Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 7 guj

Show guj only
Verse × ×
1 When Solomon finished praying, fire fell from heaven and consumed the burnt offering and sacrifices, and our Father's glory filled the house. Mootichi Solomoon daadimatiisa ifii fixateen duuba, ibiddi ol-gubbaa irraa gad bu'ee kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaate san nyaatee fixe; ulfinni Mootii Waan Maraalle Galma Waaqaa san guute.
2 The priests couldn't enter our Father's house, because our Father's glory filled it. Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa san waan guuteef, hayyooti achi keessa seenuu hin dandeenne.
3 When all the Israelites saw the fire fall and our Father's glory on the house, they knelt, faces to the ground on the pavement, worshiping and thanking our Father: "He is good; his faithful love endures forever." Kolbaan Israa'elii marti ibiddi gad bu'aaruun, ulfinna Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa guutuun yennaa dhaggite, dhakaa afame irratti jilbiiffatanee, fuulaan gad gombifamanee Mootii Waan Maraa waaqonfataa, «Inni dansa'a; jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee isa leellisane.
4 Then the king and all the people offered sacrifices before our Father. Achiin duuba mootichi Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti Mootii Waan Maraatiif ciincaa dhikeessane.
5 King Solomon sacrificed 22,000 oxen and 120,000 sheep; the king and all the people dedicated the house of our Father. Mootichi Solomoon loon kuma diddamii lama, hoole'ee fi re'ee kuma dhibba tokkoo fi kuma diddama ciincaa dhikeesse. Maarre innii fi kolbaan marti Galma Waaqaa eebbisane.
6 The priests stood at their posts; the Levites stood with the musical instruments for our Father that King David made for giving thanks to our Father—"for his faithful love endures forever"—whenever David praised through the instruments. Opposite them the priests blew the trumpets, and all Israel stood. Hayyooti addee isaaniif kennante dhaabbatane; Lewwootille meya ittiin faarsanu, ka Daawiti dur Mootii Waan Maraa akka ittiin leellifatanuuf hujisiise, ka ittiin, «Jaalalli isaa jaalala bara baraa ti» jedhanee faarsanu san qabatanee dhaabbatane; hayyooti fuullee Lewwootaatitti dhaabbatanee tultullaa yennaa afuufanu, Israa'elooti achi jiranu martinuu dhaabbatane.
7 Solomon dedicated the courtyard's middle, in front of our Father's house, for there he offered the burnt offerings and fat of the peace offerings, since the bronze altar he had made could not hold the burnt offering, grain offering, and fat. Addeen ciinca'aa ta Solomoon sageettuu irraa hujisiise sun ciincaa duuduma gubamuuf, kennansa midhaaniitii fi moora ciinceffamuuf waan dhiphatteef, Solomoon badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa dura jiru ka wodhakkaa addee ciincaan itti dhikaattuu eebbisee, achitti ciincaa gubamuu fi moora ciinceffamu dhikeesse.
8 At that time Solomon kept the feast seven days, and all Israel with him—a vast assembly—from Lebo-hamath to the Brook of Egypt. Solomoonii fi kolbaan Israa'elii marti torbaan tokko achitti jila jilifatane; seensuma Haamaatii irraa kaasee haga laga Gibxi'iititti gumiin hedduun wolitti qabante.
9 On the eighth day they held a closing assembly, having kept the altar's dedication seven days and the feast seven days. Jila eebba addee ciinca'aa guyyaa torba jilifatane; itti dabalaneelle guyyaa torba jila jilifatanee, guyyaa saddeetesso'oo yaa'ii woyyittii godhatane.
10 On the twenty-third day of the seventh month, he sent the people home, joyful and glad at heart for the goodness our Father showed to David, to Solomon, and to Israel his people. Guyyaa itti aanu, Solomoon ji'a torbeesso'oo keessa guyyaa diddamii sadeesso'ootitti kolbaan gara mana ifii akka galanu godhe. Isaan marroo waan dansaa Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif, Daawitii fi Solomooniif godhee gammadaa galane.
11 Solomon finished the house of our Father and the royal palace. Everything Solomon set his heart to do in the house of our Father and his own house, he did successfully. Solomoon Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa ijaaree fixe; inni Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootumma'aa waan hujiisaaf yaade mara fixe.
12 Then our Father appeared to Solomon at night and said to him: "I have heard your prayer and chosen this place for myself as a house of sacrifice. Achiin duuba Mootiin Waan Maraa halkaniin isatti mudhatee, «Ani daadimata keeti dhage'eera; Galmi kunille addee ciincaa naaf itti dhikeessanu akka te'uuf filadheera.
13 "If I shut the skies so no rain falls, or command locusts to devour the land, or send a plague among my children, Ani bokkeenni akka hin roonne ol-gubbaa yennaa cufu yookiin awwaannisi midhaan keessan akka fixu yennaa ajaju yookiin kolbaa tiyya irratti balaa yennaa buusu,
14 if my children—who bear my name—humble themselves, pray, seek my face, and turn from their evil ways, I will hear from heaven, forgive their sin, and heal their land. kolbaan tiyya ta maqaa kiyyaan waammantu yoo gad ifi qaddee, daadimattee fuula kiyyaa yoo barbaaddee, karaa ifii hamaa irraa yoo deebite, ani ol-gubbaa irraa isaaniif hin dhage'a; cubbuu isaaniille isaaniif araaramee, lafa isaanii hin fayyisa.
15 Now my eyes will be open and my ears attentive to the prayer offered in this place. Ilti tiyya gara daadimata addee tanaa hin ilaalti; gurri kiyyalle isii hin caqasa.
16 Now I have chosen and dedicated this house, so my name remains there forever; my eyes and heart will be there always. Maqaan kiyya haga bara baraa achi keessa akka jiraatuuf ani Galma kana filadheera; ilti tiyyaa fi gadhaan kiyya yennaa mara achi hin jiraata.
17 As for you—if you walk before me as David your father walked, doing all I commanded you and keeping my statutes and judgments, Atille akkuma abbaan keeti Daawiti godhe, fuula kiyya dura deddeebitee waan ani si ajaje mara yoo goote, seerataa fi seera kiyya yoo eegatte,
18 then I will confirm your kingdom's throne, as I covenanted with David your father: "A man of yours will always rule over Israel." achiin duuba ani akkuma dur abbaa keeti Daawitiin, ‹Israa'el ka bulchu sanyii teeti keessaa hin dhabamu› jedhee waadaa isaaf gale, ani barcumaa mootumma'aa keeti hin jabeessa.
19 But if you turn away, abandon my statutes and commands I set before you, and go serve other gods and worship them, Isin ammoo seerataa fi ajaja ani isinii kenne lakkittanee, waaqota dhibii yoo waaqonfattane,
20 then I will uproot Israel from my land I gave them, cast from my sight this temple I set apart for my name, and make it an example and taunt among all peoples. ani lafa isiniif kenne keessaa isin hin baasa; Galma maqaa kiyyaatiif adda baafadhe kanalle hin lakkisa; odduu kolbaa maraatitti waan mammaassaatii fi murgo'oo godha.
21 This house, once so exalted, will leave everyone who passes by appalled, saying, "Why did the LORD do this to this land and this house? «Galmi kun amma ka baaseffachiisu te'ulle worri karaa san dabaru maadeffataa, ‹Mootiin Waan Maraa maaf waan akkasii lafa tanaa fi Galma kana irratti godhe?› hin jedhan.
22 They will answer, "Because they abandoned the LORD, God of their ancestors, who brought them out of the land of Egypt, and clung to other gods, bowing and serving them—that's why he brought all this disaster on them." Kolbaan deebittee, ‹Sababa isaan Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ka biyya Gibxi'ii keessaa isaan baase lakkisanee, waaqota dhibi'itti maxxananee, isaan waaqonfatanee, isaan tajaajilaneef, badii tana mara isaanitti fide› hin jetti» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]