Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 32 guj

Show guj only
Verse × ×
1 After these things and these acts of faithfulness, Sennacherib, Assyria's king, invaded Judah, besieged its fortified cities, meaning to break into them for himself. Hisqiyaas waan kana mara addatamumma'aan hujee fixeen duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib Yihuda'atti duulee, injifatee ka ifii godhatiisa hedee qachoota dalleya dhaka'aa qabanu marse.
2 When Hezekiah saw that Sennacherib had come, intent on making war against Jerusalem, Senaaheriib Yerusaalem loliisaaf hedee akka dhufeeru, Hisqiyaas yennaa beeke,
3 he consulted his officials and warriors about blocking the springs outside the city, and they helped him. inni madda bisaanii ka qacha'aan ala jiranu duuchiisiisaaf, qondaaltotaa fi ajajjoota loltoota ifii woliin mari'ate; isaanille isa qarqaarane.
4 Many people gathered and blocked all the springs and the stream flowing through the land, asking, "Why should Assyria's kings come and find abundant water?" Kolbaan hedduun wolitti qabantee, «Mootiin Asoorii dhufee maaf bisaan bacaa dhaggata» jedhanee, madda bisaanii maraa fi anguree lafa jala lola'u mara duuchane.
5 He worked hard to rebuild all the broken sections of the wall, raised towers on it, built another wall outside, strengthened the Millo of the city of David, and made abundant weapons and shields. Hisqiyaasiin mootichi jabaatee hujee, dalleya dhaka'aa ka caccabe deebisee haaressee, xelleephoo irratti ijaare; gara alaatiin dalleya dhaka'aa dhibii itti ijaaree kaabii, «Miiloo» jedhantu ta qachaa Daawitii keessaalle jabeesse; akkasuma meya lolaa ka adda addaatii fi wontee bacaa huje.
6 He set war commanders over the people, gathered them at the city gate square, and encouraged them: Qondaaltoti loltootaa kolbaa akka bulchanu godhee, isaan mara badhinna karra qacha'aa dura jirutti wolitti qabee,
7 "Be strong and brave. Don't fear or dread Assyria's king and all his horde, for more are with us than with him. «Jabaadha'a! Jajjabaadha'a! Hunna guddoo isa woliin jirtu caalaa, ta nu woliin jirtu waan caaltuuf, mootii Asooriitii fi loltoota isa woliin jirtu bacaa tana sodaattanee hin nayina'a!
8 With him is only an arm of flesh; with us is our Father, to help us and fight our battles." The people relied on Hezekiah king of Judah's words. Isa woliin loltoota namaatitti jira; nu woliin ammoo nu qarqaariisaa fi nu'uuf loliisaaf, Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti jira» jedhe. Kolbaalle dubbii mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dubbatteen jajjabaatte.
9 After this, while besieging Lachish with all his forces, Sennacherib king of Assyria sent his servants to Jerusalem, to Hezekiah king of Judah and all Judah there, saying: Tanaan duuba, mootiin Asoorii Senaaheriib loltoota ifii mara woliin qachaa Laakiishii marsee adoo jiruu, Hisqiyaasii fi kolbaa Yihuda'aa ta isa woliin Yerusaalem keessa jirtu maratti akka himanuuf tajaajiltoota ifii ergee,
10 "This is what Sennacherib king of Assyria says: On what are you trusting, staying under siege in Jerusalem? isaanille dhaqanee, «Mootiin Asoorii Senaaheriib, ‹Isin eennutti addattanee qachaa Yerusaalemii ka marfame kana keessa teettan?
11 Isn't Hezekiah deceiving you, surrendering you to die by famine and thirst, when he says, 'The LORD our God will save us from the hand of the king of Assyria'? Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna harka mootii Asoorii jalaa nu hin baasa jedhee beelaa fi dheebu'uun isin fixaara.
12 Wasn't it Hezekiah who removed his high places and altars, telling Judah and Jerusalem to worship at one altar and burn offerings there? Kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiitiin: Addee ciinca'aa takkattii duratti sagada'aatii isii irratti ciincaa dhikeessa'a jedhee ajajee addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ka balleesse Hisqiyaasuma kanaa motii?
13 Don't you know what I and my fathers did to all peoples of other lands? Could their nations' gods rescue their lands from my hand? Anii fi abbootiin tiyya ta durii kolbaa lafa dhibi'ii irratti waan goone hin beettanuu ree? Waaqoti gosa biyya adda addaa sun lafa isaanii harka kiyya jalaa baasuu dande'aneeranii ree?
14 What god of nations my fathers devoted to destruction could save his people from my hand? How then can your God save you from my hand? Waaqota gosa biyya adda addaa ka abbootiin tiyya ta durii balleessite mara keessaa kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu ka dande'e kam ree? Waaqi keessan harka kiyya jalaa attam isin baasuu dande'a ree?
15 Don't let Hezekiah deceive or mislead you like this, and don't believe him: no god of any nation or kingdom could rescue his people from my hand or my fathers'—much less will your God rescue you from my hand!" Tanaaf, amma, akka kanaan Hisqiyaas isin hin sobin yookiin isin hin dokonkorsin; Waaqi gosa biyya adda addaa yookiin ka mootummaa kamiille kolbaa ifii harka kiyya jalaa yookiin harka abbootii tiyyaa jalaa baasuu ka dande'e waan hin jirreef, isa hin addatina'a! Waaqi keessanille akkasuma harka kiyya jalaa isin baasuu hin dande'u› jedha» jedhane.
16 And his servants spoke still more against our Father and against his servant Hezekiah. Tajaajiltooti Senaaheriibii Mootii Waan Maraa Waaqaa fi tajaajilaa isaa Hisqiyaas irratti dubbii badduu tana caalte dubbatane.
17 Sennacherib also wrote letters insulting our Father, the God of Israel, speaking against him: "The nations' gods did not rescue their people from my hand; neither will Hezekiah's God rescue his people from my hand." Mootichille akkasuma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii arrassiisaan, «Waaqoti gosa biyya adda addaa ka dhibiin kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu akkuma hin dandeenne, Waaqi Hisqiyaasille kolbaa ifii harka kiyya jalaa baasuu hin dande'u» jedhee xalayaa barreesse.
18 They shouted loudly in Judah's language to Jerusalem's people on the wall, to frighten and terrify them, to seize the city. Achiin duuba tajaajiltooti mootichaa kolbaa sodaachisanee bararassanee qachaa qabatiisaaf, kolbaa Yerusaalemii worra dalleya dhaka'aa irra dhaabbataneeranu qoonqoo ifii ol qabatanee afaan Ibrootaatiin itti hogisane.
19 They spoke of Jerusalem's God like the gods of earth's peoples, the work of human hands. Waaqota kolbaa lafa irraa ka harki namaa huje irratti akkuma dubbatane, Waaqa Israa'elii irralle'etti akkasuma dubbatane.
20 Then King Hezekiah and the prophet Isaiah son of Amoz prayed about this, crying out to heaven. Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichii fi ilmi Amosii Isaayaasiin raagichi marroo dubbii tanaa gara Mootii Waan Maraa daadimatanee, gara ol-gubba'aa iyyane.
21 So our Father sent an angel who killed every mighty warrior, commander, and officer in the Assyrian king's camp. Sennacherib returned home in disgrace, and when he entered his god's temple, some of his own sons killed him there with the sword. Mootiin Waan Maraa ergamaa ifii ergee, addee quttuma mootii Asoorii keessaa loltoota jajjaba, sooressitootaa fi qondaaltota mara akka fixamanu godhe. Maarre mootichi Senaaheriib qaanowee gara biyya ifii deebi'e. Yennaa inni gara galma waaqa ifii seenelle ilmaan isaatuu achitti shallaaga'aan isa ijjeette.
22 So our Father saved Hezekiah and Jerusalem's people from the hand of Sennacherib king of Assyria and all others, and he cared for them on every side. Maarre Mootiin Waan Maraa Hisqiyaasii fi kolbaa Yerusaalemii harka mootii Asoorii Senaaheriibiitii fi harka diinota isaa mara jalaa isaan baase; worra adaala isaanii jiranu mara woliin nageyaan akka le'anu isaan godhe.
23 Many brought gifts to our Father in Jerusalem, and treasures to Hezekiah king of Judah; afterward all nations honored Hezekiah highly. Kolbaan bacaan Mootii Waan Maraatiif kennansa fidanee gara Yerusaalemii dhufanee, mootii Yihuda'aa Hisqiyaasiifille kennansa gatii guddo'oo fidanee, guyyaa saniin jalqabee inni gosa biyya adda addaa mara duratti ulfinna dhaggate.
24 In those days Hezekiah grew sick to death; he prayed to our Father, who answered, giving him a sign. Baruma san Hisqiyaas dhibamee du'iisa geye; inni gara Mootii Waan Maraa daadimatee, Mootiin Waan Maraalle deebii isaaf kenne; akka isa fayyisulle beessisa isaaf kenne.
25 But Hezekiah didn't repay the good done him; his heart grew proud, so anger came on him and on Judah and Jerusalem. Hisqiyaas ammoo koore malee waan dansaa isaaf godhameef Waaqa hin galateeffanne. Tanaaf, mufiin Mootii Waan Maraa isa irratti, kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii irratti dhutte.
26 Hezekiah humbled himself for his proud heart, he and Jerusalem's people, so our Father's wrath didn't reach them in Hezekiah's days. Te'uu malee marroo koora ifiitiif, Hisqiyaas gad ifi qabee, innii fi kolbaan Yerusaalemiille gad ifi qabanee, tanaaf bara mootummaa isaa mufiin Mootii Waan Maraa isaan irratti hin dhunne.
27 Hezekiah had great wealth and honor. He built storerooms for silver, gold, gems, spices, shields, and other valuables, Hisqiyaas qabeennaa fi ulfinna guddaa qabaayyu; inni kolloota meetii, worqii, dhakaa gatii guddo'oo, uddowaa adda addaa, wonte'ee fi meya gatii guddo'oo ka adda addaa itti kuufatu ijaarrate.
28 storerooms for the harvest of grain, new wine, and oil; stalls for all kinds of livestock; pens for flocks. Akkasuma gootaraa midhaan ficha'aa, okkotee daadhii woyni'iitii fi zayitii ejersaa qabaayyu; loon ifiitiif moonaa, hoole'ee fi re'ee ifiitiif gooree qabaayyu.
29 He built cities for himself and gained huge flocks and herds, for our Father gave him very great wealth. Waan kana mara irratti ede'ee, Mootiin Waan Maraa qabeenna bacaa waan isaa kenneef, inni karra hoole'ee, re'e'eetii fi loonii bacaalle horatee, qachaa hedduu ijaarrate.
30 Hezekiah stopped Gihon's upper outlet and directed the water down the west side of David's city. He succeeded in all he did. Madda Giihonii maddu ka gatiitti'ii kiphee, bisaan gara seensa adu'uu gara qachaa Daawitii anguree keessa gad akka lola'u ka godhe Hisqiyaas; hujiin isaa marti isaaf teete.
31 When Babylon's rulers sent envoys to him asking about the land's sign, our Father left him to himself, to test him and to know all in his heart. Qondaaltoti biyya Baabilonii baasa biyya keessatti te'e gaafatiisaaf namoota yennaa ergane, Waaqi isa haga ilaaliisaa fi waan gadhaa isaa keessa jiru mara beekiisaaf isa lakkise.
32 Hezekiah's remaining acts and faithful deeds are written in the vision of Isaiah the prophet, son of Amoz, in the Book of the Kings of Judah and Israel. Wonni dhibiin ta Hisqiyaasiin mootichi hujee fi hujiin inni addatamumma'aan huje, mudhii raagicha Isaayaasii ilma Amosiitii fi kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
33 Hezekiah slept with his ancestors, buried in the upper tombs of David's sons. All Judah and Jerusalem's residents honored him at death. His son Manasseh succeeded him. Hisqiyaas du'ee addee awwaala sanyii Daawitii ta gatiitti'iititti awwaalame; yennaa inni du'e kolbaan Yihuda'aatii fi Yerusaalemii marti ulfinnaan isa awwaalane; ilmi isaa Minaaseen addee isaatitti mootii te'e.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]