Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 6 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Then Solomon said, "Our Father has said that he would dwell in thick darkness. Achiin duuba mootichi Solomoon, «Ee Mootii Waan Maraa, ati, ‹Duumensa ciggaa dukkanowaa keessa jiraadha› jetteerta.
2 But I have built you an exalted house, a place for you to dwell in forever." «Ani galma guddaa miidhagaa ati haga bara baraa keessa leetu si'iif ijaareera» jedhe.
3 Then the king turned and blessed the whole assembly of Israel as they all stood. Achiin duuba wolde'i Israa'elii marti adoo achi dhaabbatiisatti jiranuu mootichi gara isaanii garagalee isaan eebbise.
4 He said, "Praise our Father, the God of Israel, whose hand has fulfilled what his mouth promised my father David, saying, Inni, «Mootiin Waan Maraa, Waaqi Israa'elii leellifamuu ti! Inni waan afaan ifiitiin abbaa kiyya Daawitiif waadaa gale muummesseera; inni abbaa kiyya Daawitiin,
5 'Since the day I brought my people out of Egypt, I chose no city from all the tribes of Israel to build a house for my name to be there, nor any man to rule my people Israel. ‹Kolbaa tiyya Israa'el biyya Gibxi'ii keessaa haga baasee, qachaa gosa Israa'elii keessaa addee ulfinna maqaa kiyyaatiif Galmi kiyya itti ijaaramu, nama kolbaa tiyya Israa'elii sooressulle namuuyyuu ani hin filanne.
6 But I chose Jerusalem for my name to be there, and I chose David to lead my people Israel.' Amma ammoo ani maqaa kiyyaaf Yerusaalem filadheera; ati Daawiti kolbaa tiyya Israa'el akka bulchituuf si filadheera› jedheera.
7 David my father had it in his heart to build a house for the name of our Father, the God of Israel. «Abbaan kiyya Daawiti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma ijaariisaaf gadhaa keessatti yaadateeraayyu.
8 But our Father told David my father, 'Because building a house for my name was in your heart, you did well to intend this. Mootiin Waan Maraa ammoo abbaa kiyya Daawitiin, ‹Ati maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaariisaaf yaadatiis keeti dansa'a.
9 But you will not build the house; your son, from your own body—he will build the house for my name.' Te'uu malee ilmuma keeti ka ati uumatutti maqaa kiyyaaf Galma naaf ijaara malee si'ii moti› jedhe.
10 Now our Father has fulfilled the word he spoke: I have succeeded David my father and sit on Israel's throne, as he promised, and I have built the house for the name of our Father, the God of Israel. Amma Mootiin Waan Maraa waadaa gale san muummesseera. Ani akkuma inni waadaa gale san addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii te'ee, barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra tee'ee, maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiif Galma Waaqaa ijaareera.
11 There I placed the ark, holding the covenant our Father made with the people of Israel." Saanduqa Gondooro'oo ta Gondooroon Mootii Waan Maraa kolbaa Israa'elii woliin gondoorate keessa jirtu achi keessa keyeera» jedhe.
12 Then Solomon stood before our Father's altar in the presence of the whole assembly of Israel and spread out his hands. Achiin duuba Solomoon addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, wolde'a Israa'elii duratti, harka ifii diriirse.
13 Solomon had made a bronze platform about seven and a half feet long, seven and a half feet wide, four and a half feet high, and set it in the middle of the court. He stood on it, knelt before the whole assembly of Israel, and spread his hands toward heaven. Inni waan irra dhaabbatanee dubbatanu ta dheerinni isi'ii ciqilee shanii, badhinni isi'ii ciqilee sadii, hojjaan isi'iille ciqilee sadii sageettuu irraa hujisiisee, odduu badhinna dalleya keessaa ka gara alaa keessa keye. Achiin duuba waan san irra dhaabbatee, wolde'a Israa'elii mara duratti jilbiiffatee, harka ifii gara ol-gubba'aa badhisee,
14 He said, O my Father, God of Israel, no Father is like you in heaven or on earth, keeping covenant and showing loyal love to your servants who walk before you wholeheartedly. «Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, ol-gubbaa keessa yookiin biyya lafaa irra Waaqi akka keetii hin jiru; ati tajaajiltoota teeti ta gadhaa tokkochaan fuula keeti dura deddeebi'anuuf Gondooro'oo fi jaalala keeti ka bara baraa hin eedda.
15 You kept your promise to your servant David my father; what you spoke with your mouth you fulfilled with your hand today. Ati tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiif waadaa galte muummessiteerta; waan dur afaan keetiin dubbatte adha kunoo harka keetiin muummessiteerta.
16 So now, my Father, God of Israel, keep for your servant David my father what you promised: "You will never lack a man before me on Israel's throne, if only your sons watch their way to walk in my law, as you have walked before me." Amma, Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, waan tajaajilaa keeti abbaa kiyya Daawitiin, ‹Akkuma ati fuula kiyya dura deddeebite, sanyiin teetille waan gootu maraan akka ajaja kiyyaatitti yoo deddeebite, nami isaan keessaa mootii te'ee barcumaa mootumma'aa ka Israa'elii irra fuula kiyya dura tee'u hin dhabamu› jettee waadaa galte san naaf eegi.
17 And now, my Father, God of Israel, let the word you spoke to your servant David be confirmed. Amma, ee Mootii Waan Maraa, Waaqa Israa'elii, jecha tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte san muummessi.
18 But will our Father really live with people on earth? The heavens and highest heavens can't hold you—how much less this house I built. «Ee Waaqa, ati dhugumaan biyya lafaa irra namoota woliin leetaa ree? Ol-gubba'aa fi ol-gubbaan oliituu si fuudhuu hin dandeettu; Galmi ani ijaare kun fa'a attam attam diqqaatu ree!
19 Yet hear the prayer of your servant and his plea, O my Father, and hear the cry and prayer your servant prays before you. Ee Mootii Waan Maraa, Waaqa kiyya, daadimataa fi gaaffii mararti'ii ta ana tajaajilaa keetii dhage'i; iyyaa fi daadimata ani tajaajilaan keeti fuula keeti duratti dhikeeffadhu naa caqasi.
20 May your eyes be open toward this house day and night, toward the place where you said you'd put your name, to hear the prayer your servant prays toward this place. Ilti teeti halkanii fi guyyaa gara Galma akka maqaan keeti keessa jiraatu goote kanaa ilaaltuu ti. Daadimata ani tajaajilaan keeti gara Galma kanaa fuula galee daadimadhu naaf dhage'i.
21 Hear your servant's and your people Israel's pleas when they pray toward this place. Hear from heaven, your dwelling; and when you hear, forgive. Daadimata ani tajaajilaan keetii fi kolbaan teeti Israa'elii gara addee tanaa fuula gallee daadimannu, ol-gubbaa bultoo teeti irraa nuu dhage'iitii, nuu araaram.
22 If a man sins against his neighbor and must swear an oath, and he comes and swears his oath before your altar in this house, «Nami tokko nama dhibii irratti cubbuu hujee, cubbuu huje saniif gara Galma kanaa dhufee, gara addee ciinca'aa teetii dhikaatee akka kakatuuf yoo gaafatame,
23 then hear from heaven and act. Judge your servants: pay back the guilty for their deeds, and clear the righteous, rewarding them by their righteousness. ol-gubbaa irraa dhage'iitii muraa kenni; tajaajiltoota teetiif muraa yennaa kennitu ka yakkeef akkuma yakkaa isaatitti mataa isaatitti deebis; balchichaalle balchummaa isaa mudhisiisaan akkuma balchummaa isaatitti isaaf kaffali.
24 If your people Israel, defeated by enemies for sinning against you, turn back to praise your name, pray, and plead with you in this house, «Kolbaan teeti Israa'el waan si yakkiteef, diinota ifiitiin yoo injifatante, gaabbitee, gara keeti deebitee, Galma kana keessatti fuula keeti duratti daadimataa maqaa keeti yoo waammatte,
25 then hear from heaven, forgive the sin of your people Israel, and bring them back to the land you gave to them and their ancestors. ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu kolbaa teeti Israa'elii araaramiitii, gara lafa isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitee isaan deebisi.
26 When the sky is shut with no rain because they sinned against you, if they pray toward this place, praise your name, and turn from their sin when you make them suffer, «Isaan waan si yakkaneef ol-gubbaan cufantee, bokkeenni roobiisa yennaa dhabu, sababa cubbuu isaaniitiif, ati waan isaan rakkitteef, isaan gara addee tanaa fuula galanee yoo daadimatane, maqaa keeti yoo waammatane, cubbuu ifii irraa yoo deebi'ane,
27 then hear from heaven, forgive your servants' sin, your people Israel, when you teach them the good path to walk, and send rain on your land, which you gave your people as their inheritance. ati ol-gubbaa irraa isaaniif dhage'iitii, cubbuu tajaajiltoota teeti kolbaa Israa'elii araaram. Karaa qajeelaa irra akka deemanu isaan barsiisi; lafa kolbaa teetiif dhaala gootee kennite irralle'etti bokkeya roobisiisi.
28 If famine, plague, blight, mildew, locust, or caterpillar strikes the land; if enemies besiege them in their towns—whatever plague or sickness comes, «Yennaa beelti yookiin balaan lafa irratti bu'u shantoon, oolaan, awwaannisii fi korophiis midhaan balleessu yookiin yennaa diinni qachaa isaanii keessatti isaan marsee badiin yookiin dhukkubi adda addaa dhufu,
29 whatever prayer or plea anyone or all your people Israel makes, each knowing his own suffering and pain and spreading his hands toward this house, kolbaa teeti Israa'el mara keessaa yookiin isaan keessaa nami tokko rakkinnii fi dhukkubbiin isaa itti dhage'antee, harka ifii gara Galma kanaa diriirsee daadimatee yoo gaafate,
30 then hear from heaven, your home, and forgive, and repay each according to all his ways, since you know his heart—for you alone know every human heart, ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa dhage'iitii isaaniif araarami; gadhaa namaa ka beeku si qofa waan teeteef, nama tokko tokkoofuu akka hujii isaatitti gatii isaaf kenni.
31 so they may fear you and walk in your ways as long as they live on the land you gave our ancestors. Achiin duuba isaan lafa ati abbootii teennaaf kennite keessa bara le'anu mara si hin sodaatan; karaa keetille hin deeman.
32 Also, when a foreigner not of your people Israel comes from a distant land for your great name, your mighty hand, and your outstretched arm—when they come and pray toward this house, «Akkasuma ormi tokko ka kolbaa teeti Israa'el keessaa hin te'in, marroo maqaa keeti gudda'aa, marroo irree teeti jaddu'uutii fi harka keeti ka diriiree dhage'ee biyya fago'ootii dhufee, gara Galma kanaa fuula galee yoo daadimate,
33 then hear from heaven where you live, and do all the foreigner asks, so all the earth's peoples may know your name and fear you, as your people Israel do, and know this house I built bears your name. ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa isaaf dhage'i. Kolbaan lafa irraa marti akkuma kolbaa teeti Israa'elii maqaa keeti beekanee akka si sodaatanu, Galmi ani ijaare kun maqaa keetiin akka waamamu akka beekanu waan ormi sun si gaafatu mara isaaf dhage'i.
34 If your people go to war against their enemies wherever you send them, and pray to you toward this city you have chosen and the house I built for your name, «Kolbaan teeti diinota ifii loliisaaf gara ati isaan ergitu mara yennaa dhaqanu, gara qachaa ati filattee kanaa fi gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yennaa daadimatanu,
35 then hear from heaven their prayer and their plea, and uphold their cause. ati ol-gubbaa irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif.
36 If they sin against you—for no one is without sin—and you are angry with them and hand them to an enemy who takes them captive to a land far or near, «Nami hin yakkine waan hin jirreef, kolbaan teeti yoo si yakkitu, ati isaanitti aartee, diinota isaanii ka isaan booji'ee biyya fago'oo yookiin dhiko'oo isaan geessanutti dabarsitee yoo isaan kennitu,
37 yet if in the land of their captivity they take it to heart, and turn back and plead with you there, saying, "We have sinned, we did wrong, we acted evilly," kolbaan teeti lafa booji'ante san keessatti qalbii ifiitiin gara keeti deebitee, ‹Cubbuu hunyeerra; yakkineerra; waan hantuu tolchineerra› yoo jette,
38 if they turn back to you with all their heart and soul in the land of their captivity where they were taken, and pray toward their land you gave their ancestors, the city you chose, and the house I built for your name, Lafa itti booji'amane san keessatti gadhaa ifii tokkochaa fi lubbuu ifii takkatti'iin gara keeti deebi'anee, gara lafa ati abbootii isaaniitiif kennitee, gara qachaa ati filattee, gara Galma ani si'iif ijaaree kana fuula galanee yoo daadimatane,
39 then hear from heaven, your dwelling place, their prayer and pleas, uphold their cause, and forgive your people who sinned against you. ati ol-gubbaa addee bultoo teetii irraa daadimataa fi gaaffii isaanii dhage'iitii, haajaa isaanii muummessiif; kolbaa teeti ta si yakkiteef araaramiifille'e.
40 Now, my Father, let your eyes be open and your ears attentive to the prayer of this place. «Amma, ee Waaqa kiyya, ilti teeti gara daadimata addee tanaa ilaaltuu ti; gurri keetille gara daadimata addee tanaa caqasuu ti.
41 And now arise, my Father, and come to your resting place, you and the ark of your might. Let your priests, my Father, be clothed with salvation, and let your faithful ones rejoice in your goodness. Amma, ee Mootii Waan Maraa Waaqa ka'i! Saanduqa Gondooro'oo ka hunna teeti mudhisu woliin gara addee foora teeti koyi. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, hayyooti teeti fayyinna uffatanuu ti; woyyooti teeti dansummaa teetiin firinxiixanuu ti.
42 My Father, do not reject your anointed one. Remember your covenant love for David your servant. Ee Mootii Waan Maraa Waaqa, ka muudde san hin lakkisin; jaalala keeti ka bara baraa ka tajaajilaa keeti Daawitiif waadaa galte yaadadhu» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]