Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 23 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In the seventh year Jehoiada took courage and made a covenant with the commanders of hundreds—Azariah son of Jeroham, Ishmael son of Jehohanan, Azariah son of Obed, Maaseiah son of Adaiah, and Elishaphat son of Zichri. Woggaa torbeesso'ootitti ammoo Yoyaadaan jajjabaatee, worra ajajjoota dhibbaa te'ane ilma Yerohaamii Azaariyaa, ilma Yohaannaanii Ishimaa'el, ilma Obedii Azaariyaa, ilma Adaayaa Maaseyaa, ilma Ziikrii Elshaafaax woliin wol gondoorane.
2 They traveled through Judah, gathered the Levites from all its cities and the family heads of Israel, and came to Jerusalem. Isaan biyya Yihuda'aa keessa deemanee, Lewwootaa fi sooressitoota maatii Israa'elootaa qachaa mara keessaa wolitti qabanee, isaan woliin gara Yerusaalemii dhufane.
3 The whole assembly made a covenant with the king in the house of our Father. Jehoiada told them, "Look, the king's son will reign, as our Father promised about David's sons. Gumiin marti Galma Waaqaa keessatti mooticha woliin wol gondoorane. Achiin duuba Yeyaadaan hayyichi, isaaniin, «Akkuma Mootiin Waan Maraa sanyii Daawitiitiif waadaa gale, kunoo ilmi mootichaa mootii hin te'a.
4 Do this: a third of you—priests and Levites entering on the Sabbath—will be gatekeepers at the thresholds. Wonni isin gootanu kana: Isin hayyootaa fi Lewwoota keessaa guyyaa sanbataa worri badoo qaddanu, harka sad keessaa harki tokko karra Galmaa Waaqaa eeganuu ti!
5 A third at the king's house, a third at the Gate of the Foundation, and all the people in the courts of the house of our Father. Harka sad keessaa harki tokko mana mootumma'aa eeganuu ti! Harka sad keessaa harki tokko, ‹Karra hunde'ee› ta jedhantu eeganuu ti! Worri hafe marti badhinna dalleya keessaa ka Galma Mootii Waan Maraa keessa tee'anuu ti!
6 Let no one enter the house of our Father except the priests and the serving Levites; they may enter, for they are holy. Everyone else is to keep guard for our Father. Hayyootaa fi Lewwoota worra tajaajiliisaaf badoo qabanu malee nami tokkolle Galma Mootii Waan Maraa keessa hin seenin; isaan woyyuu waan te'aneef seenanuu ti! Namooti hafane marti akka ajaja Mootii Waan Maraatitti ala dhaabbatanuu ti.
7 The Levites must surround the king, each with weapon in hand; whoever enters the house is to be put to death. Stay with the king wherever he comes and goes." Lewwooti marti meya woraanaa harkatti qabatanee mootichatti naannowanuu ti. Nami yennaa san Galma Waaqaa seenu marti ijjeefamuu ti; yennaa mootichi ol seenuu fi gad bawu isa woliin jiraadha'a» jedhe.
8 The Levites and all Judah did exactly as Jehoiada the priest commanded. Each took his men—those coming on duty the Sabbath with those going off—since Jehoiada the priest did not dismiss any of the divisions. Lewwootii fi kolbaan Yihuda'aa marti akkuma hayyichi Yoyaadaan ajaje godhane; tokko tokkoon isaanii namoota ifii worra guyyaa Sanbataa hujii irra jiranuu fi worra hujii ifii fixatanee galaaranu wolitti qabane. Hayyichi Yoyaadaan worra badoo hujii ifii fixataneeranuuyyuu gad hin lakkinne.
9 Jehoiada the priest gave the commanders of hundreds King David's spears and large and small shields, kept in our Father's house. Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan woraana, wontee gugurdo'oo fi didiqqoo dur mootichi Daawiti qabu, ta Galma Waaqaa keessa jirtu, ajajjoota dhibbaatitti kenne.
10 He stationed all the people, each with weapon in hand, from the south side of the temple to the north side, surrounding the altar, the temple, and the king. Inni kolbaan marti tokko tokkoo isaanii meya woraanaa ka ifii harkatti qabatanee, Galma Waaqaa kaabaa haga kibbaatitti, adaala addee ciinca'aa, marsanee mooticha akka eeganu godhe.
11 They brought out the king's son, crowned him, gave him the covenant law, and made him king. Jehoiada and his sons anointed him and shouted, "Long live the king!" Achiin duuba Yoyaada'aa fi ilmaan isaa, ilma mootichaa fidanee, kallacha itti keyanee, woraabbii barreeffama Gondooro'oo itti kennanee mootii isa godhane; isaan isa muudanee, «Mootichi bara dheeraa le'uu ti!» jedhane.
12 Hearing the sound of people running and praising the king, Athaliah came to them at our Father's house. Ataaliyaan hogaa kolbaan utaalaa mooticha leellifattu yennaa dhageette, Galma Mootii Waan Maraa keessatti gara kolba'aa dhaxxee,
13 She looked—there was the king standing by his pillar at the entrance, officers and trumpeters beside him, all the people of the land rejoicing and blowing trumpets, singers with instruments leading the praise. Then Athaliah tore her clothes and shouted, "Treason! Treason!" mootichi seensuma addee mootiin dhaabbatu dhaabbatuun utubaa biratti dhaggite; qondaaltoti loltootaatii fi worri tultullaa afuufu isa bira dhaabbataneeran; kolbaan lafa sanii marti firinxiixaa tultullaa afuufan; faarsitootille meya faaru'uutiin faaruu jilaa qajeelchan. Achiin duuba Ataaliyaan aari'iin woyaa ifii tarsaattee, «Tun maltumma'a! Tun maltumma'a» jettee iyyite.
14 Jehoiada the priest summoned the commanders of hundreds over the army and said, "March her out through the ranks; kill with the sword anyone who follows her." For the priest had said, "Do not kill her in the house of our Father." Achiin duuba hayyichi Yoyaadaan ajajjoota dhibbaa worra loltoota ajajanu gad baasee, isaaniin, «Tarree teessan oddu'uu gad isii baasa'a; nama rogii isi'ii dhufu mara shallaaga'aan ijjeesa'a» jedhe. Inni, «Galma Mootii Waan Maraa keessatti isii hin ijjeesina'a» jedheeraayyu.
15 They seized her; when she reached the Horse Gate's entrance by the king's house, they killed her there. Maarre isaan isii qabanee karra mana mootumma'aa, addee, «Seensuma fardaa» jedhantu, achitti isii ijjeesane.
16 Then Jehoiada made a covenant among himself, all the people, and the king to be our Father's people. Hayyichi Yoyaadaan inninuu, kolba'aa fi mootichille, kolbaa Mootii Waan Maraa akka te'anu gondooroo godhe.
17 All the people went to Baal's temple and tore it down, smashed its altars and idols, and killed Mattan, Baal's priest, before the altars. Achiin duuba kolbaan marti gara galma Ba'aalii dhaxxee, galma Ba'aalii san diiddee, addee ciinca'aatii fi fakkii waaqota dharaa ta achi jirtu caccassitee, hayyicha Ba'aalii Maataanille addee ciinca'aa san duratti ijjeette.
18 Jehoiada put the Levite priests in charge of our Father's house, whom David had assigned there, to offer burnt offerings to our Father, as written in Moses' law, with joy and song as David had ordered. Hayyooti sanyii Lewwi'ii akkuma seera Muuse'ee keessatti barreeffante gammadaa fi faaru'uun kennansa gubamu Mootii Waan Maraatiif akka dhikeessanu, Daawitiin mootichi akkuma ajaje, Yoyaadaalle hujii Galma Waaqaatitti, hayyootaa fi Lewwoota itti gaafatantoota godhe.
19 He stationed gatekeepers at the gates of our Father's house so no one unclean in any way could enter. Nami battiin tokkolle Galma Mootii Waan Maraa akka hin seenne, karra Galma Mootii Waan Maraa akka eeganu eeddota karraa ramade.
20 He took the commanders of hundreds, the nobles, the rulers of the people, and all the people of the land, and brought the king down from the house of our Father, through the Upper Gate into the king's house, and seated him on the royal throne. Ajajjoota dhibbaa, qondaaltota, bulchitoota kolba'aatii fi kolbaa lafa sanii mara woliin mooticha Galma Mootii Waan Maraa keessaa gad baasanee gara mana mootumma'aa fidaneen duuba, karaa karra gara gubba'aatiin seenanee, mooticha barcumaa mootumma'aa irra teessisane.
21 All the people of the land rejoiced, and the city grew calm, for Athaliah was killed with the sword. Ataaliyaan shallaaga'aan waan ijjeefanteef, kolbaan marti gammadde; qachaalle gabbi jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]