Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 30 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Hezekiah sent word to all Israel and Judah, and wrote letters to Ephraim and Manasseh, to come to the house of our Father in Jerusalem to keep the Passover to our Father, the God of Israel. Hisqiyaas kolbaa Israa'eliitii fi Yihuda'aa maratti ergee, gosa Efreemiitii fi Minaase'eetitti xalayaa barreessee, gara Galma Mootii Waan Maraa ka Yerusaalem keessaa dhufanee Jila Irra Dabaramaa ka Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanuuf waame.
2 The king, his officials, and the whole assembly in Jerusalem had decided to keep the Passover in the second month, Mootichii fi qondaaltoti isaa, gumiin Yerusaalemii marti Jila Irra Dabaramaa ji'a lammeesso'oo keessa jilifatiisaaf wolii galane.
3 since they could not keep it then, because too few priests had made themselves holy and the people had not gathered at Jerusalem. Laakkossi hayyoota ifi woyyoonsanee guutuu waan hin te'iniif, kolbaalle Yerusaalemitti wolitti waan hin qabaminiif jila yenna'atti jilifatiisaaf hin dandeenne.
4 The plan seemed right to the king and to all the assembly, Mootichii fi gumiin marti karoora kanatti wolii galane.
5 so they sent a proclamation throughout Israel, from Beersheba to Dan, that the people should come to Jerusalem to keep the Passover to our Father, the God of Israel; for they had not kept it together in great numbers as written. Tanaan dura jila Irra Dabaramaa tana akka barreeffantetti bacatanee jilifatanee waan hin beenneef, lafa Israa'elii mara keessaa, Bersheeba'aa jalqabanee haga Daaniititti lassii lassanee, namooti marti gara Yerusaalemii dhufanee, Jila Irra Dabaramaa ta Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii akka jilifatanu murteeffatane.
6 The couriers went through all Israel and Judah with letters from the king and his officials, ordered by the king: "Children of Israel, return to our Father, the God of Abraham, Isaac, and Israel, so he may return to the remnant of you who survived and escaped the power of the kings of Assyria. Worri ergame xalayaa mootichaatii fi xalayaa qondaaltota isaa qabatanee, akkuma mootichi ajajetti, lafa Israa'eliitii fi Yihuda'aa mara keessa deemane. Xalayaan sun: «Ee kolbaa Israa'elii, gara Mootii Waan Maraa Waaqa Abrahaamii, Yisihaqiitii fi Israa'elii deebi'a'a; innille gara keessan gara worra lubbu'uun hafee harka mootota Asoorii jalaa bayee hin deebi'a.
7 Do not be like your fathers and brothers, who were unfaithful to our Father, the God of their fathers, so he made them a desolation, as you see. Isin akka abbootii teessan ta duriitii fi akka gosa teessan worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif hin addatannee hin te'ina'a; inni akkuma isin dhaggitanu waan hantuu nami dhaggee bararaqu isaan godhe.
8 Don't be stubborn like your fathers; give yourselves to our Father and come to his sanctuary, which he dedicated forever, and serve your Father, so his fierce anger turns from you. Isin Mootii Waan Maraatiif ajajama'a malee akkuma abbootii teessanii ta durii mataa hin jabaatina'a! Gara addee woyyittii inni haga bara baraa woyyoonsee kowa'a! Aariin isaa ta bobeettu sun isin irraa akka deebitu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan tajaajila'a!
9 For if you return to our Father, your brothers and your children will find compassion from their captors and return to this land. For your Father is gracious and merciful; he will not turn his face from you if you return to him." Isin gara Mootii Waan Maraa yoo deebitane, Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan arja'aa fi mararaa waan te'eef, worri fira keessanii fi ijoollee teessan booji'e gadhaa laafee akka isaan gara biyya ifii deebi'anu hin godhan. Isin gara isaa yoo deebitane innille fuula ifii isin irraa hin deebifatu» jedha.
10 The couriers went from city to city through Ephraim and Manasseh to Zebulun, but the people laughed at them and mocked them. Worri ergame sun biyya Efreemiitii fi Minaase'ee keessa qachaa kaan irraa gara qachaa kaanii dhaqanee haga biyya Zebuloonii deemane; kolbaan biyya sanii ammoo tuffi'ii fi murgo'oon itti kollane.
11 Even so, some from Asher, Manasseh, and Zebulun humbled themselves and came to Jerusalem. Te'uu malee gosa Asheerii, gosa Minaase'eetii fi Zebuloonii keessaa gariin gad ifi qabanee gara Yerusaalemii dhufane.
12 The hand of our Father was also on Judah, giving them one heart to do what the king and officials commanded by the word of our Father. Biyya Yihuda'aa keessalle'etti kolbaan waan Mootichii fi qondaaltoti akka jecha Mootii Waan Maraatitti isaan ajajane gadhaa tokkochaan akka muummessanu Waaqi isaan qarqaare.
13 A very large assembly gathered at Jerusalem to keep the Feast of Bread Without Yeast in the second month. Ji'a lammeesso'ootitti jila daabboo uukoo hin qannee jilifatiisaaf kolbaan bacaan Yerusaalem keessatti wolitti qabante.
14 They set to work and removed the altars in Jerusalem, and they took away all the incense altars, throwing them into the Kidron Valley. Isaan addee ciinca'aatii fi addee hixaana irratti aarsanu ta waaqota ormaa Yerusaalem keessaa bubuqqisanee, dhooqa Qedroonii keessatti gatane.
15 They slaughtered the Passover lamb on the fourteenth of the second month. The priests and Levites were ashamed, so they dedicated themselves and brought burnt offerings to the house of our Father. Isaan ji'a lammeesso'oo guyyaa kudhanii arfeesso'ootitti buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalane; hayyootii fi Lewwooti waan ifi hin woyyoonsiniif qaanowanee, ifi woyyoonsaneen duuba Galma Mootii Waan Maraa keessatti kennansa gubamu dhikeessane.
16 They stood at their posts by custom, as the Law of Moses the man of God requires; the priests sprinkled the blood the Levites handed them. Achiin duuba isaan akkuma seera Muusee nama Waaqaatitti addee addee ifii qabatane; hayyootille dhiiga harka Lewwootaatii fuutee fiffixxe.
17 Many in the assembly had not dedicated themselves, so the Levites were in charge of killing the Passover lambs for everyone unclean, to dedicate them to our Father. Kolbaa san keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti qulqulluu waan hin te'iniif, Lewwooti worra ifi hin woyyoonsin saniif buruusota hoole'ee Jila Irra Dabaramaatiif qalanee Mootii Waan Maraa duratti isaan woyyoonsane.
18 A large number of the people, many from Ephraim, Manasseh, Issachar, and Zebulun, had not purified themselves, yet ate the Passover, though not as written. But Hezekiah prayed for them: "May our good Father pardon everyone, Ammalle, gosa Efreemii, gosa Minaase'ee, gosa Yisaakoriitii fi Zebuloonii keessaa worri bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti adoo ifi hin qulqulleessin foon buruusota hoolee Jila Irra Dabaramaa nyaatane; Hisqiyaasiin mootichi isaaniif daadimatee, «Ee Mootii Waan Maraa akkuma arjummaa teetiititti ati isaaniif araaram!
19 who sets his heart to seek our Father, the God of his fathers, though not clean by the sanctuary's rules." Akka aadaa dhugeeffanna'aatitti isaan qulqullummaa dhabanulle, worra Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta duriitiif ajajamu maraaf araaram!» jedhe.
20 And our Father listened to Hezekiah and healed the people. Mootiin Waan Maraa daadimata Hisqiyaasii dhage'e; inni kolbaa san fayyise; miidhaa tokkolle isaan gubbaa hin geessinne.
21 The Israelites in Jerusalem kept the Feast of Bread Without Yeast seven days with great joy, and day by day the Levites and priests praised our Father with loud instruments resounding to him. Lewwootii fi hayyooti meya faaru'uutiin bookarfamaa, guyyuma guyya'aan Mootii Waan Maraa leellifataa, gammada gudda'aan faarfataa, kolbaan Israa'elii ta Yerusaalemitti dhaggante guyyaa torba jila daabboo uukoo hin qannee jilifatane.
22 Hezekiah spoke encouragingly to all the Levites skilled in serving our Father. For seven days they ate their festival share, offering peace offerings and giving thanks to our Father, the God of their fathers. Hisqiyaasille Lewwoota waaqonfannaa Mootii Waan Maraa sooressiisaan dandeettii guddoo mudhisane leellise; maarre kolbaan guyyaa torba qooda ifii nyaataa, kennansa tokkumma'aa dhikeessaa, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii galateeffatte.
23 Then the whole assembly agreed to keep the feast another seven days, and they kept it seven more days with joy. Achiin duuba gumiin marti guyyaa itti aanu torba jila jilifatiisaaf wolii galane. Maarre guyyaa dhibii torba gammadaan jilifatane.
24 Hezekiah king of Judah gave the assembly 1,000 bulls and 7,000 sheep, and the officials gave 1,000 bulls and 10,000 sheep, and many priests dedicated themselves. Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'ee kuma torba gumii saniif kenne; qondaaltotille dardaroota kuma tokko, hoole'ee fi re'e'ee kuma kudhan kennane; hayyooti bacaan akka aadaa dhugeeffanna'aatitti ifi woyyoonsane.
25 All Judah's assembly rejoiced, with the priests, the Levites, the whole assembly that came from Israel, and the foreigners from Israel's land and those living in Judah. Gumiin Yihuda'aa marti, hayyootii fi Lewwooti, kolbaan worri Israa'el keessaa dhufane marti, worri alagaan ka Israa'el keessa qubataneeranuu fi Yihudaa keessa qubataneeranu marti gammadane.
26 Great joy filled Jerusalem, for nothing like this had happened there since the days of Solomon son of David, king of Israel. Bara ilmi Daawitii Solomoon biyya Israa'elii duudii irratti mootii te'ee irraa jalqabee haga ammaatitti jilti akkanaa Yerusaalem keessatti jilifantee waan hin beenneef, qachaa Yerusaalemii keessatti gammad guddaan te'e.
27 The priests and Levites rose to bless the people, and their voice was heard; their prayer reached his holy home in heaven. Hayyootii fi Lewwooti ka'anee kolbaan akka eebbifantu daadimatane. Waaqille addee woyyittii ifii ta ol-gubba'aa irraa daadimata isaanii dhage'e.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]