Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Joshua 12 OOCS

Side by side with the Father's Heart Bible™

Maqaa Mootota Moʼatamanii

1Warri Kunneen mootota Israaʼeloonni moʼatanii biyyoota isaanii jechuunis gama baʼa Arabbaa hunda dabalatee, baʼa Yordaanos, Sulula Arnooniitii hamma Tulluu Hermoonitti irraa fudhatanii dha:

2Sihoon mootiin Amoorotaa, Heshboon keessa taaʼee Aroʼeer ishee qarqara sulula Arnoonitti argamtu sanaa jalqabee hamma Laga Yaaboq kana daarii Amoonotaatti bulchaa ture; kunis walakkaa Giliʼaad dabalata.

3Akkasumas baʼa Arabbaa Galaana Kinereetiitii jalqabee hamma Galaana Arabbaa yookaan Galaana Soogiddaatti, hamma Beet Yashiimootitti, achii immoo karaa Kibbaatiin hamma tabba Phisgaatti bulchaa ture.

4Oogi mootichi Baashaan kan sanyii Refaayim keessaa isa dhumaa taʼe sun Ashtaarotii fi Edreyii bulchaa ture.

5Innis Tulluu Hermoon, Salkaa, guutummaa Baashaan hamma Geshuurotaattii fi Maʼakaataatti, walakkaa Giliʼaad immoo hamma daangaa Sihoon mooticha Heshboonitti bulchaa ture.

6Muusaan garbichi Rabbii Allaahatii fi Israaʼeloonni isaan moʼatan. Muusaan garbichi Rabbii Allaah biyya isaanii Ruubeenotaaf, gosa Gaadiitii fi walakkaa gosa Minaaseetiif dhaala godhee kenne.

7Mootonni biyya Yushuʼaa fi Israaʼeloonni Yordaanosiin gama lixa biiftuutti moʼatanii kanneenii dha: biyyi isaaniis Baʼaal Gaad Sulula Libaanoon keessa jirtu sanaa jalqabee hamma Tulluu Halaaq kan gara Seeʼiir lafa Yushuʼaan akkuma gosa gosa isaaniitti dhaala godhee Israaʼelootaaf kenne sanaatti ol kaʼuu dha. 8Biyyoonni kunneenis biyya gaaraa, biyya karaa lixaa, Arabbaa, tabba tulluu, lafa alootii fi Negeebi jechuunis biyyoota Heetotaa, Amoorotaa, Kanaʼaanotaa, Feerzotaa, Hiiwotaatii fi Yebuusotaa ti. Mootonnis kanneenii dha:

9Mootii Yerikoo, tokko mootii Aayi kan Beetʼeel biraa, tokko

10mootii Yerusaalem, tokko mootii Kebroon, tokko

11mootii Yarmuut, tokko mootii Laakkiish, tokko

12mootii Egloon, tokko mootii Geezir, tokko

13mooticha Debiir, tokko mootii Gaadeer, tokko

14mootii Hormaa, tokko mootii Aaraad, tokko

15mootii Libnaa, tokko mootii Adulaam, tokko

16mootii Maqeedaa, tokko mootii Beetʼeel, tokko

17mootii Tafuuʼaa, tokko mootii Heefer, tokko

18mootii Afeeq, tokko mooticha Lashaaroon, tokko

19mootii Maadoon, tokko mootii Haazoor, tokko

20mootii Shimroon Meroon, tokko mootii Akshaaf, tokko

21mootii Taʼanaak, tokko mootii Megidoo, tokko

22mootii Qaadesh, tokko mootii Yoqeniʼaam kan Qarmeloos jiraatu, tokko

23mootii Door kan tabba Door irra jiraatu, tokko mootii Gooyim kan Gilgaal keessaa jiraatu, tokko

24mootii Tiirzaa, tokko. Isaanis walumatti mootota soddomii tokko turan.

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]