Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 8 guj

Show guj only
Verse × ×
1 After twenty years, in which Solomon built the house of our Father and his own palace, Mootichi Solomoon Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa ka ifii woggaa diddama ijaareen duuba,
2 Solomon rebuilt the cities that Huram had given him, and settled the people of Israel in them. olloota Hiiraam isaaf kenne haaressee ijaaree, Israa'eloota achi keessa qubachiise.
3 Then Solomon marched against Hamath-zobah and overpowered it. Achiin duuba Solomoon gara biyya Haamaat-Zobaatii duulee qabate.
4 He built Tadmor in the wilderness, along with all the storage cities he built in Hamath. Inni ammalle goomolee keessatti qachaa Tadmoorii ijaareen duuba, kutaa Haamaatii keessalle'etti qachoota gootaraa midhaaniitii fi mana meya adda addaa ijaarsise.
5 He also rebuilt Upper Beth-horon and Lower Beth-horon as fortified cities, with walls, gates, and bars, Inni Bet-Horoonii Gubba'aatii fi Bet-Horoonii Jalaa ijaarsisee dalleya dhaka'aa itti ijaaree, karraa fi danqaraa itti tolche.
6 Baalath, all Solomon's supply cities, his chariot and horsemen cities, and all he desired to build in Jerusalem, Lebanon, and his whole realm. Akkasuma qachaa Ba'aalaatii, qachoota gootaraa midhaaniitii fi qachoota meya adda addaa mara, qachoota garreettaan fardaan harkifamu keessa tee'anuu fi qachoota abbootiin fardaa keessa le'anu, waan ijaaruu yaade maralle Yerusaalemitti, Libaanonitti, kutaa biyya ifii bulche mara keessalle'etti ijaarsise.
7 There were still people left from the Hittites, Amorites, Perizzites, Hivites, and Jebusites, who were not Israelites. Sanyii Israa'elii ka hin te'in, worra achitti hafane mara Heetota, Amoorota, Pheriizota, Hiiwotaa fi Yibusoota,
8 Their descendants still living in the land, whom Israel had not destroyed, Solomon conscripted for forced labor, as they still are today. sanyii isaanii ka Israa'elooti balleessuu lakkisanee lafa san keessatti hamburane mara, Solomoon haga adhaatitti isaan garboonfatee, akka isaaf tajaajilanu godhate.
9 Solomon enslaved no Israelites for his work; they were soldiers, commanders of his officers, and commanders of his chariots and horsemen. Israa'eloota ammoo loltoota ifii, ajajjoota loltoota ifii, ajajjoota garreettota fardaan harkifamanuutii fi abbootii fardaa godhate malee, akka garbootaatitti hin hujisiifanne.
10 These were King Solomon's chief officers: 250 who supervised the people. Mootichi Solomoon qondaaltota sooreyyii dhibba lamaa fi shantama qabaayyu.
11 Solomon brought Pharaoh's daughter from the City of David to the house he built her, saying, "No wife of mine will live in David king of Israel's house, for holy is wherever our Father's ark has entered." Solomoon, «Addeen Saanduqi Gondooro'oo jirtu woyyuu waan teeteef, haati manaa tiyya mana mootumma'aa ka Daawitii mootii Israa'elii keessa le'uu isii hin barbaachisu» jedhee, haadha manaa ifii intala mootii Gibxi'ii qachaa Daawitii keessaa gara mana mootumma'aa ka isi'iif ijaaree geesse.
12 Then Solomon offered burnt offerings to our Father on the altar he built before the portico, Achiin duuba Solomoon kennansa gubamu addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa, ta soro'oon duratti ijaare irratti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
13 daily as required, by Moses' command: Sabbaths, New Moons, and three yearly festivals—the Feast of Unleavened Bread, the Feast of Weeks, and the Feast of Tabernacles. Inni akkuma Muuseen ajajetti guyyaa guyya'atti, guyyaa Sanbataatitti, baatii ji'aatitti, jila wogga'atti yennaa sad jilifantutti, jila daabboo uukoo hin qanneetitti, jila torbaan torbaatii fi jila gose'eetitti ciincaa Mootii Waan Maraatiif dhikeesse.
14 Following his father David's rules, he set priestly divisions for service, Levite divisions to praise and serve before the priests as each day required, and gatekeeper divisions at each gate, for David the man of our Father had commanded it. Inni seera abbaa ifii Daawitii hordofiisaan hayyoota hujii hujii isaaniititti, Lewwoota waan guyyaa guyya'aan barbaachisu hayyoota akka qarqaaranuuf, faaruulle'een leellisa akka dhikeessanu hujii hujii isaaniititti isaan ramade; inni ammalle akkuma nami Waaqaa Daawiti ajaje, worri karra eegu karra mara akka eeganu godhe.
15 They followed the king's orders to the priests and Levites exactly, down to the storerooms. Nami tokkolle waan mootichi marroo hayyootaatii fi Lewwootaa, akkasuma marroo mana qabeennaatii fi waan inni ajaje maraayyuu irraa hin gorre.
16 All Solomon's work was finished, from the day our Father's house was founded until its completion; our Father's house was complete. Guyyaa hundeen Galma Waaqaa keyantee jalqabee haga guyyaa ijaarsi dhumateetitti, hujiin Solomoonii marti teeteef. Maarre ijaarsi Galma Waaqaa hobba'e.
17 Then Solomon went to Ezion-geber and Eloth on the seacoast in the land of Edom. Achiin duuba Solomooniin mootichi gara qachaa Eziyon-Geberiitii fi qachaa Elootii ka biyya Edoomii keessa irga abbaaya'aa jiranuu dhaqe.
18 Huram sent him ships by his servants, with sailors who knew the sea; they sailed with Solomon's servants to Ophir, took about seventeen tons of gold, and brought it to King Solomon. Hiiraamiin mootichi qondaaltota ifii keessaa harka worra hoboloo guddittii oofuu beekuutitti hoboloota gugurdo'oo fi namoota waan abbaaya'aa beekanu Solomooniif erge; jarri sun qondaaltota Solomoonii woliin lafa Ofiirii dhaqanee, worqii gara kiiloogiraama kuma kudhanii shanii ol Solomoonii mootichaaf fidane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]