Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Acts 3 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Peter and John were going up to the temple at around three in the afternoon, the hour of prayer. Gaaf tokko Phexrosii fi Yohannis yeroo duʼaa godhatanitti jechuunis waaree booddee saʼaatii sagalitti mana qulqullummaatti ol baʼaa turan.
2 A man lame from birth was carried and placed daily at the temple gate called Beautiful, to beg from those entering the temple. Namoonnis akka inni warra mana qulqullummaa seenan waa kadhatuuf jedhanii namicha dhalootuma isaatii jalqabee naafa ture tokko guyyuma guyyaan baatanii gara karra mana qulqullummaa kan “Miidhagaa” jedhamuutti geessu turan.
3 Seeing Peter and John about to go into the temple, he asked them for money. Innis utuu Phexrosii fi Yohannis mana qulqullummaa seenanuu argee horii isaan kadhate.
4 And Peter, gazing at him with John, said, "Look at us." Phexrosis Yohannis wajjin namicha hubatee ilaalee, “Mee nu ilaali!” jedheen.
5 And he fixed his attention on them, expecting to receive something from them. Namichis waa isaan irraa argachuu abdatee hubatee isaan ilaale.
6 Peter said, "I own no silver or gold, but I give you what I have: in the name of Jesus Christ of Nazareth, rise and walk." Phexrosis, “Ani meetii yookaan warqee hin qabu; ani garuu waan qabu siifin kenna. Maqaa Iisaa Al-Masiihii isa Naazreetiin ol kaʼii deemi!” jedhe.
7 Taking his right hand, he raised him up; instantly his feet and ankles grew strong. Phexrosis harka isaa mirgaa qabee ol isa kaase; yeruma sana miillaa fi gulubiin isaa ni jabaate.
8 Jumping up, he stood, began walking, and entered the temple with them, walking, jumping, and praising our Father. Innis utaalee kaʼee miillaan deemuu jalqabe; deemaa, utaalaa, Allaahas galateeffachaa isaan wajjin mana qulqullummaa seene.
9 And all the people saw him walking and praising our Father. Namoonni hundinuu yommuu deemuu isaatii fi Allaah galateeffachuu isaa arganitti,
10 They recognized him as the beggar who sat at the temple's Beautiful Gate, and were filled with wonder and amazement at what had happened to him. akka inni namicha karra mana qulqullummaa kan, “Miidhagaa” jedhamu sana bira taaʼee kadhachaa ture sana taʼe hubatan; isaanis waan isaaf taʼe sanaaf akka malee raajeffatan; ni dinqifatanis.
11 As he held on to Peter and John, all the people ran to them at the portico called Solomon's, utterly astonished. Namoonni hundinuu yeroo namichi fayye sun Phexrosii fi Yohannis biraa deebiʼuu didetti dinqisiifatanii utuu isaan iddoo gardaafoo Suleyimaan jedhamu keessa jiranuu fiigaa isaanitti dhufan.
12 Seeing this, Peter said to the people, "Israelites, why does this amaze you? Why stare at us, as if by our own power or godliness we made him walk? Phexrosis yommuu waan kana argetti akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel wanni kun maaliif isin dinqa? Akka waan nu humna yookaan qulqullummaa mataa keenyaatiin akka namichi kun deemu gooneetti maaliif ija nutti babaaftu?
13 The God of Abraham, Isaac, and Jacob, the God of our fathers, glorified his servant Jesus, whom you handed over and denied before Pilate, when Pilate decided to release him. Allaahan abbootii keenyaa, Allaahan Ibraahim, Allaahan Yisihaaqii fi Allaahan Yaaʼikuub tajaajilaa isaa Iisaa kabajeera. Isin garuu akka inni ajjeefamuuf dabarsitanii isa kennitan; Phiilaaxoos gad isa dhiisuu murteessu iyyuu isin fuuluma Phiilaaxoos duratti isa haaltan.
14 But you denied the Holy and Righteous One, asking that a murderer be given to you. Isinis isa qulqulluu fi qajeelaa sana gantanii akka namichi nama ajjeese sun gad isinii dhiifamu kadhattan.
15 You killed the Author of life; our Father raised him from the dead. To this we are witnesses. Isin burqaa jireenyaa ajjeeftan; Allaahan garuu warra duʼan keessaa isa kaase; nus dhuga baatota waan kanaa ti.
16 His name, through faith in his name, has made this man strong—the very man you see and know. And faith in Jesus has given him this complete health right before your eyes. Namichi isin argitanii fi isa beektan kun maqaa Iisaatti amanuudhaan jabaate. Maqaa Iisaa fi amantii karaa isaatiin dhufutu akkuma isin hundi argitan kana namicha kanaaf fayyaa guutuu kenne.
17 "And now, brothers, I know that you acted in ignorance, as did also your rulers. “Ammas yaa obboloota, akka isinis utuu hin beekin akkuma bulchitoonni keessan gochaa turan sana gootan ani nan beeka.
18 But our Father fulfilled what he predicted through all the prophets: his Christ would suffer. Allaahan garuu waan akka Al-Masiihiin isaa dhiphachuuf jiru duraan dursee karaa nabiiʼiyyoota hundaatiin dubbate sana akkanaan raawwate.
19 Repent, then, and turn back, so your sins are wiped out, Egaa akka cubbuun keessan haqamuuf, akka barri haaromfamaa Gooftaa biraa dhufuuf qalbii jijjiirradhaa gara Allaahatti deebiʼaa;
20 that times of refreshing may come from our Father's presence, and that he may send the Christ appointed for you, Jesus, kunis akka inni Al-Masiihii isiniif filatame sana jechuunis Iisaa erguuf.
21 whom heaven must receive until all things are restored, about which our Father spoke through his holy prophets long ago. Innis hamma yeroon Allaahan itti waan hunda iddootti deebisu sun gaʼutti shamaayʼun irra turuu qaba; Allaahanis bara dheeraadhaan dura karaa nabiiʼiyyoota isaa qulqullootaatiin waan kana dubbatee ture.
22 Moses said, 'Your Father will raise up a prophet like me for you, from your brothers. Listen to him in everything he tells you.' Muusaan akkana jedheeraatii; ‘Allaahan keessan Gooftaan sabuma keessan keessaa nabiiʼiyyii akka kootii tokko isinii kaasa; isinis waan inni isinitti himu hunda dhagaʼaa.
23 Anyone who does not listen to that prophet will be utterly destroyed from among the people.' Namni nabiiʼiyyii sana hin dhageenye kam iyyuu saba isaa keessaa baafamee ni balleeffama.’
24 All the prophets who spoke, from Samuel onward, also announced these days. “Saamuʼeel irraa jalqabee nabiiʼiyyoonni isa duubaan dhufanii waa dubbatan hundi duraan dursanii waaʼee yeroo sanaa labsaniiru.
25 You are the sons of the prophets and of the covenant our Father made with your fathers, telling Abraham, 'By your offspring all the families of the earth will be blessed.' Isin immoo ilmaan nabiiʼiyyootaatii fi ilmaan kakuu Allaahan abbootii keessan wajjin seene sanaa ti. Innis Ibraahimiin, ‘Sabni lafa irraa hundi karaa sanyii keetiitiin ni eebbifama’ jedhe.
26 Our Father raised up his servant and sent him to you first, to bless you by turning each of you from your evil." Allaahan yeroo Ilma isaa duʼaa kaasetti, tokkoo tokkoo keessan hammina irraa isin deebisuudhaan isin eebbisuuf jedhee jalqabatti gara keessanitti isa erge.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]