Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 20 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Wine is a mocker, strong drink a brawler, and whoever staggers under it is not wise. Daadhiin wayinii nama qoostuu, dhugaatiin cimaan immoo waccuu nama godha; namni isaaniin fudhatamus ogeessa miti.
2 The terror of a king is like the growl of a lion; whoever provokes him to anger forfeits his own life. Dheekkamsi mootii akkuma aaduu leencaa ti; namni isa aarsus lubbuu ofii isaa dhaba.
3 It is an honor for a person to keep clear of strife, but every fool is quick to quarrel. Lola irraa fagaachuun ulfina; gowwaan hundi garuu lolatti ariifata.
4 A lazy person will not plow in autumn; so at harvest he looks for a crop and finds nothing. Dhibaaʼaan yeroodhaan hin qotatu; kanaafuu inni yeroo haamaatti ni ilaala malee homaa hin argatu.
5 The purposes of a person's heart are deep waters, but one who has understanding draws them out. Yaadni qalbii namaa akkuma bishaan gad fagoo ti; hubataan namaa garuu ni waraabbata.
6 Many a person proclaims his own loyal love, but a faithful one—who can find? Namni hedduun akka jaalala hin dhumne qabu dubbata; nama amanamaa garuu eenyutu argachuu dandaʼa?
7 The righteous walk in their integrity; blessed are their children after them! Namni qajeelaan amanamummaadhaan jiraata; ijoolleen isaa warri booddee dhalatanis ni eebbifamu.
8 A king seated on the throne of judgment winnows out all evil with his eyes. Mootiin tokko yeroo murtii kennuuf teessoo isaa irra taaʼutti, waan hamaa hunda ijuma isaatiin gingilchee addaan baasa.
9 Who can say, "I have kept my heart pure; I am cleansed from my sin"? Eenyutu, “Ani garaa koo qulqulleeffadheera; ani qulqulluu dha; cubbuus hin qabu” jechuu dandaʼa?
10 Unequal weights and unequal measures—our Father detests them both. Madaalii jalʼaa fi safartuu jalʼaa lamaanuu Waaqayyo ni balfa.
11 Even a child is known by his actions, by whether his conduct is pure and upright. Mucaan xinnaan iyyuu amalli isaa qulqulluu fi qajeelaa taʼuun isaa hojii isaatiin beekama.
12 The hearing ear and the seeing eye—our Father made them both. Gurra dhagaʼuu fi ija argu, lachanuu Waaqayyotu uume.
13 Do not love sleep, or you will grow poor; open your eyes, and you will have plenty of bread. Akka hin hiyyoomneef, hirriba hin jaallatin; midhaan akka quuftuuf, dammaqii jiraadhu.
14 "Worthless, worthless!" says the buyer—then off he goes and boasts of his bargain. Namni waa bitatu, “Wanni kun gaarii miti; wanni kun gaarii miti!” jedha; ergasii immoo dhaqee waaʼee waan bitate sanaa boona.
15 There is gold and an abundance of jewels, but lips that speak knowledge are a rare treasure. Warqeen ni jira; lulli diimaanis baayʼinaan jira; arrabni beekumsa dubbatu garuu faaya gatii guddaa ti.
16 Take the garment of one who puts up security for a stranger; hold it as a pledge when he does so for foreigners. Nama nama ormaatiif wabii taʼe irraa uffata isaa fudhadhu; yoo inni dubartii ormaatiif wabii taʼes uffata sana qabdii qabadhu.
17 Bread gained by deceit tastes sweet, but afterward the mouth is full of gravel. Nyaanni gowwoomsaadhaan argame namatti miʼaawa; dhuma irratti garuu afaan nama sanaa cirrachatu guuta.
18 Plans are established by counsel; so wage war only with wise guidance. Gorsaan karoora baafadhu; qajeelfama ogummaatiin waraana bani.
19 A gossip betrays a confidence; so do not keep company with a babbler. Hamattuun icciitii baafti; kanaafuu odeessituu wajjin tokkummaa hin qabaatin.
20 Whoever curses his father or mother—his lamp will be snuffed out in deepest darkness. Namni tokko yoo abbaa isaa yookaan haadha isaa abaare, ibsaan isaa dukkana hamaa keessatti dhaama.
21 An inheritance gained too quickly at the start will not be blessed in the end. Dhaalli jalqabumatti dafee argame dhumni isaa eebba hin qabaatu.
22 Do not say, "I will pay back evil for evil." Wait for our Father, and he will deliver you. Ati, “Yakka ati hojjette kanaaf ani gatii kee siifin kenna!” hin jedhin; Waaqayyoon eeggadhu; inni si baasa.
23 Our Father detests unequal weights, and dishonest scales are no good. Waaqayyo madaalii jalʼaa ni balfa; safartuu sobaattis hin gammadu.
24 A person's steps are directed by our Father; how then can anyone understand his own way? Adeemsi namaa Waaqayyoon qajeelfama. Yoos namni kam iyyuu akkamiin karaa ofii isaa hubachuu dandaʼa ree?
25 It is a trap to rashly dedicate something and only later reconsider the vow. Namni utuu itti hin yaadin, “Wanni kun Waaqaaf qulqulleeffameera” jedhee ergasii immoo waan wareege sana gaabbe kiyyoo isatti taʼa.
26 A wise king winnows out the wicked and drives the threshing wheel over them. Mootiin ogeessi hamoota gingilchee addaan baasa; geengoo ittiin midhaan dhaʼan illee isaan irra oofa.
27 The human spirit is the lamp of our Father, searching every inmost part. Ibsaan Waaqayyoo hafuura namaa sakattaʼa; inni keessa namaa illee isumaan qora.
28 Loyal love and faithfulness preserve a king; by loyal love his throne is upheld. Jaalallii fi amanamummaan mootii tokko nagaan jiraachisu; teessoon mootummaa isaas jaalalaan eegama.
29 The glory of the young is their strength, but the splendor of the old is gray hair. Ulfinni dargaggootaa jabina isaanii ti; arriin mataa kabaja nama umuriin dheeratee ti.
30 Wounding blows scrub away evil, and beatings cleanse the inmost parts. Abootteen nama madeessu hammina nama irraa qulqulleessa; garaffiin immoo keessa namaa geeddara.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]