Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 33 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 These are the stages of the Israelites' journey out of Egypt, by their divisions under Moses and Aaron's hand. Sadarkaaleen adeemsa saba Israaʼel kan yeroo isaan kutaa kutaadhaan qajeelfama Museetii fi Aroon jalatti biyya Gibxii baʼanii kana.
2 Moses wrote their starting points by stage, at our Father's command; these are their stages by starting points. Museen ajaja Waaqayyootiin sadarkaalee adeemsa isaanii galmeesse. Adeemsi isaaniis sadarkaa sadarkaadhaan kunoo ti:
3 They set out from Rameses on the fifteenth day of the first month, the day after Passover—the Israelites marched out boldly, in full view of all the Egyptians, Israaʼeloonni jiʼa jalqabaa keessa guyyaa kudha shanaffaatti guyyaa Faasiikaatti aanu Raamseedhaa kaʼanii qajeelan. Isaanis utuma warri Gibxii hundi isaan arganuu irree jabaadhaan deeman;
4 while the Egyptians buried all their firstborn, whom our Father had struck down among them, and on their gods our Father executed judgments. yeroo kana warri Gibxi ilmaan hangafa isaanii kanneen Waaqayyo isaan gidduudhaa fixe hunda awwaallachaa turan; waaqota warra Gibxitti Waaqayyo muree tureetii.
5 The children of Israel set out from Rameses and camped at Succoth. Israaʼeloonnis Raamseedhaa kaʼanii Sukooti qubatan.
6 They set out from Succoth and camped at Etham, which is on the edge of the wilderness. Sukootii kaʼanii Eetaam ishee qarqara gammoojjiitti argamtu keessa qubatan.
7 They left Etham, turned back to Pi-hahiroth, east of Baal-zephon, and camped before Migdol. Eetaamii kaʼanii gara Phii Hahiiroti kan gama baʼa Baʼaal Zefooniitti argamtuutti garagalanii Migdool bira qubatan.
8 They set out from before Hahiroth, crossed the sea into the wilderness, traveled three days through the wilderness of Etham, and camped at Marah. Fiihahiirootii kaʼanii galaana keessa darbanii gammoojjii seenan; isaanis Gammoojjii Eetaamii keessa bultii sadii deemanii Maaraa qubatan.
9 They left Marah and reached Elim, where twelve water springs and seventy palm trees stood; there they camped. Maaraadhaa kaʼanii Eelim lafa burqaa kudha lamaa fi muka meexxii torbaatama qabu sana dhaqanii achi qubatan.
10 They set out from Elim and camped by Yam Suph. Eelimii kaʼanii Galaana Diimaa cina qubatan.
11 They set out from Yam Suph and camped in the wilderness of Sin. Galaana Diimaadhaa kaʼanii Gammoojjii Siin keessa qubatan.
12 They set out from the wilderness of Sin and camped at Dophkah. Gammoojjii Siiniitii kaʼanii Dofqaa qubatan.
13 They set out from Dophkah and camped at Alush. Dofqaadhaa kaʼanii Aaluush qubatan.
14 They left Alush and camped at Rephidim, where the people had no water to drink. Aaluushii kaʼanii Refiidiim lafa bishaan namni dhugu hin jirre qubatan.
15 They set out from Rephidim and camped in the wilderness of Sinai. Refiidiimii kaʼanii Gammoojjii Siinaa keessa qubatan.
16 They set out from the wilderness of Sinai and camped at Kibroth-hattaavah. Gammoojjii Siinaatii kaʼanii Qiibrooti Hataabaa qubatan.
17 They set out from Kibroth-hattaavah and camped at Hazeroth. Qiibrooti Hataabaadhaa kaʼanii Haxerooti qubatan.
18 They set out from Hazeroth and camped at Rithmah. Haxerootii kaʼanii Riitmaa qubatan.
19 They set out from Rithmah and camped at Rimmon-perez. Riitmaadhaa kaʼanii Rimoon Phereez qubatan.
20 They set out from Rimmon-perez and camped at Libnah. Rimoon Phereezii kaʼanii Libnaa qubatan.
21 They set out from Libnah and camped at Rissah. Libnaadhaa kaʼanii Riisaa qubatan.
22 They set out from Rissah and camped at Kehelathah. Riisaadhaa kaʼanii Qehelaataa qubatan.
23 They set out from Kehelathah and camped at Mount Shepher. Qehelaataadhaa kaʼanii Gaara Shaafer bira qubatan.
24 They set out from Mount Shepher and camped at Haradah. Gaara Shaafer biraa kaʼanii Haraadaa qubatan.
25 They set out from Haradah and camped at Makheloth. Haraadaa kaʼanii Maqiheelooti qubatan.
26 They set out from Makheloth and camped at Tahath. Maqiheelootii kaʼanii Tahaati qubatan.
27 They set out from Tahath and camped at Terah. Tahaatii kaʼanii Taaraa qubatan.
28 They set out from Terah and camped at Mithkah. Taaraadhaa kaʼanii Miitiqaa qubatan.
29 They set out from Mithkah and camped at Hashmonah. Miitiqaadhaa kaʼanii Hashmoonaa qubatan.
30 They set out from Hashmonah and camped at Moseroth. Hashmoonaadhaa kaʼanii Mooserooti qubatan.
31 They set out from Moseroth and camped at Bene-jaakan. Mooserootii kaʼanii Benee Yaaʼakaan qubatan.
32 They set out from Bene-jaakan and camped at Hor-haggidgad. Benee Yaaʼakaanii kaʼanii Hoori Hagidgaad qubatan.
33 They set out from Hor-haggidgad and camped at Jotbathah. Hoori Hagidgaadii kaʼanii Yoxbaataa qubatan.
34 They set out from Jotbathah and camped at Abronah. Yoxbaataadhaa kaʼanii Abroonaa qubatan.
35 They set out from Abronah and camped at Ezion-geber. Abroonaadhaa kaʼanii Eziyoon Geber qubatan.
36 They set out from Ezion-geber and camped in the wilderness of Zin, that is, Kadesh. Eziyoon Geberii kaʼanii Gammoojjii Siin keessa Qaadesh qubatan.
37 They left Kadesh and camped at Mount Hor, on the edge of Edom's land. Qaadeshii kaʼanii daarii biyya Edoom irra Tulluu Hoori bira qubatan.
38 Aaron the priest climbed Mount Hor at our Father's command and died there in the fortieth year after the children of Israel left the land of Egypt, in the fifth month, on its first day. Aroon lubichis ajaja Waaqayyootiin Tulluu Hooriitti ol baʼe; innis erga Israaʼeloonni biyya Gibxiitii baʼanii booddee waggaa afurtamaffaatti guyyaa jalqaba jiʼa shanaffaatti achitti duʼe.
39 Aaron was 123 years old when he died on Mount Hor. Aroon yommuu Tulluu Hoori irratti duʼe sana umuriin isaa waggaa dhibba tokkoo fi digdamii sadii ture.
40 The Canaanite king of Arad, living in the Negev of Canaan, heard the Israelites were coming. Mootiin Aaraad namichi Kanaʼaan kan Negeeb keessa jiraachaa ture sun akka sabni Israaʼel dhufaa jiru dhagaʼe.
41 They set out from Mount Hor and camped at Zalmonah. Isaanis Tulluu Hooriitii kaʼanii Zalmoonaa qubatan.
42 They set out from Zalmonah and camped at Punon. Zalmoonaadhaa kaʼanii Phuunon qubatan.
43 They set out from Punon and camped at Oboth. Phuunoniidhaa kaʼanii Oobooti qubatan.
44 They set out from Oboth and camped at Iye-abarim, on the border of Moab. Oobootii kaʼanii daarii Moʼaab irra Iyyee Abaariim qubatan.
45 They set out from Iyim and camped at Dibon-gad. Iyyiimii kaʼanii Diiboongaad qubatan.
46 They set out from Dibon-gad and camped at Almon-diblathaim. Diiboongaadii kaʼanii Almoon Diiblaatayim qubatan.
47 They set out from Almon-diblathaim and camped in the mountains of Abarim, near Nebo. Almoon Diiblaatayimii kaʼanii Neboo tulluuwwan Abaariim bira qubatan.
48 They left the mountains of Abarim and camped on the plains of Moab, by the Jordan at Jericho. Tulluuwwan Abaariimiitii kaʼanii dirreewwan Moʼaab irra, Yordaanos bira, Yerikoo gama qubatan.
49 They camped along the Jordan, from Beth-jeshimoth to Abel-shittim, on the plains of Moab. Isaanis dirreewwan Moʼaab kan Yordaanos cina Beet Yashiimootii jalqabee hamma Abeel Shixiimiitti jiru sana irra qubatan.
50 Our Father spoke to Moses in the plains of Moab by the Jordan at Jericho, saying: Waaqayyos dirreewwan Moʼaab irratti, Yordaanos biratti, Yerikoo gamatti Museedhaan akkana jedhe;
51 "Speak to the Israelites and tell them: When you cross the Jordan into the land of Canaan. “Akkana jedhii saba Israaʼelitti dubbadhu; ‘Isin yommuu Yordaanos ceetanii Kanaʼaanitti galtanitti,
52 Drive out everyone living in the land before you; destroy all their carved images and metal figures, and tear down all their high places. jiraattota biyya sanaa of duraa ariʼaa baasaa. Fakkiiwwan isaanii kanneen soofamanii hojjetamanii fi waaqota isaanii kanneen baqfamanii tolfaman hunda barbadeessaa; gaarran sagadaa isaanii hundas diigaa.
53 Possess the land and live in it, for I have given you the land to possess. Sababii ani biyyattii handhuuraa godhee isinii kenneef, biyyattii dhuunfadhaa keessa jiraadhaa.
54 Divide the land by lot among your clans—more land to larger clans, less to smaller ones. Wherever the lot falls for someone, that becomes theirs. You will inherit by your ancestral tribes. Biyya sanas maatiiwwan keessaniif dhaala godhaatii ixaadhaan gargari qoodaa; maatii baayʼeedhaaf dhaala guddaa, maatii muraasaaf immoo dhaala xinnaa kennaa. Iddoon ixaadhaan isaanii baʼe kan isaanii taʼa. Isinis akkuma gosoota abbootii keessaniitti dhaalaa.
55 "But if you don't drive out the land's residents before you, those you leave will be barbs in your eyes and thorns in your sides, troubling you in the land where you live. “ ‘Garuu yoo isin warra biyya sana jiraatan achii baasuu baattan, warri isin akka isaan achi jiraataniif dhiiftan sun akka huuba ija keessaatii fi akka qoraattii cinaacha keessaa isinitti taʼu. Biyya isin keessa jiraattan keessattis isin rakkisu.
56 And then I will do to you what I had planned to do to them." Anis waanan isaan gochuu yaade sana isinitti nan fida.’ ”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]