Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 5 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Solomon completed all the work for the house of our Father. He then brought in his father David's dedicated things—silver, gold, all the vessels—and put them in the storerooms of the house of our Father. Mootichi Solomoon hujii Galma Mootii Waan Maraa duudii fixeen duuba, waan abbaan isaa Daawiti hujii tanaaf adda baase mara meetii, worqi'ii fi meya mara mana meyaa ka Galma Waaqaa keessa keye.
2 Solomon then gathered Israel's elders, all tribal heads, and leaders of Israel's ancestral families in Jerusalem, to bring up the ark of the covenant of our Father from the City of David, also called Zion. Achiin duuba Solomoon jaarsolee Israa'elii mara, sooreyyii gosa Israa'eliitii fi maatii Israa'eloota mara Yerusaalemitti waansisee, qachaa Daawitii Xiyoon keessaa Saanduqa Gondooro'oo akka fidanuuf ajaje.
3 So all the men of Israel gathered before the king at the feast in the seventh month. Namooti Israa'elii marti yennaa jila ji'a torbeesso'oo keessa jilifatanu mooticha biratti wolitti qabamane.
4 When all the elders of Israel had come, the Levites took up the ark. Jaarsoleen Israa'elii marti wolitti qabamaneen duuba, Lewwooti Saanduqa Gondooro'oo fuudhanee,
5 The priests and Levites brought up the ark, the tent of meeting, and all the holy vessels in it. gara Galma Waaqaa geessane; Lewwooti hayyoota te'ane Dunkaanii Woldeenna'aatii fi meya woyyicha isii keessaa mara ba'atanee ol fidane.
6 King Solomon and all Israel's assembly who had gathered before him stood before the ark, sacrificing sheep and cattle too many to count or number. Mootichi Solomoonii fi wolde'i kolbaa Israa'elii marti Saanduqa Gondooro'oo duratti wolitti qabamanee hoole'ee fi korommii hedduu ta laakkossi isaanii hagana hin jedhanne ciincaa dhikeessane.
7 The priests brought our Father's covenant ark to its place, the house's inner sanctuary, the Most Holy Place, beneath the cherubim's wings. Achiin duuba hayyooti Saanduqa Gondooro'oo ta Mootii Waan Maraa gara Addee Irra Caalaa Woyyitti'ii ta Galma Waaqaa keessaa geessanee, koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu jala keyane.
8 For the cherubim spread their wings over the ark's place, covering it and its poles from above. Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun addee Saanduqa Gondooro'ootiin gubbaa koola ifii diriirsanee, Saanduqa Gondooro'ootii fi danqaroota isi'ii gollaneeran.
9 The poles were long enough that their ends showed from the ark before the inner sanctuary, but not outside; they remain there to this day. Danqarooti sun guddoo dhedheeraa waan te'aneef, qacceen isaanii nama Galma Waaqaa keessa addee irra caalaa woyyittii dura dhaabbatutti hin mudhatti; nama Galma Waaqaatiin ala jirutti hin mudhattu; danqarooti sun haga adhaalle achuma jiran.
10 The ark held nothing but the two tablets Moses placed there at Horeb, where our Father made a covenant with the Israelites when they left Egypt. Kolbaan Israa'elii biyya Gibxi'ii keessaa yennaa baate, Mootiin Waan Maraa isaan woliin Gondooroo yennaa godhe, gaara Siina'aa irratti, dhakaa baxxicha lamaan ajaji kudhan irra jiru, ka Muuseen achi keessa keye malee, wonni dhibiin Saanduqa Gondooro'oo san keessa hin jirtu.
11 Then the priests left the holy place. (All priests present had made themselves holy, regardless of their divisions, Hayyooti Galma Waaqaa keessaa gad bayane. Hayyooti worri achi jiranu martinuu, ka badoon hujii isaanii yennaa san hin te'inille ifi woyyoonsane.
12 and all the Levite singers—Asaph, Heman, Jeduthun, their sons and relatives—stood east of the altar in fine linen, playing cymbals, harps, and lyres, with 120 priests blowing trumpets.). Lewwooti faarfattooti marti, Asaaf, Hemaanii fi Yedutuun, ilmaan isaaniitii fi dhiirti fira isaanii achi jiraniiyyu; isaan woyaa dansaa ta quncee talba'aa irraa hujante uffatanee, addee ciinca'aa irraa karaa aduun baatu dhaabbatanee, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, maseenqo'oo fi kiraaraan faarfatane. Hayyooti dhibbaa fi diddam isaan cinaa dhaabbatanee tultullaa afuufane.
13 The trumpeters and singers, united, praised and thanked our Father with one voice—raising their voices with the trumpets, cymbals, and instruments, they praised him: "He is good; his covenant love endures forever." Then a cloud filled our Father's house, Worri tultullaa afuufuu fi faarfattooti qoonqoo ifii wolqixxeessanee woliin faarfatanu Mootii Waan Maraa leellifatane; isaan tultulla'aan, sibiila wolitti dhowamee qilillisuun, meya gara garaatiin, qoonqoo guddoolle'een, «Inni dansa'a; jaalalli isaalle haga bara baraa hin jiraata» jedhanee, Mootii Waan Maraa leellifatane. Achiin duuba duumensi Galma Mootii Waan Maraa guute.
14 so the priests couldn't stand to serve because of the cloud, for the glory of our Father filled the house of our Father. Ulfinni Mootii Waan Maraa Galma Waaqaa waan guuteef, sababa duumensaatiif, hayyooti tajaajila ifiitiif dhaabbatiisa hin dandeenne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]