Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Obadiah 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 The vision of Obadiah. This is what the Sovereign Father says about Edom: We have heard a message from our Father, and an envoy sent among the nations—"Rise up! Let us rise against her for battle!" Mulʼata Obaadiyaa. Waaqayyo Gooftaan waaʼee Edoom akkana jedha. Nu ergaa tokko Waaqayyo irraa dhageenyeerra: Ergamaan tokko, “Kaʼaa dhaqnee ishee lollaa; waraanaafis baʼaa” jechuuf gara sabootaatti ergame.
2 Look, I will make you small among the nations; you will be utterly despised. “Kunoo, ani saboota gidduutti sin xinneessa; atis akka malee tuffatamta.
3 The pride of your heart has deceived you, you who live in the clefts of the rock, whose home is the heights, who say to yourself, "Who can bring me down to the ground?" Ati kan baqaqaa kattaa keessa jiraattee mana kee lafa ol kaʼaa irratti ijaarrattu, kan, ‘Eenyutu lafatti gad na buusa?’ ofiin jettu, of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.
4 Though you soar like the eagle, though you set your nest among the stars, from there I will bring you down, declares our Father. Yoo ati akkuma risaa ol fagaattee urjiiwwan gidduutti manʼee kee ijaarratte iyyuu, ani achii gad sin buusa” jedha Waaqayyo.
5 If thieves came to you, if plunderers came by night—how you have been destroyed!—wouldn't they steal only what they wanted? If grape-pickers came to you, wouldn't they leave some grapes behind? “Hattuun yoo sitti dhuftee saamtuun halkaniin sitti seente, balaa akkamiitu si eeggata! Isaan hammuma barbaadan qofa fudhatanii hin deemanii? Warri ija wayinii guuran utuu gara kee dhufanii, silaa qarmii wayii hin dhiisanii?
6 How Esau has been ransacked, his hidden treasures plundered! Esaawu garuu akkam saamamee qabeenyi isaa dhokfamaanis jalaa guurame!
7 All your allies have driven you to the border; those who were at peace with you have deceived you and overpowered you; those who shared your table have set a trap beneath you—and you don't even see it. Gareen kee hundinuu gara moggaatti si dhiiba; michoonni kee si gowwoomsanii si moʼatu; warri buddeena kee nyaatan kiyyoo si dura kaaʼu; ati garuu waan kana hin hubattu.
8 Will I not on that day, declares our Father, destroy the wise men of Edom and wipe out understanding from the mountain of Esau? “Ani bara sana ogeeyyii Edoom, namoota hubannaa qaban tulluuwwan Esaaw irraa hin balleessuu?” jedha Waaqayyo.
9 Your warriors will be shattered, Teman, so that everyone on the mountain of Esau will be cut down in the slaughter. “Yaa Teemaan qabsaaʼonni kee ni rifatu; namni tulluuwwan Esaawuu irra jiraatu hundinuus gorraʼamee dhuma.
10 Because of the violence you did to your brother Jacob, shame will cover you, and you will be cut off forever. Sababii daba obboleessa kee Yaaqoobitti hojjetameetiif ati qaaniidhaan haguugamta; bara baraanis ni balleeffamta.
11 On the day you stood by and did nothing, on the day strangers carried off his wealth and foreigners entered his gates and cast lots for Jerusalem—you too were like one of them. Gaafa alagoonni qabeenya isaa guurratanii namoonni ormaa immoo karra isaa seenanii Yerusaalemitti ixaa buufatanitti, atis kophaa dhaabattee isaan keessaa akka isa tokkoo taate.
12 But do not gloat over your brother in the day of his misfortune; do not rejoice over the people of Judah in the day of their ruin; do not boast loudly in the day of distress. Gaafa inni milkii dhabetti ati obboleessa kee tuffachuu hin qabdu turte; yookaan guyyaa badii isaaniitti saba Yihuudaatti gammaduu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaanii keessa akka malee of tuuluu hin qabdu turte.
13 Do not enter the gate of my people in the day of their calamity; you of all people, do not gloat over his disaster in the day of his calamity; do not loot his wealth in the day of his calamity. Bara balaan isaanitti dhufe keessa karra saba kootiin ol seenuu hin qabdu turte; yookaan bara dhaʼichi isaanitti dhufe keessa rakkina isaanii keessatti isaan tuffachuu hin qabdu turte; yookaan bara balaan isaanitti dhufe keessa qabeenya isaanii saamuu hin qabdu turte.
14 Do not stand at the crossroads to cut down his fugitives; do not hand over his survivors in the day of distress. Baqattoota isaa fixuuf jettee qaxxaamura karaatti isaan eeggachuu hin qabdu turte; yookaan bara rakkina isaa keessa hambaa isaa dabarsitee kennuu hin qabdu turte.
15 For the day of our Father is near for all the nations. As you have done, it will be done to you; your deeds will come back on your own head. “Guyyaan Waaqayyoo saboota hundaaf dhiʼaateera. Akkuma ati hojjette sittis ni hojjetama; hojiin kees matuma keetti deebiʼa.
16 For as you drank on my holy mountain, so all the nations will drink continually; they will drink and swallow and become as though they had never been. Akkuma isin gaara koo qulqulluu irratti dhugdan sana, saboonni hundinuu ittuma fufanii ni dhugu; isaan itti deddeebiʼanii dhugu; akka waan gonkumaa hin dhuginii taʼu.
17 But on Mount Zion there will be deliverance, and it will be holy, and the house of Jacob will possess their inheritance. Tulluu Xiyoon irra garuu furamuun ni jiraata; inni ni qulqullaaʼa; manni Yaaqoobis dhaala isaanii ni dhuunfatu.
18 The house of Jacob will be a fire and the house of Joseph a flame, and the house of Esau will be stubble; they will burn it and consume it, and there will be no survivor of the house of Esau, for our Father has spoken. Manni Yaaqoob ibidda, manni Yoosef immoo arraba ibiddaa taʼa; manni Esaaw huura taʼa; isaanis ibidda itti qabsiisanii gubanii barbadeessu. Mana Esaaw keessaa namni tokko iyyuu hin hafu” jedhee dubbateera Waaqayyo.
19 Those of the Negev will possess the mountain of Esau, and those of the foothills the land of the Philistines; they will possess the land of Ephraim and the land of Samaria, and Benjamin will possess Gilead. Namoonni Negeeb tulluuwwan Esaaw ni qabatu; namoonni gaarran jala jiraatan immoo biyya Filisxeemotaa qabatu. Isaan dirree Efreemii fi Samaariyaa ni qabatu; Beniyaam immoo biyya Giliʼaad qabata.
20 The exiles of this army of the people of Israel will possess the land of the Canaanites as far as Zarephath, and the exiles of Jerusalem who are in Sepharad will possess the cities of the Negev. Gareen boojiʼamtoota Israaʼel kan Kanaʼaan jiraatu kun biyya hamma Saaraptaatti jiru dhaala; boojiʼamtoonni Yerusaalem kanneen Sefaaraad jiraatan magaalaawwan Negeeb dhaalu.
21 Deliverers will go up to Mount Zion to rule the mountain of Esau, and the kingdom will belong to our Father. Bilisa baastonni tulluuwwan Esaaw bulchuudhaaf Tulluu Xiyoonitti ol baʼu. Mootummaanis kan Waaqayyoo taʼa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]