Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Daniel 8 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 In King Belshazzar's third year, a vision appeared to me, Daniel, after the earlier one. Bara Beelshaazaar mootichaa keessa waggaa sadaffaatti, ani Daaniʼel, mulʼata duraan natti mulʼate sana booddee mulʼata tokko nan arge.
2 In the vision I was in the citadel of Susa, in Elam province; and in the vision I was beside the Ulai Canal. Anis mulʼata koo keessatti gamoo Suusaa kan kutaa biyyaa Eelaam keessattan of arge. Ani mulʼata sana keessatti Laga Uulayi biran ture.
3 I looked up: a ram stood before the canal, two tall horns—one taller than the other, the taller coming up last. Anis ija ol fudhadhee korbeessa hoolaa gaanfa lama qabu utuu laga cina dhaabatu nan arge; gaanfi isaas dheeraa ture. Gaanfa isaa keessaa inni tokko isa kaan irra dheerata; ergasii garuu ni guddate.
4 I watched the ram charging west, north, and south. No animal could stand against him, none could rescue from his power. He did as he pleased and grew great. Ani utuu korbeessi hoolaa sun gara lixa biiftuutti, gara kaabaa fi gara kibbaatti jifatuu nan arge; horiin fuula isaa dura dhaabachuu dandaʼe tokko iyyuu hin turre; kan humna isaa jalaa baasuu dandaʼu tokko iyyuu hin turre. Inni waanuma barbaade hojjetee guddaa taʼe.
5 As I was considering this, suddenly a male goat came from the west across the whole earth without touching the ground; it had a prominent horn between its eyes. Utuma ani waan kana yaadaa jiruu korbeessi reʼee kan ija isaa lamaan gidduudhaa gaanfa qabu tokko utuu lafa hin tuqin guutummaa lafaa qaxxaamuraa akkuma tasaa lixa biiftuutii dhufe.
6 He came to the two-horned ram I saw standing by the canal and ran at it in raging power. Innis gara korbeessa hoolaa kan gaanfa lama qabu kan ani utuu inni laga cina dhaabatuu arge sanaa dhufee aarii guddaadhaan isa jifate.
7 I saw him reach the ram, enraged, striking and shattering its two horns. The ram had no strength to stand against him; the goat threw it down and trampled it, and no one could rescue the ram from his power. Ani utuu inni akka malee aaree isa dhaʼee gaanfa isaa lamaanis isa irraa caccabsuu nan arge. Hoolaan sun of irraa isa dhowwuuf humna hin qabu ture; reʼeen sun lafaan isa dhaʼee of jalatti dhidhiite; hoolaa sanas humna isaa jalaa baasuu kan dandaʼu tokko iyyuu hin turre.
8 The goat grew very great, but at its full strength the great horn broke, and four prominent horns grew up in its place toward the four winds of heaven. Reʼeen sunis akka malee guddate; garuu yeroo humni isaa jabaatetti gaanfi isaa guddichi isa irraa cabe; qooda isaas gaanfawwan afur guddatanii gara bubbeewwan shamaayʼun afraniitti baʼan.
9 From one of them a little horn came out, growing very great toward the south, east, and the glorious land. Afran isaanii keessaa isa tokko keessaa gaanfi biraa baʼe; innis xinnaa fakkaatee ergasii garuu humnaan jabaatee gara kibbaa, gara lixa biiftuutii fi Biyya Bareedduu sanaatti guddate.
10 It grew great, up to the host of heaven, casting down to earth some of the host and of the stars, and trampled them. Gaafni sunis hamma raayyaa shamaayʼuniiwwanii qaqqabee raayyaa urjiiwwanii keessaa tokko tokko lafatti gad darbatee of jalatti dhidhiitutti guddate.
11 It made itself great against the Prince of the host; the Prince's regular offering was removed and his sanctuary's place thrown down. Akka waan ajajaa loltoota Allaahatiin wal qixxaateettis mataa ol qabate; aarsaa guyyaa guyyaa illee isa irraa fudhate; iddoon isaa qulqulluunis gad darbatame.
12 Because of wrongdoing, the army was handed over to it with the daily offering; it threw truth to the ground and acted and thrived. Sababii cubbuutiif raayyaan qulqullootaatii fi aarsaan guyyaa guyyaan dhiʼeeffamu dabarfamanii isaaf kennaman. Inni waan hojjetu hunda keessatti ni milkaaʼe; dhugaanis lafatti gatame.
13 Then I heard a holy one speaking, and another holy one asked the speaker, "How long is the vision—the regular offering, the wrongdoing that brings desolation, sanctuary and host handed over to trampling?" Anis utuu qulqullichi dubbatuu nan dhagaʼe; qulqulluun kaan, “Mulʼanni waaʼee aarsaa guyyaa guyyaa, kan cubbuu badiisa fiduu, kan iddoo qulqulluutii fi raayyaawwan akka miilla jalatti dhidhiitamaniif dabarfamanii kennaman sanaa yoomi raawwata?” jedheen.
14 He told me, "For 2,300 evenings and mornings; then the sanctuary will be restored to its rightful state." Innis, “Wanni sun galgalaa fi ganama 2,300 fudhata; ergasii iddoon qulqulluun deebiʼee ni qulqulleeffama” naan jedhe.
15 As I, Daniel, watched the vision seeking to understand, one like a man stood before me. Utuma ani Daaniʼel mulʼata sana argee hiikkaa isaa hubachuuf yaalaa jiruu inni nama fakkaatu tokko fuula koo dura dhaabate.
16 I heard a human voice from the Ulai calling, "Gabriel, make this man understand the vision." Anis sagalee nama tokkoo kan “Yaa Jibriil, hiikkaa mulʼata sanaa nama kanatti himi” jedhu tokko Uulayi nan dhagaʼe.
17 He came near where I stood, and as he drew close I was terrified and fell facedown. He said to me, "Understand, son of man: the vision is for the time of the end." Akkuma inni iddoo ani dhaabachaa ture dhufeen ani rifadheen addaan lafatti gombifame. Innis, “Yaa ilma namaa, akka mulʼanni sun waaʼee bara dhumaa argisiisu hubadhu” naan jedhe.
18 As he spoke, I fell into a deep sleep, face to the ground; but he touched me and set me on my feet. Yeroo inni natti dubbachaa turettis, ani addaan lafatti gombifamee hirriba cimaa keessan ture. Inni garuu na tuqee ol na qabee miilla kootiin na dhaabe.
19 He said, "Listen, I will tell you what will happen in the later time of the wrath, for it concerns the appointed time of the end. Innis akkana jedhe; “Ani waan booddee yeroo dheekkamsaatti dhufuuf jiru sitti nan hima; mulʼanni sun waan bara dhumaa kan murtaaʼe sana keessatti taʼu argisiisaatii.
20 The ram you saw with the two horns is the kings of Media and Persia. Korbeessi hoolaa kan gaafa lamaa ati argite sun, mootota Meedee fi Faares argisiisa.
21 The shaggy goat is Greece's king; the great horn between his eyes is the first king. Reʼeen rifeensa qabu sun mootii Giriik; gaanfi guddaan ija isaa lamaan gidduu immoo mootii jalqabaa ti.
22 The broken horn, four rising in its place: four kingdoms rise from his nation, but without his power. Gaanfawwan afran gaanfa cabe tokko iddoo buʼan mootummoota saba isaa keessaa baʼan afran argisiisan; isaan garuu humna akka isaa hin qaban.
23 At the end of their reign, when sinners reach full measure, a fierce-faced king skilled in intrigue will arise. “Dhuma bulchiinsa isaaniitti, yeroo finciltoonni akka malee hammaachaa deemanitti mootiin adda jabeessi hibboo hubatu tokko ni kaʼa.
24 His power will be great—but not his own—and he will cause terrible destruction, prosper, and act. He will destroy the mighty and the people of the holy ones. Innis akka malee jabaa taʼa; garuu humna isaatiin miti. Inni badiisa suukaneessaa fida; waan hojjetu hundaan ni milkaaʼa. Namoota jajjaboo fi qulqulloota ni balleessa.
25 By cunning he makes deceit thrive under his hand, and in his heart he lifts himself up. Without warning he destroys many, and rises against the Prince of princes—yet he will be broken, by no human hand. Inni badhaadhuuf jedhee gowwoomsaa hojjeta; akka nama guddaattis of ilaala. Inni yommuu isaan waan nagaa qaban seʼanitti baayʼee isaanii balleessee Mootii moototaattis ni kaʼa. Taʼu illee inni ni bada; garuu humna namaatiin miti.
26 The vision of the evenings and mornings told to you is true, but seal it up, for it concerns days far off." “Mulʼanni galgalaa fi ganama sitti mulʼifame sunis dhugaa dha; garuu sababii inni waan bara dheeraa booddee taʼuuf jiru argisiisuuf isa cufi.”
27 I, Daniel, was overcome and sick for days. Then I got up and did the king's business, but the vision left me appalled, beyond understanding. Ani Daaniʼelis akka malee dadhabee guyyoota baayʼee dhukkubsadheen ciise. Ergasiis kaʼee gara hojii mootichaa nan dhaqe. Anis mulʼatan argee sanaan rifadheen ture; dubbiin isaas naaf hin galle.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]