Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 31 guj

Show guj only
Verse × ×
1 When this ended, all Israel present went out to the towns of Judah, smashed the sacred pillars, cut down the Asherah poles, and tore down the high places and altars throughout Judah, Benjamin, Ephraim, and Manasseh, destroying them completely. Then all Israel returned to their towns, each to his own property. Jilti Irra Dabaramaa hobbaateen duuba kolbaan Israa'elii marti gara qachaa Yihuda'aa mara dhaqanee utuboota dhaka'aa ka itti waaqonfatanu caccassanee, utuboota waaqota dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu jijjissanee, addee waaqonfanna'aatii fi addee ciinca'aa ta worra ormaa, biyya Yihuda'aa, biyya Beniyaaminii, biyya Efreemiitii fi biyya Minaase'ee mara keessaa balleessane. Isaan waan kana mara balleessaneen duuba gara qe'ee ifii deebi'ane.
2 Hezekiah assigned the priests and Levites to their divisions, each by his service, priests and Levites alike, for burnt offerings and peace offerings, to serve, give thanks, and praise in the gates of our Father's camps. Hisqiyaasiin mootichi Hayyootaa fi Lewwoota kutaa kutaa isaaniitiin, akkuma hujii hujii isaaniititti irra deebi'ee ramade; isaan kennansa gubamuu fi kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Galma Waaqaa keessatti waaqonfataa, karra Galma Mootii Waan Maraa duratti faaru'uun leellifataa galatteessan.
3 The king gave from his own wealth for the burnt offerings—morning and evening burnt offerings, and those for Sabbaths, new moons, and appointed feasts—as written in our Father's law. Mootichi akkuma Seera Mootii Waan Maraa keessatti barreeffametti hoole'ee fi loon ifii keessaa kennansa gubamu ka galgalaa fi ganamaa, ka guyyaa sanbataa, ka guyyaa baatii ji'aatii fi ka guyyaa jila beekkanteetiifille kenne.
4 He told Jerusalem's residents to give the priests' and Levites' portion, so they could devote themselves to our Father's law. Akkasuma hayyootii fi Lewwooti guyyaa guutuu tajaajila Seera Mootii Waan Maraatiif akka ifi kennuu dande'anu, kolbaan Yerusaalem keessa leetu qooda isaaniif murame akka isaanii fiddu ajaje.
5 As soon as the order spread, Israelites abundantly gave firstfruits of grain, new wine, oil, honey, and all the field's produce, and brought in the tenth of everything abundantly. Akkuma ajaji kennameen, kolbaan Israa'elii, midhaan mata'aa, daadhii woyni'ii haareya, zayitii ejersaa, damma akkasuma midhaan ficha'aa mara ka mata'aa jaalalaan fidane; waan qabanu mara irralle'ee kudhan keessaa tokko fidane.
6 The Israelites and Judahites living in Judah's towns also brought the tenth of cattle and sheep, and the tenth of what was dedicated to our Father, piling them in heaps. Kolbaan Yihuda'aatii fi Israa'elii worri qachaa Yihuda'aa keessa le'u marti, loon, hoole'ee fi re'ee ifii keessaa kudhan keessaa tokko fidane; akkasuma waan Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitiif woyyoonsane irraa kudhan keessaa tokko fidanee tuulane.
7 They began piling the heaps in the third month, finishing in the seventh. Isaan kennansa kana ji'a sadeesso'oo keessa jalqabanee ji'a torbeesso'ootitti fixane.
8 Hezekiah and the officials came, saw the heaps, and blessed our Father and his people Israel. Hisqiyaasii fi qondaaltoti isaa dhufanee tuulaa tana yennaa dhaggane Mootii Waan Maraatii fi kolbaa isaa kolbaa Israa'eliille leellisane.
9 Hezekiah asked the priests and Levites about the heaps. Hisqiyaasiin mootichi marroo kennansa kanaa hayyootaa fi Lewwoota gaafate;
10 Azariah the chief priest, of Zadok's house, answered him, "Since people began bringing contributions into our Father's house, we've eaten well with plenty remaining, for our Father blessed his people, leaving this large surplus." Maatii Zaadoqii keessaa hayyichi sooressi, Azaariyaan, «Kolbaan kennansa ifii gara Galma Mootii Waan Maraa fidiisa haga jalqaddee nyaannee quunnee bacaan nu irraa hafeera; Mootiin Waan Maraa kolbaa waan eebbiseef, wonni bacaan kun hafuu dande'e» jedhe.
11 Then Hezekiah ordered them to prepare storerooms in the house of our Father, and they prepared them. Hisqiyaas Galma Mootii Waan Maraa keessatti kolloo kuusaa meyaa akka qopheessanu ajaje; isaanille akkuma inni ajaje godhane.
12 They faithfully brought in the contributions, the tenth, and dedicated gifts. Conaniah the Levite led them; Shimei his brother was second. Achiin duuba kennansa mara, kudhan keessaa tokko, kennansa woyyoome addatamumma'aan achi keessatti tuulane. Konaaniyaan sanyii Lewwi'ii itti gaafatamaa mana meya mootumma'aa te'ee, obboleessi isaa Shime'i itti aanaa isaa te'e.
13 Jehiel, Azaziah, Nahath, Asahel, Jerimoth, Jozabad, Eliel, Ismachiah, Mahath, and Benaiah oversaw, under Conaniah and his brother Shimei, appointed by King Hezekiah and Azariah, chief officer of our Father's house. Konaaniya'aa fi Shime'i jala akka hujanuuf: Yehii'el, Azaziiyaan, Naahaat, Asaa'el, Yeremoot, Yozaabaad, Elii'el, Ismaakiyaan, Mahaatii fi Benaaya'aan Hisqiyaasii mootichaa fi Azaariyaa hayyicha gudda'aan filamane.
14 Kore son of Imnah, the Levite gatekeeper toward the east, oversaw the voluntary offerings to our Father, distributing our Father's contributions and the most holy gifts. Ilmi Imnaa Lewwichaa Qore, ka karra karaa aduun baatuu eegu, kennansa fedhii ifiitiin Waaqaaf nami fidu fuudhee qoodiisaaf itti gaafatamaa te'e.
15 Under him, Eden, Miniamin, Jeshua, Shemaiah, Amariah, and Shecaniah served faithfully in the priestly towns, distributing to fellow priests by divisions, great and small alike, Eden, Miniyaamiin, Yeshu'aan, Shemaa'iyaan, Amaariyaanii fi Shekaaniyaan qachaa hayyootaa keessatti hayyoota fira isaanii jaarsole'ee fi dargaggootaaf addatamumma'aan qooda isaanii hiriisaan Qore qarqaarane.
16 besides giving to those registered by genealogy, males three and up—all entering the house of our Father for daily duty—for their service by office and division. Itti dabalanee dhiira worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamane, ka woggaan isaanii sadii fi sadii ol te'ane, worra akka hujii hujii isaaniititti itti gaafatamummaa isaaniititti hujii ifii hujiisaaf gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqanu maraaf hujii isaan hujanu itti qoqoodane.
17 Priests were registered by clans; Levites twenty and up, by duty and division. Hayyoota worra akka hidda dhaloota isaaniititti galmeeffamanee fi Lewwoota worra woggaan isaanii diddamaatii fi diddamaa ol te'aneef akkuma hujii hujii isaaniitii fi itti gaafatamummaa isaaniititti hujii isaan hujanu itti qoqoode.
18 They were registered with all their little ones, wives, sons, and daughters—the whole community—for they faithfully dedicated themselves in holiness. Isaan addatamumma'aan huji'iif waan ifi woyyoonsaneef, akka hidda dhaloota isaaniititti haadhotii manaa ta ifii, ijoollee ifii, ta dhiiraatii fi ta durraa mara woliin galmeeffamane.
19 For Aaron's priestly descendants living in the pasture-fields around their towns, men were named in each and every town to give shares to every male priest and all Levites listed by genealogy. Hayyoota qachaa sanyii Aaroniitiif ramadamane keessa yookiin lafa marraa ta qachaa saniif ramadamane keessa le'anu, worra maqaan isaanii sanyii Lewwootaa keessatti galmeeffame worra dhiiraa maraaf, qooda isaan gewu akka isaaniif kennanu, namoota itti gaafatamanu filaneef.
20 Hezekiah did this throughout all Judah. He did what was good, right, and faithful before our Father. Hisqiyaasiin mootichi lafa Yihuda'aa mara keessatti waan Mootii Waan Maraa Waaqa isaa duratti sirrii te'ee fi waan addatamumma'aa huje.
21 In all he undertook—serving the house of our Father, keeping the law and command, seeking our Father—he gave his whole heart, and thrived. Inni Galma Mootii Waan Maraa tajaajiliisaan, seeraa fi ajaja eegatiisaan waan huje mara gadhaa tokkochaan, Waaqa barbaadatiisaan hujee, wonni marti isaaf teete.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]