Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 29 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Hezekiah became king at twenty-five, reigning twenty-nine years in Jerusalem. His mother: Abijah, daughter of Zechariah. Hisqiyaas yennaa moti te'e nama woggaa diddamii shanii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa diddamii sagal bulche; maqaan haadha isaa Abiiya'a; isiin intala Zakaariyaasii ti.
2 He did right in our Father's eyes, just as his father David had done. Inni akkuma Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e huje.
3 In his reign's first year, first month, he opened the doors of our Father's house and repaired them. Inni mootii te'ee woggaa tokkeesso'oo, ji'a tokkeesso'oo keessa karra Galma Mootii Waan Maraa banee deebisee haaresse.
4 He brought in the priests and the Levites and gathered them in the eastern square. Inni hayyootaa fi Lewwoota badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa ka karaa aduun baatuutitti wolitti qabee,
5 He told them, "Hear me, Levites! Dedicate yourselves now, and dedicate our Father's house, the God of your fathers, and remove the filth from the Holy Place. isaaniin, «Isin Lewwooti dhage'a'a! Isin amma ifi adda baasa'aatii Galma Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teessanii ta duriille woyyoonsa'a! Waan Galma Mootii Waan Maraa batteesse mara isa keessaa balleessa'a!
6 Our ancestors were unfaithful, doing evil in our Father's eyes; they abandoned him, turned their faces from our Father's dwelling, and turned their backs. Abbootiin teenna ta durii, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf hin addatanne; isaan isa duratti waan sirrii hin te'in hujanee, isa lakkisanee, addee woyyittii isaatitti dudda galane.
7 They also shut the entrance hall doors, extinguished the lamps, and did not burn incense or offer burnt offerings in the sanctuary to our Father, the God of Israel. Isaan balbala soroo Galma Mootii Waan Maraa cufanee, issaalle dhaanfane; Galma Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii keessatti hixaana hin aarisine yookiin kennansa gubamulle hin dhikeessine.
8 So our Father's anger fell on Judah and Jerusalem, making them an object of terror, horror, and scorn, as you see with your own eyes. Tanaaf Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemiititti aaree, akkuma isin beettanu, waan nama mara sodaachisu, waan murgo'oo isaan godhee, waan nama rifachiisu itti fide.
9 For our fathers fell by the sword; our sons, daughters, and wives are captive for this. Sababa kanaaf abbootiin teenna ta durii shallaaga'aan dhumattee, niitoleen teennaa fi ijoolleen teenna booji'amanee fudhatamane.
10 Now I intend to make a covenant with our Father, the God of Israel, so his fierce anger turns from us. «Haganaa achi akka inni nutti hin aarreef, ani Mootii Waan Maraa Waaqa Israa'elii woliin gondooroo godhatiisaaf murteeffadheera.
11 My sons, don't be negligent now—our Father chose you to stand before him, serve him, be his servants, and burn incense." Ee ijoollee tiyya! Isin akka isa dura dhaabbatanee isa tajaajiltanuuf, tajaajiltoota isaa akka teetanuuf, hixaanalle isa duratti akka isaaf aarsitanuuf Mootii Waan Maraa isin waan filateef hin rincicina'a» jedhe.
12 The Levites stood: Kohathites—Mahath, Amasai's son, and Joel, Azariah's son; Merarites—Kish, Abdi's son, and Azariah, Jehallelel's son; Gershonites—Joah, Zimmah's son, and Eden, Joah's son; Lewwooti worri huji'iif kakka'ane ta asii gad jiranu: Sanyii Qehaatotaa keessaa, ilma Amaasaayii Mahaat; ilma Azaariya'aa Yo'el. Sanyii Meraarotaa keessaa, ilma Abdii Qiish; ilma Yihaleli'elii Azaariya'a. Sanyii Gershoonotaa keessaa, ilma Ziima'aa Yo'aak; ilma Yo'aakii Eden.
13 of the sons of Elizaphan, Shimri and Jeiel; of the sons of Asaph, Zechariah and Mattaniah; Sanyii Eliizaafaanii keessaa, Shiimrii fi Yewu'el. Sanyii Asaaf keessaa, Zakaariyaasii fi Mataaniya'a.
14 of the sons of Heman, Jehiel and Shimei; and of the sons of Jeduthun, Shemaiah and Uzziel. Sanynii Hemaanii keessaa, Yehii'elii fi Shime'i; sanyii Yedutuu keessaa, Shemaa'iya'aa fi Uzii'el.
15 They gathered their brothers, made themselves holy, and went to clean our Father's house, as the king commanded by our Father's words. Isaan kun fira ifii Lewwoota wolitti qabanee ifi woyyoonsaneen duuba, akka seeraatitti ifi qulqulleessaneen duuba, mootichi akka jecha Mootii Waan Maraatitti akkuma isaan ajajetti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane.
16 The priests entered our Father's inner house to cleanse it, bringing all the impurity they found in our Father's temple out to the courtyard. The Levites carried it out to the Kidron brook. Hayyooti Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessiisaaf gara keessaa seenane; waan battii Galma Mootii Waan Maraa san keessatti dhaggane mara gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa gad baasane; worri Lewwootaa achii fuudhanee dhooqa Qedrooniititti gatane.
17 They began dedicating the first day of month one; by the eighth day of that month, they reached our Father's entrance hall. They dedicated the house of our Father eight days, finishing the sixteenth day of month one. Isaan ji'a tokkeesso'oo guyyaa tokkeesso'ootitti qulqulleessuu jalqabanee, guyyaa saddeetesso'oo haga soroo Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessane; guyyaa saddeeti itti dabalanee Galma Mootii Waan Maraa qulqulleessanee, wolumatti ji'a tokkeesso'oo guyyaa kudhanii jayeesso'ootitti qulqulleessanee fixane.
18 Then they came in to King Hezekiah and said, "We have cleaned all of our Father's house—the altar of burnt offering with all its utensils, and the table of the Bread of the Presence with all its utensils. Achiin duuba gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, «Nuuti, Galma Mootii Waan Maraa addee ciinca'aa ta kennansa gubamuu meya isi'ii mara woliin, xarapheessaa daabboo Waaqaaf kennante irra keyanu meya isaa mara woliin qulqulleessineerra.
19 All the utensils King Ahaz discarded during his unfaithful reign we have prepared and dedicated—they stand before our Father's altar." Ahaaziin mootichi bara mootii te'eerutti Mootii Waan Maraatiif addatamuu dhabee, meya inni achii baase mara adde'etti deebinnee woyyoonsineerra; kunoo mey sun amma addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa dura jira» jedhanee isatti himane.
20 King Hezekiah rose early, gathered the city's officials, and went up to our Father's house. Boruyyaa barii ganama mootichi Hisqiyaas qondaaltota qacha'aa wolitti qabee gara Galma Mootii Waan Maraa dhaqe.
21 They brought seven bulls, seven rams, seven lambs, seven male goats as a sin offering for the kingdom, sanctuary, and Judah, and he commanded Aaron's sons, the priests, to offer them on our Father's altar. Isaan marroo cubbuu mootumma'aatiif, marroo cubbuu Galma Mootii Waan Maraatiif, marroo cubbuu kolbaa Yihuda'aatiif, dardaroota torba, korbeeyyii hoole'ee torba, buruusota hoole'ee torbaa fi buruusota re'e'ee torba ciinca'aaf fidane; hayyooti sanyii Aaronii addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa irratti kennansa kana ciincaa akka dhikeessanuuf mootichi isaan ajaje.
22 They killed the bulls; the priests took the blood and splashed it on the altar. They killed the rams and splashed the blood on the altar, then killed the lambs and splashed the blood on the altar. Hayyooti dursitee dardaroota san qaltee, itti aansitee, korbeeyyii hoole'ee qaltee, dhuma irratti buruusota hoole'ee qaltee dhiiga addee ciinca'aa irratti fiffixxe.
23 They brought the sin-offering goats before the king and assembly, and laid their hands on them. Achiin duuba Korbeeyyii re'e'ee ta kennansa marroo sababa cubbu'uutiif dhikaattu fidanee mootichaa fi kolbaa dura dhaabbachiisane; isaanille harka ifii irra keyane.
24 The priests slaughtered them and made a sin offering with their blood on the altar to atone for all Israel, because the king had ordered the burnt offering and sin offering for all Israel. Mootichi kennansa gubamuu fi kennansa gumaa cubbu'uutiif dhikaatu kolbaa Israa'elii maraaf akka godhamu duraan dursee waan ajajeeruuf, hayyooti korbeeyyii re'e'ee san qaltee, kolbaa Israa'elii maraaf gumaa cubbu'uutiif, dhiiga korbeeyyi'ii san addee ciinca'aa irratti dhangalaatte.
25 He stationed the Levites in our Father's house with cymbals, harps, and lyres, as David, Gad the king's seer, and Nathan the prophet commanded—for the command came from our Father through his prophets. Akkuma dur Mootiin Waan Maraa karaa raagota ifiitiin, Daawiti, raagicha Gaadii fi raagicha Naataan ajajetti, akkasuma Hisqiyaasiin mootichi Lewwoota Galma Mootii Waan Maraa keessatti sibiila qilillisuun, kiraaraa fi maseenqo'oon faarsanu ramade.
26 The Levites stood with the instruments of David, and the priests with the trumpets. Maarre Lewwooti meya faaru'uu ka Daawitii qabatanee, hayyootille tultullaa ifii qabatanee dhaabbatane.
27 Hezekiah ordered the burnt offering on the altar; when it began, the song of our Father began too, with the trumpets and the instruments of David, king of Israel. Achiin duuba Hisqiyaasiin mootichi kennansi gubamu addee ciinca'aa irratti akka dhikaatu ajaje. Kennansi gubamu sun gubamiisa yennaa jalqabe, worri faarfatulle meya faaru'uu ka Daawitii mootii Israa'eliitii fi tultulla'aan bookarfamanee faaruu Mootii Waan Maraa faarfatuu jalqabane.
28 The whole assembly bowed, the singers sang, the trumpeters sounded, until the burnt offering was finished. Haga kennansi gubamu gubamee dhumatutti, gumiin duudiin waaqonfattee, Faarfattootille faaruu faarsitee, tultullaalle afuufame.
29 When the offering ended, the king and all present with him bowed and worshiped. Kennansi gubamu sun gubamee dhumateen duuba mootichii fi kolbaan isa woliin jirtu marti gombifantee waaqonfatte.
30 King Hezekiah and the officials had the Levites praise our Father with words from David and Asaph the seer. They sang for joy, bowed low, and worshiped. Hisqiyaasiin mootichii fi qondaaltoti isaa, faaruu Daawitiitii fi Asaafii raagichaa qopheessanee Mootii Waan Maraa akka leellifatanu Lewwoota ajajane; isaan gammadaan faarfatanee, gombifamanee waaqonfatane.
31 Then Hezekiah said, "You have now dedicated yourselves to our Father. Come near, bring sacrifices and thank offerings to our Father's house." So the assembly brought sacrifices and thank offerings; all willing hearts brought burnt offerings. Achiin duuba Hisqiyaas kolba'aan, «Kunoo, isin amma Mootii Waan Maraatiif ifi woyyoonsitaneertan; as dhikaadha'aatii ciinca'aa fi kennansa galataa gara Galma Mootii Waan Maraa fida'a» jedhe; maarre gumiin ciinca'aa fi kennansa galataa fidde; worri fedha qabanu marti kennansa gubamu fidane.
32 The assembly brought seventy bulls, one hundred rams, 200 lambs—all as a burnt offering to our Father. Laakkossi horii kennansa gubamuuf gumiin sun fiddee, dardaroota torbaatama, korbeeyyii hoole'ee dhibbaa fi buruusota hoole'ee dhibba lama; horiin kun marti Mootii Waan Maraatiif, kennansa gubamuuf dhikaate.
33 And the consecrated offerings were 600 bulls and 3,000 sheep. Laakkossi horii woyyoomee sun wolumatti, dardaroota dhibba jaa, hoole'ee fi re'e'ee kuma sad.
34 The priests were too few to skin all the burnt offerings, so their Levite brothers helped them until the work was done and until the priests made themselves holy; the Levites were more honest in heart to make themselves holy than the priests. Te'uu malee horii kennansa gubamuuf qalame san gogaa irraa baasiisaaf, hayyooti achi jiranu waan diqqaataneef, Lewwooti obboleeyyan isaanii haga hujiin dhumattutti, hayyooti dhibiin haga ifi woyyoonsitutti isaan qarqaarane. Lewwooti ifi woyyoonsiisaaf hayyoota caalaa qalbii sirri'ii qaban.
35 Besides the many burnt offerings, there was fat from peace offerings and drink offerings for them. So the service of our Father's house was restored. Gaafas kennansa gubamu ka laakkossi isaa baca'aa san biratti, coomi kennansa tokkumma'aatiif dhikaate, kennansi daadhii woyni'ii ka kennansa gubamuuf dhikaate jiran. Akka kanaan tajaajilli Galma Mootii Waan Maraa akka duriititti deebi'e.
36 Hezekiah and all the people rejoiced over what our Father prepared for them, since it happened suddenly. Wonni martinuu akka kanatti ariiti'iin waan hujanteef, Waaqi kolbaa tanaaf waan qopheesseef, Hisqiyaasii fi kolbaan martinuu guddoo gammadane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]