Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Daniel 7 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 In Belshazzar king of Babylon's first year, Daniel dreamed and saw visions in his head on his bed. He wrote the dream, summarizing the matters. Bara Beelshaazaar mootii Baabilon keessa waggaa tokkoffaatti Daaniʼel utuu siree isaa irra ciisee jiruu abjuu fi mulʼata arge. Abjuu sanas barreessee waan arges ibse.
2 Daniel said: In my night vision I saw the four winds of heaven churning the great sea. Daaniʼel akkana jedhe; “Ani halkan sana mulʼata koo keessatti nan ilaale; kunoo qilleensonni shamaayʼun afran fuula koo duratti galaana guddaa raasaa turan.
3 And four great beasts came up out of the sea, each different from the others. Bineensonni gurguddaan tokkoon tokkoon isaanii wal hin fakkaanne afur galaana sana keessaa ol baʼan.
4 The first was like a lion, with eagle's wings. I watched until its wings were torn off; it was lifted off the ground, set on two feet like a human, and given a human heart. “Inni jalqabaa leenca fakkaata ture; qoochoowwan risaa qaba ture. Anis hamma qoochoowwan isaa irraa bubuqqaʼanitti nan ilaale; innis lafaa ol qabamee akkuma namaa miilla lamaan dhaabate; qalbiin namaas ni kennameef.
5 A second beast appeared, like a bear, raised up on one side, three ribs in its mouth between its teeth. It was told, 'Get up, eat much flesh.' “Kunoo bineensi lammaffaan amaaketa fakkaatu fuula koo dura ture. Innis cinaacha isaa tokkoon ol jedhee ture; afaan isaa keessatti ilkaan isaa gidduutti lafee cinaachaa sadii qabatee ture. Bineensa sanaanis, ‘Kaʼiitii hamma quuftutti foon nyaadhu!’ jedhan.
6 After this I watched: another beast, like a leopard, with four bird wings on its back, four heads, and given authority to rule. “Ergasii ani nan ilaale; fuula koo duras bineensa biraa kan qeerransa fakkaatuttu ture. Dugda isaa irras qoochoo akka qoochoo simbirroo afurtu ture. Bineensi kun mataa afur qaba ture; akka bulchuufis aangoon isaa kenname.
7 After this, in my night vision, a fourth beast appeared—dreadful, terrifying, incredibly strong, with huge iron teeth. It devoured, crushed, and trampled the rest underfoot, different from every beast before it, with ten horns. “Ergasiis ani halkan keessa mulʼata nan arge; kunoo fuula koo dura bineensa afuraffaa akka malee jabaa, sodaachisaa nama rifachiisu tokkotu ture. Innis ilkaan sibiilaa dheeraa qaba ture; innis waan qabate caccabsee nyaatee kan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiita ture. Bineensi kun bineensota duraan turaniin adda taʼee gaanfa kudhan qaba ture.
8 While I watched the horns, another—a little horn—rose among them, and three of the first horns were uprooted before it. It had eyes like human eyes and a mouth speaking boastfully. “Utuu ani waaʼee gaanfawwan sanaa yaadaa jiruu gaanfi xinnaan isaan gidduudhaa baʼe biraa tokko fuula koo duratti mulʼate; gaanfawwan jalqabaa keessaa sadan isaanii fuula isaa duratti bubuqqaʼan. Gaanfi kunis ija ija namaa fakkaatuu fi afaan of tuulummaadhaan dubbatu qaba ture.
9 As I watched, thrones were set in place, and the Ancient of Days, our Father, took his seat. His clothing was white as snow; the hair of his head was like pure wool. His throne was flaming with fire, and its wheels were all ablaze. “Utuma ani ilaaluu, “Teessoowwan iddoo iddoo isaanii kaaʼaman; Inni Bara Durii teessoo isaa irra taaʼe. Uffanni Isaa adii akka cabbii ture; rifeensi mataa isaa qulqulluu akka suufii ture. Teessoon Isaa akka arraba ibiddaa, geengoowwan isaa hundinuus akka ibidda bobaʼaa jiruu turan.
10 A river of fire flowed out, streaming from before him. Thousands of thousands served him, and 10,000 upon 10,000 stood before him. The court sat, and the books were opened. Lagni ibiddaa tokko fuula isaa duraa ni yaaʼa ture. Kumni kumaatamni irratti isa tajaajilu turan; kumni kudhan kan yeroo kuma kudhan baayʼatan fuula isaa dura dhaabatanii turan. Dhaddachi taaʼamee ture; kitaabonnis banamanii turan.
11 I watched because of the boastful words the horn spoke; I watched until the beast was killed, its body destroyed and given to the burning fire. “Ani sababii dubbii of tuulummaa gaanfi sun dubbachaa jiruutiif ilaaluu koo ittan fufe. Anis amma illee ittuma fufee hamma bineensi sun qalamee dhagni isaa barbadaaʼee ibidda bobaʼutti darbatamutti nan ilaale.
12 The rest of the beasts lost authority but had their lives prolonged for a set time and season. Bineensota kaan irraa immoo aangoon isaanii ni fudhatame; garuu akka isaan yeroof jiraatan ni eeyyamameef.
13 In my night vision I looked, and there before me, coming with the clouds of heaven, was one like a son of man. He approached the Ancient of Days, our Father, and was led into his presence. “Anis mulʼata halkaniitiin nan ilaale; kunoo fuula koo dura ilma namaa kan fakkaatu tokkotu duumessa shamaayʼuniitiin dhufaa ture. Innis gara Isa Bara Duriitti dhufe; fuula isaa durattis isa dhiʼeessan.
14 And he was given authority, glory, and a kingdom, so that all peoples, nations, and languages would serve him. His dominion is an everlasting dominion that will not pass away, and his kingdom is one that will never be destroyed. Isaafis taayitaan, ulfinnii fi mootummaan ni kenname; uummanni hundi, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatanis isa waaqeffatan. Bulchiinsi isaa bulchiinsa bara baraa kan hin dabarree dha; mootummaan isaas kan gonkumaa hin badnee dha.
15 I, Daniel, was troubled in spirit, and the visions that passed through my mind alarmed me. “Ani Daaniʼel hafuura kootiin nan jeeqame; mulʼanni ani arges akka malee na sodaachise.
16 I approached one of those standing there and asked him the truth about all this. He told me, revealing its interpretation. Anis warra achi dhadhaabachaa turan keessaa isa tokkotti dhiʼaadhee hiikkaa dhugaa kan waan kana hundaa nan gaafadhe. “Kanaafuu inni natti himee akkana jedhee hiikkaa waan kanaa anaaf ibse:
17 'These four great beasts are four kings who will rise from the earth. ‘Bineensonni gurguddaan afran mootota afran kaʼanii lafa irratti moʼanii dha.
18 But the holy ones of the Most High, our Father, will receive and possess the kingdom forever, forever and ever. Garuu qulqulloonni Allaah Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
19 Then I wanted the truth about the fourth beast, different from all others—most terrifying, iron teeth, bronze claws—devouring, crushing, and trampling what remained underfoot. “Ergasiis ani hiikkaa dhugaa kan bineensa afuraffaa isa bineensota kaan irraa adda taʼee ilkaan sibiilaatii fi qeensa naasii qabu kan akka malee sodaachisaa taʼe kan waan qabate nyaatuu fi waan hafe immoo miilla isaa jalatti dhidhiitu sanaa beekuu nan barbaade.
20 I also wanted to know about the ten horns on its head, and the other horn that came up before which three fell—the horn with eyes and a boastful mouth, appearing bigger than the rest. Akkasumas waaʼee gaanfawwan kurnan mataa isaa irra jiraniitii fi gaanfa baʼe inni biraa kan isaan kaan fuula isaa duratti kufanii, isa hunda isaanii caalu kan ijaa fi afaan ittiin of jajaa dubbatu qabu sanaa beekuu nan barbaade.
21 As I watched, this horn was waging war against the holy ones and was defeating them, Gaanfi kunis utuma ani arguu qulqulloota irratti waraana labsee isaan moʼachaa ture;
22 until the Ancient of Days, our Father, came, judgment was given for the holy ones of the Most High, our Father, and the holy ones' time came to possess the kingdom.' kunis hamma Inni Bara Durii dhufee qulqulloota Allaah Waan Hundaa Oliitiif murutti ture; yeroon itti qulqulloonni mootummaa dhaalanis ni dhufe.
23 He said: 'The fourth beast is a fourth kingdom on earth, unlike all other kingdoms. It will devour, trample, and crush the whole earth. “Innis akkana naan jedhe: ‘Bineensi afuraffaan sun mootummaa afuraffaa lafa irratti mulʼatuu dha. Inni mootummoota kaan hunda irraa adda; guutummaa lafaa barbadeessee gad dhidhiitee daaraa godha.
24 The ten horns: ten kings will arise from this kingdom. After them another arises, different from the first, and subdues three kings. Gaanfawwan kurnan mootota kurnan mootummaa kana keessaa dhufanii dha. Isaan booddees mootiin biraa kan warra duraa irraa adda taʼe tokko ni kaʼa; innis mootota sadii of jala galfata.
25 He will speak words against the Most High, our Father, oppress the holy ones of the Most High, our Father, and try to change the set times and the law. The holy ones will be handed to him for a time, times, and half a time. Inni Allaah Waan Hundaa Olii mormuudhaan qulqulloota isaa cunqursee yeroo murteeffameef seera illee geeddaruuf yaala. Qulqulloonnis bara tokkoof, bara lamaa fi walakkaa baraatiif dabarfamanii harka isaatti ni kennamu.
26 But the court will sit in judgment, and his dominion will be taken away, consumed and destroyed forever. “ ‘Garuu dhaddachi ni taaʼama; aangoon isaas irraa fudhatamee inni bara baraan guutumaan guutuutti ni barbadeeffama.
27 Kingdom, dominion, and greatness of all kingdoms under heaven will be given to the people, the holy ones of the Most High, our Father. His kingdom is a kingdom without end; all rulers will serve and obey him.' Ergasiis gooftummaan, humnii fi guddinni mootummootaa guutummaa shamaayʼun gaditti qulqulloota, Allaah Waan Hundaa Oliitiif ni kennamu. Mootummaan isaas mootummaa bara baraan itti fufuu dha; bulchitoonni hundinuu isa waaqeffatu; ni ajajamuufis.’
28 This ends the matter. I, Daniel—my thoughts terrified me, my face turned pale, but I kept it to myself. “Dhumni waan sanaa kana. Ani Daaniʼel yaada kootiin akka malee nan dhiphadhe; fuulli koo ni geeddarame; ani garuu waan sana garaa kootti qabadheen ture.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]