Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 11 guj

Show guj only
Verse × ×
1 And I, in the first year of Darius the Mede, stood up to support and strengthen him. «Daariyos nami biyya Medoonii mootii te'ee woggaa tokkeesso'ootitti, isa qarqaariisaa fi jabeessiisaaf, ani isa bira dhaabbadheeraayyu.
2 Now I'll tell you the truth: look, three more kings will rise in Persia, then a fourth far richer than all. Strengthened by his wealth, he will stir up everyone against Greece's kingdom. Ammalle ani waan dhuga'aa sitti hima» jedhe. Ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, «Moototi dhibiin sadiin biyya Faaresii keessatti hin kaati; ka arfeesso'oo isaan caalaa hin durooma; inni yennaa durummaa ifiitiin jabaate, biyya mara mootummaa Giriikii irratti hin kakkaasa.
3 Then a mighty king will arise, who will rule with great dominion and do as he pleases. «Achiin duuba mootichi jabaan lola jaalatu, ka hunnaan bulchuu fi ka waan fedhe godhu tokko hin ka'a.
4 Once he rises, his kingdom will break apart and split toward the four winds of heaven—not to his descendants, nor with the power he held, for his kingdom will be uprooted and given to others besides them. Akkuma hunni isaa jabaatteen ammoo, mootummaan isaa diigantee, maddii afuritti gargar hin qoodanti; mootummaa isaa isa irraa fudhatantee worra dhibi'iif waan kennantuuf, sanyii isaatitti hin dabartu; akka qaraalle hunna hin qabaatu.
5 The king of the south will grow strong; one of his commanders will grow stronger than him and rule—his dominion will be vast. «Mootichi kibbaa hin jabaata; abbootii duulaa isaa keessa ammoo, tokko isa caalaa jabaatee hin bulcha; mootummaan isaalle mootummaa guddoo hin teeti.
6 After some years they will ally: the daughter of the king of the south will come to the king of the north to make an agreement. But she won't keep her strength, nor will he or his arm stand. She will be handed over—with her escort, her father, and her supporter—in those times. Woggoota diqqo'oon duuba mootichi kibbaa, mooticha kaabaa woliin wolii galan. Intalti mooticha kibbaa, wolii galtee isaanii jabeessiisaaf mooticha kaaba hin heerumti; isiin ammoo hunna ifiitiin turuu hin dandeettu; innii fi hunni isaalle jabaattee hin leetu; tanaaf isiin, dhirsi isi'ii, worri isii gara biyya sanii geessee fi abbaan isi'ii hin ijjeefaman.
7 A shoot from her roots will rise in his place, attack the army, enter the north king's fortress, act against them, and prevail. Sanyii isi'ii keessaa tokko mootii kibbaa te'ee, loltoota mootii kaabaa hin lola; kushee isaaniille diigee isaan hin injifata.
8 He will take their gods captive to Egypt, with their metal images and precious silver and gold vessels; for years he will stay away from the king of the north. Inni fakkii waaqota isaanii, meya gatii guddo'oo meeti'ii fi worqi'ii booji'ee gara biyya Gibxi'ii hin geessa; woggoota diqqo'oof inni mootii kaabaa hin lolu.
9 The king of the north will invade the king of the south's realm, then return home. Achiin duuba mootiin kaaba mootii kibbaa hin lola; ammoo dheetee gara biyya ifii hin deebi'a.
10 His sons will arm for war, gather a vast army that keeps coming, overflows, sweeps through, then renews war to his stronghold. «Ilmaan isaa mootii kibbaa loliisaaf qophowanee, loltoota bacaa wolitti hin qabatan. Isaan keessaa tokko akka lolaa bisaanii te'ee, kushee diinotaa irra hin dhangala'a.
11 The southern king, enraged, will march out to fight the northern king, who musters a vast army; but the army is given into the southern king's hand. Achiin duuba mootiin kibbaa aari'iin ka'ee, loltoota bacaa mootiin kaabaa san hin injifata.
12 When the crowd is carried off, his heart grows proud; he strikes down tens of thousands, yet fails. Loltooti bacaan yennaa booji'ante inni hin koora; loltoota kaabaa ta kuma heddu'utti laakkowantu hin fixa; inni ammoo injifachaa saniin jabaatee hin le'u.
13 The king of the north will again raise a horde bigger than before, then after years come with a great army and vast supplies. «Mootiin kaabaa ka duraa caalaa loltoota bacaa waan qopheeffatuuf, woggoota diqqo'oon duuba loltoota ifii hedduu ta meya woraanaa guutuu hidhatte fudhatee deebi'ee hin dhufa.
14 In those times many will rise against the king of the south; violent men of your people will lift themselves up to fulfill the vision, but fail. Bara san kolbaan hedduun mootii kibbaa irratti hin ka'an; Daani'el, mudhiin teeti akka muummottuuf, kolbaa teeti keessalle'ee worri hunnaan nama irratti ka'anu hin ka'an; ammoo hin injifataman.
15 The king of the north will come, raise a siege ramp, and take a fortified city; the south's forces will not stand, nor its elite troops—no strength remains to stand. Achiin duuba mootiin kaabaa qachaa dalleenni dhaka'aa itti ijaarame tokko marsee hin qabata. Loltooti kibbaa ifi irraa dhooggatuu hin dandeettu; loltooti filamaneeyyuu, ifi irraa dhooggatiisaaf hunna hin qaabatanu.
16 His invader does as he pleases; none can stand before him. He will stand in the splendid land, destruction in his hand. Mootiin kaaba sun waan fedhe hin godha; ka isa ifi irraa dhooggatiisa dande'u hin jiru. Inni lafa Israa'elii bisilee hin qabata, isii balleessiisaafille hunna hin qabaata.
17 He will set out to enter with his kingdom's full strength, and make terms with him; he will give him a daughter of women to ruin it, but it will not stand or benefit him. «Inni loltoota mootummaa ifii duudii woliin duuliisaa hin yaadata; mootii kibbaa woliin wolii galtee nageyaa hin godha; mootummaa san balleessiisaaf, intala ifii mooticha kibbaa hin heerumsiisa; ammoo yaadi sun isaaf hin te'u yookiin isa hin qarqaaru.
18 Then he'll turn to the coastlands and take many, but a commander will end his arrogance, turning it back on him. Achiin duuba inni gara lafa qarqara abbaayaa Mediteraaniya'aa hin deebi'a; kolbaa hedduulle hin qabata; ammoo abbaan duulaa tokko isa injifatee, koora isaa hin dhaabbachiisa; dhugumaan dubbii inni kooraan dubbattelle isuma irratti hin deebisa.
19 Then he will turn his face toward the fortresses of his own land, stumble, fall, and be found no more. Achiin duuba mootichi kaabaa gara kushee biyya ifii hin deebi'a; inni ammoo gufatee hin jiga; deebi'eelle hin dhaggamu.
20 In his place will rise one who sends a tax collector for the glory of the kingdom; within a few days he'll be broken—not in anger, not in battle. «Mootiin addee isaa bu'u, ulfinna mootummaa ifii eegisiisaaf nama gibira guuru hin erga; te'uu malee woggaa diqqo'oon duuba aarii kolba'aatiin yookiin woraanaan adoo hin te'in, mootichi sun hin du'a.
21 A despised man will rise in his place, denied royal honor. He'll come in a time of ease and seize the kingdom through flattery. «Isaan duuba nami tuffatamaan tokko hin ka'a; ulfinni mootumma'aa isaaf hin kennamu; adoo kolbaan dedhuma jirtuu, malaan dhufee sobiisaan mootummaa hin qabata.
22 Armies will be swept away before him and broken, and the prince of the covenant as well. Inni loltoota hunnaameyyii bacaa, sooressa gondooro'oo injifatee haxowee hin balleessa.
23 Once allied with him, he will act dishonestly and grow strong with only a few people. Kolbaan biyya adda addaa hedduun isaa woliin wolii galan; inni ammoo isaan hin soba; hunna guddoo hin qabaata; ammoo kolbaa diqqo'otti isa qarqaara.
24 In a time of security, he will enter the province's richest regions and do what neither his fathers nor their fathers did—scattering plunder, spoil, and goods among them, devising schemes against fortresses, but only for a time. Inni kolbaan lafa bisilee keessaa dedhuma adoo jirtuu, hin lola; waan abbootiin isaa ta durii hin godhin hin godha. Inni meyaa fi karra booji'e mara worra isa gula deemuuf hin qooda; kushee jissiisaaf mala dhowa; ammoo yennaa diqqoo qofaaf isaaf teeti.
25 He will rouse his strength and courage against the king of the south with a great army. The king of the south will fight with a very great, mighty army—but won't stand, for plots will be devised against him. «Inni loltoota guddoo qopheeffatee, mootii kibbaa loliisaaf hunnaa fi jabeenna ifii hin kakkaasa; mootiin kibbaalle loltoota baca'aa fi jajjadduu hin qopheeffata; isaan isa irratti mala waan dhowaneef, inni ammoo ifi irraa dhooggatuu hin dande'u.
26 Those who eat his food will break him; his army is swept away, and many fall slain. Worri isaa woliin nyaatuuyyu isa balleessiisaaf hin wodhaanan; loltooti isaa hin haxowaman; hedduun isaaniille hin du'an.
27 Both kings' hearts bent on evil will speak lies at one table, but it will fail—the end awaits its appointed time. Moototi lamaanuu gadhaa ifii keessatti hammeenna qabatanee, qorii takka'atti nyaatiisaaf hin tee'an; wolille hin soban; muummee isaaniitiif yennaan Waaqi murteesse waan hin geyiniif ammoo, isaaniif hin teetu.
28 He returns to his land with great wealth, heart against the holy covenant; he acts, then returns to his land. Mootichi kaabaa karra booji'e fudhatee, gara biyya ifii hin deebi'a; yaad isaa ammoo gondooroo woyyittii balleessiisa; waan fedhe godheen duuba gara biyya ifii hin deebi'a.
29 At the appointed time he will return and head south, but this time won't match the earlier or the latter. «Yennaa murtootetti mootichi kaabaa deebi'ee mootii kibbaa hin lola; te'uu malee akka yennaa duraa isaaf hin teetu.
30 For ships of Kittim will come against him; he loses heart, turns back, rages against the holy covenant, and acts. He returns and favors those who abandon the holy covenant. Worri Rooma'aa hobolo'oon dhufee waan loluuf, inni hin sodaata. Achiin duuba gara duuba deebi'ee gondooroo woyyitti'itti aarii ifii baya; deebi'eelle gorsa worra gondooroo woyyittii lakkisee hin fudhata.
31 His forces will rise, defile the sanctuary fortress, end the daily sacrifice, and set up the abomination that causes desolation. Loltooti isaa Galmaa Waaqaatii fi dalleya Galma Waaqaa batteesane. Isaan ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatulle akka hafu godhanee, farra badi'ii hin dhaaban.
32 He will corrupt those who violate the covenant with flattery, but people who know their Father will stand firm and act. Inni worra gondooroo lakkise sossobiisaan qarqaarsa irraa dhaggata. Kolbaan Waaqaa ifii beettu ammoo, jabaattee isa mormiti.
33 The wise among the people will teach many, but will fall for a time by sword, flame, captivity, and plunder. Worri qarooleen odduu kolba'aa jiranu, kolbaa barsiisiisan; te'uu malee yennaa diqqo'oof shallaaga'aan hin ijjeefaman yookiin ibiddaan hin gubatan yookiin hin booji'aman, yookiin hin saamaman.
34 When they fall, they will receive a little help, and many will join them with flattery. Rakkoo san keessa isaan qarqaarsa diqqaa hin dhaggatan; worri bacaan sobaan isaanitti hin dabalama.
35 Some of the wise will stumble, to be refined, purified, and cleansed until the end time, for it still awaits the set time. Haga yennaan Waaqi murteesse geettutti, akka isaan dhimbiibamanu, akka qulluu te'anuu fi qulqulloomanu, qaroolee san keessaa worri diqqaan hin ijjeefama.
36 The king will do as he pleases, lifting and enlarging himself above every god, speaking shocking things against our Father. He will flourish until the wrath is spent, since what is decreed will happen. «Mootiin kaabaa waan fedhe hin godha. Inni ifi ol qabee, waaqota mara ka caalu ifi seya. Waaqa waaqota caalu irratti arraba hamaa hin dubbata. Wonni murteeffame marti te'u'uuf waan malteef, yennaan mufii Waaqaa haga muummottutti wonni marti hin teetiif.
37 He will disregard his fathers' gods, women's desired one, and every god—he will set himself above them all. Inni waaqota abbootii ifii ta duriitiif yookiin waaqota dubartooti jaalattuuf ulfinna hin kennu; inni ka mara caalu waan ifi seyuuf waaqota dhibii tokkolle'eef ulfinna hin kennu.
38 Instead he'll honor a god of fortresses, unknown to his fathers, with gold, silver, precious stones, and costly gifts. Addee isaanii, waaqa, ‹Kushee eega› jedhamuuf ulfinna hin kenna; waaqa abbootiin isaa ta durii hin beenne tokkoof, worqi'ii fi meetii, dhakaa gatii guddo'ootii fi kennansa gatii guddo'oo kenniisaan ulfinna hin kenna.
39 With a foreign god he attacks the strongest fortresses. He greatly honors those who acknowledge him, gives them rule over many, and divides land for a price. Kolbaa waaqa orma waaqonfatuun kushee diinaa ta kushee mara caalaa jaddu'uu hin lola; worra akka bulcha'aatitti isa fudhatuuf ulfinna gudda hin kenna; kolbaa dhibii hedduu irratti bulchitoota isaan hin godha; galata isaan isaaf godhaneef, lafa isaaniif hin qooda.
40 At the end time, the king of the south will engage him, and the king of the north will storm against him with chariots, horsemen, and many ships. He will invade the lands, overflow, and pass through. «Barri yennaa geye mootiin kibbaa mootii kaabaa hin lola; mootiin kaabaalle garreettaa woraanaa ka fardaan harkifamu heddu'uun, abbootii fardaatii fi hoboloo heddu'uun akka hobonbolatti'ii itti ori'a. Akka lola'aa haxowaa biyya hedduu hin lola.
41 He enters the beautiful land; many fall, but Edom, Moab, and Ammon's chief sons escape his hand. Inni lafa Israa'elii bisiltuulle hin lola; biyya hedduulle hin injifata; Edoom, Mo'aabii fi sooreyyiin Amoonii ammoo, harka isaa jalaa hin miliqan.
42 He will stretch out his hand against the lands, and the land of Egypt will not escape. Inni biyya hedduu harka ifii jalatti hin bulcha; biyyi Gibxi'iille isa jalaa hin baatu.
43 He will rule gold and silver treasures, and all Egypt's riches, with Libyans and Cushites at his heels. Worqi'ii meeti'ii, fi karra Gibxi'ii mara hin fudhata; worri Liibiya'aatii fi Itoophiya'aa, isaaf hin ajajaman.
44 But news from the east and north will terrify him, and he'll set out in great rage to destroy and annihilate many. Oduun gara aduun baatuu fi gara kaabaa irraa dhuttu ammoo mootii kaabaa hin sodaachitti; inni kolbaa hedduu balleessiisaaf aarii guddo'oon hin baya.
45 He will pitch his palace tents between the seas and the beautiful holy mountain, then come to his end with no helper. Inni abbaaya'aa fi gaara woyyicha dansaa wodhakka'atti dunkaanota mootummaa ifii hin dhaabbata; muummee irratti inni hin du'a; nami tokkolle isa hin qarqaaru» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]