Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 10 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In Cyrus king of Persia's third year, a message was revealed to Daniel, called Belteshazzar—true, about a great war. He understood it, gaining insight into the vision. Qiiros biyya Faaresiititti mootii te'ee woggaa sadeesso'ootitti, mudhiin takka Daani'elii Belxishaazaar jedhamutti mudhatte. Mudhiin sun ta dhuga'aa ti; isiin marroo lola gudda'aa ta beessittu; inni mudhii san akka hubatuuf, mudhi'iin hubantiin isaaf kennante.
2 In those days I, Daniel, was mourning for three full weeks. Yennaa san ani Daani'el torbaan sadiif gadda irra jiraayyu.
3 I ate no fine food; no meat or wine touched my mouth; I used no oil at all, until three weeks passed. Torbaan sad haga dabartutti ani sagalee dansaa hin nyaanne; foonii fi daadhii woyni'ii afaaniin hin qanne; waan iffatanulle fuula yookiin mataa hin iffanne.
4 On the twenty-fourth day of month one, I stood on the bank of the great river—the Tigris. Ji'a qaraa guyyaa diddamii arfeesso'ootitti, ani laga Xeegrosii guddicha bira dhaabbadhee,
5 I looked up and saw a man in linen, a belt of fine gold of Uphaz around his waist. yennaa ol ilaale, namicha woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, hidha ifii hiituu worqi'iitiin hidhate tokko dhagge.
6 His body like beryl, his face like lightning, his eyes like torches of fire, his arms and legs like polished bronze, and the sound of his words like a roaring crowd. Nafi isaa akka dhakaa, «Beerilos» jedhamuu issa; fuulli isaa akka balaqqeetti'ii calaqqisa; ilti isaa bobe'a ibiddaa fakkaatti; harkii fi miilli isaa akka sageettuu morodantee cululuqa; qoonqoon isaa akka qoonqoo kolbaa heddu'uu ti.
7 I, Daniel, alone saw the vision; the men with me didn't see it, but great trembling fell on them, and they fled and hid. Ana Daani'el calla'attuu mudhii tana dhagge malee, worri na woliin jiru hin dhaggine; ammoo guddoo waan sodaataneef, baqatanee dhokatane.
8 Left alone, I saw this great vision. No strength remained in me; my face turned deathly pale, and I kept no strength. Maarre ani qofii tiyya hafee mudhii guddoo tana dhagge; ani jabeenna dhabee, fuulli kiyya shankallowee, hunnalle dhabe.
9 Then I heard his words, and hearing them, I fell face down on the ground in a deep sleep. Achiin duuba qoonqoo namichaa dhage'e; yennaa qoonqoo isaa dhage'e, rifadhee fuulaan lafatti jigee, ifi wollaale.
10 Suddenly a hand touched me and set me trembling on my hands and knees. Achiin duuba harki tokko na tuqee, ani rorommaa harkaan lafa qabadhee, jilba kiyyaan akka jilbiiffadhu na godhe.
11 He said to me, "Daniel, dearly loved man, understand the words I speak to you; stand up, for I am now sent to you." When he spoke this word to me, I stood up, trembling. Ergamaan Waaqaa sun anaan, «Ee Daani'elii guddoo jaalatante, ani gara keeti waan ergameef, dubbii ani sitti dubbadhu akka dansaa hubadhu; addee jirtutti ol ka'ii dhaabbadhu» naan jedhe; yennaa inni dubbii tana natti dubbate, ani rorommaa ol ka'ee dhaabbadhe.
12 He said to me, "Don't be afraid, Daniel. From the first day you set your heart to understand and humbled yourself before your Father, your words were heard, and I came because of your words. Achiin duuba inni anaan, «Ee Daani'el, hin sodaatin. Guyyaa ati hubantii dhaggatiisaaf, Waaqa duratti ifi gad qabiisaaf murteessiteen jalqabee, daadimati keeti dhage'ameera; daadimati keeti waan dhage'ameef, ani gara keeti ergamee dhufe.
13 But the prince of Persia's kingdom opposed me twenty-one days; then Michael, one of the chief princes, came to help me, for I was left there with Persia's kings. Sooressi guddichi ka mootummaa Faaresii, guyyoota diddamii tokko anaan morme; achiin duuba Mikaa'el sooressi sooressitootaa, qofi hafiisa kiyya dhaggee na qarqaariisaaf dhufe.
14 I came to help you understand your people's future in days to come, for the vision is for days still ahead." Mudhiin sun marroo guyyoota gara duraa waan mudhittuuf, guyyoota muumme'eetitti waan kolbaa teeti dhaqqabu'uu jiru, si hubachiisiisaaf ani gara keeti dhufe» jedhe.
15 As he spoke these words to me, I turned my face to the ground, unable to speak. Yennaa inni tana natti dubbate, ani lafa ilaalee dubbatiisa dadhabe.
16 Then one like a man touched my lips. I opened my mouth and began to speak. I said to the one standing before me, "My lord, the vision has filled me with pain, and I have no strength left. Achiin duuba ergamaan ilmaan namaa fakkaatu tokko, hidhii tiyya tuqe; anille afaan kiyya banadhee dubbadhee, ka na dura dhaabbateeru saniin, «Ee goottaa kiyya, sababa mudhii tanaatiin guddoo farree, hunna dhabeera.
17 How can I, your servant, speak with you, my lord? No strength remains in me now, no breath is left." Ani hunna dhabee, hafuurri na keessaa waan dhumateef, ani tajaajilaan keeti, attamiin si goottaa kiyya woliin dubbatiisa dande'a ree?» jedhe.
18 Again the one who looked like a man touched me and strengthened me. Ammalle ergamaan ilmaan namaa fakkaatu sun, na tuqee na jabeessee,
19 He said, "Don't be afraid, treasured one. Peace to you; be strong, be strong!" His words strengthened me, and I said, "Speak, my lord, for you have strengthened me." «Ee nama guddoo jaalatante, hin sodaatin; nageenni siif te'u; jabaadhu, jajjabaadhu» jedhe. Yennaa inni natti dubbate, ani jabaadhee, «Ee goottaa kiyya, ati waan na jabeessiteef dubbadhu» jedheen.
20 He said, "Do you know why I came to you? Now I return to fight Persia's prince; then, as I leave, Greece's prince comes. Achiin duuba inni anaan, «Ani maaf gara keeti akka dhufe hin beettaa? Ani ammalle sooressa guddicha Faaresii loliisaaf achi hin deebi'a; ani deemeen duuba sooressi guddichi Giriikii hin dhufa.
21 But first I'll tell you what's written in the Book of Truth: none stands firmly with me against them but Michael, your prince." Ani ammoo dursee, waan Kitaaba Dhuga'aa keessatti barreeffame sitti hima; Mikaa'elii sooressa guddicha keessan malee, sooressitoota gugurdoo tanaan wol loliisaaf ka na qarqaaru hin jiru.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]