Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 28 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Ahaz became king at twenty; he reigned sixteen years in Jerusalem. He did not do right in our Father's eyes, as his ancestor David had. Ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa kudhanii jaa bulche. Inni akka Daawitii abbaa abbootii isaa ta durii Mootii Waan Maraa duratti waan sirrii te'e hin hunye.
2 Instead, he walked in the ways of Israel's kings and cast metal idols for the Baals. Inni ammoo akkuma moototi Israa'elii hujane hujee, waaqa dharaa Ba'aal waaqonfatiisaaf sibiila baqisiisee fakkii hujeef.
3 He burned incense in Ben-Hinnom Valley and burned his sons in fire, copying detestable practices of the nations our Father drove out before Israel. Inni akkuma kolbaa gosa biyya adda addaa ta waan battii hujjee, Mootiin Waan Maraa kolbaa Israa'elii duraa ari'ee baase sanii, dhooqa ilma Hiinomii keessatti hixaana aarse; ilmaan ifiille ciincaa dhikeesse.
4 He sacrificed and burned incense on the high places, the hills, and under every leafy tree. Ahaaz addee waaqonfanna'aa irratti, qaccee koobotaa irratti, muka banqaaqaa mara jalalle'etti ciincaa dhikeessee, hixaanalle aarse.
5 So our Father gave him to Aram's king, who struck him, took many captives to Damascus; he was also given to Israel's king, who struck him a heavy blow. Tanaaf Mootiin Waan Maraa Waaqi harka mootii Sooriya'aatitti dabarsee isa kenne; worri Sooriya'aa isa injifatanee kolbaa isaa bacaa booji'anee gara Damaasqo'oo geessane; inni harka mootii Israa'eliille'etti dabarfamee kennamee, innille akka malee lolee isa miidhe.
6 Pekah son of Remaliah killed 120,000 brave men of Judah in one day, because they abandoned our Father, the God of their ancestors. Kolbaan Yihuda'aa Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkisaneef, mootiin Israa'elii ilmi Remaaliya'aa Pheqaan guyyaa tokkotti loltoota Yihuda'aa keessaa kuma dhibbaa fi kuma diddama ijjeese.
7 Zichri, an Ephraim warrior, killed Maaseiah the king's son, Azrikam the palace commander, and Elkanah, the king's second. Nami sanyii Efreemii, loltichi jabaan Ziikri, ilma mootichaa Ma'aseyaa, itti gaafatamaa mana mootumma'aa Azriiqaamii fi itti aanaa mootichaa Elqaanaa ijjeese.
8 Israel captured 200,000 relatives—women, sons, daughters—and much plunder, carrying it off to Samaria. Israa'elooti gosa ifiituu dubartoota, ijoollee dhiiraatii fi ijoollee durraa wolumatti nama kuma dhibba lama booji'ane; akkasuma meya bacaa boojuu fudhatanee gara Samaariya'aa deebi'ane.
9 Oded, a prophet of our Father, was there. He met the army returning to Samaria: "See, our Father, the God of your ancestors, was angry with Judah, so he handed them to you. But you killed them with rage reaching heaven. Loltooti gara Samaariya'aa yennaa deebite, raagichi Mootii Waan Maraa Odeed isaan dhaggiisaaf dhaqee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi abbootii teessanii ta durii kolbaa Yihuda'aatitti waan aareef, harka keessanitti dabarsee isaan kenne; isin ammoo aarii jaddu'uun isaan ijjeettane; Waaqille aarii teessan ta akka malee hammaatte tana dhaggeera.
10 Now you intend to enslave Judah and Jerusalem's people, male and female. Aren't you yourselves guilty of sins against your Father? Isin amma dhiiraa fi dubartoota kolbaa Yihuda'aatii fi kolbaa Yerusaalemii garboonfatiisa barbaaddan; isin tana yennaa gootanu Mootii Waan Maraa Waaqa keessan duratti yakkaa hujuu keessanii motii ree?
11 Now listen: send back the relatives you captured, for our Father's fierce anger is on you." Amma na caqasa'a! Mufiin Mootii Waan Maraa isin irratti waan bobeettuuf, gosa teessan ta boojitane deebisa'aatii galcha'a» jedhe.
12 Some Ephraimite chiefs—Azariah son of Johanan, Berechiah son of Meshillemoth, Jehizkiah son of Shallum, Amasa son of Hadlai—opposed those coming from battle. Achiin duuba sooressitoota sanyii Efreemii keessaa gariin, ilmi Yohaannaanii Azaariyaan, ilmi Meshiilemootii Berekiiyaan, ilmi Shaalumii Yehiizqiiya'aa fi ilmi Hadlaayii Amaasaan worra duula irraa gale san mormanee,
13 "Don't bring the captives here," they said. "You plan to add to our sins and guilt against our Father. Our guilt is already great, and fierce anger hangs over Israel." «Isin worra booji'ame kana as fiduu hin malle! Nuuti ammaayyuu yakkaa guddoo qanna; mufiin Mootii Waan Maraa Israa'el irratti bobe'iisatti jirti; ammalle yakkaa irratti yakkaa dabalatuu barbaaddanii ree?» jedhane.
14 So the soldiers handed the captives and plunder in front of the officials, before the whole assembly. Maarre loltooti sun qondaaltotaa fi gumii san mara duratti worra booji'ame san gad lakkisanee, meya saamanelle deebisane.
15 The named men took the captives and clothed all the naked from the plunder. They gave them clothes and sandals, food and drink, and anointed them with oil. They set the feeble on donkeys, brought them to their fellow Israelites at Jericho, city of palms, then returned to Samaria. Achiin duuba worri maqaan isaanii dhowame sun worra booji'ame kana fuudhanee, worra qullaa hafe mara woyaa saamane san keessaa itti uffisane. Woyaa, kophee, sagale'ee fi waan unanulle kennaneefii, zayitiille madaa isaanii dibane; worra dadhabaa deemuu hin dandeenne ammoo harree irra keyanee, addee firri isaanii jiru gara qachaa Yeriko'oo ka, «Qachaa Meexxi'ii» jedhamuu geessane. Achiin duuba ifiif gara Samaariya'aa deebi'ane.
16 At that time King Ahaz sent to the king of Assyria for help. Bara san Ahaaziin mootichi gara mootii Asoorii nama ergee qarqaarsa gaafate.
17 The Edomites had invaded Judah once again and carried off captives, Worri Edoomii ammalle dhufanee kolbaa Yihuda'aa lolanee injifatanee boojuu fudhatanee ideemane.
18 while Philistines raided Judah's lowland and Negev towns, seizing Beth-shemesh, Aijalon, Gederoth, Soco, Timnah, and Gimzo with their villages, and settled there. Worri Filisxeemotaalle qachoota kooba jalaatii fi qachoota biyya Yihuda'aa ka gara kibbaa jiranu lolanee, Bet-Shemeshi, Ayalon, Gederot, Sokoo, Tiimna'aa fi Giimzoo ollaa adaala sanii mara qabatanee achi qubatane.
19 Our Father humbled Judah because of Ahaz king of Israel, who spread wrongdoing in Judah and betrayed our Father completely. Mootiin Yihuda'aa Ahaaz biyya Yihuda'aatitti hammeenna baceessee Mootii Waan Maraatiif guddoo waan hin addataminiif, Mootiin Waan Maraa kolbaa Yihuda'aa salphise.
20 Tiglath-pileser king of Assyria came to Ahaz, but Tiglath-pileser brought him trouble instead of help. Mootiin Asoorii Tiiglaat-Phileeser gara Ahaazii yennaa dhufe isa rakkise malee isa hin qarqaarre.
21 Ahaz stripped our Father's house, the royal palace, and the officials of their treasures, giving them to Assyria's king—yet it brought him no help. Maarre Ahaaz qooda Galma Mootii Waan Maraa irraa, qooda mana mootumma'aa irraa fi qooda qondaaltotaa irraa meya fuudhee mootii Asooriitiif kenneeraayyu; te'uu malee tunille isa hin qarqaarre.
22 In his time of distress, this same King Ahaz became even more unfaithful to our Father. Ahaaziin mootichi yennaa rakkinna ifii keessalle, ka durii caala'aayyuu Mootii Waan Maraatiif ka hin addatanne te'e.
23 He sacrificed to Damascus's gods, his defeaters, thinking, "Aram's kings' gods helped them; I'll sacrifice to them so they'll help me." But they ruined him and all Israel. Inni, «Waaqoti dharaa ka Sooriya'aa mootota Sooriya'aa waan qarqaaraneef, analle akka qarqaaranu ciincaa isaaniif dhikeessa» jedhee waaqota dharaa ka worra Damaasqo'oo worra isa injifataneef ciincaa dhikeesse; te'uu malee hujiin tun isaa fi kolbaa Israa'elii maraaf sababa jinnanaa teete.
24 Ahaz gathered the articles of our Father's house and cut them to pieces, shut the doors of our Father's house, and set up altars for himself at every corner in Jerusalem. Itti dabalee Ahaaz meya Galma Mootii Waan Maraa keessaa wolitti qabee caccasse; balbala Galma Mootii Waan Maraa cufee, roga irga karaa Yerusaalem keessaa maratti addee ciinca'aa ta waaqota dharaa ijaare.
25 In every Judah town he built high places to burn offerings to other gods, angering our Father, the God of his ancestors. Qachaa biyya Yihuda'aa mara keessatti, waaqota dharaa ka dhibi'iif addee waaqonfanna'aa ijaaree, Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii aarse.
26 The rest of his deeds and all his ways, first to last, are written in the Book of the Kings of Judah and Israel. Wonni dhibiin ta Ahaaziin mootichi huje, jalqabaa kaasee haga muumme'eetitti kitaaba dabarsii mootota Israa'eliitii fi Yihuda'aa keessatti barreeffanteerti.
27 Ahaz rested with his ancestors, buried in Jerusalem, but not in Israel's kings' tombs. His son Hezekiah reigned instead. Ahaaz du'ee qachaa Yerusaalemii keessatti isa awwaalane; te'uu malee addee awwaala moototi Israa'elii itti awwaalamanutti isa hin awwaalle. Ilmi isaa Hisqiyaas addee isaatitti mootii te'e.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]