead of them until it stopped over where the child was. Isaan yennaa waan mootichi jedhe dhage'ane, ka'anee yaa'ane; karaa irralle'etti urjiin isaan karaa aduun baatutti dhaggane tuun, addee mucaan jiru san gubba'atti haga dhaabbattutti isaaniin dura ideente.
10 When they saw the star, they rejoiced with overwhelming joy. Isaan yennaa urjii dhaggane, akka malee gammadane.
11 Entering the house, they saw the child with Mary his mother, fell down and worshiped him. They opened their treasure boxes and gave him gifts: gold, frankincense, and myrrh. Mana seenanee, mucaa haadha isaa Maariyaam woliin dhagganee, gad jiganee isaaf sagadane. Achiin duuba subba ifii bananee worqii, hixaanaa fi qumbii isaaf kennane.
12 Warned in a dream not to return to Herod, they went back to their own country by a different route. Achiin duuba isaan gara Heroodisii akka hin deebineef, Waaqi oojju'uun waan isaan if eeggachiiseef, karaa dhibi'iin gara biyya ifii deebi'ane.
13 After they left, an angel of our Father appeared to Joseph in a dream: "Get up, take the child and his mother, flee to Egypt, and stay until I tell you—Herod is about to search for the child to kill him." Eega beekkoleen sun gara biyya ifii deebi'ane, ergamaan Gootta'aa oojju'uun Yoseefitti mudhatee, «Heroodis mucaa ijjeesiisaaf waan barbaaduuf, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuu gara biyya Gibxi'ii baqadhu; haga ani sitti himutti achi turi» jedheen.
14 And he got up and took the child and his mother by night and left for Egypt, Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadhaa muca'aa fuudhee, gara biyya Gibxi'ii halkanuma san deeme.
15 and stayed there until Herod died, fulfilling what our Father said through the prophet: "Out of Egypt I called my son." Haga Heroodis du'u achi ture; Goottaan afaan raaga'aatiin, «Ani biyya Gibxi'iitii mucaa kiyya waame» jedhee wonni dubbateeru akka muummottuuf tun teete.
16 Then Herod, seeing the magi had outwitted him, grew furious and sent men to kill all boys two years old and under in Bethlehem and its whole region, matching the time he'd learned from the magi. Worri urjii qorqoru akka isa sobe yennaa hubate, Heroodis akka malee aare. Yennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qorqoru irraa akka gaafatee hubatetti, ijoollee Beeteelem keessaatii fi adaala isi'ii maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadii loltoota ifii ergee ijjeesisiise.
17 This fulfilled what was spoken through Jeremiah the prophet: Akka kanaan wonni raagichi Ermiyaas jedhe muummotte;
18 "A voice was heard in Ramah, weeping and loud mourning, Rachel weeping for her children; she refused to be comforted, because they are no more." wonni inni raagelle: «Qoonqoon Raama'atti dhage'ante, qoonqoo wiiccifataa fi bowaa ti. Raahel ijoollee ifiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu didde» ka jedhu.
19 But when Herod died, an angel of our Father appeared in a dream to Joseph in Egypt, Heroodis du'een duuba, ergamaan Gootta'aa biyya Gibxi'ii keessatti oojju'uun Yoseefitti mudhatee,
20 saying, "Get up, take the child and his mother, go to Israel's land, for those seeking the child's life are dead." «Worri mucaa ijjeesiisaaf barbaadu waan du'eef, ka'iitii, muca'aa fi haadha isaa fudhadhuutii, gara biyya Israa'elii deebi'i» jedheen.
21 So he got up, took the child and his mother, and went to Israel's land. Maarre Yoseef ka'ee, muca'aa fi haadha muca'aa fudhatee, gara biyya Israa'elii deebi'e.
22 Hearing that Archelaus was ruling Judea in place of his father Herod, he was afraid to go there. Warned in a dream, he withdrew to the region of Galilee. Arkelaawoos addee abbaa ifii Heroodisii biyya Yihuda'aa akka bulchiisatti jiru yennaa dhage'e ammoo, Yoseef achi deemiisa sodaate. Oojju'uun gorfamee, gara lafa Galiila'aa dhaqee,
23 He went and lived in a town called Nazareth, fulfilling the prophets' words: "He will be called a Nazarene." raagoti marroo Yesuusiitiif, «Inni Naazireticha hin jedhama» wonni jette akka muummottu qachaa Naaziret jedhamu dhaqee le'e.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]