Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 9 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Hearing Solomon's fame, the queen of Sheba came to Jerusalem to test him with hard questions—a huge retinue, camels bearing spices, much gold, precious stones. Reaching Solomon, she told him all on her mind. Mootittiin biyya Sheeba'aa gurra Solomoonii dhageettee, gaaffii rakkittuu isa gaafatiisaaf gara Yerusaalemii dhutte. Isiin namoota hedduu qabattee uddowaa adda addaa, worqi'ii fi dhakaa gatii guddo'oo bacaa gaalotatti feesifattee dhuttee, yennaa Solomooniin wol dhaggite, waan gadhaa ifiititti yaadatte mara isa woliin dubbatte.
2 Solomon answered all her questions; nothing was too hard for him to explain to her. Solomoon waan isiin gaafatte maraaf deebii kenne; wonni inni isi'iif deebii kennuu dadhabe takkaalle hin jirtu.
3 When the queen of Sheba had seen the wisdom of Solomon, and the palace he had built, Mootittiin biyya Sheeba'aa qarummaa Solomooniitii fi mana mootumma'aa ka inni ijaarelle yennaa dhageette,
4 the food on his table, his officials seated, his servants attending, their clothing, his cupbearers and theirs, and the burnt offerings at the house of our Father—it took her breath away. isiin sagalee qorii isaatitti dhikaattu, akka qondaaltoti isaa itti tee'anu, akka tajaajiltooti isaa tajaajila isaaf kennanuu fi akka isaan uffana ifii itti uffataneeranu, akka Solomoon Galma Waaqaa keessatti ciincaa itti dhikeessu yennaa dhaggite, guddoo maadeffatte.
5 She told the king, "The report I heard in my own land about your words and your wisdom was true. Isiin mootichaan, «Marroo hujii teetiitii fi marroo qarummaa teetii wonni ani biyya tiyya keessatti dhage'e dhuga'a.
6 I didn't believe the reports until I came and saw for myself. Not half the greatness of your wisdom was told me; you surpass the report I heard. Ani haga ifumaafuu dhufee dhaggutti waan natti himane hin dhugeeffanne. Ani qarummaa teeti gamisaayyuu hin dhageenne. Ati ta kolbaan jettuuyyuu hin caalta.
7 How happy your people! How happy these servants who stand before you always, hearing your wisdom! Namooti keeti worri si tajaajilanu attam attam ka hiree dansaa qabanu! Qondaaltoti teeti worri yennaa mara si dura dhaabbatanee, qarummaa teeti dhage'anu attam attam ka badhaadhane!
8 Blessed be the LORD your God, who delighted in you and set you on his throne as king for the LORD your God! Because your God loved Israel, establishing them forever, he made you king to do justice and righteousness." Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti ka si jaalatee, barcumaa mootumma'aa ka ifii irra si teessisee, akka ati bulchituuf mootii ka si godhe leellifamuu ti. Inni kolbaa ifii Israa'el waan jaalatuuf haga bara baraa akka isaan le'anu waan fedhuuf, ati haqa akka murtuu fi balchummaa akka hujju isaan irratti mootii si godheera» jette.
9 She gave the king about 9,000 pounds of gold, great quantities of spices, and precious stones. No spice ever matched what the queen of Sheba gave King Solomon. Achiin duuba isiin worqii kiiloogiraama kuma afurii caaltu, uddowaa adda addaa baca'aa fi dhakaa gatii guddo'oo Solomooniif kennite. Uddowaan akka uddowaa mootittiin biyya Sheeba'aa Solomoonii mootichaaf kennitee, tokkolle dhaggamee hin beeku.
10 Huram's and Solomon's servants, who brought gold from Ophir, also brought sandalwood and precious stones. Namooti Hiiraamii mootichaatii fi Solomoonii mootichaa ka worqii biyya Ofiiriitii fidane, muka sandali'iitii fi dhakaa gatii guddo'oolle fidane.
11 From the sandalwood the king made steps for our Father's house and his palace, and lyres and harps for the singers—none like them ever seen in Judah. Mootichi muka sandali'ii san irraa yaabbannoo Galma Waaqaatii fi mana mootumma'aa, faarsitootaafille kiraaraa fi maseenqoo hujisiise; wonni akkasii haga adhaatitti biyya Yihuda'aa keessatti dhaggantee hin beettu.
12 King Solomon gave the queen of Sheba all she desired, whatever she asked, more than she had brought him. Then she returned to her own land with her servants. Mootichi Solomoon waan mootittiin biyya Sheeba'aa isaaf fidde caalaa, waan isiin kadhattee fi waan gadhaan isi'ii yaade mara kenneef. Achiin duuba isiin namoota ifii woliin gara biyya Sheeba'aa deebite.
13 The weight of gold that came to Solomon in a single year was about twenty-five tons, Mootichi Solomoon woggaa wogga'atti worqii kiiloogiraama kuma diddamii sadii dhaggataayyu.
14 besides what traders and merchants brought; all the kings of Arabia and governors of the land brought gold and silver to Solomon. Kana biratti daldaltooti gugurdo'oo fi daldaltooti dhibiin gibira isaaf fidane; moototi biyya Arabootaatii fi bulchitooti lafaa marti worqi'ii fi meetii Solomooniif fidane.
15 King Solomon made 200 large shields of hammered gold, each with about fifteen pounds of gold. Mootichi Solomoon wontee gugurdoo dhibba lama worqii irraa hujisiise; wonteen worqi'ii tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiiloogiraama torbaa ti.
16 He made 300 smaller shields of hammered gold, about seven and a half pounds each. The king put them in the House of the Forest of Lebanon. Inni wontee didiqqoo dhibba sadille worqii irraa hujisiise; wonteen didiqqoon sun tokko tokkoon isi'iituu worqii gara kiloogiraama lamaa ti. Mootichi wontee tana mara mana mootumma'aa ka, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa keye.
17 The king made a large ivory throne and covered it with pure gold. Mootichi barcumaa mana mootumma'aa guddaa tokko ilka arbaa irraa hujisiisee, worqii qulluu itti gonfe.
18 The throne had six steps with a gold footstool attached to it; armrests flanked the seat, with two lions standing beside them, Barcumaan mana mootumma'aa sun yaabbannoo jaa fi faanoo miilaa ka barcumaa mootumma'aatiin wolitti qassiifamee worqii irraa hujame qabaayyu; cinaa isaa middaa fi bita'aan waan harka irra keyatanu qabaayyu. Waan harka irra kiyatanu san gama lamaaniinuu fakkii neenqaa lamatti dhaabbateera.
19 and twelve lions stood there, one at either end of each of the six steps. Nothing like it was ever made for any kingdom. Qaccee yaabbannoo jaa gubbaa gara lamaaniinuu fakkii neenqaa kudhanii lamaatitti dhaabbateera. Barcumaan mootumma'aa ka akkasii mootummaa dhibii takkattii keessalle'etti hujamee hin beeku.
20 All King Solomon's cups were gold, and every vessel of the House of the Forest of Lebanon was pure gold. Silver counted as nothing in Solomon's days, Mey mootichi Solomoon ka itti unanu martinuu, mey mana mootumma'aa, «Gongomaa Libaanonii» jedhamu keessa jiru martinuu worqii qulluu irraa hujameera. Bara Solomoonii meetiin akka waan gatii qabuu waan hin laakkowaneef, wonni tokkolle ittiin hin hujanne.
21 for the king's ships sailed to Tarshish with Huram's servants; every three years the Tarshish ships returned with gold, silver, ivory, apes, and peacocks. Mootichi hoboloo gugurdoo biyya Tarshiishiititti deddeebi'aa daldalanu qabaayyu; hoboloota san ka oofu tajaajiltoota Hiiraamii ti; hobolooti sun woggaa sad keessatti yennaa tokko worqii, meetii, ilka arbaa, jaldeessaa fi qalamee biyya Tarshiishiitii fidaniiyyu.
22 So King Solomon surpassed all the kings of the earth in riches and wisdom. Mootichi Solomoon qarumma'aa fi durumma'aan mootota biyya lafaa mara caalaayyu.
23 All the kings of the earth sought Solomon's presence to hear the wisdom our Father put in his heart. Moototi biyya lafaa martinuu qarummaa Waaqi Solomooniif kenne dhage'iisaaf, isa dhaggiisa halchane.
24 Each brought his gift—silver and gold articles, garments, weapons, spices, horses, and mules—year after year. Worri isa bira dhufane martinuu meya meeti'ii fi worqii irraa hujame, woyaa, meya woraanaa, qumbii, uddowaa, fardoolee, gaangolee, wogguma wogga'aan woggaa bacaa isaaf fidane.
25 Solomon had 4,000 horse-and-chariot stalls and 12,000 horsemen, kept in the chariot cities and with the king in Jerusalem. Solomoon gola fardoole'eetii fi garreettaa fardaan harkifamanuu kuma afurii fi abbootii fardoole'ee kuma kudhanii lama qabaayyu; inni isaan kana keessaa garii qachoota garreettaan fardaan harkifamanu keessa keyamanu keessa keyee, garii ifi bira Yerusaalem keessa keye.
26 He ruled all the kings from the Euphrates to the land of the Philistines, to Egypt's border. Inni laga Efraaxiisiitii kaasee haga biyya Filisxeemotaa haga meessaa biyya Gibxi'iititti mootota mara irratti mootii te'e.
27 The king made silver in Jerusalem like stones, and cedar as plentiful as foothill sycamore-figs. Mootichi Yerusaalem keessatti meetiin akka dhaka'aa akka bacattu, birbirsi akka muka harru'uu ka lafa gaaraa jalaa akka bacatu godhe.
28 Horses were imported for Solomon from Egypt and from all the lands. Fardoolee biyya Gibxi'iitii fi ta lafa mara keessaa Solomooniif fidane.
29 Solomon's other deeds, first to last—aren't they recorded in the words of Nathan the prophet, Ahijah of Shiloh's prophecy, and the visions of Iddo the seer about Jeroboam son of Nebat? Wonni mootichi Solomoon bara mootummaa ifii keessa huje ta dhibiin, jalqabaa haga dhumaatitti barreeffama Naataanii raagichaa, kitaaba raagaa ka Ahiiyaa nama biyya Shiiloniitii fi mudhii Iddoon nami mudhii dhaggu marroo Yerobi'aamii ilma Nebaatii dhagge keessatti barreeffanteerti;
30 Solomon reigned in Jerusalem over all Israel forty years. Solomoon Yerusaalem keessa tee'ee woggaa afurtama Israa'el mara irratti mootii te'e.
31 Solomon rested with his ancestors, buried in the city of David his father. His son Rehoboam reigned in his place. Achiin duuba Solomoon du'ee, qachaa Daawitii abbaa ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Rehobiyaam addee isaatitti mootii te'e.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]