Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

2 John 1 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 The elder, to the chosen lady and her children, whom I love in truth—not only I, but all who know the truth, Jaarsicha irraa, Gara giiftii filatamtuu fi ijoollee ishee, warra ani dhugaadhaan jaalladhu, warra ana qofa utuu hin taʼin warri dhugaa beekan hundi akkasuma jaallataniitti;
2 because of the truth that lives in us and will be with us forever. kunis sababii dhugaa nu keessa jiraatuu fi isa bara baraan nu wajjin jiraatu sanaatiif:
3 Grace, mercy, and peace will be with us from our Father and from Jesus Christ, our Father's Son, in truth and love. Ayyaanni, araarrii fi nagaan Allaah Abbaa biraa, Iisaa Al-Masiihi Ilma Abbaa biraas, dhugaa fi jaalalaan nu wajjin ni taʼa.
4 I was overjoyed to find some of your children walking in truth, as our Father commanded us. Ani waan ijoollee kee keessaa tokko tokko akka isaan akkuma Abbaan nu ajajetti dhugaan jiraatan argeef baayʼee gammadeera.
5 Now I ask you, dear lady: not a new command, but one we've had from the start—love one another. Ammas yaa giiftii jaallatamtuu, ani ajaja durumaa jalqabee nuuf kenname sana malee ajaja haaraa siif barreessuutti hin jiru. Akka wal jaallannuufis sin kadhadha.
6 This is love: that we walk by his commands. This is the command, as you heard from the beginning: that you walk in love. Jaalallis kana: kunis ajaja isaa eegnee jiraachuu dha. Akkuma isin durumaa jalqabdanii dhageessan sana ajajni isaa akka isin jaalalaan jiraattanii dha.
7 For many deceivers have gone out into the world, denying that Jesus Christ came in the flesh. This is the deceiver and the antichrist. Gowwoomsitoonni akka Iisaa Al-Masiihiin fooniin dhufe hin amanne hedduun addunyaa seenaniiru. Namni akkanaa kam iyyuu gowwoomsituu fi dajjaal Al-Masiihii dha.
8 Watch yourselves, so that you don't lose what we have worked for, but receive a full reward. Isin akka gatii guutuu argattan malee akka waan hojjettan sana hin dhabneef of eeggadhaa.
9 Anyone who oversteps, not remaining in Christ's teaching, lacks our Father; whoever remains in the teaching has both our Father and the Son. Namni barsiisa Al-Masiihiitiin hin jiraanne kan barsiisa sana keessaa baʼu kam iyyuu Allaah hin qabu; namni barsiisa Al-Masiihiitiin jiraatu hundinuu immoo Abbaas Ilmas qaba.
10 If someone comes to you without this teaching, don't welcome them into your home or greet them, Isin yoo namni kam iyyuu gara keessan dhufee garuu barsiisa kana hin fidin, mana keessanitti ol isa hin galchinaa yookaan isa hin simatinaa.
11 for whoever greets him shares in his evil deeds. Namni isa simatu kam iyyuu hojii isaa hamaa sana keessatti qooda qabaataatii.
12 I have much to write, but I'd rather not use paper and ink. I hope to come and speak with you face to face, so our joy may be complete. Ani waanan isiniif barreessu baayʼee qaba; taʼus waraqaa fi qalamiitti fayyadamuu hin barbaadu. Qooda kanaa akka gammachuun keenya guutuu taʼuuf ani gara keessan dhufee ifaan ifatti haasofnu abdiin qaba.
13 The children of your chosen sister greet you. Ijoolleen obboleettii kee kan filatamte sanaas nagaa siif dhaamu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]