Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 22 guj

Show guj only
Verse × ×
1 The people of Jerusalem made his youngest son Ahaziah king in his place, since the raiders who came with the Arabs into the camp had killed all the older sons. So Ahaziah son of Jehoram king of Judah became king. Worri saantotaa ka worra Arabaa woliin dhufane, ilmaan Yohoraamii mootichaa angafoota mara waan fixaneef, kolbaan Yerusaalemii ilma Yohoraamii maandhicha Ahaaziyaa addee abbaa isaatitti mootii godhane; tanaaf Ahaaziyaan ilmi Yohoraamii mootichaa, mootii Yihuda'aa te'e.
2 Ahaziah became king at twenty-two and reigned one year in Jerusalem. His mother was Athaliah, granddaughter of Omri. Ahaaziyaan yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa te'ee woggaa tokko bulche; maqaan haadha isaa Ataaliya'a; isiin intala Ahaabii ilma Omirii ti.
3 He too followed the ways of Ahab's house, for his mother counseled him to do evil. Haati isaa akka inni waan hantuu huju waan gorsiteef, innille akkuma sanynii Ahaabii waan hantuu huje.
4 He did evil in our Father's eyes, like Ahab's house, for after his father's death they were his counselors, to his ruin. Abbaan isaa du'een duuba, sanyiin Ahaabii karaa badi'ii waan isatti gorsaneef, akkuma sanyii Ahaabii innille Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
5 He followed their advice too, joining Joram son of Ahab, Israel's king, to fight Hazael king of Aram at Ramoth-gilead, where the Arameans wounded Joram. Inni gorsa isaanii fudhatee, ilma Ahaabii mootii Israa'elii Yehoraam woliin, mootii Sooriya'aa Hazaa'el loliisaaf gara Raamoot-Giili'aadii yennaa dhaqe, innille isa woliin dhaqe. Worri Sooriya'aalle achitti isa madeessane.
6 So he returned to Jezreel to recover from the wounds he received at Ramah fighting Hazael king of Aram. Ahaziah son of Jehoram king of Judah went down to Jezreel to see Joram son of Ahab, because he was wounded. Inni mootii Sooriya'aa Hazaa'el woliin adoo wol lolanuu, madaa Raamaatitti isa madeessane san fayyiisaaf, Yizre'elitti deebi'e; achiin duuba ilmi Ahaabii Yehoraam waan madoweef, mootiin Yihuda'aa ilmi Yohoraamii Ahaaziyaan Yehoraam gaafatiisaaf gara Yizre'el gad dhaqe.
7 Ahaziah's downfall came from our Father when he visited Joram. On arriving, he went out with Jehoram against Jehu son of Nimshi, whom our Father had anointed to destroy the house of Ahab. Ahaaziyaan Yoraam gaafatiisaaf dhaqiisa isaa, Waaqi du'a isaatiif sababa godhe; Ahaaziyaan yennaa achi geye, Yoraam woliin ilma Niimshii Yehuu ka Mootiin Waan Maraa akka inni sanyii Ahaabii balleessuuf muude bira dhaqe.
8 As Jehu carried out judgment on Ahab's house, he found Judah's officials and Ahaziah's nephews who served Ahaziah, and killed them. Yehuun maatii Ahaabii irratti muraa kenniisatti jiruun, worra Ahaaziyaa gula jiru qondaaltota Yihuda'aatii fi ilmaan obboleeyyan Ahaaziya'aa dhaggee isaan mara ijjeese.
9 He searched for Ahaziah, who was captured while hiding in Samaria. They brought him to Jehu and killed him, then buried him, saying, "He is Jehoshaphat's son, who sought our Father with all his heart." So Ahaziah's house had no one strong enough to hold the kingdom. Achiin duuba inni Ahaaziyaa barbaachisee, inni Samaariyaa keessatti dhokateeruun dhagganee qabanee, gara Yehu'uu fidanee ijjeesane; isaan, «Inni akaakoo Yoshaafaaxii ka gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraa tajaajilee ti» jedhanee awwaalane; eega san sanyii Ahaaziya'aa keessaa nami mootummaa qabatuu dande'u dhabame.
10 When Athaliah, Ahaziah's mother, saw her son was dead, she set out to destroy all the royal offspring of Judah's house. Haati Ahaaziya'aa Ataaliyaan ilmi isi'ii akka du'e yennaa dhaggite, kaatee sanyii Yihuda'aa keessaa maatii moototaa mara balleessite.
11 But Jehoshabeath the king's daughter took Joash son of Ahaziah, stealing him from among the royal sons about to be killed, and hid him with his nurse in a bedroom. So Jehoshabeath, King Jehoram's daughter, Jehoiada the priest's wife and Ahaziah's sister, hid him from Athaliah, so she did not kill him. Intalti Yehoraamii mootichaa Yoshebaan ammoo ilmaan moototaa ka ijjeefamaaranu keessaa ilma Ahaaziya'aa Yo'aas hattee fudhattee, ta isa guddittu woliin kolloo taqe'ee takka keessatti dhossite; intalti Yoraamii Yoshebaan niitiin Yehoyaadaa hayyichaa obboleettii Ahaaziya'aa waan teeteef, Ataaliyaan akka hin ijjeenneef, Yo'aas dhossite.
12 He stayed hidden with them in the house of our Father six years while Athaliah reigned over the land. Bara Ataaliyaan lafa bulchite san inni Galma Waaqaa keessa woggaa jaa dhokatee isaan woliin le'e.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]