Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 33 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Manasseh was twelve years old when he became king, and he reigned fifty-five years in Jerusalem. Minaaseen yennaa mootii te'e nama woggaa kudhanii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa shantamii shan bulche.
2 He did evil in our Father's sight, like the detestable things of the nations our Father drove out before the Israelites. Inni hujii diqachiittuu gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baasee san hordofee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu huje.
3 He rebuilt the high places his father Hezekiah had torn down, built altars to the Baals, made Asherah poles, and he bowed down to all the forces of heaven and worshiped them. Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; Ba'aaliifille addee ciinca'aa ijaaree, utubaa waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu dhaabe. Inni urjootalle waaqonfate.
4 He built altars in our Father's house, where our Father said, "In Jerusalem my name remains forever." Inni Galma Mootii Waan Maraa keessatti addee Mootiin Waan Maraa, «Maqaan kiyya haga bara baraa Yerusaalem keessatti hin waaqonfatama» jedhetti, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ijaare.
5 He built altars to all heaven's forces in both courts of the house of our Father. Badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa lamaanuu keessatti urjoota ol-gubba'aa waaqonfatiisaaf addee ciinca'aa ijaare.
6 In the Valley of Ben-Hinnom he sacrificed his sons in the fire, practiced fortune-telling, omens, and witchcraft, and consulted mediums and spiritists. He did great evil before our Father, provoking his anger. Inni dhooqa ilma Hiinomii keessatti ilmaan ifii kennansa gubamu godhee dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu morsiifatee, Mootii Waan Maraa duratti cubbuu guddittii hujee aarii isaa kakkaase.
7 He set the carved image he made in the house of our Father, of which our Father said to David and his son Solomon, "In this house and in Jerusalem, which I chose from all the tribes of Israel, I will put my name forever. Inni fakkii waaqa dharaa ka qiriixee huje san fuudhee, Galma Waaqaa ka Waaqi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem lafa gosa Israa'elii mara keessaa addee filadhe tana keessatti, haga bara baraa maqaa kiyya keessa hin keya;
8 I will never again remove Israel from the land I gave your ancestors, if only they carefully keep all I commanded them—the whole law, decrees, and rules through Moses." kolbaan Israa'elii seerata kiyya yoo eegatte, seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne duudiille yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan ari'amanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye.
9 But Manasseh led Judah and Jerusalem's people astray, doing more evil than the nations our Father destroyed before Israel. Minaaseen ammoo kolbaa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii dokonkorsee, isaan gosa biyya adda addaa ta Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii duraa ari'ee baase caalaa cubbuu hujane.
10 Our Father spoke to Manasseh and his people, but they would not listen. Mootiin Waan Maraa Minaase'ee fi kolbaa ifiititti dubbatulle, isaan ammoo caqasuu didane.
11 So our Father brought the army commanders of Assyria's king against them; they captured Manasseh with hooks, bound him in bronze shackles, and took him to Babylon. Maarre Mootii Waan Maraa ajajjoota loltoota mootii Asoorii isaanitti fidee, isaan Minaasee qabanee, hookkoo sagana'aa funnaan isaa keessa keyanee, harka isaa wodaroo sageettu'uutiin hidhanee gara Baabilonii isa geessane.
12 Distressed, he sought our Father's favor, humbling himself deeply before the God of his fathers. Minaaseen rakkinna kana keessa adoo jiruu, gad ifi qabee, gara Mootii Waan Maraa Waaqa ifii deebi'ee, qarqaarsa isa gaafate.
13 He prayed to him, and our Father, moved by his plea, heard his cry for mercy, brought him back to Jerusalem, to his kingdom. Then Manasseh knew that our Father is God. Mootiin Waan Maraa daadimata isaa dhage'eefii, gara Yerusaalemii mootummaa isaatitti isa deebise; Minaaseelle Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e beeke.
14 Afterward he rebuilt the City of David's outer wall, west of Gihon in the valley to the Fish Gate entrance, around the Ophel, raising it very high. He posted army commanders in all Judah's fortified cities. Tanaan duuba Minaaseen dalleya dhaka'aa ka qachaa Daawitii ka gara alaa dhooqa madda Giihonii ka gara aduun baatuutii kaasee haga seensuma «Karra qurxummi'ii» jedhantuu, kooba Ofeeliititti marsee dalleya dhaka'aa hojjaa itti dabalee ijaare; qachoota Yihuda'aa ka dalleya dhaka'aa qabu mara qondaaltota loltootaa keessa keye.
15 He removed the foreign gods and idol from our Father's house, with all the altars he'd built on the temple mount and in Jerusalem, and threw them out of the city. Inni Galma Mootii Waan Maraa keessaa Waaqota ormaa fi fakkii achi keessa jirtu balleessee, addee ciinca'aa ta worra Waaqa hin beennee ta kooba irra addee Galmi Mootii Waan Maraa dhaabbate keye, Yerusaalem keessa ta addee dhibiille jirtu diigee qacha'aan alatti gate.
16 He rebuilt our Father's altar, sacrificed peace and thank offerings on it, and commanded Judah to serve our Father, the God of Israel. Achiin duuba addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa haaressee ijaaree, isii irratti kennansa tokkumma'aatii fi kennansa galataa dhikeesse; kolbaan Yihuda'aalle Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka waaqonfattu ajaje.
17 The people, however, still sacrificed at the high places, but only to our Father, their God. Kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitulle, Mootii Waan Maraa Waaqa ifii qofaaf dhikeessite.
18 Manasseh's other acts, his prayer to our Father, and the seers' words to him in the name of our Father, the God of Israel, are in the records of Israel's kings. Wonni dhibiin ta Minaaseen huje, daadimati inni Waaqa ifii daadimatee fi ergaan raagoti maqaa Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'eliitiin dubbatane kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti.
19 His prayer, how our Father was moved by him, all his sin and unfaithfulness, and the places where he built high places, set up Asherah poles, and carved images before he humbled himself—all recorded in the seers' records. Minaaseen mootichi daadimatee deebiin Waaqi daadimata isaatiif kenne, adoo cubbuu irraa hin deebi'in dura cubbuun inni hujee fi ka hin addatanne te'uun isaa marti, addee waaqonfanna'aa irratti utubaa waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi fakkiin waaqota dharaa ta inni dhaabe marti, kitaaba raagota Israa'elii irratti barreeffanteerti.
20 Manasseh died and was buried in his palace. And his son Amon became king in his place. Minaaseen du'ee mana mootumma'aa ka ifii keessatti awwaalame; ilmi isaa Amooni addee isaatitti mootii te'e.
21 Amon was twenty-two years old when he became king, and he reigned two years in Jerusalem. Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche.
22 He did evil before our Father, as his father Manasseh had. Amon sacrificed to all the carved images Manasseh made and worshiped them. Akkuma abbaa ifii Minaase'ee Mootii Waan Maraa duratti cubbuu hujee, waaqota dharaa ka abbaan isaa waaqonfate innille waaqonfate.
23 Unlike his father Manasseh, he did not humble himself before our Father; instead Amon multiplied his guilt. Amooni akka abbaan isaa Minaaseen Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qabe, gad ifi hin qanne. Inni yakkaa abbaan isaa huje caala'aayyuu huje.
24 Amon's servants conspired against him and killed him in his palace. Tajaajiltooti Amoonii mala isatti dhowanee mana mootumma'aa ka isaa keessatti isa ijjeesane.
25 The people of the land killed all who conspired against King Amon and made his son Josiah king in his place. Achiin duuba kolbaan lafa sanii worra Amooni irratti mala dhowe mara ijjeesanee, addee isaatitti ilma isaa Yosiyaas mootii godhane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]