Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 21 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Jehoshaphat rested with his ancestors, buried with them in the City of David; his son Jehoram reigned instead. Yoshaafaax du'ee qachaa Daawitii keessatti abbootii ifii ta durii biratti awwaalame; ilmi isaa Yohoraam addee isaatitti mootii te'e.
2 Jehoram's brothers, sons of Jehoshaphat: Azariah, Jehiel, Zechariah, Azariah, Michael, Shephatiah. All these were sons of Jehoshaphat king of Israel. Obboleeyyan Yohoraamii Azaariyaa, Yehii'el, Zakaariyaas, Azariyaahuu, Mikaa'elii fi Shefaaxiya'a; isaan kun marti ilmaan Yoshaafaaxii mootii Israa'elii ti.
3 Their father gave them many gifts—silver, gold, precious things—and fortified cities in Judah, but gave the kingdom to Jehoram, because he was firstborn. Abbaan isaanii tokko tokkoo isaaniitiif kennansa bacaa worqii, meetii, meya gatii guddo'ootii fi qachoota Yihuda'aa keessaa ka dalleya dhaka'aa qabulle isaaniif kenne; Yohoraam angafa waan te'eef ammoo mootummaa isaaf kenne.
4 Once Jehoram rose over his father's kingdom, he grew strong and killed all his brothers with the sword, and also some of Israel's officials. Yohoraam mootummaa abbaa ifii qabatee yennaa jabaate, obboleeyyan ifii mara akkasuma qondaaltota Israa'elii keessaa garii shallaaga'aan ijjeese.
5 Jehoram was thirty-two years old when he became king, and he reigned eight years in Jerusalem. Yohoraam yennaa mootii te'e nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche.
6 He walked in the way of Israel's kings, as Ahab's house had done, for Ahab's daughter was his wife, and he did evil in our Father's eyes. Inni intala Ahaabii waan fuudheef, akkuma sanyiin Ahaabii goote, karaa mootota Israa'elii hordofee, Mootii Waan Maraa duratti waan hantuu huje.
7 Yet our Father would not destroy the house of David, because of the covenant he made with David, and his promise to give him and his sons a lamp forever. Te'uu malee, Mootiin Waan Maraa Daawiti woliin gondooroo gondooratee, isaa fi sanyii isaatiif haga bara baraa ka issu kenniisaaf waadaa waan galeeruuf, Yohoraam balleessuu hin barbaanne.
8 In Jehoram's days Edom rebelled against Judah's rule and set up their own king. Bara mootummaa Yehoraamii Edoom Yihudaa irratti kaatee, mootummaa ifii dhaabatte.
9 Jehoram crossed with his commanders and all his chariots. He rose at night and struck the Edomites surrounding him and the chariot commanders. Achiin duuba Yohoraam ajajjoota ifiitii fi garreettaa fardaan harkifamu ka ifii mara fudhatee duulee, adoo worri Edoomii isaa fi ajajjoota isaa ta garreettaa fardaan harkifamu marsaneeranuu, inni halkaniin ka'ee lolee isaan injifate.
10 Edom rebelled against Judah's rule to this day; Libnah also rebelled then, because he had abandoned our Father, the God of his ancestors. Edoom haga adhaatitti bulchiinsa Yihuda'aa finqilteerti; Yohoraam Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii ifii ta durii waan lakkiseef, Yennuma san Liibnaalle bulchiinsa Yihuda'aa finqilte.
11 He built high places on Judah's hills, led Jerusalem's people to prostitute themselves, and drew Judah astray. Inni koobota Yihuda'aa irratti addee waaqonfanna'aa ta waaqota dharaa ijaaree, kolbaan Yerusaalemii Mootii Waan Maraatiif akka hin addatanne godhee, worra Yihuda'aa dokonkorse.
12 A letter came to him from Elijah the prophet: Your Father, God of your ancestor David, says: Because you haven't walked in the ways of your father Jehoshaphat, or the ways of Asa king of Judah, Eliyaasiin raagichi xalayaa gara Yohoraamii mootichaa ergee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Daawitii abbaa abbootii teeti ta durii, ‹Ati karaa abbaa keeti Yoshaafaaxii yookiin karaa Aasaa mootii Yihuda'aa hordofatiisa lakkittee,
13 but walked like Israel's kings, led Judah and Jerusalem's people to be unfaithful, as Ahab's house led Israel, and killed your brothers—your father's house—men better than you, karaa mootota Israa'elii hordofattee, akkuma maatiin Ahaabii waaqota dharaa waaqonfatte, kolbaan Yihuda'aatii fi kolbaan Yerusaalem keessa leetulle waaqota dharaa akka waaqonfattu goote; obboleeyyan teeti, maatii abbaa keetii, worra si caalanulle ijjeette.
14 now your Father will strike your people, children, wives, and all your goods with a great plague. Kunoo, Mootiin Waan Maraa adabbii jadduu kolbaa teeti, ijoollee teeti, niitota teetii fi waan ati qaddu maratti buusa.
15 You will have a severe intestinal disease, until day by day your intestines come out. Atille dhukkuba hamaa ka madhumaan teeti guyyuma guyya'aan dhibuun hin rakkatta; muummee irratti madhumaan teeti gadhaa keeti keessaa gad hin baati› jedha» jedhe.
16 Our Father stirred up against Jehoram the spirit of the Philistines and Arabs near the Cushites. Mootiin Waan Maraa worra Filisxeemotaatii fi worra Arabaa ka biyya Itoophiya'aa bira le'anu Yehoraam irratti kaase.
17 They attacked Judah, invaded it, and seized all the goods found in the king's palace, plus his sons and wives, leaving him no son except Jehoahaz, his youngest. Isaan biyya Yihuda'aatitti duulanee qabatanee, meya mana mootumma'aa keessa jiru mara, ilmaan isaatii fi niitota isaa mara fudhatanee deemane; ilma isaa maandhicha Ahaaziyaa malee ilmi tokkolle ka isaaf hafe hin jiru.
18 After all this, our Father struck him with an incurable disease in his intestines. Tana maralle'een duuba, Mootiin Waan Maraa dhukkuba madhumaanii ka hin fayyine Yohoraamitti buuse.
19 In time, after two years, his intestines came out because of his disease, and he died in agony. His people made no fire for him, as they had for his ancestors. Yohoraam dhukkuba kanaan rakkataa turee, dhuma woggaa lammeesso'ootitti sababa dhukkuba kanaatiin madhumaan isaa gadhaa isaa keessaa gad baatee guddoo farree du'e; kolbaan isaa ulfinna abbootii isaatiif goola ibiddaa akka dhaabanu, ulfinna isaatiif goola ibiddaa dhaabuu hin barbaanne.
20 He was thirty-two when crowned king; he reigned eight years in Jerusalem. He died unmourned, buried in the City of David, but not among the kings' tombs. Yohoraam yennaa mootii te'u nama woggaa soddomii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa saddeeti bulche; yennaa inni du'e nami tokkolle isaaf hin gaddine; isaan qachaa Daawitii keessatti awwaalane malee, addee awwaala moototaatitti isa hin awwaalle.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]