Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Mark 5 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 They came to the other side of the sea, to the region of the Gerasenes. Isaanis galaanicha ceʼanii biyya Gergeesenoon dhaqan.
2 As Jesus left the boat, a man with an unclean spirit met him at once, from the tombs. Yommuu Iisaan bidiruu irraa buʼetti, yommusuma namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko iddoo qabriitii baʼee isatti dhufe.
3 He lived among the tombs, and no one could bind him anymore, not even with a chain. Namichi kun iddoo qabrii jiraata ture; namni tokko iyyuu foncaan illee lammata isa hidhuu hin dandeenye.
4 For he'd often been bound with shackles and chains, but tore the chains apart and shattered the shackles—no one had strength to subdue him. Inni yeroo baayʼee funyoo sibiilaatii fi foncaadhaan hidhama ture; garuu foncaa sana kukkutee funyoo sibiilaa sanas caccabsa tureetii. Namni gad isa qabuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
5 Night and day, among the tombs and on the mountains, he cried out constantly, cutting himself with stones. Innis yeroo hundumaa, halkanii guyyaa iddoo qabrii keessattii fi gaarran gubbaatti iyyaa, dhagna isaas dhagaadhaan murmuraa ture.
6 And when he saw Jesus from a distance, he ran and fell down before him. Innis yommuu Iisaa fagootti argetti itti fiigee, fuula isaa duratti jilbeenfate.
7 Shouting loudly, he said, "What do you want with me, Jesus, Son of the Most High God? I beg you by God, don't torment me!" Sagalee ol fudhatee iyyees, “Yaa Iisaa Ilma Allaah Waan Hundaa Olii, ati maal narraa barbaadda? Maqaa Allaahatiin sin kadhadhaatii maaloo na hin dhiphisin!” jedheen.
8 For Jesus had been saying to him, "Come out of the man, you unclean spirit!" Iisaanis, “Yaa hafuura xuraaʼaa, namicha kana keessaa baʼi!” jedheenii tureetii.
9 Jesus asked, "What is your name?" "Legion," he said, "we are many." Iisaanis, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nu waan baayʼee taaneef, maqaan koo Leegewoon” jedhee deebise.
10 He kept begging him not to send them out of the region. Akka inni biyya sana keessaa isaan hin ariineefis guddisee Iisaa kadhate.
11 Now a great herd of pigs was feeding there on the hillside. Hoomaan booyyee guddaan isaas gaara bira dheedaa ture.
12 And they begged him, "Send us to the pigs; let us enter them." Hafuuronni hamoon sunis, “Gara hoomaa booyyee sanaatti nu ergi; akka itti galluufis nuu eeyyami” jedhanii Iisaa kadhatan.
13 He gave permission. The unclean spirits came out and entered the pigs; the herd—about 2,000—rushed down the cliff into the sea and drowned in the sea. Innis ni eeyyameef; hafuuronni xuraaʼoon sun baʼanii booyyee sanatti galan. Hoomaan gara booyyee kuma lamaa of keessaa qabu sunis ededa hallayyaa irraa gad furguggifamee galaanatti namʼee liqimfame.
14 The herders fled and told it in town and country; people came to see what happened. Warri booyyeewwan tiksan sunis baqatanii magaalaa fi baadiyyaatti waan kana odeessan; namoonnis waan taʼe sana ilaaluu yaaʼan.
15 They came to Jesus and saw the man who had been possessed by the demons, the one who'd had the legion, sitting there, dressed and thinking clearly—and they were afraid. Isaanis yommuu gara Iisaa dhufanitti namicha Leegewoonii hafuurota hamootiin qabamee ture sana wayyaa uffatee, qalbii isaattis deebiʼee achi taaʼee argan; ni sodaatanis.
16 Eyewitnesses told them what had happened to the demon-possessed man, and about the pigs. Warri waan kana arganii turanis waan namicha hafuurota hamoon qabamee ture sanaaf taʼee fi waaʼee hoomaa booyyees namootatti odeessan.
17 And they began to beg Jesus to leave their region. Kana irratti jarri akka Iisaan biyya isaanii keessaa baʼuuf isa kadhachuu jalqaban.
18 As he was getting into the boat, the once-possessed man begged to be with him. Utuu Iisaan bidiruu yaabbachaa jiruu namichi hafuura hamaan qabamee ture sun isa wajjin deemuuf isa kadhate.
19 But Jesus refused, telling him instead, "Go home to your own people and tell them how much our Father has done for you, and how he has had mercy on you." Iisaan garuu, “Gara mana keetii, warra keetti galiitii waan guddaa Gooftaan siif godhee fi akkamitti akka inni si maares isaanitti odeessi!” jedheen malee hin eeyyamneef.
20 He went and began proclaiming in the Decapolis all Jesus had done for him, and everyone was amazed. Kanaafuu namichi sun dhaqee waan Iisaan isaaf godhe Magaalaa Kurnan keessatti odeessuu jalqabe. Namoonni hundinuus ni dinqifatan.
21 When Jesus crossed again by boat to the other side, a large crowd gathered around him by the sea. Yommuu Iisaan bidiruudhaan ammas gara gama galaanaatti ceʼetti namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; innis qarqara galaanaa ture.
22 One of the synagogue leaders, named Jairus, came, saw Jesus, and fell at his feet, Hooggantoota mana sagadaa keessaas namichi Yaaʼiiros jedhamu tokko dhufe; innis yommuu Iisaa argetti, miilla isaa irratti kufee,
23 and begged him urgently, "My little daughter is dying. Come, lay your hands on her, so she may be healed and live." “Intalli koo xinnoon duʼuu geesseerti. Akka isheen fayyitee jiraattuuf, maaloo kottuutii harka kee ishee irra kaʼi” jedhee jabeessee isa kadhate.
24 So Jesus went with him. And a great crowd followed him and pressed around him. Kanaafuu Iisaan isa wajjin dhaqe. Namoonni baayʼeenis isa duukaa buʼan; gara isaattis wal dhiibaa turan.
25 And there was a woman with a discharge of blood that had gone on for twelve years. Dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokkos achi turte.
26 She had suffered much under many doctors, spent all she owned, gained nothing, and only grew worse. Isheenis ogeeyyii fayyaa baayʼee biratti akka malee dhiphatte; waan qabdu hundumas of harkaa fixxe; garuu ittuma hammaachaa deeme malee itti hin wayyoofne.
27 Hearing about Jesus, she came up behind him in the crowd and touched his cloak. Isheenis yommuu waaʼee Iisaa dhageessetti dugda isaa duubaan namoota gidduudhaan dhuftee uffata isaa tuqxe.
28 For she kept saying, "If I just touch his garments, I will be made well." Isheen, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
29 Her flow of blood dried up instantly, and she felt in her body that she was healed of her suffering. Dhiigni ishees yommusuma cite; isheenis akka dhiphina ishee irraa fayyite dhagna ishee keessatti hubatte.
30 At once Jesus, aware that power had left him, turned around in the crowd and asked, "Who touched my clothes?" Iisaanis yommusuma akka humni isa keessaa baʼe hubate. Innis namoota keessa garagalee, “Eenyutu uffata koo tuqe?” jedhee gaafate.
31 His disciples said to him, "You see the crowd crushing you, yet you ask, 'Who touched me?'" Barattoonni isaas deebisanii, “Akka namoonni si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” jedhan.
32 And he looked around to see who had done it. Iisaan garuu namni waan kana godhe eenyuu akka taʼe arguuf jedhee garagalee ilaale.
33 But the woman, afraid and trembling, knowing what had happened to her, came, fell before him, and told him the whole truth. Dubartittiinis waan isheef godhame hubattee sodaadhaan hollachaa dhuftee miilla isaa irratti kufte; dhugaa hundumas isatti himte.
34 He told her, "Daughter, your faith made you well. Go in peace, healed of your suffering." Innis, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseera. Nagaan deemi; dhiphina kee irraas fayyi” jedheen.
35 While he was still speaking, people came from the synagogue leader's house, saying, "Your daughter has died. Why bother the Teacher any longer?" Utuu Iisaan dubbachaa jiruus namoonni tokko tokko mana Yaaʼiiroos bulchaa mana sagadaatii dhufanii, “Intalli kee duuteerti; ati siʼachi maaliif barsiisicha rakkifta?” jedhan.
36 But Jesus overheard what they said and told the synagogue leader, "Don't fear, only believe." Iisaan garuu waan isaan jedhan jalaa qabuu didee bulchaa mana sagadaa sanaan, “Amani malee hin sodaatin!” jedhe.
37 And he allowed no one to follow him except Peter, James, and John the brother of James. Innis Phexros, Yaaʼikuubii fi Yohannis obboleessa Yaaʼikuub malee akka namni tokko iyyuu isa faana deemu hin eeyyamne.
38 They came to the synagogue leader's house and Jesus saw chaos—people weeping, wailing loudly. Yommuu mana hoogganaa mana sagadaa sanaa bira gaʼanittis Iisaan uummata wacu, namoota booʼanii fi wawwaatan arge.
39 Entering, he said to them, "Why this commotion and crying? The child isn't dead, just asleep." Innis ol seenee, “Wacnii fi booʼichi kun hundi maali? Intalattiin ni rafti malee hin duune” jedheen.
40 They laughed at him. But he sent them all out, took the child's father and mother and his companions, and entered where the child was. Isaan garuu isatti kolfan. Innis erga hunda isaanii gad baasee booddee, abbaa fi haadha intalattii, barattoota isa wajjin turanis fudhatee iddoo intalattiin jirtu seene.
41 He took her hand and said to her, "Talitha koum," which means, "Little girl, I say to you, get up!" Innis harka ishee qabee, “Xaaliitaa quumii!” jedheen; kunis, “Yaa mucattii xinnoo, ani siin nan jedha, kaʼi!” jechuu dha.
42 At once the girl got up and walked—for she was twelve—and they were instantly overwhelmed with great amazement. Mucattiinis yommusuma kaatee dhaabatte; asii fi achis deemuu jalqabde. Umuriin ishee waggaa kudha lama ture. Isaanis yommusuma akka malee dinqifatan.
43 He strictly ordered them to tell no one of this, and said to give her something to eat. Innis akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekneef ajaja cimaa kenne; akka isaan waan isheen nyaattu isheef kennan isaanitti hime.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]