Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

James 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 James, a servant of our Father and the Lord Jesus Christ, to the twelve tribes scattered among the nations: greetings. Ana Yaaqoobii tajaajilaa Waaqaatii fi Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii irraa, gosa kudhanii lama ta biyya lafaa duudi'itti bittinnoottaneef: Nageenni isiniif te'u.
2 Consider it pure joy, my brothers and sisters, whenever you face trials of many kinds, Obboleeyyan tiyya! Haga ilaallatama adda addaatiin ilaallatamuun yoo isinitti dhuttelle, akka gammadaatitti fudhadha'a!
3 because you know that the testing of your faith produces perseverance. Sababille haga ilaallatamuun dhugeeffannaa teessanii ciniinnattanee ossiisa akka fidu hin beettan.
4 Let perseverance finish its work so that you may be mature and complete, lacking nothing. Haga muumme'ee ciniinnattanee ossiis keessan worra bilchaatee fi guutuu te'e, ka dhidhinna hin qanne akka teetanu isin gootuu ti.
5 If any of you lacks wisdom, ask our Father, who gives freely to all without criticizing, and it will be given you. Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma'aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.
6 Ask in faith, without doubting, for the doubter is like a sea wave, driven and tossed by the wind. Ammoo adoo hin mamin dhugeeffanna'aan gaafatuu ti; nami mamu akka danbalii abbaaya'aa ta qilleensaan asii fi achi darbantuu ti.
7 That person should not expect to receive anything from our Father. Nami akkasii, ka yaada lamaatii fi karaa maraan raafamaa waan te'eef, Goottaa biraa waan tokkolle hin dhaggadha jedhee hin eegatin.
8 Such a person is double-minded and unstable in all their ways. Not in this edition
9 Let the believer in humble circumstances take pride in their high position, Obboleessi gad aanaan, waan Waaqaan ol qabamuuf ifi jajuu ti!
10 but let the rich boast in their low state, since they'll pass like a wildflower. Durummaalle akkuma daraara'aa waan dabartuuf, obboleessi dureessille yoo Waaqi isa gad qabe ifi jajuu ti!
11 The sun rises with scorching heat and withers the grass. Its flower falls; its beauty vanishes. So the rich fade away amid their pursuits. Aduun o'a isi'ii ka woxaluun baatee daraaraa qoorsiti; daraaraan hin harca'a, dansummaan isaalle hin baddi. Akkasuma dureessille, hujii ifii adoo hujatuu hin bada.
12 Blessed is the one who endures trial, because once tested they'll receive the crown of life our Father promised to those who love him. Nami ataabee ciniinnatee ossatu ka badhaadhe. Sababille ataabamee haga ilaallameen duuba, gatii jiru'uu ka Waaqi worra isa jaalatuuf waadaa gale hin fudhata.
13 When tempted, no one should say, "Our Father is tempting me." Evil can't tempt our Father, and he tempts no one. Nami yennaa ataabamu, «Waaqi na ataabe» hin jedhin; Waaqi hantu'uun hin ataabamu; ifille'eef nama hin ataabu.
14 But each person is tempted, dragged away and lured by their own evil desire. Ammoo nami martinuu halchuma ifiitiin yennaa sossobamee sobamu ataabama.
15 Then desire conceives and gives birth to sin; sin, full-grown, gives birth to death. Achiin duuba, halchaan sun yennaa ulfootte, cubbuu dhalti; cubbuun sunille, yennaa guddattee geette, du'a dhalti.
16 Don't be deceived, my dear brothers and sisters. Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, hin sobamina'a.
17 Every good and perfect gift is from above, coming down from the Father of lights, who never changes or casts a shifting shadow. Arjummaa dansa'aa fi kennansi mijuun mara abbaa ifa ol-gubba'aa dade, ka akka gaaddisaa garagaggaliis yookiin jijjiiramiis bira hin jirre biraa dhufa.
18 By his choice, he gave us birth through the word of truth, so we'd be a kind of firstfruits of his creation. Nuuti dada isaa maraaf angafa akka teenuuf, Waaqi fedhii ifiitiin jecha dhuga'aatiin nu uume.
19 Know this, my dear brothers and sisters: everyone should be quick to listen, slow to speak, slow to anger, Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, tana hubatuu qaddan! Nami martinuu dhage'iisaaf ka ariifate, dubbatiisaa fi aariisaaf ka hin ariifanne te'uu ti;
20 because human anger does not produce the righteousness of our Father. sababille aariin namaa balchummaa Waaqaa hin fiddu.
21 So strip off all moral filth and excess evil; humbly receive the word planted in you, able to save your souls. Tanaaf battumma'aa fi bacatiisa hammeennaa mara ifi irraa balleessa'a; jecha lubbuu teessan fayyisiisaaf hunna qabu, ka isin keessatti dhaabame san gadhi laafumma'aan fudhadha'a.
22 Do not merely listen to the word, and so deceive yourselves. Do what it says. Worra jecha hujii irra oolchu te'aa malee, worra dhage'u qofa teetanee ifi hin sobina'a.
23 Anyone who hears the word but doesn't act on it is like one who looks at his natural face in a mirror, Nami jecha dhage'ee hujii irra hin oolchine ammoo, akka nama fuula ifii daaw'iti'iin ilaaluu ti;
24 and, after looking at himself, goes away and immediately forgets what he looks like. inni ifi ilaalee deemeen duuba, yoosuma maan akka fakkaatu hin dedha.
25 But whoever peers into the perfect law of freedom, continuing in it—not a forgetful hearer but a doer who acts—will be blessed in his doing. Ammoo nami Seera Waaqaa ka dhidhinna hin qanne, ka bilisa baasu hubatee ilaalu, ka ittille ossatu, ka dhage'ee hujii irra oolchuu fi ka hin deene hujii ifiitiin ka eebbifame hin te'a.
26 If anyone thinks himself religious but doesn't control his tongue, he deceives his own heart—his religion is worthless. Nami, nama dhugeeffannaa qabu ifi seyee, arraba ifii hin eeganne ammoo ifi soba malee, dhugeeffannaan isaa gatii hin qaddu.
27 Pure and spotless religion before our Father is this: caring for orphans and widows in their distress, and keeping oneself unstained from the world. Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti'ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba'aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du'eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle'ee ifi eeggachu'u.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]