Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 9 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In the first year of Darius son of Xerxes, a Mede, made king over the Babylonian realm. Sanyii medoonii keessaa Daariyos ilmi Ashwerosii, Baabilonitti mootii te'e.
2 In his reign's first year, I, Daniel, understood from the books how many years our Father told Jeremiah the prophet: seventy, to complete Jerusalem's ruins. Bara mootummaa isaa woggaa tokkeesso'ootitti, ani Daani'el, akkuma Mootiin Waan Maraa raagicha Ermiyaasitti dubbate, diigamiis Yerusaalemii woggaa torbaatama akka turu, Barreeffama Woyyicha keessaa hubadhe.
3 So I turned my face to the Sovereign Father, to seek him in prayer and pleading, with fasting, sackcloth, and ashes. Tanaaf ani woyaa gaddaa uffadhee, daadhaa irra tee'ee, laamiisaan, daadimatiisaa fi gaafatiisaan fuula kiyya gara Mootii Waan Maraa Waaqatti deebifadhe.
4 I prayed to my Father, confessing: "Sovereign Father, great and awesome, keeping covenant and faithful love for those loving him and keeping his commands, Ani cubbuu tiyya himataa, «Ee Mootii Waan Maraa, ati gudda'a, hin sodaachittalle'e! Worra si jaalatuu fi worra seera keeti eegatuuf, waadaa galtee fi jaalala keeti ka bara baraa hin eegatta.
5 we have sinned, done wrong, done evil, rebelled, turning from your commands and rulings. «Nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e; hantuu hunyee finqilleera; ajajaa fi seera keeti irralle'ee deebineerra;
6 We haven't listened to your servant prophets speaking in your name to our kings, princes, ancestors, and all the land's people. tajaajiltoota teeti raagota worra maqaa keetiin mootota keennatti dubbatanu, sooressitoota teenna, abbootii keennaa fi kolbaa biyya lafa mara hin dhageenne.
7 Righteousness is yours, Sovereign Father, but ours is open shame today—Judah's people, Jerusalem's residents, all Israel, near and far, in every land where you drove them for their unfaithfulness to you. Ee Gootta'a, ati balcha'a; nuuti ammoo worra addatamaa si'iif waan hin te'iniif, nuuti namooti Yihuda'aa, kolbaan Yerusaalemiitii fi Israa'elii, bayya'aa fi dhikoo worri jirru ka ati biyya lafaa mara keessa bittinneessite yennaa ammaa tana salphanneerra.
8 O our Father, open shame belongs to us—our kings, princes, and ancestors—because we sinned against you. Ee Mootii Waan Maraa, nuutii fi moototi kenna, qondaaltoti keennaa fi abbootiin kenna cubbuu waan hunyeef salphanneerra.
9 To the Sovereign Father belong mercy and forgiveness, for we have rebelled against him, Nuuti finqillee isa irratti kaanulle Mootiin Waan Maraa Waaqi kenna marara'aa fi ka araaramu.
10 and we disobeyed our Father's voice to walk in his laws set before us through his servants the prophets. Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin ajajanne; seera inni karaa tajaajiltoota teeti raagotaatiin nu'uuf kennelle hin eeganne.
11 All Israel broke your law and turned away, refusing to obey your voice. So the curse and the sworn oath written in the Law of Moses, our Father's servant, poured out on us, because we sinned against him. Israa'elooti duudiin seera keeti irra dabaranee, siif ajajamuu didaneeran; nuuti waan si irratti cubbuu hunyeef, abaarsii fi kakuun ka seera tajaajilaa Waaqaa Muuse'eetitti barreeffame nu irratti dhangala'e.
12 He confirmed his words against us and our judges who judged us, bringing great disaster on us; nothing under all heaven matches what happened to Jerusalem. Ati badii guddoo nu'uu fi abbootii mura'aa teenna irratti fidiisaan, wonni ati dubbatte marti akka nu irratti muummottu goote; wonni qachaa Yerusaalemii irratti teete, ol-gubba'aan jalatti ijjumaa teetee hin beettu.
13 As written in the Law of Moses, all this disaster came on us; yet we have not sought our Father's favor by turning from our sins and understanding your truth. Akkuma Seera Muuse'ee keessatti barreeffame, badiin tun duudiin nu dhaqqadde; te'uu malee nuuti cubbuu teenna irraa deebi'iisaan, dhugaa teetille hordofatiisaan si Mootii Waan Maraa Waaqa keenna hin gammachiinne.
14 So our Father readied the disaster and brought it on us, for our Father is righteous in all he does; but we did not obey his voice. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa keenna, ati waan gootu maraan balcha'a; nuuti ammoo waan siif hin ajajaminiif, badii tana duudii nu irratti fidde.
15 And now, Sovereign Father, you brought your people out of Egypt with a strong hand and made yourself a name lasting to this day—we sinned, we did wrong. «Ee, Goottaa Waaqa keenna, sittuu harka hunnaamessaan kolbaa teeti biyya Gibxi'ii keessaa baattee, maqaan keeti haga adhaatitti akka beekkamu goote; nuuti cubbuu hunyeerra; yakkineerralle'e.
16 Sovereign Father, by all your righteous acts, turn your anger and rage from your city Jerusalem, your holy mountain—for our sins and our ancestors' wrongdoing made Jerusalem and your people a disgrace to all around us. Ee Goottaa, ati akka hujii teeti balchitti'iititti mufi'ii fi aarii teeti qachaa keeti Yerusaalem irraa, gaara keeti woyyicha irraa deebis. Sababa cubbuu teennaatii fi yakkaa abbootii teennaatiif qachaan Yerusaalemiitii fi kolbaan teeti, odduu worra adaala keenna jiranuu maratti salphataneeran.
17 Now, our Father, hear your servant's prayer and pleas, and shine your face on your desolate sanctuary, for your own sake, Sovereign Father. Ee Waaqa keenna daadimataa fi gaaffii tajaajilaa keetii dhage'i; ee Goottaa, maqaa keetiif jedhiitii, Galma keeti diigameef marari.
18 Turn your ear toward us, my Father, and hear; open your eyes, see our ruins and the city called by your name. We bring our pleas before you not for our righteousness but your great mercy. Ee Waaqa, maganne'e naa dhage'i; rakkoo teennaa fi badii qachaa maqaa keetiin waamamuu ilaal. Nuuti balchummaa teennaaf adoo hin te'in, marartii teeti guddo'otti addannee daadimata keenna gara keeti dhikeeffanna.
19 Sovereign Father, hear! Sovereign Father, forgive! Sovereign Father, listen and act! Don't delay, for your sake, my Father, because your city and your people bear your name." Ee Gootta'a, nuu dhage'i. Ee Gootta'a, nuu araaram. Ee Gootta'a, nuu dhage'iitii, waan tokko godhi. Qachaan keetii fi kolbaan teeti maqaa keetiin waan waamamaneef, ee Gootta'a, maqaa keetiif jedhiitii hin turin» jedhee, gara Goottaa Waaqa kiyyaa daadimadhe.
20 Still speaking, praying, confessing my sin and my people Israel's sin, laying my plea before my Father for my Father's holy hill, Ani cubbuu tiyyaa fi cubbuu kolbaa tiyya Israa'elii adoo dhugaa bayiisatti jiruu, marroo gaara woyyicha Waaqa kiyyaatiif, Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya gaafataa,
21 while I was still praying, Gabriel, the man I saw earlier in the vision, reached me, flying fast, about the time of the evening offering. adoo daadimatiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa Gabri'eel ka akka namaa fakkaateeruun ani qara mudhi'iin dhagge sun, yennaa ciincaan galgalaa dhikaatutti, gara kiyya xinniqaa dhufe.
22 He gave me insight, speaking with me and saying, "Daniel, I have now come out to give you insight and understanding. Inni na hubachiisiisaaf natti dubbatee, «Ee Daani'el, ani amma qarumma'aa fi hubantii siif kenniisaaf dhufeera.
23 As your pleas began, a word went out, and I came to tell you, for you are deeply loved. So weigh the word and understand the vision: Ati guddoo jaalatamaa waan teeteef, akkuma ati daadimatiisa jalqaddeen, deebiin si'iif kennanteerti; anille tana sitti himiisaaf dhufe. Tanaaf ergaa tana qalbeeffadhuutii, mudhiille hubadhu.
24 "Seventy weeks are decreed for your people and your holy city: to end wrongdoing, finish sin, atone for guilt, bring in everlasting righteousness, seal vision and prophet, and anoint a most holy place. «Balleessaan akka hattuuf, cubbuu hujiis akka dhaabbattu, yakka'aaf araarri akka kennamu, balchummaan bara baraa akka dhuttuuf, mudhi'ii fi raaga irratti chaappaan akka godhamu, Addeen Irra caalaa Woyyittiin akka muudantuuf, torbaan torbaatam kolbaa teeti irratti laffameera.
25 Know therefore and understand: from the time the command goes out to restore and rebuild Jerusalem until the coming of the Anointed One, the Prince, there will be seven weeks and sixty-two weeks. It will be rebuilt with streets and a moat, but in troubled times. Tana beekiitii hubadhu; yennaa Yerusaalem adde'etti deebitee akka ijaarantuuf ajaji bayeen jalqabee, haga yennaa bulchaan muudame dhufuutitti torbaan torba hin dabarti; akkasuma torbaan jaatamii lamaaf badhinneen qachaa Yerusaalemii ijaarantee, baleen hin qotanti; te'uu malee tun duudiin bara rakko'ootitti teeti.
26 And after the sixty-two weeks the Anointed One will be cut off and will have nothing. The people of the prince who is to come will destroy the city and the sanctuary. Its end will come like a flood, and to the end there will be war; desolations are decreed. Bulchaan Muudame torbaan jaatamii lama saniin duuba, haqa malee hin ijjeefama; loltooti bulchaa dhibii ka dhufuu, qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa hin balleessan; muummeen qachaa Yerusaalemiitii fi Galma Waaqaa lola'aan teeti; badiin waan itti laffanteefille lolli haga dhumaatitti hin te'a.
27 He will confirm a covenant with many for one week; mid-week he will stop sacrifice and offering. On a temple wing he will set up an abomination that causes desolation, until the decreed end pours on the desolator." Bulchaan dhibiin sun woggaa torbaaf kolbaa hedduu woliin gondooroo hin godha; inni gamisa woggaa torbaatitti ciinca'aa fi kennansi midhaanii akka hafu godhee, addee ciinca'aatii fi kennansa midhaan sanii, battummaa badii fiddu Galma Waaqaa keessatti akka jiraattu hin godha; tunille adabbiin bulchaa san irratti laffante haga muummottutti teeti» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]