Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 12 guj

Show guj only
Verse × ×
1 At that time Michael, the great prince guarding your people's children, will arise. There will be distress unmatched since nations began, until then. At that time your people—all listed in the book—will be rescued. Ergamaan Waaqaa ka natti dubbate sun, «Yennaa san Mikaa'el sooressi guddichi kolbaa teeti eegu hin ka'a; achiin duuba haga gosi biyya adda addaa lafa irra jiraatteen jalqabee, farri guddoon teetee hin beenne hin teeti; yennaa san ammoo kolbaan biyya teeti, worri maqaan isaanii kitaaba keessatti barreeffame dhaggame farra san jalaa hin bayan.
2 Many sleeping in earth's dust will wake—some to everlasting life, some to shame and everlasting contempt. Worri hedduun du'ee awwaalameeru, gariin jiruu bara baraatiif, gariin salphinna bara baraatiif hin ka'an.
3 The wise will shine like the sky's brightness; those who turn many to righteousness, like stars, forever and ever. Worri qarooleen akka ifa gubba'aa hin ifan; worri worra hedduu gara balchumma'aa deebise haga bara baraa akka urji'ii hin ifan.
4 But you, Daniel, close these words and seal the book until the end time. Many will roam back and forth, and knowledge will grow. «Ati ammoo Daani'el, haga bara muumme'eetitti, kitaaba san cufii chaappaa itti dhowiitii, dubbii tana dhossii qabadhu; worri hedduun beekkumsa ede'atiisaaf, asii fi achi hin daaqan» jedhe.
5 Then I, Daniel, looked and saw two others standing, one on each bank of the river. Achiin duuba ani Daani'el ergantooti dhibiin lamaan tokko irga lagaa gamaan, kuun irga lagaa gamanaan dhaabbataneeranuun dhagge.
6 One asked the linen-clad man above the river's waters, "How long till these wonders end?" Isaan keessaa tokkochi ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeruun, «Wonni maade'ee kun yoom muummotti?» jedhe.
7 I heard the man dressed in linen, above the river's waters, lift his right hand and left toward heaven and swear by the One who lives forever: for a time, times, and half a time; when the shattering of the holy people's power is finished, all these things will be finished. Ka woyaa quncee talba'aa irraa hujante uffatee, bisaan lagaatiin gubbaa dhaabbateeru sun, harka ifii gara ol-gubba'aa kaasee, maqaa Waaqa bara bara le'uutiin kakatee, «Woggaa sadiif gamisatti teeti; hunnaa kolbaa Waaqaa caccassiisi yennaa dhaabbattu wonni kun marti hin muummotti» jedhe.
8 I heard, but didn't understand, so I said, "My lord, what is the end of these things?" Ani waan inni jedhe dhage'e; ammoo hin hubanne. Tanaaf, «Ee, Goottaa kiyya, wonni kun marti teeteen duuba maanti te'a ree?» jedhee gaafadhe.
9 He said, "Go, Daniel, for the words are shut and sealed until the time of the end. Innille deebisee, «Daani'el, haga bara muumme'eetitti, dubbiin tun dhossa'aan qabantee, chaappaan itti waan dhowameeruuf, ati deem.
10 Many will be purified, whitened, refined; the wicked will keep doing evil. None of the wicked will understand, but the wise will understand. Worri hedduun qulluu te'anee, qulqulloomanee hin dhimbiibaman; worri hamooleen ammoo hammeenna irratti hammeenna hujan. Worra hamoolee keessaa tokkolle ka woy hubatu hin jiru; worri qarooleen ammoo hin hubatan.
11 From the daily sacrifice's removal and the setting up of the abomination that causes desolation: 1,290 days. «Ciincaa guyyaa guyya'aan dhikaatu akka hafu godhanee, farri badi'iille akka dhaabantu haga godhaneen jalqabee, guyyaa kuma tokkoo fi dhibba lamaaf sagaltam hin dabara.
12 Blessed is the one who waits and reaches the 1,335 days. Guyyaa kuma tokkoo fi dhibba sadii soddomii shan, nami addatamummaan ture hin gammada.
13 But you, go to the end. You will rest, then stand for your inheritance at the end of the days." «Atille Daani'el, haga muumme'eetitti ka addatante te'i; achiin duuba hin duuta; bara muumme'eetitti ammoo, qooda keeti fudhatiisaaf hin kaata» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]